Tolcha Wegi: Seenaa Gabaabaa Jaal Dawuud Ibsaa

Seenaa gababaa Jaal Dawuud Ibsaa

J/ Dawuud Ibsaa abbaa isaanii obbo Ibsaa Ayaanaa fii haadha isaanii addee Alamii Gaarii Irraa bara 1952 anaa Horroo Guduruu ganda Abunaa jedhamutti dhalatan. Ummuriin isaanii barnootaf yeroo gahu mana baruumsa Shambuu galanii eerga xumuraaniin booda, gara Finfinneetti darbuu dhan mana baruumsa Teekniika “Jeneraal Wengeet” jedhamu, Seenaanii barachuu dhan Qaphixii Olaanaan darbanii University Finfinnee Seenaan.

Gara Qabsoo Oromootti dhufuu J/ Dawuud.

Baroota Sirna Mootummoota abbaa irree H/Sillaasee fii Dargii Keessaatti, maqaa Oromootiin ijaaraamanii mirga uummata Oromoof falmuun, biyya sana keessatti yakka isa dhumaa godhamee Wadaaroodhan nama rarraasiisa.
Dhimmi ajajaan dhibbaa Mammoo Mazamiir kanneen biroo irraa adda isaan godhee, morma isaanii Wadaarodhaa isaan keennisiise gaafa hogganoonni Waldaa Macaaf Tuulamaa qabamanii,manni isaanii sakkata’amu Kitaaba barreessuu eegalan “Seenaa Ummata Oromoo” kan jedhu mana isaanii keessaa argaame. Kuni ammoo dhifama tokko malee yakka itti ta’ee cubbuu dhan isaan ajjeesiise.
Siyaasa gita bittoota habashootaa dabaree, dabareen bifa wal fakkaatuun walitti dabarsaan,kana keessatti Dargaggooni Qaroo Oromoo, hedduu kan dammaqaan, lakkoofsaan hedduu xiiqqaa kan ta’an, ofii wareegamanii uummata Oromoo harqoota gabrummaa itti fe’amee jiru jalaa baasanii abbaa, biyya isaa godhuuf muraannoodhaan gara Qabsootti seenaan Keessaa, Hayya dureen ABO har’aa Jaal Dawuud Ibsaa nama tokko turan.
Qabsoon ijaarsa siyaasan magaalaa Keessatti godhamu,falmmii hidhannootiin deeggaramuu Waan qabuuf, J/ Dawuud Bara 1977 barnoota University xumuruuf waggaan tokko Kan hafe addan kutaanii, naannoo Horrootti Qabsoo hidhaannoo gaggeessuuf haala mijeessuuf naannoo sana gahuu dhan, magaalaa Shambuu oolanii akkuma bulaniin, bulchaan Dargii kutaa wallaggaa yeroo sanaa kan ture
Nugusee Fantaa, sabboontoota ijoollee Oromoo naannoo sana jiran mara to’annoo jala akka oolan godhee, isaan Keessaa:
1. Immiruu Ibsaa
2. Birruu Warquu
3. Olqabaa Dhaqabaa fi
4. Alamuu Danda’aa (Buttaa kan Qale ), Nugusee Fantaa fudhatee deemee laqaamitte etti geessee yoo isaan ajjeesiisu J/ Dawuud fi sabbontoota Oromoo biroo mana hidhaa
Shambuu keessatti akka hidhaman godhe. Alamuu Danda’aa Onkolooleessa 8 /1977 sirna kabajaa Buttaa Qalaa Ambo Bokkuu Xuleetti kabajaame irratti wallaggaa dhufee irratti argamee, akkum deebi’een Konyaa Gimbii anaa Innaagoo keessatti Buttaa Qalanii
Kabajaan. Buttaa Qaluun kun yakka ta’ee Alamuu Danda’aa Nugusee Fantaa ajjeesiise. Namni isaan qaabsiise kun sochiin University Finfinnee keessatti godhaa turan mara waan Itti gabaaseef reebicha hamaan irratti rawwataamuu, bira darbee akka ajjeefaman godhamamiyyuu rabbi amma har’atti isaan jiraachiiseera.

J/ Dawuud Ibsaa Mana hidhaa Shambuu keessa waggaa tokko erga turaniin booda,haati isaanii adde Alamii Gaarii, galaa tolfaatanii ilma isaanii gafachuuf gara mana hidhaa Shambuu dhaqanii yeroo dubbiisuuf waamsifataan waardiyyaan mana hidhaa sana eegu,J/ Dawuud armee isaa nagaa gafaachuuf itti deemu, Sagalee oriisaa tiin “deebi’i ” jedheen.
J/ Dawuuds harka isaanii keessa waan jiraniif haadha isaanii baadiyyaa dha gaaffii dhaqaan Otoo hin dubbifinne of-irra galagalanii yoo deebi’an, poolsiin kun ajjeesuuf itti dhukaase. Akka Carraa ta’ee rasaasiin ajjeesuuf haadha isaanii adde Alamii Gaarii fuunduratti itti dhukaate, luka yoo rukuuttu, poolisiichi daddabalee yoo itti dhukaasu, akkuma ta’eetti okkolee Waaqa waliin jalaa ba’e. Haati J/ Dawuuds gadda amma jireenya isaaniti, waliin jiraatu jalaa rabbi isaan baase.
Mootommoota habashootaa biraatti ilma Oromoo tokko maqaa Oromummaatiin yakka-
amee yoo hidhaame Zabanyaan/Waardiyyaan yoo nama ajjeefitte kan isaan gaafatu akka hin jirre ragaan kana caala hin jiru.
J/ Dawuud mana hidhaa Shambuu keessatti Waggaa Lama daraaramaa eerga turaniin booda hiikaman. Mana hidhaatii bahanii,baatii muraasan booda bara1979 keessa Onnee darggaagummaatiin Kutaatanii, mirga uummata Oromoo Qabsoo hidhannootiin mirkaneessuuf biyyaa bahuu dhan, Sudan magaalaa Kaartuum keessatti Of argan.

Dirree Leenjii Waraanaa deemuu

J/ Dawuud yeroo Qabsoof gara biyya Sudan magaalaa “Kahaartum ” Seenaan rakkoo tokko malee gara biyyoota dhihaa ( Europe, USA….) deemanii akkuma namoota biroo dantaa ofii Jala bu’anii barnoota fii qabeenyan ol fagaachuun ni dandaama ture. Garuu kaayyoo fii akeeka qulqulluu kan ummata Oromoo, abbaa biyyummaa isaa dhugoomsuuf, irratti Cichuu dhan leenjii waraanaa (Miltery Traing) fudhachuuf gara Gammoojjii Eertiraa Waraana Shaiybaa bira dhaqanii, hogummaa waraanaa, Leenjii gahaa fudhataanii eerga xumuraniin booda, gara Sudan Kaahaartumitti deebi’uun
falmmii Qabsoo hidhannootiin godhamuuf of qoopheessan.

J/ Dawuud Ibsaa Qabsa’oota biroo 18 kan Gammoojjii Eertiraa, dirree EPLF/ Shaiybaa keessatti waliin leenjifaman hundi Sudan bakka “Damaaziin” jedhamutti waliin deeba’an.

Calqaba WBO gama dhihaa

Qabsoon hidhannoo blisummaa Oromoof eegalame kun, karaa baha Oromiyaa malee gama dhiha Oromiyaa waan hin turreef Karaa dirree dhihaa akka eegalaamu, waan murta’eef haala rakkisaa keessa sagaliin lama (18) biyya keessa seenee naannoo Gidaamii fii Beeggii jidduu qubatee, anaa laman irratti hojii siyaasa fii ijaarsa hojjachuu itti fufe.
Hidhatooni 18 jiran kun bakka lamatti wal qodaanii Qabsa’oonni 8 dirqama fudhataanii gara anaa Gidaamitti bobban. Yeroo sanatti miseensooni dhaabichaa haraka Lafa jalatiin hojjataa turan bulchaa Dargii anaa Gidaamii yeroo sanaa kan ture nama Dirribaa Moggaa jedhamun qabamanii mana hidhaatti gurramaniiru.

Sagaliin dirqama fudhatanii gara kanatti deemaa maqaa isaanii kan armaan gadii kana.

1. Ajajaa dhibbaa Insarmuu
2. Yohanis Dinqaa (Barataa Haromayaa University)
3. Tottobaa waaq wayyaa (Barataa University Kiloo 6)
4. Dawuud Ibsaa (Barataa University Kiloo 6 )
5. Adaam Immaanaa
6. Shanqoo
7. Suleman Raggaasaa
8. Taddasaa Shorroo turan.

Haala naannoo sanaa namni sirritti beeku Taddadasaa Shoorroo ture. Taddasasn dhalataa naannoo sanaa waan ta’eef firoottan Isaa naannoo sana waan jiraniif, nyaata fii Odeeffannoo gama mootummaatiin jiru akka basaasuuf Taddasaan obboleessa isaa
Zakaaryaas jedhamuutti hime.

Obboleessi Taddasaa Shorroo, Zakaariyaas Waraani ABO akka achi jiran bulchaa anaa Sanaa kan ta’e, Dirribaa Moggaatti gabaase.
Dirribaa Moggaa WBOn achi gahuu isaa erga mirkaneefateen booda,nama Hiikaa Masaadii jedhamu waliin maryaatanii walii galuun karaa Summiin nyaata waliin isaanii kennaamee Isaan dhabaamisiisuu danda’an irratti karadhuma obboleessa Taddasaa Shorroo kan ta’e Zakaaryaas gadi fageenyaan irratti hojjatan.
Jechaa Dargiin”Abiyootiin ijoollee ishii nyaatti” jedhu, Zakaaryaas obboleessi isaa Summii diinni Qopheeseefiin gubaatee akka du’u itti murteesse.
Dirribaa Moggaa fii Hiikaa Masaadii hoggantoota Dargii irraa Summii (Acid ) battalumaatti guggubee nama ajjeesu argatanii nyaata waliin akka qophaawu godhan.
Jaallan kun dirqama bobbaaniif rawwaachuuf Qoophii irra osoo jiranii , Kiyyoon Dirribaa Moggaa fii Hiikaa Masaadii Qoopheessanifitti Sorooraanii morman itti seenaan.

Qabsa’ooni maqaan isaanii armaan oolitti argaman kun hundi isaanii nyaata dhiyaateef nyachaa osoo jiranii isaan keessaa J/ Dawuud Xiqquma akka nyaateen Waardiyyaa eeguuf alatti gadi ba’e.

Jaallan Qabsoo ibiddatiin Qoraman kun battalumaatti gaafa 12/22/1981 Qabsa’ooni 7 (torba) summii nyaataniin guggubataanii yeroo dhuman, isaan keessaa J/Dawuud Ibsaa hedduu waan hin nyaanneef lafa irratti kufee osoo lubbuun keessa jiruu, hoggantoonii Dargii dhokaatanii hordofaa turan itti qaqqabanii mana yaalaa geessanii akka lubbuun irraa hafu godhaniiru.

Lubbuu J/Dawuud hambiisuuf osoo hin taane odeefaannoo waa’ee Qabsa”oota blisummaa Oromoo biroo irraa argachuuf ture.

Jaallan Qabsoo blisummaa Oromoo jecha summii diinaatiin guggubataanii dhuman kun reenfi isaanii akka hin kaane dhowwaamee allaatiin yoo nyaatu, allaatiin reenfa isaanii nyaatees battalumaatti akka dhuman dhagayeen jira.

Zakaaryaas ergaa diinaa fudhatee obboleessa Isaafii Qabsa’oota Oromoo akka dhuman Kan godhe bara 1991 gara biyya Jarmaanitti godaanee ,waraqaa dhimma baqqaatummaa isaa waajirri ABO USA jiru , barreeseefii Jireenya isaa mootummaan Jarmaan akka mirkaneeseef namoota adda addaa irraa dhaga’een ture. Dhuguuma namicha yakkamaa kanaaf waajirri ABO USA jiru yoo barreeseefii jiraate akka gaafitti kan dhiyaatu ta’a.

Daraaramuu mana hidhaa Keessaa

Bara Dargii keessa namni siyaasa Oromootiin yakaamee yoo hidhame reebchi irra gahu kan jedhamee kan himaamuu miti. Teekinki reebcha, Qaama nama sukaaneessu, kan yeroo ammaa wayyaneen namarran gahaa turtte kun hundi J/Dawuud Ibsaa irra gaheera. Mana hidhaa dhalli namaa jireenya uumama isaa jibbu ‘Ma’ikalaawwii’ Keessstti J/ Dawuud hedduu dararameera. Oromoon biroos kan waliin hidhaman yeroo ammaa biyya keessaas ta’ee biyya alaa kan jiran hedduu dha.
Warri Dargii dhimmi J/Dawuud mana yaalaa geessanii akka fayyu godhan ta’uufii diide.
Amma fedhan reebanillee odeeffannoo irraa barbadan argachuu hin dandeenye.
J/ Dawuud reebchi humni eegumsi nageenya Dargii irraan gahan bayyee ulifaataa ture. Akkasumaas ta’ee iccitiin dhaabaa bayyeen osoo of-harkaa qabuu reebchi uumaa ofii nama jibbisiisu kun yeroo dabaree, dabaree dhan irratti rawwataamu Kan himee tokkollee hin turre.

Mana hidhaatii baduu J/ Dawuud Ibsaa

Yeroo hedduu Kanneen raayyaa fb (warra fb) dhan nama arrabsaa olan irraa waan hedduun dhaga’a. Afaan guuttatanii, “Dawuud Ibsaa mana hidhaatii hin banne Hin soba! mana hidhaatii attamitti baduu danda’aa?” Kan jedhu yeroo hedduun dhagaaya. Gaarumman isaa Dubbii fb ti. Fb irratti nama Jaalatan Seenaallee yoo qabachuu baate gurra ol kaasuun faarsaa yoo oolan agaarra. Kan Seenaa boonasaa qabu ammoo gareen itti duulanii ciilee gurraacha dibaanii Yoo Saalphisan agarra.
Rayyaawwan fb nama jaalataniif maqaa bareedaa keennuufiin rakkoo hin qaban.
Kan fb irratti “Live” bahee nama arrabsaa Oluuf Doktorummaa ( Dr)yoo badhaasan, Kan guyyaa tokkollee Qawwee qabatee lolee hin beekinneef ” Jeneralummaa” Keennuuniis rakkoo miti, raayyaawan fb biraatti.

Waan marafuu Dawuud Ibsaa akkaataa mana hidhaatii bade akka armaan gadii kana ture:
J/ Dawuud waliin mana hiidhaa Finfinnee bara 1982 hanga gaafa mana hidhaa sana keesssa baduutti hanga 1986 mana “Firdanyaa kutaa 2mmaaffaa” jedhamu keessatti waliin hidhaminne galla turre.
Nagaasaa Kumsaa waliin bayyee wal jaalatu. Bakki irriiba keenyaa Nagaasaa Kumsaatu nu gidduu jira malee walumaan ollee buulla.
Dawuud mana hidhaa sana keessatti nama bayyee duddubaatu miti.Caliisaa dha.
Ani isarra obboleessa Quxuusuu isaa kana hidhamee mana kutaa 6ffaa keessa jiru obbo Tolasaa Ibsaa waliin bayyee wal jaalanna.
Tolasaa Ibsaa yeroo sana J/ Dawuud waliin hidhaamuyyuu yeroo ammaa kana lubbuun hin jiru.
Nagaasaa Kumsaa waliin bayyee waan wal Jaalanuuf manuma sana keessa osoo abbaan Kiyyaaf obboleessi kiyya achi keessa jiraanii isaan walinaan nyaata nyaadha.
Mana hidhaa Finfinnee Keessa kan hidhamtoonni itti yaalaman Kilniika (Clinic) ni jira.
Namni achi keessaa hojjaatu (Dr.) dhibeen nama sanaa humna isaa ool yoo ta’e poolsii Waliin mana yalaa biroo dhaqani akka yaalaman waraqaa (refer) ni barreessaf.
Amma ammaatti haala hundi keenya, mana hidhaa sana keessaa jiru hin beekinneen , Nagumaa Kumsaa Dawuud Ibsaa Amaan Nuraa ta’anii Dr.mana yaalaa Minlikitti
barreesseefi poolsii waliin dhaqanii osoo manatti hin deebinne hafan. Jarri durumaaniyyuu Qoophawamanii waan turaaniif poolsii dha horii keennanii jalaa miliquu hin oolle.
Dallaan mana hidhaa Finfinnee jeeqamite. “ጠባቦች ና አገር አፍራሾች ጠፉ” Warri dhiphoo fi biyya diigan badan. Akka sagantaa baduu kana qaban obboleessa Dawuud Tolasas Ibsaa gafannaan akka hin beekinne natti hime. Ji’oota muraasa booda akka WBOtti dabalaman manuma hidhaa keessatti dhageenye.Barri kun 1986 dha.

Bara 1991/1992

Bara ABOn mootummaa Ce’umsaa Keessa Jiru J/ Dawuud dhaaba sana keessatti nama 4ffa dha. J/ Galaasaa Dilboo , J/ Leencoo fi J/ Nadhii Gammadaa isaa ol jiru. Balleessaa
bara sana godhameef akka walootti yoo ta’e malee akka dhuunfaatti J/ Dawuud kan ittti gafataamu hin jiru.

Eerga mootummaa Ce’umsaa keessaa bannees waraana waliin bosona Oromiyaa Keessatti falmmachaa turuun wayyaaneen mootummoota ollaa keenyaa qabaattee, garri
itti adeemaamu dhabaminaan, Qabsoo kana dandamaachisuuf, jecha Oromoon “diinni diina kiyyaa, fira kiyya ” jedhu dhugomsuun Eritiraa dhaqan. Waraani Ertiraa, kaleessa waraana wayyaanee gargaaree WBO akka rukutte beekamaa ture. J/ Dawuud eerga Ertiraa gahanii hojiin, hojjatan kanneen dhaaba kan keessatti ijaaramanii Xoophiyummaa leellisaniin haa dhokaatu malee waan hedduu hojjataniiru.

Qeerroo

Qeerroo hundi har’a abbaa itti ta’u kana, Kan Uume, magaalaafi baadiyyaa Oromiyaa keessaatti kan ijaare, maqaa kanaan finciilli diddaa gabrummaa akka itti fufu kan godhe J/ Dawuud Ibsaati.
Bara Qeerroon dura ijaaramu dhadannoon ture ” Osoo baraannuu Qabsoofiinna, Osoo Qabsoofinnuu baraana ” kan jedhu ture.
ABOnJ/Dawuud ibsaatiin hogganaamu ijaarsa Qeerroo bara 2005 keessa hundeesse.
Dhugaan jiru kanuma. Dhugaa jiru ammoo Seenaaf galmeessanii dhaloota fuula dura dhufuuf dabaarsuuf malee warra Qeerroon kan keenya jedhu waliin atakaaroo gochuuf miti.

Oromoota Waraana Mootummaa keessa jiran

J/ Dawuud waan danda’u godheera. Oromoota Hoggantoota Waraana wayyaanee keessa jiran irratti hojjatee akka keessaa bahan godheera.
J/ Kamaal J/ Hailuu Kol/ Gammachuu fi Kol/ Abbabaan osoo hin ijaaramnne Keessaa bahuu hin dandeenye. Kan biroos hedduun waraana wayyaanee keessatti akka ijaaree beekamadha.
J/ Dawuud Jeneneraal Hailuu Gonfaa waliin biyya Raashiyaa ( Russia) dhaqee akka waliin dhoksadhan dubbataan gaaffiif deebii OBS waliin godheen ifa godhanii ture.
Wayyaneen maqaa ABOtiin nama hidhuun reebuun, ajjeesuun, ijaarsi dhaabchaa lafa qabatee waan jiruufi malee osoo ABOn hin Jirre ta’ee Slababiin maqaa dhaaba kanaatiin namni hidhaame reebaamu hin jiru.

ABOn hoggaansa J/ Dawuud jalatti maa dadhaabe?

ABOn kan diinni halkanii guyyaa balleessuuf irratti duulu irra, hoggannoon dhaaba kana keessa turan, wal balleessuuf kan wal irratti duulaa turanittu caala. Garee Qoddataanii olola wal irratti odeesisuun akkuma jirutti ta’ee ilaachi ” Itoophiyummaa” dhaaba kana keessatti, yeroo dheeraa irraa qabee hidda gadi fageefaatee dhaabicha akka Riirimmaa nyaatee,nyaatee sadarkaa gadiitti hambiiseera.

Namoota heduutti Dadhaabiin ABO kan har’a hogganummaa Dawuud Ibsaa qofa, Jalatti dhufe itti fakkaata. Dadhaabiniif shiirri ABO keessa ture bara 1991/1992 Waajira Gullaallee irraa eegaala. Dhimma kanarratti waan hedduu jechuu danda’amuyyuu rakkoon ABO keessatti uumaame inni guddan warra Itoophiyaa leellisaniifi warra blisummaa Oromoof Qabsa’u gudduutt akka ta’e hubatamaadha.

Maqaa ABO jijjiraama jedhamuun wal diiguumsi dhufe, dhaabicha dadhabsiisuu bira darbee Waraani karaa kibbaa jiru meeshaa mara fudhaatee Liichoo Bukuraa waliin
Wayyaneetti harka kennaat Aktivistooni OPDO biyya keessa fii ala jiran Miidiyaa harkaa qabanii fi fb tti gargaramuun dhan, deegarsa dinagidee ABOn akka hin argaanne ololan godhamaa ture salphaa hin turre. Kanaafii Kanneen biroo dhaabicha dadhaabsiisu irratti qooda guddaa Kan qaban hedduu dha.
Duula ABO balleessuuf Keessaafii alaan ltti duulamaa ture jalaa dandamaachiisanii har’an gahuun J/ Dawuud Ibsaa galata guddaa akka qaban dhalooni ammaa kun hubachuun feesisaa dha.

Alagaan ABO maaf jibbu?

Dhaabileen isaanis ta’ee, habashooni dhaaba Oromooni qabu keessaa ABO kan J/Dawuud Ibsaatiin hogganamu bayyee jibbu. Akka dhaabatiis ta’ee akka dhuunfaatti habashooni sadarkaa duraa irratti kan jibban Ykn kan balaleeffatan Dawuud Ibsaa fii ABO dha.
ABOn ammoo “Blisummaa uummata Oromoof hanga hiree ofii,ofiif murteeffachuutti” waan deemuuf jibbuu dhumaatu irraa eegama. Halkaniif guyyaa akka dhaabni kun badu dhagaan isaan hin buuqifinne hin jiru. Dhaabileen biroo kan maqaa Oromootiin jiran ammoo Itoophiyaa akka biyya haadha isaaniti amanaanii waan fudhataniif rakkoo Irraa hin qaban.

Dhaabni ODP har’a jiru hoo maaf ABO jibbu?

Har’a ijoollee abbaa Gadaatu Oromoo bulcha yoo jeennu , Waan duudhaa fii sirni bulchiinsi gadaa gafaatu guutaanii yoo argama malee Waluma faarsuun ijoollee abbaa gadaa nama hin jechisiisu. Bulchiinsa sirna gadaa keessa sobni hin jiru. Soban maqaa wal yakkuun safuu sirna gadaa caabsuudha. Fak. Dabbalooni fii hogganooni OPDO
dhaaba ABOJ/Dawuudiin hogganamu irratti duulli maqaa balleessii, ummaani Oromoo akka jibbu, soba dhugaa fakkeesanii ololuun Seera maleedha. Ololi soban deemaa ture keessaa kan armaan gadii kun amma tokko.

1. WBO gaafa Eritraa dha gara Finfinnee dhufu, Sagantaa nyaata maqalee keessatti ta’u hunda kan qopheesse mootummaa ta’ee Osoo jiruu akka ABOn Tigroota waliin Walii galtee qabaatee , maqaalee keessatti nyataa akka tureetti dabbalooni OPDO
ololaa turan.

2. Waan dhugaa irraa fagaate “WBO kan Getachoo Asaffaa tiin akka hogganaamu Qaanii tokko malee ololaa fii barreessa turan.
3. Miseensooni WBO hedduun isaanii Tigree dha jedhanii Qaanii tokko malee miidiyaa Irratti dubbataa turan.
4. Dr. Abiyi irratti Bombiin darbataamee akka ajjeefaamu kan qindeesse ABO dha Jedhee barreessaa Kan turees hoggaana dhaabchaa Keesssa isa tokko.
5. Diramaa Bankii ofumaa akka saamamu godhanii, WBOtu godhe jedhanii afaarsuu fi tofittaa adda addaa diraamaa kaleessa Wayyaneen godhaa turtte (Copy & paste) Kan “Baddannoo fi Arbba gugguu” nuuf himaa jiru.

Sababiin, ololli fi sobni dhugaa irraa fagaate ABO J/ Dawuud Ibsaatiin hogganaamu irratti Odeefaamuuf aangoof jecha qofa Dhugaan jiru kanuma. ABOn uummata isa deeggaaru Oromiyaa keessatti heduu waan qabuuf filmaani yeroo gahu uummani Oromoo ABO yoo filaate isaan bakka waan hin qabinneef, duulli dabballooni Isaanii keessaafi alaatti maqaa hin qabinne Ofumaa baasanii ittiin waaman dhimma Kanaaf akka ta’e hubachuun nama hin dhibu.

Yaada Xumuraa

Qabsoo baroota dheeraaf osoo wal irraa hin Citiin bu’aa bahii hedduu keessa darbee dhaloota amma jiru, bira ga’e kana keessatti, qooni fii gaheen J Dawuud Ibsaa qaban olaanaa dha J/ Dawuud uumaama ABO irraa qabee hanga ammaatti jaallewan hedduun biraa yoo kufaan hedduun ammoo waliin deemaa erga turaniin booda feermaataa adda addaa iratti harca”anii biraa yoo hafan obsaafii muraannoo qabanii ofaanii, kunoo har’a abbaa Qabsoo abdii uummata Oromoo kan ta’an Qeerroo Oromoo biraan gahaniiru.
Dawuud Ibsaafi ABOn osoo hin jiraannee Kabajaan uummani Oromoo qabu kun hin jiru Yoon jedhe soba dubbaachuu koo miti.
J/ Dawuud Qabsoo waggaa 50 dabaarse kana Keessatti mana hidhaa Dargii isa jireenya uumaama nama jibbisiisu keessa sa’a lama (2) ajjeechaan sa’a lama (2) irratti rawwaateera.
Jireenya ijoollummaa irraa qabee uummata kana blisummaa isaa gonfachiisuuf hedduu Itti dadhabeera.
Qabeenya horatee hin qabu. Qabeenyi inni horaatee qabu dhaabaa kanaa, Qeerroofii Qarree Oromooti.
J/ Dawuud Ibsaa uummurii kanatti waanti barbaadu hin jiru. Garuu dhaaba daraaf dakuu Itti ta’ee asiin gahe kana, osoo lubbuun jiruu Qeerroon Oromoo abbummaan itti darbee abjuu uummata Oromoo fixaan yoo baase gammachuu akka qaban beekamaadha.

Har’a kanneen Qabsoo kana keessatti bayyee Itti dadhabaa turaniif Kan dhagaa boraafatanii Ciisaa turan salphaachaa, kanneen Qabsoo kanatti karaadha itti goran faarfaamaa yoo Jiran argaa jirra. Gochi akkanaa kun Oromoo walitti kan fiidu osoo hin taane Kan wal irraa fageessu waan ta’eef dhabaachuu akka qabu gamanumaan wal hubachiisuun gaarii dha.

Dhuma irratti J/ Dawuud Ibsaa Hawaasa Oromoo, Qeerroofi Qarree biraatti kabajaa Isaaniif malu argachuu fi qabaachuu qabu.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s