Waajjirri ABO Aanaa Jalduu Waggaa 26 Booda Banamuufi!

viber image

Waajjirri ABO Aanaa Jalduu Waggaa 26 Booda Banamuufi!

Oromo-flag

Waggaa 26 funduura Waajirri ABO Jalduu Humina Kiilaashii fii PKM waraana Wayyaneetiin cufamee kan ture, Dilbata dhufu Muddee 7/04/2011 bakka maatiin Wareegaamtota fi bakka bu’aan ABO Jaal Ibsaa Nagaawoo argamanitti sirna eebba manguddootatiin banama.

Waajirri ABO Jalduu Waajira Seenaati. Bara 1992 dhuma irratti hafee Waajirri rukutamee Cufaame waajira Jalduuti.

Kanafuu guyyaa Seena qabeessa wareegaamtoota, keenya itti yaadanuuf keessumoota keenya itti simaannu kana irratti, akka nuuf argamtaan kabajaan isin affereerra. Barruulee (magazine) suura_maqaa Wareegaamtoota fii eergaa qabsaoota adda addaa Kan of keessatti qabaatte jirtus siniif qopheesinee jirra (kanaa gaditti maxxanfameera).

Guddaa Galatomaa

Koree Qindeesituu Waajira ABO Jalduu

 

Barruulee (magazine) suura_maqaa Wareegaamtoota fii eergaa qabsaoota adda addaa Kan of keessatti qabaatte jirtu as tuqaa banadhaa: ( for print8213638669309309987)

SEENSA

Bildergebnis für jeldu,map

Aanaan Jalduu gidduu galeessa Oromiyaa Lixa Shaggaritti kan argamtu yoo taatu; Handhuura biyyaa irraa 115 Km fagaattee kan argamtu dha.Bahaan Aanaa Meettaa Roobii,Lixaan Aanaa Ilfataa,Kaabaan Aanaa Gindabarat fi Kibbaan Aanaa Dandiitiin kan daageffamtu dha. Aanaan Jalduu Magalaalee Sadi (3) fi ganda Qotee bulaa digdamii torba  (27 ) qabdii.

Aanaan Jalduu Hortee Ilmaan Oromoo Lama (2) baayinaan kan keessa jiraatan yoo ta’u isaanis;Hortee Maccaa Fi Tuulamaati.Ilmaan Oromoo kun ijoolee Saba tokkoo Hortee Hidda Ilmaan Booranaati. Horteen kun Tumaa tokko  kan qabu yoo ta’u seerri ittiin bulmaata isaanii ”Seera Meettaa Gojoo fi Seera Makkoo Bilii” dabalatee Dudhaa fi safuu Oromoo ganamaatiin kan bulu yoo ta’u Sirni Gadaa Ganamaa fi Sirni Siiqqee dhiibbaalee alagaa garaagaraa dandamachuun duudhalee ganamaa eeggatee kan ittiin  jiru dha.Uumani kun Yeroo gaddaa fi gamachuu hundaa kan waliin qoodatu uummata bal’aa Orom duriiti. Aanaan kun bu’ura seenaa Oromoo keessatti qooda fi gumaacha guddaa qabdi.  Xaxaan Shiraa alagaatiin goosoota ilmaan abbaa tokkoo kana walitti buusuf yaalamu illee,goototni gosa lamaan kana keessa biqilan,wal- dhabdee ilmaan Abbaa tokkoo kana dhaamsuun tokkumaa Oromoo fi Oromiyaa ijaaruun Koloneel Alamuu Qixxeessaa,Konyaa Jibaatii fi  Maccaa irra Afooshaa Jibaatii fi Maccaa hundeessuun, Jaal Hayilamaaram Gammadaa, Konyaa Salaalee naannoo Jiddaa irraa  Afooshaa Ilmaan Tuulamaa hundeesuun,Waldaan Maccaa fi Tuulamaa Akka Hundaa’uuf bu’ura guddaa kaa’aniiru.Waldaan kunis tokkummaa fi Qabsoon ilmaan Oromoo bifa Jaarmiyaatiin ijaaramee akka  gaggeefamu taasisuun qabsoon Saba kanaa akka fuula duratti tarkaanfatuuf bu’ura seena qabeessa kaa’eera Haaluma kanaan WMT dhalachuu Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) tiif bu’ura.

Barruuleen Yaadannoo gootawwan wareegamtoota aanaa jalduu  fi qabsaa’ota achi buuteen isaanii dhabaman jettu kun Tokkummaa fi qananii uumata Oromoo jajjabeesitti.wareen hojii qajeeltuu hojatanii lubbuu isaanii deebi hin qabne fi Jiruuf jireenya isaanii wareeganii  qabsoo billisummaa uumata oromoof dadhaban akkasumas dhalootaaf Fakkii ta’an iyyaafatee sabaan wal barsiisuuf akkeeka qabdi.haaluma kanaan gumaacha gootawan Aanaa Jalduu golee seenaa qabsoo Oromoo fi Oromiyaa keesati qaban galmee seenaa keessati akka galmaawuf;caalmatti immoo Gootawan Oromoo dagataman kaneen Oromiyaa bakkeewwan garaagaraa keessati argaman dhalooni naanichaa soqee sabaaf akka dhiyeesuuf daandii fi fakkeenya taati.

 

1. ERGAA KABAJAMOO KEESSUMMAA KEENYA

Image may contain: 1 person, stripes“…Qabsoo kan calqabe fiixaan hin baasu,dabareedhaan wal harkaa fuudhu..”

Waggoottan digdamii ja’an (26) har’a bara 1992 hogganaa Biiroo Adda Billisummaa Oromoo (ABO) damee Aanaa Jalduu turan.

Yeroo hammaa jireenya baqaatiin biyya alaa Ameerikaa keessa jiraatu. Jaal Tolchaa Wagii Saattoo jedhamu. Barruuleen Yaadannoo gootawwan wareegamtoota aanaa jalduu fi qabsaa’ota achi buuteen isaanii dhabaman jettu kun akka Kabajamoo Keessummaa keenyaati qabatee isiniif dhiyaateerti.

Suuraa: Jaal Tolchaa Wagii

Qabsoo Bilisummaa Oromoof godhamaa  ture keessatti,  gootowwaan Qeerroon ganamaa, Qeerroowwan kalleessa fi har’aa,falmaatoota dhiigini isaanii baadiyaa fi magaalaa Oromiyaa, akkasumaas bosona biyya abbaa isaanii keessatti  gadi namme,haarqoota gabrummaa   gateetti uummata Oromoo irratti fe’amee ture nurraa darbee,sadarkaa amma jirru kanaan  waan nuga’eef  yoomiyyuu seenaan bakka guddaa isaaniif keenna.

Uummani Oromoo Qabsoo bara dheeraa osoo wal irraa hin citiin as ga’e kana keessatti,  lubbuun ijoollee  Oromoo kumoota dhiibban lakkawaaman darbeera.  Dhiigini  isaanii biqiila blisummaa yoo nuuf biqiliichu, lafeen isaanii  cacaabe ammoo, daandii  riqqicha gara walabummaa uummata  keenyaatti nuu geessu  waan nuuf ijaareef kabajaa fi galaniin  isaaniif qabu guddaadha.

Adeemsa  dheeraa  Qabsoon blisummaa Oromoo keessa darbee as ga’e kana keessatti, Qooni fii gaheen Hawaasiin Jalduu qabu,  uummata Oromoo mara kan boonsu dha. Akkuma Oromoon ” ilmi abbaa isaa irraa kan dhaalu, qabeenya qofa osoo hin taane  gootummaa isaa waliin” jedhu,ummani Jalduu gootota hedduu kan mirga uummata isaanii sadarkaa biyyaa fi adunyaatti beekisisaan guddisaanii Oromiya badhaasaniiru. Seenaa uummata Oromoo keessatti calqaba duraaf uumanni Oromoo akka sirna gita-  bittoota habashotaa jalaa ba’ee  mirga isaaf falmaatu, Waldaa walgargaarsa Maccaaf Tuulamaa kan hundeessan Koloneel Alamuu Qixxeessa fi obbo Qadiidaa Gonfaa gootota dacheen Jalduu biqilichitee, Oromiyaa badhaafte, keessaa kanneen terree duraa irratti argamani dha. Koloneel Alamuu Qixxeessaa Waldaa wal- gargaarsa Jalduu yoo gaggeessan, obbo H/Mariyaam Gammadaa ammoo waldaa wal-gargaarsa Meettaa gaggeessu. Jarreen kun lameen sadarkaa ijaarsa naannoo irraa ka’anii sadrkaa guutuu Oromiyaatti ijaaranii bu’ureessuun, uummani Oromoo dukkana keessaa akka  ifaatti  bahu, gochuun gamaatti dhaaba maqaa Oromootiin ijaaramee WMT  mirga Oromoof falmu isa duraa ta’uu isaati. Akkuman armaan oolitti ” ilmi abbaa irraa  gootummaa isaa dhaala” jecha Oromoon jedhu mirkaneessutti Qeerroowwanifi gootooni naannoo kana keessaa maddan, bifaafii dandeettii adda addaa qaban maran, hanga wareegaama lubbuu isaanitti kaffaluun hojii boonsaa uummata Oromoof kan hojjatan, Atileet Fayyisaa Leellisaa rakkoo fii dhumaatii uummata Oromoo irra ga’aa tureef gahaa jiru, Hawaasa uummata adunyaa kana, keesssa   jiruutti yoo nuuf beekisiisu, Artist Caalaa Bultumee ammoo saamicha lafa Oromoo maqaa “maasteer plaan” godhamuuf ture Walaloo fi qooqa addatiin sirbee Qeerroowwan Oromiyaa hedduu damaqisee gara falmii  abbaa biyyummatti hirirseera. Gama biroon ammoo uummani Jalduu sirna mootummaa abbaa irree, Dargii keessattis ta’ee, kan wayyanee keessatti  osoo du’a hin sodaatiin mirga isaa Qabsoo hidhannootiin kabaachifaatee akka ture hubatamadha.

Seenaa uummata Oromoo keessatti lolli qotee bulaa Jalduu kan  maqaa ” Diinnee didaa”  jechuun bekaamu , magaalaa Jalduu irraa qabee hanga Bosona Diiggootti  godhamaa ture kan yadataamudha. uummani anaa tokkoo waraana mootummaa abbaa irree  Dargii kan meeshaa waraana ammaayyaa hiidhaatee jiru , yeroo hedduu barbadeessaa akka ture dhalooni yeroo sanaa hundi kan bekaaniidha.

Lolli gootota Oromoo kan akka Mul’ataa Fayyisootiin hogganaamu waraana mootummaa abbaa irree Dargii waliin, fulaaf fulaatti sa’a 35-40 waraana irratti banaame gootummaan lolee of irraa deebiseera. Seenaa boonsaa qoteen bulaa Jalduu qabu guutuu isaa yeroo gababaa keessatti bifa kitaabatiin akka isniif dhiyeessu gamanumaan waadaan gala.

Gama biroon ammoo eerga wayyaneen aangoo qabattees, lolli gurguddaa fi xixxiqaan anaa Jalduu kessatti,bakkoota adda addaatti waraana wayyanee fii gootowwan jiraatoota naannoo kanaa waliin godhame hedduu dha.

Kanneen keessaa:Lola sa’a 2 waajiira ABO Jalduu irratti godhame, lola magaalaa Goojjoo keessatti godhame, lola magaalaa Cobii keessatti godhame, lola Qoricha Cobitti godhame, lola Kilbeetti godhaame,lola Gammoojjii Dullaa (Qaxiqaaxoo) keessatti godhaame fi kkf. Hunda maqaa dha’uu danda’amuyyuu goottummaa fi muraannoo ummani Jalduu qabu kan nama boonsuudha. Kana ani jedheef osoo hin taane kan diinni ragaa bahuu dha.

Qabsoon kan calqabe fixaan hin baasu, dabaredhan wal harkaa fudhuu dha. Kalleessa warri Qabsoo Blisummaa Oromoof godhamu keessatti qooda guddaa qaban adeemsa isaanii fixanii darbaniiru. Kan hafe ammo galmaan ga’uun qooda dhaloota ammaa waan ta’eef dhalooni haaraan kun galmaan ga’a jedheen ammana.

Dhuma irratti waantiin armaan olitti barreesse kun, addatti uummata Jalduu faarsuuf osoo hin taane, qooda fii gahee  uummani kun Qabsoo blisummaa Oromoo keessatti qabu dhaloonni ammaa kun hubaatee waajiira ABO waggaa 26 funduraa huminna Kilaashii fi PKM maatriyeesii  wayyaneetiin cufaame amma yeroo banaamu akkuma kaleessaa sana dhiiga isaanitiin  eeggatanii abbaa biyyummaa isaanii  akka mirkaneeffatan hubachiisuufi.

Xumuura irratti waajiira ABO waxabajjii 21,bara 1992, Jaala kiyya Taamanaa Bushuu na biraa wareegaamee cufaame, amma yeroo banaamu argamuu dhabuu koos bayyeen gadda.

Nagaan naaf jiradhaa, Milkaawaa!

Tolchaa Wagii

2. Ergaa Qabsaawota Aanaa Jalduu

“…Qabsoon keessa isaa hinqulqulleessine rakkootu itti heddumata…”

 Obboo Alamaayyoo Diroo Leellisaatiin!!!.

2.1.  Dhaamsa: Qabsoon Bilisummaa akka Galma Gahu…!

Guyyaa har’a irra dhaabbannee gootota keenya wareegama qaqqaalii kaffalan yoo yaadannuu fi ittiin dhaadannu, qabsoon bilisummaa keenya akka galmatti dhihaate hubanne malee hinbilisoomne; akka abbaa biyyaa ta’uun keenya hin oollee mirkaneeffanne malee guutummaatti abbaa biyyaa hin taane; tokkummaa saba keenyaan akka injifannuu beekna malee bakka gahuu mallu hin geenye. Bakkuma geenye kana gahuuf garuu akka sabaattis ta’ee akka ummata aanaa Jalduuttis wareegama guddaa baafne. Namootni qe’ee abba isani irratti rasaasaa diinaatiin wadamanii lubbuun dhabamte baay’eedha. Kannen mana hidhaa diinaa keessatti reebamanii qaamni hir’atee fi xin-sammuun (psychology) miidhaman hedduudha. Lakkofsi namootni diinaan qabamanii achi buuteen isaanii dhabamaniis salphaa miti.  

Jarreen wareegama kaffalanii asin nu gahan kana yoomiyyuu yaadachuu qabna. Addatti moo hoggantoota kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), fulduratti maqaa isaanii kaafnee seenaa isaanii yoo tattareessinu qalbiin keenya gammachuun guutamti. Lubbuun wareegamtoota keenyaa garuu kan qananiitu gaafa abbaa biyyummaa fi bilisummaan Oromoo guutummaati mirkana’e dha; gaafa dhimmi wareegama itti kaffalan bakka akeekameef san gahedha; gaafa sabni Oromo mirga hiree murteeffachuu isaa mirkaneeffate dha.

Dhuguma! Bara dheeraa keessabu’a-bahii meeqa booda, wareegama ulfaata kaffalame booda, haala obsa nama fixachiisuu keessa dabarree bakka har’a jirru kana geenye. Amna(daandii) dheeraa deemnee as geenye garuu bakka kaayyeeffanne yoo itti dhihanne jenne malee hin geenye. Gahu moo qabna.

Tarii karra durra jira ta’a. Qabsoon saba keenya xumurarran gahuu qaba. Qabsoo wareegama biraa barbaadutu nu fuldura jira. Kana jechuun nu martuu qabsoo bara dheera keessa as gahe kan finiinsinee galma isaatiin gahuu qabna. Irreen Qeerroo fi Qarree keenyaa ammallee daran cimuu qaba. Seenaan wareegamtoota keenya humna nuu ta’uu qaba.

Qabsoon abbaa biyyummaa fi bilisummaa Oromoo dura har’a iyyuu gufuulee heddutu jira. Diina baay’ee qabna. Kan karaa adda addaa waraana bananii nutti duulaa jiran argatuma jirra. Alagaan fagoo fi dhihoo taa’anii gidiraa nurratti xaxaa olanii-bulan lakkofsaa oli. Diini hunda caalu ammo isa Oromoorra dhalatee sabasa gurguree ofii qanani’uuf foolatudha. Diinni saba kana keessa bahe malteen jiraata. Gaafa qabsoon itti cimee firaa fi qabsaa’aa fakkaate as baha. Hiriira qabsoo sarara duraarratti argama; hogganaa qabsichaa of-fakkeessa. Ija baaseeti hoggana qabsoo akkata’etti of-moggasa. Yoo moggaatti baafte “biyyatu diigama, diinatu deebisee nu dhuufta” jedhe olola. Garuu, amala gantummaa hin dhiisu. Gaafa qabsoon laaffatte itti fakkaattee diinaaf odeeffannoo kennee nurratti bobbasa. Cubbuu fi gidiraa saba isaarran gaherra otoo ofhinqulqulleessiin, cubbuu fi gidiraa caalu hojjachuuf of qopheessa. Diinni akkanaa har’allee baay’inaan argaa jirra.

Kanaaf jecha qabsoon keenya itti fufuu qaba. Hanga diina alagaa fi fira keessa jiru jilbeeffachiifnutti, hanga hireen Oromoo harka Oromorratti galtutti qabsoon finiinuu qaba. Qabsoon keessa isaa hinqulqulleessine rakkootu itti heddumata. Qabsoon Oromoo fira baay’ee hinqabdu. Qabsoon Bilisummaa Oromoo kun lubbuu fi qabeenya Oromoorratti hirkaatee fi maxantee har’a bakka geesse kana geesse. Ammas sab Oromoorratti  hirkaatteexumura  geessi. Ilmaan Oromoo qabsoo kana akkuma armaan dura lubbuu kennun, beekumsaan bira dhabbachuun, mallaqa itti gummachuun dirqama. Yoo kana goone bakka akeeka keenya geenya. Wantoota guutummaa Oromiyaa keessatti guyyaguyyaan hordofii taasisuu fi sochii diinaa jilbatti cabsuun qaama jiruu keenyaa ta’u qaba. Tokkummaa saba keenya daran jabeessuu; waliitumsuu fi walii birmaachuun cimee itti fufuu qaba.

Guyyaa har’a wareegama ilmaan Oromoo waliigalaatti, ijoolleen Jalduu ammo addatti kaffalan yaadachuu qofa otoo hin taane fincila xumura gabrummaa eegalame kana haala ittiin xumuru danda’amurratti yaada walgafachuu fi mala malachuun kan qabsoo keenya itti gabbifnu haa ta’u. Ilmaan Oromoo bakka adda addaatti dhiiga dhangalasaa kannen jiran haala ittiin injifannurratti gurmuu haacimsinu. Kaayyoon abba biyyummaa fi bilisummaa yeroo gabaabaa fi wareegama xiqqaan akka milkaa’u humna keenya yaa guddisnu. Bilisoomnu malee, abbaa biyyaa hin taanu malee hiyyummaa keessaahinbaanu. Bilisoomnu malee jiruu gaarii hin argannu. Bilisoomnu malee barnoota qulqulluu hin argannu. Bilisoomnu malee mootummaa saba kana hojjatu filachuu hin dandeenyu. Bilisoomnu malee gabrummaa keessaa hin baanu. Bilisoomnu malee akka garaa keenyaatti seenaa gotootaa fi wareegamtoota keenya yaadachuu hin dandeenyu. Kanaaf jecha bilisoomuu qabna; bilisummaa malee filannoo biraa hin qabnu!!

Injifannoon Saba Oromoo tiif!!

Alemayehu Diroo Lalisee

 

2.2. GUMAACHA QABSOO GOOTOTA OROMOO AANAA JALDUU

“….Dhiiga  Gootota Oromoo Margeen Argee!!! Anis Baayyadhe!!!  

Barsiisaa HIRPHAA BAANEE BOOKAA (Lecturer at Jimma University)

Uummanni Oromoo aanaa Jalduu akkuma uummata Oromoo kamiiyyuu sirna gabroonfata fi kanneen darban keessatti falmii cimaa gaggeessaa turuun isaa kan waakkatamu miti. Akka fakkeenyaatti, sochii fi ta’eewwan Koloneel Alamuu Qixxeessaa fi jaalleewwan kan biroon ta’aa turan akka sochii nama boonsu fi bu’uura qabsoo Oromoof gumaacha guddaa godhe beekamaadh. Keessumaa, bara 1983 A.L.I irraa eegalee falmii cimaa ta’e sirna Wayyaanee irratti geggeessaa turee jira. Akka fakkeenyatti, Ebla 29 bara 1983 A.L.I gartuun waraana Wayyaanee dhuftee aanaa Jalduu seente, ganda Baddeessaa Baayyuu jedhamu keessatti uummatni tarkaanfii fudhateen garee waraana Wayyaanee kana too’annoo jala oolche.

Itti aansun bara 1984 A.L.I Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) aanaa Jalduu seenun waajjira isaa banatee uummata ijaaru fii barsiisuu akkasumas sochii siyaasaa adeemsisuu jalqabe. Dabalataanis, tarkaanflee diina qolachuu adeemsisuun amma qabsoo hidhannootti deemuuf dirqameera. Gama qabsoo siyaasaan, yeroo mootummaan ce’umsaa filannoo yeroo calqabaaf Ebla 26 bara 1984 A.L.I tti Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatif filannoo taasifamerratti filannoo harka dhibbaan bakka bu’aan ABO kan ta’an Obbo Waldayyees Cawwaaqaa yoofilataman ajaja pirezidaantii mootummaa ce’umsaa yeroo sanaa kan ta’an Obbo Malas Zeenaawitiin bu’aan filanichaa guutumaa guututti akka haqamu taasifamee ture.

Sagalee uummataa hatuun ykn gatii dhabsiisun mootummaa Wayyaanee achii eegale. Gareen hattuu dirree siyaasatti moo’atame kun of jiraachisuuf jecha gara qabsoo hidhannootti fuula isaa naanneffachuun, guyyaa guyyaa akka mootummaatti; halkan halkan ammoo akka kashalabbeetti (Shiftaatti) hojii kashalabummaa ykn biyya jeequu itti fufe. Haaluma kanaan miseensotaa fi deeggartoota ABO aanaa Jalduus mankaraarsu fi gara jabummaan balleessuf sochii cimaa ta’e waan gaggeessaa tureef ta’een kuni ammoo ABOf irra caalaa of cimsanii akka sochii diinaa kana dura dhaabbatan miseensotaa fi deeggartoota ABOf galaa cimaa ta’ee itti fufe. Haaluma kanaan, yeroo adda addaatti tarkaanfiwwan gootonni ijoollee Oromoo aanaa Jalduu fudhataniin miseesnotaa waraana Wayyaanee fi ergamtoota ishee irratti hubaatii cimaa fi abdii Wayyaanees kutachiisu raawwatanii jiru. Waanta’eefis Wayyaanen deeggartoota fi miseensita ABO irratti tarkaanfii fudhachuun haaloo ba’uuf yaalii cimaa taasisaa turtee jirti.

Haalli fi gochaallen kunneen waan filannoo gaggeessuuf mijachuu dideefi haala kana keessatti filannoo gaggeessun mataa isaa faayidaa isaa irra miidhan isaa waan caalee argameef ABOn filannoo gaafa Waxabajjii 15 bara 1984 A.L.I gaggeeffame san keessaa of baase. Sana booda, gaafa Waxabajjii 16 bara 1984 A.L.I ganama sa’aatii 2:00 irraa kaasee Wayyaanen Waajjira akkasumas miseensotaa fi deeggartoota ABO irratti waraana ifaa fi bal’ina qabu bante. Waraana kana keessatti gootichi Oromoo Taammanaa Bushuu (Bushuun maqaa haadha isaati) jedhamu naannoo Goodaa Raachatti osoo qawwee Matarayyeessii dhukaasaa jiruu wareegame.

Waraanni abbaa irree Wayyaanee humna isaa cimsatee miseensotaa fi deeggartoota ABO adamsuu fi miidhuu haalan cimsee itti fufe. Ijoollen ABOs ofirraa faccisuutti haalan cimanii itti fufan. Haaluma kanaan, dhukaasa guyyaa guutuu fudhateen bakka adda addaatti waraanni gaggeeffamaa oolee jira. Itti fufuun gaafa Adoollessa 19 bara 1984 A.L.I tti ganda Kilbee iddoo addaa Burre jedhamutti lola yeroo dheeraaf adeemsifameen waraana diinaa irra miidhaa cimaan gahee jira. Gama gootota Oromootin ammoo Obbo Tolasaa Haata’uu yemmuu wareegamu Obbo Guuttataa Fufaa, Dargaggoo Xilahun Dooyyoo fi kanneen biroos madaa’anii turan. Guyyaa itti aanu Adoolessa 20 bara 1984 A.L.I tti; Dulla iddoo jedhamuun beekamutti (naannoo daangaa Aanaallee Meettaa fi Jalduu gidduutti) gootota fi dargaggoota Meettaa fi Jalduu irraa walitti bahaniin waraanni bal’aan gaggeeffamaa oolee jira. Lola kana keessatti goototni Oromoo deeggarsaaf dhufan kan akka Ilfinash Qannoo, Zarihun Wadaajoo fi kanneen biroo harka diinaa galaniir(booji’amanii jiru).

Kashalabbeen gartuu diinaa kuni diinummaa isaa cimsachuun muuxannoowwan badii kana gammoojjii Daddabiiti keessatti horate fayyadamuun miseensotaa fi deeggartoota ABO fi uummata Oromoo bal’aa irratti gochoota suukanneesso ta’an raawwachuun haaloo ba’uu eegale. Bakka hundatti uummata Oromoo ajjeesuu, dararuu, hidhuu, saamuu, biyyaa baasuu fi kkf itti fufe. Haaluma kanaan miseensonnii fi deegartoonni ABO wareegaman kanneen akka Qabsaa’aa Jarman Gaaddisaa, Qabs. Abdataa Lataa fi qabsaa’ota kanneen biroo turanii jiru. Akkasumas, uummata Oromoo sababa kanaa fi oromummaa isaaniif qofa qe’ee isaaniitti wareegaman keessaa tokko jiraataa Ganda Edensa Galaan kan turan Ajajaa Dhibbaa Baqqalaa Tolaa, jiraataa ganda Koluu Galaan kan ta’an Obbo Iddoosaa Itichaa, jiraataa ganda Falloo kan ta’an Obbo Buttaa Horaa fi Obbo Dirribaa (abbaa isaa yeroof kan hin yaadanne), jiraataa Magaalaa Cobii kan ta’an Obbo Baqqalaa Taammanaa fi kanneen biroo keessatti argamu. Kanneen dhibbaan lakkaawwaman ammoo ni hidhaman, ni reebaman, ni saamaman, biyyaa ari’ataman.  Gartuu diinaarras miidhaan cimaa ta’e gahaa turuun isaa kan hin haalamneedha. Magaala Cobii keessatti qofa guyyaa tokkotti miseensota waraana Wayyaanee shanii oltu ajjeefame. Akkasumas bakkeewwan baayyettis lakkoofsi isaanii tokkoof lama haata’uuyyu malee ajjeefamaa turaniiru.

Qabsoon bara 1983 gartuu gabroonfataa abbaa irree Wayyaanee irratti eegale bifa adda addaatin itti fufuun waltaajjiiwwan argaman hudarratti falmiin tooftaallee adda addaa fayyadame itti fufuu bira darbee hanga humna qindaa’en ijaaramuun gabrummaa ofiraa qolachuu sana biras darbee ammoo bara 1989 A.L.I halkan keessaa naannoo sa’aatii 4:00 keessa waraana Wayyaanee Aanaa Jalduu weeraruun hidhattoota Wayyaanee ajjeessun qabeenya ishees barbadeessanii jiru. Sababa kanaanis Oromoota heddu irras rakkoo cimaan kan gahe yemmuu ta’u askeessatti kan akka Obbo Badhaasaa Tolasaa fi Obbo Milkeessaa Tolasaa hidhaa cimaa waggaa sagaliin adabamuun isaanii niyaadatama.

Gochaan gara jabummaa diinni Oromoo ukkaamsuf taasise kun gootummaa gootota Oromoo aanaa Jalduu irra caalaa kan cimsee fi akka ramaxa dibamee fi Ibidda Kaboota seenee hidda Wayyaanee nyaachuun hundee ishees raasuu eegale. Qabsoon kun hidda gadi fageeffachuun uummata Oromoo aanaa Jalduu xiqqaa irraa hanga guddaatti, magaaladhaa hanga baadiyyaatti akkasumas dhiiraa hanga dhalaatti hirmaachisuun akka guuta galaanaa irra gatuu eegale. Keessumaayyuu bara kudha sagal sagaltamoota keessa qabsoon barattootaa, qarree fi qeerroo Oromoo iddoo guddaa kan itti kennamuudha. Sochiiwwan ta’aniifis akka sababa dhihootti kan fudhatamaa ture gubachuu fi manca’uu bosonoota Oromiyaa fkn bosona Cillimoo fi kan Baalee akkasumas dhiitamuu mirgoota namoomaa sababeeffachuun qabsoowwan ciccimoon godhamaa turanii jiru. Kana keessattis lubbuun ijoollee Oromoo xiqqaa irraa hanga guddaatti baayyees wareegamee jira. Akkasuma hidhattoota Wayyaanee irras miidhaan lubbuu fi hamilee cabuus gahee jira.

Sochiiwwan kunneeni fi kanneen biroo hafan akkasumas sababa Maaster Pilaanin walqabatee guutummaa Oromiyaa keessatti godhame keessatti sochiin aanaa Jalduu keessatti uummata Oromootin taasifame fakkeenya guddaa qabsoo uummata Oromootif kan ta’uudha. Akka fakkeenyatti Sadaasa dhumarraa fi jalqaba muddee bara 2008A.L.I uummanni Oromoo Aanaa Jalduu akka galaanaa irra gatuun Waraana Agaazii achi qubatee jiru barbadeessun kufaatii Wayyaaneef ergaa dhumaa dabarsee jira. Akka dhuunfatittis, tarkaanfin waraana Wayyaanetirratti qabsaa’aa Galataa Itichaatin fudhatame yoomiyyuu hin dagatamu. Itti dabaluun, gaheen Weellisaa Caalaa Bultumee fi Atileet Fayyisaa Leellisaatin taasifamaa tures seenaa sochii uummata Oromoo biratti kan gonkumaa hin dagatamnee fi Addunyaanis kan raga bahuudha. Walumaa galattti, sochii qabsoo uummata Oromoo kana keessatti, gumaachi uummata Oromoo aanaa Jalduu daran cimaa fi iddoo olaanan kan kennamuufii qabuu fi gama hundaanuu kan qindaa’ee gaggeeffamaa ture ta’uun isaa ifaadha. Gara fuulduraafis mirgoota fi dantaawwan uummata Oromoo kabachiisuu keessatti lammiilee dammaqina, hubannoo, kutannoo fi qophaa’ina qabu uumee jira.

2.3. Waadaa Qabsoo Gootota Jalduu fi Goobana Daacee bara ( 1884-1889)

                    “…Waraana Lammii Lammiin..!!”

Obb. Girmaa Dabalaa ttiin

Jaarraa 17ffaa fi 18ffa  akka seenaan raga ba’utti  yeroo Sirni Gadaa Oromoo Cabee of tuulumaan alagaa hidda horatee as Oromoon ofumaaf of hiruun walumaan wal waraana ture “Waraana Lammii Lammiin!!” wal irratti gochaa tureera.haaluma kanaan diinni Oromoo  saba tiruu tokko jallaa dhuma sabaatti fayyadamtee Oromoo cabsite.akka fakkeenyatti Minilik Goobana Daacceettii fayadamuun Uummata Oromoo bal’aa irraatii waraana banuun,Abbichuu diina jala hiriirsee tokkummaa oromoo Gullalee fi Bachoo cabse,garuu baddaan Liiban Bajiroo fi Cillimo,Ilfataa,Gaalessa,Jaldu,Gindibaratii fi Meettaan shira alagaan xaxxe kana of irraa faccisuun waggaa Shaniif(5) waadaa qabsoo gootawan Aanaalee kunneeniitin injifannoo  goottummaa oromummaa daangaa hin qabne alagaa irratti galmeesisaniiru.Akkumma gootawan Oromoo Oromiyaan bakkeelee adda addaatti biqilchite;

Goota Harargee; Bakar Waaree,

Arsii Leenjisoo Diigaa,

Wallagaa Abbishee Garbaa,

Iluu_Abbaabooraa Caalii Shoonnee fi gootawan kanneen biroo diddaa gabroomfattoota Abashaa ergama Minilikii  Uummata Oromoo irrati gochaa ture falmaa turan Gootawwan Aanaa Jalduu fi naannoo ishees falmaa cimaa ergamtoota Miniliki waliin gochaa turan danuun akka jiran Seenaan raga ba’a,akka fakkeenyaati; Yaadatee Burrusaa (Akaakayyuu Kol.Alamuu Qixxeessa): Biicho

Bultoo Turee: Cobii

Birrattee Waarii: Koluu fi Meetta

Galaayee Badhaasaa: Gindibarat irraa warreen falmaa Gabroomfattoota Minilik waliin taasisaa turan heeruun ni danda’ama.

Goonni ilma Jalduu Yaadatee Burrusaa; Akkaakayyuun Kol. Alamuu Qixxeessaa lola waggaa 5 (Shan) booda (1884-1889 A.L.H) humna alagaatiin lola gubbaatti booji’amee waggaa 20 (digdama) oliif naannoo Amaharaa iddoo addaa bakka Ankoobar jedhamtuti hidhamanii akka turan Seenan raga ba’a.haata’uyyuu malee humni diinaa qawwee”Nafxii” hammayyaatiin deegaramee diddaa kana harka isaa jala yaa haanfatuyyuu malee;Gootawwan aanaa Jalduu biyyi Gootawwan hedduu biqilchite qabsoo diddaa gabrummaa irraa boqqottee hin beektu.

kanuma irraa kan ka’e goolabamuu sirna Minilikii fi dhufaatii sirna Hailasilaasee (Tafarii) keessati gootawwan Dachee kanaa qabsoo isaanii irraa boqotanii hin beekan.Weerara bara mootii kanaa Fashistoota Xaaliyaaniitiin bara (1928-1933) taasifame irratti yeroo humni weerara Xaaliyaanii biyya Itoophiyaa dhuunfatteti Sabni Oromoo bala’aan Jalduu bakka sadi(3)tti hiraman.gareen tokko gara weerartuu Xaaliyaanii irra goree diina duraan Uumata isaa gabroomfatee fixaa turee yoo falmatuu;gareen biro immoo Bosona maandhefachuun Xaaliyaanii dhaan falmaa ture.kana malees gareen sadeesson immoo Falmaa hadhaawaa garee Xaaliyaanii fi Gabroomfatoota gita bittaa duraanii Mootummaa Hailasilaaseettiin durfamuun falmuun qabsoo finiinsaa akka turan seenan raga ba’a.  Isaan keessa akka fakkeenyati; Kol. Alamuu Qixxeesaa Yaadatee Diribsaa Fayyisaa fi Dibaabaa Osee heeruun ni danda’ama.

Haaluma kanaan Gootawan humna waraana Xaaliyaaniti hirkachuun falmaa hadhaawaa gita bittoota abshaa Hailasilaaseetiin durfamuun lolaa turan illeen akka jiran seenan raga ba’a,isaan keessa; Bilaantaa Badhaasaa Yaaddessaa Qanyaasmaach Dhinsoo Yaadatee akka fakkeenyaati eeruun ni danda’ama.

Akkuma seenaan dhugaa ba’u Xaaliyaaniin dirmannaa uummatoota biyyattiitiin biyya kana gadi dhiisanii yaa ba’aniyuu malee;Uumanni Oromoo addatti immo Goototni Jalduu garee saditti(3) wal qoodanii waan turaniif diina irrati injifannoo galmeesisuu hin dandeenye.Sabni kun akkuma Oromoota danuu guyyaa tokkolee gabrumaa tole naaf ta’a jedhee guyyaan itti fudhatee beeku tokkolee kan hin jirre yoo ta’u; gabrummaa falmuuf yoo riphe malee rafee hin beeku.Oromoon tokkoomee yoo walii gale diinni badii keenya jedhee waan beekuf ilmaan abbaa tokko walitti buusuudhaaf yaalii garaa garaa yaala turuun isaa beekamaa dha. Kana irraan kan ka’e “Maccaa fi Tuulama” jedhee Uummata tiruu tokkoo walitti buusaa akka ture seenaa yeroo dhiyooti. Gootonni Aanaa Jalduu fi naannoo ishee shira diina kana dursanii waan hubataniif diini milkaa’ee hin beeku, haaluma kanaan xiiqiin xiqqii dhalee Ilmaan abbaa tokkoo “Macca Fi Tuulamni” Dibaabee tokko jalatti walitti qabamuun diinatti summii ta’anii waan tokkumaa isaanii ittiin jabeefatan tokkon as bahan;kunis Waldaa wal gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa ta’ee Siidaa Oromoo fi Oromummaa bu’ureessee Waldichis waa dhalee!!!

 Seenaa Fincila Diddaa Gabrummaa Barattoota Jalduu.    

  (Tasfaayee Bookaa Irkootiin )                            

Dhalootatu dhaloota diinaaf hin jilbiiffanne, dhaloota qawwee hin sodaanne, dhaloota eenyummaasaatiif sodaa tokko malee falmatu, dhaloota dhiiga goototaan became, dhaloota seenaa dhalootatu dhaloota qubeeti.

Gootonni kaleessaa kophaasaanii dammaqan, Haala rakkisaa keessa ta’aniit roorroo diduu jalqabanii diddaa nu barsiisan. Gootonni Jalduu diinaaf bitamanii hin beekne dhaloota diinaaf hin jilbiiffanne horachuun milkaa’aniiru. Seenaa qabsoo Oromoo keessatti aanaan Jalduu nama jabaa hundeessaa jaarmiyaa Oromoo jalqabaa kan ta’e Waldaa Maccaafi Tuulamaa hundeessee Oromoo bittinnaa’ee jiru gaaddisa tokko jalatti walitti qabuu kan danda’e Koloneel Alamuu Qixxeessaa Oromiyaaf gumaachiteerti.

Faana goota kanaa hordofuun gita bittootaa abashaaf jilbiiffatanii kan hin beekne gootonni hedduun aanaa Jalduutti dhalatan gootummaasaanii agarsiisuun diinaa hiraaarsaa falmaa hadhaa diina waliin geggeessaa turan hedduudha.

Gootonni Jalduu kanneen akka Mul’ataa Fayyisoo, Dinqaa Urgoo, Wagii Saattoo, Taaammanaa Bushuu, Tolasaa Haata’uu fi Tolchaa Wagiifaa mootota abashaatii osoo hin jilbiiffatan gootummaadhaan lolanii diina shororkeessuun cinaatti dhaloota Qubee falmii dhaalchisuun fakkeenya dhalootaa ta’uun haarsaa ta’anii darbaniiru.

Qaanqeen Qabsoo Bilisummaa Oromoo Gootota Oromoo kaleessaatiin qabsiifamte ukkuumsaa jajjaabaa diinaan irratti godhamaa ture hundaa damdamachuun calaqqee ifa bilisummaatiif laboobdee ramaca qabsoo Oromoo guddaa ta’uun diina guggubdee boqonnaa dhorkiteerti.

Dhalootaa dhalootattii fi bara gara baraatti hanguma darbaa deemu qabsoon bilisummaa Oromoo jabaachaafi babal’achaa dhuufuun fooliin qaanqeen bilsummaa Oromoo sabatti urgaahuu jalqabe.

Kufaatii Mootummaa Dargii fi Chaartarii keessaa shiraan dhiibamee baafamuu dhaaba Oromoo ABOtiin walqabatee qabsoon bilisummaa Oromoof godhamaa ture tooftaa tarsiimoo qabsoo jijjiiruuf dirqameera. Qabsoo karaa hidhannoo riphee loltummaatiin godhamu cinaattti Jaarmiyaa ‘ Qeerroo Bilisummaa Oromoo’ jedhamuu guutuu Oromiyaarratti mandhee fi Seeliin ijaaruun hoggantoonni Qabsoo Bilisummaa Oromoo tarsiimoo qabsoo haaraa hojiirra oolchaniiru.

Haaluma kanaan tooftaan tarsiimoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo haaraan kuni yeroo jalqabaatiif hojiirra ooluu kan jalqabe manneen barnoota sadarkaa 1ffaatii hanga Dhaabbilee Barnoota Olaanotti ture.

Tooftaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo haaraan bocamee hijiirra ooluu jalqabe kun qindaawaa fi saayinsawaa akkasuma haala qabatamaa yeroo keessa jirru waliin kan wal simatu tooftaa qabsoo ammayyoomee waan ta’eef akkuma hojiirra ooleen firii agarsiise.

Tooftaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo haaressi kun galma Qabsoo Bilisummaa Oromootiif murteessaa ta’uun erga yaaliin mirkanaa’ee booda manneen barnootaa sadarkaa 1ffaatii hanga Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo keessatti maqaa Jaarmiyaa  ‘Qeerroo Bilisummaa Oromoo’ jedhu jalatti Caaseffama Mandhee fi Seelii jedhamaniin barattoota Oromoo ijaaruun guutuu Oromiyaatti qabatamaan qabsoon Oromoo boqonnaa 2ffaan tooftaa qabsoo haaraa qabachuun qabsoo eegale.

Tooftaan Qabsoo Blisummaa Oromoo haaraan kun akkuma hojiirra ooleen manneen barnootaa aanaa Jalduu keessa jiran hunda keessatti caasaa isaa lafa qabachiiseera. Tooftaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo kun irra guddaan yeroo jalqabaatiif hojiirra kan oole manneen barnootaa yoo ta’u Barsiisotaafi Barattoonni Oromoo dammaqinaan hirmaataniiru.

Haaluma kanaan Jaarmiyaan Oromoo ABOn Tooftaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo haaraa kana karaa Dabballee isaa aanaa Jalduutiin hojiirra oolcheera. Barattoonni Oromoo manneen Barnoota aanaa Jalduu Caaseffama tooftaa Qabsoo ‘Mandhee fi Seelii’ Jedhamaniin ijaaramanii Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti dammaqinaan hirmaachuu jalqaban. Miseensa ijaaruu, qabsoof wal dadammaqsuu, hawaasa dammaqsuu, shira diinaa saaxiluu,Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo jabeessuuf buusii ji’aa buusuu, Oromummaa jabeessuu, manneen barnootaa keessatti gumii dagaaginaa aadaa, seenaafi Ogbarruu Oromoo  jalatti ijaaramuun ergama diinaa diduun Oromummaarratti hojjataniiru.

Barattoonni Oromoo guutuummaa manneen barnoota aanaa Jalduu keessa jiran Jaarmiyaa kana jalatti ijaaramuun haala Oromiyaa keessatti huumamu hundaa hordofuun waamicha Qabsoo Bilisummaa Oromoof  Dhaabasaanii ABO irraa godhamuuf kamiyyuu hirmaachuuf qophiidha.

Tooftaa qindaa’aan caaseffama qabsoo kanaa akkuma ajajni olaanaan haala qabatamaa Oromiyaa hordofee ajaja Fincila diddaa gabrummaa dabarseen karaa Dabballootaa hojiirra oola.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Fincila diddaa gabrummaa guutu Oromiyaatti finiinsiti jechuudha.

Seenaa fincila diddaa Gabrummaa Barattoota Oromoo keessatti Barattoonni Oromoo aanaa Jalduu hirmaannaa cimaa yoomiyyuu hin dagatamne galmeessiteerti.

Bara 1996 ALH tti taateewwan gurguddoon lama teessoon Mootummaa Naannoo Oromiyaa Finfinnee keessaa baafamuu hordofee raawwatera.

  1. Hoggantoonni Waldaa Maccaa fi Tuulamaa gochaa wayyaaneen rawwaatte mormuuf hiriira nagaa Finfinneetti waan yaamaniif hidhaatti guuramuun Waajjirri Waldaa Maccaa fi Tuulamaa cabuun meeshaan Waldaa kanaa guutummaan guututtti diinaan saamamameera. Waldaan kunis hanga yoonaa Finfinneetti deebi’ee waajjira isaa kan hin banatiniifi meeshaan saamames akka hin deebi’iniitti himama.
  1. Barattoonni Oromoo Dhaabbilee Barnoota Olaanoos Adaamatti jijjirramuu tessoo

Mootummaa Naannoo Oromiyaa kana morman, kanneen lakkoofsaan 300 caalaan Barnootasaaniirraa uugguramaniiru.

Haala qabatamaa Oromiyaan yeroo kana keessa turte giddu galeessa godhachuun hoggansi ABO yeroo san ture dhiittaa mirga namoomaa Oromoorratti raawwachaa jiruufi saamicha lafa Oromoo dhaabsisuuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo Fincila Diddaa Gabrummaa akka dhoosan ajaja dabarse.

Haaluma kanaan Fincilli diddaa gabrummaa Guutuu manneen barnoota Oromiyaa keessatti sadarkaa 1ffaadhaa hanga dhaabbilee barnoota olaanootti finiinuun diina boqonnaa dhorke.

Haaluma kanaan Manneen Barnoota aanaa Jalduu keessa jiranittis Fincilli kun jalqabuun diina shororkeesseera. Gaafffiin Abbaa biyyummaa Oromoo lallaaban kan irratti dhaga’ame fincilli kun Manneen Barnootaa aanaa Jalduu keessa jiran Mana baruumsa Jalduu sadarkaa 2ffaa / Koloneel Alamuu Qixxeessaa/ dabalatee manneen barnoota sadarkaa 1ffaa garaagaraa aanaa Jalduu keessa jiranitti mormiin cimaan godhamuun dhaadannooleen garagaraa abbaa biyyummaa Oromoo lallaban dhaga’amaniiru.

Haala uumame kanatti kan rifatte lukkeeleen waayyaanee yeroo san aanaa Jalduutii diina tajaajiluun garaasaanii guuttatan waraana wayyaanee Jaldutti waamuun uummata hiraarsisaa turaniiru.

Waraanni wayyaanee lukkeelee wayyaanee gaafas Jaldurraa diinaaf ergamaniin Jaldutti waammaman Barattoota Oromoo Mana Barnoota aanaa Jalduu sadarkaa 2ffaa dabalatee Manneen Barnoota sadarkaa 1ffaa kanneen akka mana Barnoota Bonii, Shukutee,Cobiifi Osolee jedhaman ijoollee xixxiqqoo waggaa 18 gadi ta’an jilmaan hidhuun mana hidhaa keessatti dararaa garagaraa suukkanneessaa ta’e, saammaa keessa gangalchuu, wal haammachiisanii quullaa Dhagaa caccabsanii waajjira poolisii aanaa Jalduu keessa lafa hafuun irra gangalchuu, Ispoortii humnaan olii hojjachiisuun ofwallaalchisuu, reebicha hamaa qaama fi xiinsammuu miidhuu danda’u irratti raawwachuu, kutaa dhiiphoo keessatti barattoota heddumminaan hidhuun miidhuu, barattoota dubaraa gudeeduufi humnaan ol reebanii qeensa miilaa irraa buqqisuu, Barattota qurra keessatti hidhuun miidhaa fayyaa dhaqqabsisuu, harka barattoota micciiranii cabsuu, maatii Barattootaa arrabsuu,jaarsaa jaartiin reebuu, hidhuu, abbaa manaa hidhanii haadha manaa fi ijoollee dubaraa gudeeduu, qabeenya uummataa saamuu, uummata doorsisuufi shororkeessuu, namoota  nagaa iddoo hojiifi karaarratti reebuu, dubartii dirqiidhaan gudeeduu,walumaagalatti hawaasa aanaa Jalduurratti jilmaan yakka suukkanneessaa seenan yoomiyyuu hin daganne waraanni wayyanee lukklee wayyaanee gaafasiin yaamame raawwateera.

Gama biraatiin ergamtoonni wayyaanee aanaa Jalduu yeroosanaa Barattoota Oromoo fincila kana adda dureen hogganan, barattoota qindeessan jedhanii dharan yakkan barattoota sabboontota ta’aniifi barnoota isaaniitiin cimoo ta’an bara barnootaa 1997ALHtti lakkoofsaan hedduu ta’an barnootarraa hugguruun doofummaatti anbisuuf yaalii gochuun ergama diinni Oromoo duufummaatti anbisuuf gootu fudhatanii diina Oromoo waliin sabasaanii doofummaatti anbisuuf yaaluun seenaa xurawaafi qaanessaa hojjataniiru.

Barattoota Oromoo mana barnootaa irraa dhorkuun xiinsamuu miidhuun ciinaatti ijoollee hidhaaf umuriin isaanii hin gahin himannaa dharaafi raga dharaa irratti qindeessuun mana hidhaa Godinaa Karchallee Ambootti erganillee hedduudha. Barattoonni lakkoofsaan  14 ta’an dhiira 10 fi dubarri 4 sobaan yakkamanii karchallee Ambootti erga yeroof darararamanii booda ragaan dhiyaatu waan hin jirreef manni murtii bilisaan geggeesseera, barattoota kana keessa barattuun Oromoo sabboontuu cimtuun waraanni wayyaanee reebichaan qeensaa miilaa irra buqqisan barattuu Guddisee Baqqalaa jedhamtu balaa tasaatiin addunyaa kanarraa boqochuusheetti gadda natti dhaga’ame barruu kanaa keessatti  yaadadhee yoon ibsadhu seenaan si yaadata yoon  jedhuun miira gaddaan guutameeni.

Sababa Fincila Diddaa Gabrummaa Barattootaa bara 1996 ALHtti godhameen wal qabatee lukkeeleen wayyaanee jaldutti yeroosan diinaaf ergaman bara barnootaa 1997 ALHtti barattoota lakkoofsaan hedduu ta’an barnoota irraa dhorkuunshee haarsaa diinni hin yaadin kan biroo kafalchiisuu danda’eera. Akkuma yaadatamu bara 1997 ALHtti filannoon biyyoolleessaa biyya  kanatti geggeeffamee ture. Barattoonni Oromoo aanaa Jalduu bara barnootaa kana gaaffii mirgaa waan gaafataniif qofa barnoota isaaniirraa dhorkamani yeroo isaanii lafatti hin ballissine. Carraa barnootarraa uggaramuun mana oolanitti fayyadamuun sa’aatii mana keessa ooluun balleessanitti fayyadamuun paartii Dr Maraaraa Guddinaan hundaa’ee barasan filinnoo biyyoolessaarrati hirmaachaa jiru deeggaruun walqindeessanii baasii mataasaaniitiin gandoota aanaa Jalduu keessa jiran hundarra naanna’uun duula nafiladhaa geggeessanii paartiin Dr Maraaraa Jaldurratti injifatee waggaa shaniif uummataJalduuf paarlaamaa galee sagalee ta’eera.

Sadaasa 20/1998 ALHtti Jaldu.

Hatamuu sagalee uummataa filannoo bara 1997tiin walqabatee gungummii cimaan uummata keessatti uumame yeroo eeggaatee gara dheekkamsaa fi mormii uummataa jabaatti jijjiiramuunsaa hin hafne.  Bara 1998 ALHtti Ji’a Onkoloolessaa gara xumuraa Fincilli uummataa dhaadannoo sagaleen keenya yaa kabajamu jedhuun magaalaa Finfinnee keessatti dhooye hordofuun Barattonni Oromoo mana barnoota Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Fincila kaasu jechuun shakkii qabduun ergamtoonni wayyaanee Ambotti wayyaanee tajaajilan Mana baruumsa Ambootti Waraana ramaduun barattoota eegsisuufi akka Barattoonni fincila hin kaasne doorsisuu jalqaban.

Dubbiinis kana qofaan hin xumuramne, barattoota Mana barnoota Amboo aalmee cabsuuf itti yaadamee qindoominaan barataa sabboonaafi jaalatamaa ta’e barataa mana barnoota Amboo Sdarkaa 2ffaa Jaagamaa Badhaanee osoo inni hiriyaasaa waliin mana barnootaatii bahee galuuf deemuu karra mana barnootaa irratti dhukaasa itti banuun rasaasaan tumanii garajabinaan barataa biroo isa waliin jiru waliin ajjeesan Gocha kanatti kan haaraan uummanni Amboo fincila diddaa gabrummaa dhoosuun guyyaa awwaalcha isaa uummanni garagalee bahuun huccuu gurraachaa huffatanii dhaadannoolee mootummaa wayyaanee balaaleffatuufi gumaan Jaagamaa guyyaa tokko bahuu akka danda’u balbaloomsu huursanii dhageessisan.

Ajjeechaa suukkanneessaa barattoota Oromoorratti Mana baruumsaatti raawwaate kana  balaaleffachuun guutummaa Oromiyaatti Fincilli diddaa gabrummaa dhooyuun teessoo wayyaanee raase. Haalumaa kanaan gootonni barattoota Oromoo Jalduu  Sadaasa 20/1998ALHtti ajjeechaa fi roorroo dhiittaa mirga namoomaa ilmaan Oromoorra gahaa jiru mormuuf karaatti bahan. Gootonni barattootaa mana barnoota Jalduu / koloneel Alamuu Qixxeessaa/ fi mana barnoota Goojjoo sadarkaa 1ffaa gamtaan walqindeessanii mormii taasisan irratti dhaadannoolee mootummaa gabroomsaa wayyaanee cimsee balaaleffatuufi mirkanaa’uu abbaa biyyummaa Oromoo leellisu dhaga’amaniiru. Ergamtoonni alagaa aanaa Jalduurratti diina tajaajilan tarkaanfii gootota barattoota Oromoo kanatti rifachuun poolioonni nagaa uummataa eeguuf hidhatan himaanaa cinaatti dhiisanii tarkaanfii ajjechaa barattoota irratti akka fudhatan ajajuun dhiiga barattoota  Oromoo sadi garajabeenyaan dhangalaasisan.

Barataa Nuurasaa Girmaa, Haabtaamuu Baayyataa fi  Abbabaa  Ajjamaa jedhaman gaaffii mirgaa waan gaafataniif qofa rasaasaan tumamanii ajjeefaman. Gootonni barattoota Oromoo Jalduu tarkaanfii ajjeechaa ergamtuun wayyaanee saba irraa dhalatterratti fudhachaa jirtu kana osoo hin sodaatiin harka duwwaa rasaasa akka cabbii gadi roobu fuuldura dhaabbachuun lapheesaanii rasaasatti kennanii falmaa cimaa gochuun ergamaa tokko irratti tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhachuun erga dhabamsiisanii booda hidhannoo isaa guutuu irraa hiikkatanii haaloo ajjeechaa barattoota Oromoo irratti raawwate yeroo osoo itti hin kennin guyyuma san bahuun barattoonni Oromoo aanaa Jalduu dhaaloota booree baattee hin galle ta’uusaanii mirkaneessaniiru.

Ajjeechaa suukanneessaa barattoota Oromoorratti raawwate kan haaran Qonnaan bultoonnii fi jiraattonni aanaa Jalduu hundi awwaalcha barattootaa irratti qawwee dhukaasuun dhaadannoo gumaan ijoollee keenyaa lafatti hin baddu jedhu gamtaan dhageessisaniiru.

Kanumaan wal qabatee Uummanni aanaa Jalduu gocha barattota irratti raawwateen garmalee waan haareef torbee lamaa oliif jiruufi jireenya hawaasummaa kanneen akka gabaa bahanii omiisha gurgurachuufi bitachuu dhaabuun gaddasaanii kan ibsatan yoo ta’u ergamtoonni alagaa yeroosan aanaa Jalduutii diina tajaajilan waranaa wayyaanee kadhatanii fichisiisuun uummata Jalduufi barattoota Jalduu jilmaan hiisisaa, reebsisaa, biyyaa ariisisaafi doorsisiisaa uummata Oromoo Jalduu shorkeessisaniiru.

Ergamtoonni diina aanaa Jalduu garaaf malee namummmaaf jiraatanii hin beekne barattootaafi jiraattota aanaa jalduu lakkoofsaan yartuu hin taane shiraan yakkanii himannaa fi raga sobaa irratti qindeessuun mana hidhaatti ugguruun barattoota Oromoo barnootarraa hidhuun tarsiimoo diinni Oromoo Oromoo barnoota irraa dhorkee doofummaatti anbisuuf baase galmaan gahuuf diina cinaa hiriiruun saba irraa dhalatan irratti yakka seenaan hin daganne kan raawwatan yoo ta’u abbootii warraa hedduu hidhaatti guuruun ijoollee warra malee anbisuun beelaafi dheebuu dabalatee rakkoo hawaasummaa garaagaraaf saaxilaniiru.

Haaluma kanaan barattoota Oromoo Mana barnoota Jalduu sadarkaa 2ffaa 3 dharaan yakkanii raga sobaa irratti qindeessuun murtii umurii guutuu kan irratti dabarsiisan yoo ta’u jiraattota aanaa Jalduu kan biroo lama irratti ammo murtii hidhaa waggaa jaha jahaa dharaan murteessisuun seenaa xuraawaa seenaan yoomuu hin daganne ergamtoonni wayyaanee aanaa Jalduu yeroosan diina tajaajilan raawwatanii darbaniiru.

Seenaa Fincila Diddaa Xumura Gabrummaa aanaa Jalduu.  

  (Aragamsiisaa Leenjisaatiin)

FDXG. Uummatni oromoo Aanaa jalduu bara 2008-2011 qabsoo bilisummaa oromoo galmaan ga’uuf ykn milkeessuuf akkuma uummata oromoo kamii itti iyyuu gumaachi inni hidhaa ture laayyoo miti. Akkuma uummatni oromoo mirgaa Abbaa biyyummaa isaa gonfachuuf kallattii addaa addaan qabsaa’aa yk fincilaa ture uummatni oromoo Aanaa jalduu keessa jiraatanis waan humni isaa nii danda’uun qabsoo oromoo keessatti adda dureen qooda fudhachaa uummata as ga’eedha. Uummatni oromoo Aanaa kana keessa jiraatu uummata dhimma dhuunfaa isaatii ol dhimma waloof iddoo kennee mirga isaaf gamtaan falmachuun beekkamuudha. FDXG hayyootaa fi qabsaa’ota bilisummaa oromoon qindaa’ee bara 2008 oromiyaa guututti hooggansa jabaan durfamee gadi ba’e fudhachuun fincilli uummatni jalduu geggeessaa ture seenaa keessatti yoom illee kan  dagatamu miti.   Seenaa FDXG bara 2008 bifa qindaa’een godhamaa ture keessatti ga’een qeerrooqarree fi uummata oromoo aanichaa shoora guddaa qaba.Keessumaa iyyuu taatewwan FDXG wal qabatee aanicha keessatti raawwatan keessa muraasni kan armaan gadiiti :

  1. Lola mootummaa goolessituu wayyaanee fi uummata Aanaa jalduu jidduutti bakka koluu edensaa galaanitti ta’e. Lola kana keessatti uummatni gandoota baadiyyaa gooroo,tasoo, shukutee ,osolee fi koluu gamtaan qawwee qabuun waraana mootummaa goolessituu wayyaanee Aanaa jalduu uukkaamsuuf gara magaalaa shukuteetti socho’aa ture irratti gamtaan hanga rasaasni harkaa dhumtutti onnee mootummaa fi sabboonummaan guutamteen lolanii diina hedduu kuffisanii jiru. Jaallan guyyaa kana wareeggaman hedduudha.
  2. karaa cufuun fi qabeenyaa mootummaa fi kaadiree wayyaanee irratti tarkaanfii fudhachuun  oromiyaa bal ‘oof barnoota gaarii akkatti diina abdii kutachiisan barsiisee jira.
  3. yeroo jalqabaaf kaadireen uummata miidhaa ture uummata jalaa ba’uuf ykn baduuf yaalii godhuu dhiisee uummatatti harka kennatee badii dalagaaf uummata miidhe dhiifa gaafachiisun Oromoota maraaf uummata waan boonsaa dalagaa turaniidha.Walumaa galatti uummatni  Oromoo Aanaa jalduu bara dhufaa dabraa dhiibbaa mootummaan gabroomfataa habashaa isa irraan ga’aa ture  of irraa qolachuuf haarsaa gurguddoo kanfalaa uummata sadarkaa qabsoo Oromoo kanaan ga’uu keessatti shoora guddaa taphatanii jiru. Uummatni keenya akkuma kaleessaa hanga har’aatti qabsoo Oromoo kanaan ga’uu keessatti shoora guddaa taphatanii jiru. Uummatni keenya akkuma kaleessaa hanga har’aatti qabsoo Oromoof  wareegama barbaachisu baasaa ture hanga bilisummaa keenya gonfannutti  baasuuf qophii ta’uu isaa kabajaan uummata Oromoo qabsoo Oromoo tumsaa jiraniif dhugoomsuu feena.reegama barbaachisu baasaa ture hanga bilisummaa keenya gonfannutti  baasuuf qophii ta’uu isaa kabajaan uummata oromoo qabsoo oromoo tumsaa jiraniif dhugoomsuu feena.

Gumaacha Aartii fi Ispoortiin

 Aanaan Jaldu akkuma gootota mirga sabaa kabachiisuuf qawwee kaasan hedduu biqilchuun Oromiyaaf gumaachuute karaa aartii fi Isportiitiinis dhaloota ciccimoo qabsoo Oromoo keessatti ogommaa keessa jiranitti gargaaramuun qooda guddaa taphatan qabdi.

Karaa Ispoortii Atileetiksiitiin goota qabsoo Oromoo keessatti raajii jabaa dalaguun seenaa jabaa galmeesse, Olompikii Ri’oo irratti dorgommii atileetiksii Maraatoonii Itiyoophiyaa bakka bu’ee kan hirmaate sadarkaa 2ffaa bahee yeroo xumuru harka waliin xaxuun mallattoo mormii Oromoo agarsiisuun sagalee uummata Oromoo tahuun qabsoo FDXG cinaa kan hijjate atileet Fayyisaa Leellisaa Gammachuu Oromiyaaf kan gumaache aanaa Jalduuti.Akkasumas atileet Hayilee Qorichoo fi Ilfinash Diroo jedhaman atileetota aanaan Jalduu Oromiyaaf gumaachite keessaa muraasa Gama aartii walleetiinis hacuuccaa fi dhittaa mirga namoomaa ilmaan Oromoorra gahaa tureefi jiruu sagalee olkaasanii afaan aartii fi muuziqaan waa’ee Oromoo lallabaa kan turan weellistoota ilmaan sabaa ta’an hedduu Oromiyaaf gumaachite aanaan Jalduu.

Miseensa Baandii WBO bara chaartarii kan turtee fi haadha alaabaa jedhamuun kan beekamtu haati Oromoo Miliyoonotaa gotittiin Oromoo artisti Angaatuu Baalchaa Oromiyaaf kan gumaache aanaa kana.

AKkasuma Qeerransoo gooticha Oromoo leenca sagalee rasaasaa artisti Caalaa Bultumee Oromiyaaf kan gumaache Jaldu. Akkuma beekamu weellisaan kuni sagalee uummataa ta’uu weellistoota Oromoo hunda dursuun lubbuusaatti murteessee ogummaasaatti fayyadamuun Maaster pilaanii kan mormeefi ka’I Qeerroo hin kaanaa jechuun qeerroo bilisummaa Oromoo miliyoonaan gara qabsoo Oromootti artiisti fidedha. Artisti Kumaalaa Addunyaa, Abarraa Warquu, Jaagamaa Taaddalaa, Bilisummaa Dinquu, Wabii DHaabaa, Bilisummaa Birrii, Fikaaduu Kidaanuu fi Bilisummaa Baqqalaa faa artisti Jaldu Oromiyaaf gumaachetedha.

OROMUMMAA

(Birraa Bajigaa Badhaasaa ttiin)

Dhiigni Oromoo tokkuma garuu lafa dhalootaa fi haala jireenyaattiin gargar ta’uu danda’a.Sabni Oromoo Kuushota keessaa isa tokko ta’ee yeroo dheeraa dhaaf jechuunis dhaloota Kirstoosin dura kaasee gaanfa Afriikaa fi Kaaba Baha Afriikaa irra akka ture seenaan raga baha.Oromoon baroota bayyeef Kallattii Kaabaa gara Kibbaatti babaldhataa umata Habashaan dhiibamaa ture.bar-dhibbee 16ffaa keessa naannoo Madda Walaabuu erga gahee wal ijaaree lafa abbaa isaa kan duraan irraa dhiibame deebifachuuf bakkuma madda walaabuu jedhamutti murteefate. Haaluma kanaan milkaawee deebi’ee lafa abbaa isaa  duraanii qabatee irra jiraata jira. Utuu Oromoon garmalee hin baayatiin dura bulchiinsa Mootummaa Gadaaf akka tolutti gosoonnii Oromoo lama lamaan walitti cimdaa’anii jiraatu ture: Ittuu fi Hunbaana,Sabboo Fi Goonaa,Sikkoo Fi Mandoo,Maccaa fi Tuulama,Raayyaa fi Azeeboo dha.

Oromumaan Maali? Oromummaan eenyummaa uumata Oromootti. Eenyumaan dimshaashaan yoo ibsamu immoo Aaada,dhugeeffannaa(Amantii), Sirna bulchiinsaa, Afaani fi Seenaa ofii beekuu faa ta’a.Akkuma beekkamu ummanni Oromoo Oroorroo alagaa jalatti kufuu isaa irraa kan ka’e eenyumaan isaa (Oromummaan) gaaga’ama guddaa keessa galeera.Rakkoo hamaa uummata oromoo irra ga’e kana uumani Oromoo jalqabumaa kaasee falmachaa wareegama ulfaatoo kaffaleera, Fkn. Duuguginsa sanyii Calanqqoo,Aanolee fi Gulallee irratti raawate yaadachuun ni danda’ama.

Baroota garii darban keessa Oromoon mallattoo Eenyummaa Oromummaa ta’an siyaasaa mataa isaa Bulchiinsa Mootummaa Gadaa,Amantaa mataa isaa Amantaa Waaqeffannaa fi sirna bara lakkawii(calander) mataa isaa kan ta’een gaggeeffamaa fi bulaa akka ture seenaan qaroomina kuushotaa dhugaa baha.Qaroomini kun kan kufuu danda’e yeroo sirni bulchiinsa Ormaa Oromoo irratti duulun Oromummaan Saalfii ta’ee gita bittaa alagaa jalatti kufanii dha. Haaluma kanaan Oromoo fi Oromummaan, Afaan,Aadaan, seenaan,Amantaan,xiinsammuun (psycology),duudhaa,qabeenyaa fi lafti isaanii irraa mulqamanii,balaa irra akka bu’an ta’ameera.

Qoqqoodanii bulchuun (divide$ rule) sirna bittaa faranjoota Ingiliziitiin dhufe.Warri Oromoo qabatanii bitanis kanuma hojiirra oolchuunii,oromoo bakka baay’eetti qoqqoodanii “ati kana malee sana miti”ittiin jechuu dhaan Oromoon Oromummaa isaatti akka saalfatuu fi tokkummaa isaa akka dhabu dhukkuba hamaa itti fidan.keessattuu bara 1943 booda godiinoonni har’aa hundi maqaa argatanii,namni godina ykn kutaa lafaa tokkoof akka caalatti amanamaa ta’ee Oromummaan isaa du’u kan taasifame.

Ummani Oromoo lafa kamirrayyuu yaa jiraatu Oromoo dha. Fakkeenyaaf kan Harargee keessa jiraatan Oromoo dha malee Harargoota miti,kan Gujii keessa jiraatan Gujjoota miti,Shawaa keesa kan jiraatu Shawoota miti,Wallagga keessa kan jiraattu Wallaggoota miti,Baale keessa kan jiraatu Baalota mitti Oromoo dha malee Baroota dhiyoo as naannoo (1960 A.L.A keessa) namoonni qaroo ta’anii gaaga’ama Orommumaa kana hubatanii badii irraa baraaruuf jecha bifa haalli yeroo sanaa heyyamuun ijaaramanii Oromummaa deebisanii ijaaruf xiiqqefatan. Haaluma kanaan Oromootni akka Kol.Alamuu Qixxeesaa,Haila Maaram Gammadaa, Maammoo Mazamir fa’i ta’uun bara 1963 A.L.A tti (1955 A.L.H) Waldaa Maccaa – Tuulamaa bu’ureessanii sochii Oromummaa deebisanii ijaaruu jalqaban. Haaluma kanaan Oromummaan ganamaa harka diinaatin duuni itti murtaa’e du’a jalaa oolee.

Madda raga.

1. Seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffaa, 2004

2. Ilaalcha Oromoo,2009

3. Oromummaa,2008

Gola seenaaAanaa JalduuMagaalaa gudditti Aanichaa Goojjo

Too’atamuu Bulchiinsa Aanaa jalduu humna Addaa WBO tiin bara 1990 E.C irraa kan ka’e Aanaan kun yeroof humna Addaa waraana billisummaa Oromoo harka seenteet turte ,haaluma kanaan Hidhamtoota;dararriin hamaan irra gahaa ture yeroof Bilisoomsaniiru.. Waxabajjiin 21 bara 1992 Waajiralewwaan ABO aanalewwan adda addaa keessa jiran hundi cufamaniiru. kan osoo hin cufamiin hanga dhumaati falmaa gaggeessa ture fi jiru waajiira Jalduu qofa. Waraani wayyanee  fi ergamtooni diinaa Oromiyaa mara keessa faca’anii uumatta burjaajessa kan turan haala salphaan aanaa kana too’achuun hin dandeenye. Taateen Fincila diddaa gabrummaa barattoota Aanaa Jalduu  bara 1996 fi 1998 A.L.LH. akkasumas Xumura Farra Diddaa Gabrummaa(XFDG) bara 2000-2008 A.L.H falmaa hadhaawaa uumani kun gaggeessaa ture seenaan kan hin daganedha.

Lola Kilbee

Gandi Kilbee iddoolee seenaa qabeessa Aanaan Jalduu qabdu fi falmaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti godhame keessaa ishee tokko dha. Lolala gaafa Kilbee WBO fi uummata naannootiin waraana Wayyaanee (TPLF) gidduutti godhamuu isaatiin lolli kun ganama keessaa sa’a 3:30 – 2:00 galgala keessaa ture; guyyichi gaafa guyyaa 19/11/1984 E.C ture. Lola diina waliin tureen Wareegamtoota gaafa Lola kanaa turan keessaa: Ja/Tolasaa Haata’uu kan guyyaa sa wareegameefi Jal/Xibabuu Ijoo  lola guyyaa biroo kophaasaa lola diini irratti banteen osoo loluu wareegameera  Maddoolee keessa Guuttataa Fufaa (Utturee) fi Jaal Baqqalaa Calqabaa namoota lola kana gubbaatti madaawan keessa turan.

Lolli Kilbee harki Caalaan isaa kan adeemsifame uummatuma naannootiin ture. Hirmaattota lola Kilbee keessaa Muraasa:

J/ Tolchaa Wagii, Artisti Zarihuun Wadaajoo, Artisti Ilfinash Qannoo, Artisti Yooseef Gammachuu, obboleettii isaa Artisti Baqqaluu Gammachuu  fi Kanneen biro hedduu kaasuunillee ni danda’ama.

Waraanni Wayyaanee hedduun dhumuu isaanii lolli  Ganda Kilbee gaafa guyya kanaa akkuma raawwateen WBO  imala isaa gara Dullaa Qorichaa Malkaa Dullaa ce’uudhaan Aanaa Meettaa Roobii  naannoo Tulluu Gowwaa Boroo Jedhamu qubatee ture.Waraanni diinaa oddeessituu irraa Qubannaa WBO fi uummata naannoo akkuma dhageessen,Aanaa Meettaa Roobii magaala Shinoo irraa gaafa Guyyaa 26/11/1984 ganama sa’a 4;00-8:00tti lola banuu isaanitiin Injifannoo WBOtiin goolabame. WBOn imala isaa gara Aanaa Jalduutti osoo Gochaa jiruu  naannoo laga Dullaa ganda Ilaala Waddeessaa tti Diinni Haxxee WBO irratti hiitee; lolli Waraana Diinaa fi WBO gidduuti taasifame lolli gaafa Malkaa Dullaa eegale. Waaraanni Diinaa Meeshalee waraanaa xixiqqaa hanga  gurguddaa  fayyadamuu isaatiin qabeenya fi lubbuun qabsaawota hedduu miidhumus WBOnis waraana diina irraa hedduu galafateera.

 Lola Gaafa Malkaa Dullaa: Lola Gaafa Cobii!!

Waxabajii 30 bara 1992 guyyaan isaa hojjalamaanii ( Tuesday) aduu gabaan Cobii dhaabbatu.

Namni keenya waan gurguraatuu fedhu gabaa geessee gurguraatuufi wal irraa biitu ture. Bara sana gabaan Cobii ,waan hin gurguurre hin qabidu .Kan Qawwee bituu barbasdees achumatti dhukaase ilaalee rasaasa isaa waliin bitaata. Gabaa Cobiittti waanti namni barbaadu hunduu ni argaama. Akkuma gabaan dhaabbatee walitti duddeen waraani Wayyanee hedduun uummata Aanichaa goolessaa jirtu, magaalaa Cobiitti marsitee  ummata nagaa nagana gabaa isaa Lolli kun WBO fi Wayyaanee gidduutti  gaafa daldalachaa jiru,nagaa dhowwun dhukaasa Guyaa 26/11/1984 ganda Baddeessaa irratti banan. Waraanni Wayyaanee akkuma Osoleetti guyyaa Waaree booda sa’a 10:00 gabaa marsiteen namatti dhukaasaa, gara irraa eegalee hanga Halkan waariiti raawachuu ijoolleen Sabbontooni fi degaartooni ABO isaa seenaan raga ba’a. haaluma kanaan bakka jiranitti qajelitte. waraani hamaan Jaalleewwan hedduun WBO irraa kan baname. Ummata nagadachuuf gabaa bahe wareegaman yoo ta’u, Jaalleewwan muraasni irratts waraani baname. Baqqalaa Taammana Bishaaniin Nyaataman seenaan Malkaa kanaa fi obboleessi isaa Caalaa Taammanaa waliin hin dagatu. Hata’u malee falmattootni haqaa nagadachuuf gabaa Cobii bahan. Caalaan salphaati kan kufan ossoo hin taane Waraana Sangaa nagada. ” Namni si hin beekinne, si Wayyaanee hedduu barbaadeessun madaaliin” jedha Oromoon.  Waraani dhummaratti  WBO  fi uummata naannoo irraa wayyaanee meeshaa waraanaa of harkaa namooni murasni harka diinaatiin qabdu abdaattee ummatta nagaa gabaa ba’ee booji’amaniiru isaani kana keessa akka irratti akkuma dhukaasa baneeten loltuun fakkeenyaatti,Artisti Zarihun Wadaajoo, Artisti Wayyaanee tokko biruma dhaabbatee mucaa Ilfinash Qannoo fi kanneen biro heeruun ni nagaa, harka duwwaa jiru Caalaa Taammanaa danda’ama.

Rasaasan, obboleessa isaa Baqqalaa biratti rukutee kuffiste. Kanaan booda dubbii jabduun hojjataamitte ” Harree alaakttee dhufitte, alaakisiisaa galchu ” jedhu mitree? Baqqalaa Taammanaa osoo arguu waraana Wayyaanee obboleessa isaa rukute, Shuguuxii “Mikroovii”mudhii irraa qabu,luqqifaatee, adda isaa irratti naqee, diiph isa godhe. Qawwee isaas ( kan Tigrichaa) irraa fudhaatee  utaalee mana laman jidduu yeroo seenu, rasaasa akka bokkaa itti roobsan. Waraani wayyanee, inni tokko mana jala dhokaatee Baqqalaa rukukutuuf yeroo inni ofirra gadi taa’u gooni Oromoo Abbabaa Xaafaa mana keessa ta’ee balbala Foddaa irran gadi arge.

Abbabaan osoo inni dursee Baqqalaa hin rukutiin dursee” elaa irratti naaf eegaa” jedhe  Qiyyaafatee yeroo gadi itti dhiisu, Bombii F.1 mudhii isarratti hidhatee jiru irratti rukute.

Bombiin Abbabaa Xaafaa waraana wayyanee irratti rukuute, dho’ee foon isaa akka galabaa garbuu facaase. kanaan booda lolli hamaan uummata Cobii fi waraana Wayyanee gidduutti godhame. Ummanni Cobii diina Qe’ee isaatti isa ajjeesuuf dhufitte kanaaf barnootafi adaba ga’aa isaanf madaalu keenneefi.

_____________

Itti fufa!!!

Gootawwan Wareegamtoota Aanaa Jalduu

Gootota Wareegamtoota Oromoo Aanaa Jalduu bara 1984-1989 H.L.I

Jaal Taamanaa Bushuu

Gootichi kun bara 1984 gaafa Wayyaneen Waajira Adda Bilisummaa Oromoo Aanaa Jalduu Weerartu lola Taasifameen Jaalleewwan isaa Baraaree Diina irratti tarkaanfii cimaa fudhateen PKM Maatriyeesiin gootummaan osso loluu wareegame!

Jaal Tolasaa Haata’uu

Gootichi kun bara  lola Dinnee Diddaa nama qooda guddaa ba’aa turan yoo ta’u,weerara Wayyaneen  Oromiyaa irratti banteen qabsoo hidhannoo eegalan. haaluma kanaan gaafa Guyyaa 13/11/1984 E.c. Naannoo dhaloota isaani Ganda Siibaa Osolee jedhamutti, waraani Wayyaanee qe’ee isaanii irratti Lola bante;lola kana qolachuun maatii isaanii waliin qophaa isaani Guyyaa tokkoof erga lolanii booda;diina irraa Ajajaa garee Waraanichaa dabalatee namoota Sadi(3) galaafachuun;hedduu isaanii maddeessun lolichi injifannoo isaanitiin goolabame. gootichi kun waraana kilbeetti gaafa guyyaa 19/11/1984   ijoollee isaa  sadeet(8) waliin osoo lolanii wareegaman.

Jaal Xibabuu Ijoo

Xibabuu Ijoo

Goottichi kun  naannoo Kilbeetti Kophaa isaa waraana wayyanee waliin guyyaa guutu lola tasifameen rasaasa diinaatin wareegame.

Jaal Baqqalaa Taamanaa

Baqqalaa Taammanaa

Gootichi kun Waraani Wayyaane Aanaa Jalduu Magaala Cobii  keessatti  Uummatta irraa qawwee hiikuuf yaalii godhameen Lolli baname.Lola kana keessati Jaalleewwan isaanii kanneen akka; Jaal Ababee Xaafaa waliin ta’uun diina irraa namoota hedduu galaafachuun Lolli guyyaa kanaa Olaantumaa isaaniitin goolabame. Haaluma kanaan gootichi kun Qe’ee fi Maatii isaa dhiisun gara bosona Diggootti maandheefachuun falmaa isaa itti fufe dhumarratti harka diinaa galee mana Hidhaa Aanaa Jalduutti hidhaaara ossoo jiruu,halkan waarii Wayyaaneen fuutee baaftee naannoo Sariitii jedhamutti ajjeefte.

Jaal Buttaa Horaa Kootuu

Buttaa

 Bara 1984 ossoo diinaan wal falmuu qabsoorratti lubbuun isaa dabarte.

Jaal Dirribaa Dhugoo

Abbabaa Xafaa  Leenca Lubbuu Baqalaa Taamanaa oolche! Diina hedduu galafate.

Jaal Tarrafaa Qumbii

Tarrafaa

Dargaggoo Jarman Gaaddisaa

Dargaggoo Jarman Gaaddisaa

Jaallan Jalduu

Jaal Mul’ataa Fayyisoo

Dursaa Loola Gotoota Jalduu Isa Caalqabaa (lola Dinnee didaa) bara Dargii keessa kan wareegaman

Mul'ataa FayyisooBaatii Sadasaa bara 1977 Oromonni lakkofsaan xiqqaa ta’an Mootummaa abbaa irree tti qawwee keenya kenninee nutti hin-rorrisu! jeechuun loluuf murteefatani magalaa Jalduu irraa Kilo-meetra 10 irraatt kana argamuu mana obbo Mulataa Fayyisootti wadaa fi kakuu waliif seenuuf halkan wal beellaman. Mana Obbo Mulataa fayyisootti kanneen waadaa seenuuf dhufan bayyinaan namoota 7 qoofa. Gootonni kun torban isanii iyyuu, anaa Jalduu keessaa gandoota adda addaa keessa dhufani.

Isaniis: Mulataa Fayyisoo, Wagii Sattoo, Mogoraa Tujjoo, Raggasaa Fayyisaa, Baqqalaa Urgee, Atomsaa Urgee, Guddisaa Gamaa turan. Gotoonni Kun 7, Korma Qalanii, dhiiga buruqisanii, “walitti hinmallu,! hangaa gaafa dunutti wali irraa hindheesnuu,!” jedhaanii, wadaa hincabinee wal seensisaan.

Jaallan Jalduu VIIJaallan Jalduu VIJaallan Jalduu VJaallan Jalduu IVJaallan Jalduu IIIJaallan Jalduu IIOromo-flagOromia shall be free!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s