Oduu Gaddaa: Obbo Hundasaa Waaqwayyaa Addunyaa Kanarraa Boqotan.
ONN TV
Ob Hundasaa Waaqwayyaa, namni umurii isaanii guutuu aadaa, amantii fi eenyummaan Oromoo akka kabajaa argatuuf tattaaffataa turan, hojiinis waa hedduu gumaachaa turan guyyaa har’aa addunyaa kanarraa boqochuun barameera.
Obbo Hundasaan Afaan Oromoo fi aadaan Oromoo akka dagaagu, amantiin Oromoo inni hundeen Oromummaa irratti biqilee, amantiin Waaqeffannaa, akka hundee jabaa qabaatuuf qabeenya, beekumsaa fi muuxannoo isaanii of-qusannaa tokko malee gumaachaa turan. Walumaagala Obbo Hundasaan qabsoo Oromoo keessatti adda durummaan hirmaachuun dadhabe utuu hin jedhiin nama ifaajjaa turani dha.
Obbo Hundasaa Waaqwayyaa dhalatee waggaa 58ffaa isaatti guyyaa har’a Guraandhala 9, 2019 addunyaa kanarraa boqotaniiru.
Lubbuun keessan qabbana haa argattu jechaa maatii fi firoottan keessaniif jajjabina hawwina.