Jawar Mohammed: Alamuu Simee jalqabarraa hanga har’aatti hojii WBO galchuu gufachiisuu hojjataa ture kan jedheef:

Alamuu Simee jalqabarraa hanga har’aatti hojii WBO galchuu gufachiisuu hojjataa ture kan jedheef:

– Osoo Gumiin Abbootii Gadaa dubbii ofitti hin fudhatin dura olola dhaabbilee lamaan jiddutti geggeeffamaa ture miidiyaa Habashaa irratti adda durummaan warra geggeessaa ture keessa ta’uu ni yaadattu.
– Gaafa Walgahii Gumii Abbootii Gadaa waliigalteen jiru mootummaafi ABO jidduu ta’ee osoo jiru dhimma isa hin laallanne keessa seenee dhufe.
– Murtii Gumiin dabarse bakka sanitti fudhadhe jedhee erga deemee booda borumtaa isaa miidiyaa Habashaan bahee faalleessaa ture.
– Murtii Ambootiin erga afaan qabsiifamee booda, miidiyaa irraa fagaatus shira xaxuu ittuma fufe. Olola sobaa ‘Abbootii Gadaa hunda Shaneetu jaare’, jedhuun qondaalota mootummaa afaanfajjeesse. Dhimmichi Federaala laallata erga jedhanii booda garagalee Muummicha Ministeeraa akka hin agarreef beellama jijjiiraa nu rakke. Shakkii inni uumeen beellamni Pireezidaantii waliin qabanne yeroo waajjira dhaqnu haqamee argame. Lafarra harkifannaafi dararaa nurra gahu hunda obsinee dhimmichatti deebinaan nu diiguuf yaalutti seene. Abbootii Gadaa garii sobanii qe’etti galchan. Abbootii Gadaa Adaamaatti walitti qabuun Gumii Tokkummaa Abbootii Gadaa diiguuf qaamaafi kallattiin Alamuun hirmaatee yaale. Walgahii dura taa’aa Gumichaa A/G Bayyaanaa duubatti taa’ameen folqolchuuf yaale. Abbootiin Gadaa garuu salphiftee ofirraa ariite. Guyyoota 20 nu jalaa qisaasaman irra heddu isatu nyaate jechuu dandeenya.
– Walgahii dhumaa qondaalota waliin goone keessa ture. Achitti nuun waliigalee bahee qondaalota isaa gadiitti garuu waan faallaa haasaye. Fakkeenyaaf, jilli gara godinoota Wallaggaa qofa malee Kibba hin deemu jedheen. Yoo nuti akka gamasis deemuu barbaannu itti himnu ammoo “Abbootiin Gada Gujiifi Booranaa WBO galchuuf fixanii nutti hin dhufnaa jedhan” jechuun nu hambisuu yaale. Nuti garuu ergama godinoota WBOn jira jedhame hunda dhaquu waan fudhanneef Gujiifi Booranas deemuuf murannee waajjira Pirazidantii amansiifne. Ammas garas akka hin deemne danquufi konkolaattota 20 gaafannee osoo jirruu 3 qofa koree 71 saniif ramachiise. Namoonni dhuunfaa otobusii kireeffatanii jila gama Wallaggaa deemu geggeessan. Nuti warri Kibbaas ofumaa kireeffannee deemne. Kibba yoo dhaqnu akka inni jedhe dubbiin dhumeetti dhiheesse miti. Abbaan Gadaa Gujii Jiloo Maandhoo ”maalif hanga ammaa narraa turtan?” jedhe malee maaf natti dhuftan hin jenne. Abbootiin Gadaa Booranaa ‘WBOn yeroo dheeraa as ture, dubbifneet galchina. Yoo didan isin beeksifna’ jedshan malee dubbii fixanne hin jenne. Hanga har’aattis hin fixanne.
– Qaamota bulchiinsa zoonii Booranaa irratti dhiibbaa hamaa gochuun akka nuti jaarsolii achitti walgahan hunda hin arganne danqare. San qofa miti. Nuti Yaabello turree yaalii akka hin gooneef doorsisa garagaraa dabalatee warra hoteelaa irratti dhiibbaa gochuun turuu akka hin dandeenye nutti himan. Maatii keenyaafi namoot nu beekan biratti doorsisaafi olola ajjeechaa haasayuun shoorarkeessee gariin hanga achiitti ariitiin akka dhufan taasise. Shira Booranatti nutti xaxaa ture kana milkeessuuf basaastota Wayyaanee beekkamoo Boorana fixaa turan Abbarraa Ayyalaafi Tasfaayee Alamaayyootti fayyadamaa ture. Abarraa Ayyaalaa eenyu akka ta’eefi Boorana waan inni tolche dachii samii achiitu hima. Tasfaayee Alamaayyoo (maqaa sobaa Boruu) embaasii Itoophiyaa Naayrobiitti ramadamee baqattoota Oromoo basaasee buchisiisaafi ajjeesaa osoo jiruu tiki Keeniyaa irra gahee biyyaa ari’uun (deport) ni yaadatama. Abarraafi Alaamayyoon lachuu Koloneel Abrahaa kan gaafa Dr. Abiy filamu Mooyyaleetti nama fixe jalatti hojjachaa turan. Alamaayyoofi ilmi isaa ajjeechaa dhiheenya Hidditti godhame keessatti shakkamu. Waa hundaafuu Alamuun jara kanaafi kanneen biroo qabatee Booranatti shira WBO galchuu anqisuu hojjachuu qofa osoo hin taane lubbuu keenyarratti aggaamii gochuuf akka ture booda ifa nuuf taate.

– WBOn warri galuu dide akka sababaatti kan kaasan gaafiif deebii Jeneraal Birhaanuu Juulaa kan akka RIB araara ABOfi mootummaa hin beeknetti dubbatan tokko. Dhimma gaafiif deebii kanaa Jeneeraal Birhaanuu gaafannee gar biraatinis qorannee kan irra geenye dura akkuma araarri kun eegaleen kan kenname akka ta’e hubanne. Gaafa jilli bobba’u san torban sadi dura jechuudha. Jidduu sanitti Jeneraal Birhaanuun nu waliin walgahii taa’ee yaada gabbisaa nuuf laatee waliif galle. Gaafa nuti bobbaanu akka maxxanfamu kan godhe Alamuu Simee ta’uu irra geenye. Gaafuma bobbaanu san ‘loltoonni ABO waamicha nagaa jaarsotaafi ummataa dhagayuun harka kennan’ jechuun ololli afaanfajjii miidiyaa mootummaan dabruu ni yaadattu. Namonni loltoota jedhaman hedduun Qeerroofi barsiisota malee loltootaayyuu hin turre. Ololli kun ummanni fi WBOn jila irratti shakkii akka uummatuuf tolfame. Kan ajajee tolchisiise Alamuu Simeeti.
– Loltoonni WBO fi jilli koree keenyaa Gidaamii ka’anii hanga Sanqallee gahan guyyaa sadihiif koshoroo qofa nyaachaa turan. Yeroo Sanqallee gahan nyaanni gahaan qophaaye jedhame garuu nama 650 nyaata 180 qofa ture. Yoo qonnee laallu shira kanas namichuma santu duuba ture. (Ajajaan mooraa sanii kan nyaanni gahaan qophaaye jedhe saalfatee dhokatus dubbii irra geenye nuti).
– Akkuma Labsii Ambootiin gama keenyaatiin gabaasa qindeessuu erga raaw’annee booda Xoollay dhaquuf karoorfanne. Kanaafis xalayaa barreessinee Komishinii Poolisii Oromiyaa beeksifnee warra Xoollay akka nuuf beeksisan itti himne. Xalayaa kana harkaan jaarsoliin geessite. Guyyaa lama guutuu caldhisanii erga karaa seennee booda ‘haalli nageenyaa waan yaachisuuf’ hin deeminaa jedhan. Nuti ammoo erga joollee beellamnee manaa baanee karaa seennee dhaquu qabna; haala jiru sirreessaa jenneenii deemnee Waliso bulle. Ganama sa’aa 2 yoo ta’u Xoollay geenyee hin seentan jedhamne. Ajajoota RIBtti bilbillee akka seenuu dandeenyu nuuf himanii ajaja achiittis bilbille jedhan. Garuu seenuu hin dandeenye. Hoogganoota tikaa, jeneraalota, kanneen siyaasaa, ministeerota, komishinaroota hedduuf bilbille. Hundinuu dhoorkamuun keenya ajaa’iba itti ta’ee adda baafanna jedhanii deebisanii yoo bilbilan dubbiin Alamuu Simee bira akka jirtuufi inni akka hayyamu akka gaafatan nuuf himan. Edaan inni hundaanuu hayyee ammuman seensisa jedha. Garuu poolisoota Oromiyaa mooraa san jiraniin hin seensisnaa jedha. Joolleen WBO nuti dhufnee dhoorkamuu keenya dhagayanii dallananii waardiyyootaan walitti bu’uuf ka’an. Qeerroon naannootis walitti qabamuu eegallaan rakkoo uumurra jennee WBOs bilbilaan tasgabbeessinee deemne.
– Innaawaa shiraafi summii hamaa ta’uu isaa hanga nuti karaa dheeraa san deemnee Finfinnee seennuu eegee komishiinii Poolisii Oromiyaatti bilbilee seensisaa jedheen. Komishinarichi bilbilee amma seenuu dandeessu jedhe. Xoollaayii deemnee sa’aa 5 booda erga Finfinnee seennee!!
– Amma hoggaa irra deebinee laallu akeekni isaa har’a Xoollayitti nuufi waardiyyoota akkasumas WBOfi Poolisii Oromiyaa jidduutti walitti bu’iinsa hamaa uumuuf ture. Obsa keenyaafi gargaarsa Rabbiitiin jalaa fashalsine.
– Araara mootummaafi ABO kana gara hedduun namoonni hin feene akka jiran ni beekama. Kan akka Alamuu Simeetti cichee fashalsuuf yaale garuu hin agarre. Marroo caalaa WBOn akka hin galle Alamuu Simeetu barbaada yoon jedhe soba hin se’inaa. WBOn bosona turuun qabsoo Oromoo gaariidha jedhee amana naan hin jedhinaa qofa. Maalif ree? Jibba ABO-shanee? Kan jara jibbu isa qofa miti isa maaltu akkanatti maraacha? ABO filannoo keessaa baasuu? Paartii isaa keessa heddutu san hawwa garuu kana araara kana ifatti fashalsuu deeme isuma. Ergama diinaa? Shakkiin kiyya achi. Kanaaf ammoo namoonni inni bobbaasu eenyu akka tahan armaan olitti tuqeera.
========================================
Armaan olitti shira namichi kun araara ABOfi mootummaa fashalsuuf godheen gabaabsee kaaye. Summiin namichi kun facaasaa jiru kan ODP gara OPDOtti MNO ammoo gara bulchiinsa zamana Wayyaaneetti deebisaa jiru heddu. Takkumaa lama yoon tuqe.

– Naannawa dhaloota isaatti sababa inni gaafa komishinara invastimantii Oromiyaa ta’e lafti gabbataan gurguramee innis shakkamuuf ummanni hedduu morma. Mormii kana ofirraa dhaamsuuf ummata san amantiifi gosaan walitti buusuuf yaallaan qeerroon mormii itti baate. Ni qabsiise. Manni murtii bilisaan gadi lakkise. Ukkaamsisee Adaamaa fichisiise. Bulchiinsi godini Arsii, kan Aanaan Martiifi jaarsoliin biyyaa akka bahan gaafannaan maqaa ‘Shanee’ itti dhoobee Xoollay erge. Qeerrowwan kun qabsaa’ota adda duree gaafa Alamuu Simee Abbaay Xaayyee waliin lafa Oromoo characharu ummata isaaniif qabsaa’anii Agaaziin caccabsamaa turan. Har’a hattuun akka isaa aangootti deebi’anii gootota Qeerroo hidhaatti hiraarsu.

– Gaafa Abboomsa dhaqne shira amantiifi gosaan Alamuu Simee fi namni Waado jedhamu gamaa gamana goranii saba qoqqoodan yoo ka’u ummanni hundi sagalee takkaan iyyee dhugeeffate (sagantaa gaafasii laalaa). Shira Oromoo gosaafi amantiin qoqqooduu qe’ee isaatti itti fayyadamaa ture san amma akka tarsiimoo Muummee ODPitti olbaasee faakkaatota isaa waliin afaanfajjii uumaa jira. Maal jechaa akkan jiru warri beektan numa beektan.
– Wanni inni qondaalota godinoota Wallagaa 4n fi Gujii irraa Adaamaatti ‘leenjifamaa’ jiran ‘barsiisu’ osoo dhaga’ee
– OBN sagalee ummataa irraa gara TV Boqqolloo kan deebite erga inni waajjira dhaabaa dhuunfateedha. Kallattiidhaan akka unkuru beekamaadha. Yoon sobe warri OBN kijiba natti kutaa.
– Iccitiin dhimma Finfinnee kan miidiyaa alagaa dhageenyu hedduun kan bayaa jiru waajjira dhaabaa keessaayi. Eenyutu isaanitti dabarsaa jira?
– Hattoota haaromsi tufee ummanni ofirraa ari’eef aangoo haarayatti kenneefii of jalatti jaaree godinoota laamshessaa jira. Namoota akka Maashoo Olaanaa (salaale), Aliyyii Umaree (Haragee Lixaa), Nuure Qamar (Harargee Bahaa), Sisaay Hurrisaa (Baale), Abbarraa Ayyalaa (Boorana) Daanyaachoo Shifarraa (Qeellam), Dachaasaa Beekaa (Shawaa Lixaa) kan ummanni godinoota sanii har’as dhiiga booyaa yaadatu har’a Finfinneetti aangoon laatameefii godinoota san keessa haaromsi akka hin geggeefamne xaxanii hudhaa jiru.
(waa’ee namoota kanaa ummanni godinoota kanneenii waan jedhu sagantaalee OMN irraa ilaalaa)

Waliigalatti Alamuufi warri isa duubaafi jalaan hiriire ODP hijack godhanii gara OPDO akka jijjiiran arguu erga eegallee bubbullus qondaalota hafanitti hususuu malee ummatatti dubbachuu hin barbaanne ture. Har’a garuu yeroo dinni gara maraa nutti ka’ee jirutti hattootaafi ergamtoota diinaa akkanaa paartii biyya bulchaa jiru keessatti osoo agarru obsuun baaburri jijjiiramaa osoo qilee seenuu caldhifnee laaluu jechuudha. Lammaafi Abiy dhimma kana hin beekan jedhee hin yaadu. Sababni namicha kana muudaniifi ammas badii caldhisanii laalaniif naaf hin galu. Namichi kun ummataan addaan isaan kutaa jira. Dhaaba isaa aarsaa meeqaan haaromsanii ODPitti jijjiiruuf yaalaa jiran OPDO ummanni xireeffate sanitti deebisaa jira. Waraabeyyii kana dafaa of keessaa baasaa ykn akkuma Oromiyaa nyaataa turan dhaaba keessanis nyaatu.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s