Obbo Baqqalaa T. Ayyaanaa: Seenaa Amboo (Kutaa 9ffaa fi isa xu,uraa)

AmboSeenaa Amboo

Kutaa 9ffa fi isa Xumuraa

Barreessan Baqqalaa Tafarraa *

Marsaa FaceBook obbo Tolcha Wegi irraa kan argame

Yaada Xumura

Jireenyi daandii dha.Utuma bu´iif bahiin jiraachuun beekamuu adeemsi jalqabama.Bakka hawwan gahuuf wabiin hinjiru. Inni jalqabe akka haallii fi dandeettiin isaa isaaf ehame irratti hundaayee waan jalqabu jalqaba. Yoo bakka gahuu hanqate dabareen kan dhaloota itti aanuuti.

Jalqabni waan hundaa kan hanqina “hinqabne” dha jedhanii ilaaluun dogoggora ta´a. Ergi darbe booda hanqina tarreessuunis salphaa dha. Hanqina tarreessuu cinaatti ‘Abjuun Abjootame’sirrii ta’uu hubachuun gaariidha dha jedheen amana.

Harqootni garbummaa Uummata Oromootti akka hindhufne gootummaan falmuurrattiis ta´e ergi dhufee booda uf irraa kaasuuf lubbuu ifaa fi dhokssaan dhangala´e lakkoobsaan kaawuun ulfaataa dha.

Addunyaa kana irratti Mootummoonni hedduun Uummatoota adda addaa irratti daba hojjetanii jiru. Miliyoonotaan lafarraa dhabamsiisanii jiru. Akka galmee seenaa adda adda irraa dubbifamutti Warri Awurooppaatii Amerikaatti godaane Uummatoota Warra Biyyaa( Indians )hedduu fixanii jiru. Yeroo Lola Addunyaa 1ffaa Turkiin Ummata Armenia miliyoona 1.5 ol akka lafarraa duguugde seenaa irraa dubbifama. Hitler Ummata Yehudaa Miliyoona hedduu fixuutu galmaayee jira. Qubattoonni Awurooppaa biyya har´a Australia jedhamee beekamu keessatti Ummata Abba Biyyaa/ Aboriginal Peoples/ ta´an kan lakkoobsaan himuuf rakkisaa ta´e lafarraa duguugani. Warri dhumaatii irraa hafes gidiraa adda addaaf saaxilamee jira.

Mootummaan Jarmanii sanyi-duguuggaa Hitler hojjete ifatti balaaleffachaa jira. Mana barumsaatti xurii seenaa kana akka ijoolleen barattu barnoota seenaa keessatti ammatamee jira. Warra Hitler fixe ittiin yaadachuuf saddoon magaala Berlin keessa dhaabatee jira. Mootummaan Australia bara muraasa dura daba hojjetamee tureef dhiifama gaafatee jira.

Empaayera Itiyoophiyaa ijaaruuf daba Sahile Sillaaseen, Tewoodros, Yohannis fi Minilik hojjetan kan warri Adii hojjetan irraa hedduu adda miti.Seenaan Goodaa Boruu, Azulee fi Anoolee godaannisa seenaa Empaayerri Iiyoophia Uummatoota Kiibbaa irratti uume dha.

Yeroo Minilik humnaan qabate qofa utuu hintaane hanga xumura Lola Addunyaa 2ffaatti Saboonnii fi Sab-Lammiileen Kiibba Impaayerichaa keessa jiran akka meeshaatti gurguramaa turani. Qabxiin boodatti-hafummaa sirna Habashaa saaxiluuf Xaaliyaaniin League of Nation irratti dhiheesse keessaa tokko qabxii nama nagaduu/slave-trade ture.

Akka fakkeenyaatti waan lammiin Ingilizii, Major Polson Newman kitaaba isaa Ethiopian Realities (1936, pp 93-94) keessatti barreesse haa ilaallu:

” ……The extent to which these[ Southern Peoples] areas have been depopulated is shown by the fact that, prior to its conquest, the population of Kaffa was estimated at 1,500,000 but owing to the slave-trade and the removal of population by the gabar system, it has been reduced to 20,000. In the same way, the slave-trade in men, women, and children has so reduced the population of Gimira that it dropped in fifteen years from 100,000 to 20,000 inhabitants, and the same may be said of many other states.”

Egaa warri Minilikiin faarsan xurii akkasii kaasanii dubbachuu lagachuun nagaa fi araara odeessaniif waan bu´uuraatu isaan hafa. ” Okkotee dhiiftee laga dhaqxe ” gowwaan jennaan ” Maaliin galtee ” jedhe jedhani gamni.

Maqaan seenaa hima.Kanaaf ammoo utuu fagoo hindhaqne Finfinnee keessatti maqaa gandoota lamaa haa ilaallu.

1) Gimiraa Safar:

Ummatoota Kibba jiran keessaa ummanni Gimira jedhamu tokko dha. Finfinnee keessaa Hospitaala Amanuelii gadi hanga warshaa Kookaa Kollaatti dur Tolasaa Safar jehdamee beekama ture.
Tolasaatu akka seenaatti naannoo kana bulchaa ture. Maqaan Ganda kanaa Mootummootuma jijjiiraman waliin hanga ani beekutti yeroo sadii jijjiirame. Ergi Gimiraan humna waraanaa Minilikiin qabamee booda dhaloonni Gimiraa hedduun humna qawweetiin dirqamanii Finfinnee fidamani. Kan fidaman akka warra qawwee qabatee isaan gabrooffateef hojii hojjetaniifi(slavery). Kan Isaan qubsiifaman ganda Tolasaa Safar jedhamu kana ture. Maqaan gandichaas achumaan qubsuma uummata kanaa booda”Gimiraa Safar ” jehdame. Bara 1970moota keessa ammoo ” Gannat Safar ” jedhamee kiristinnaa ka´e. Weeraraa fi dirqiitiin Finfinneetti fiduu keessatti qoodni Fit. Qusee Dinagdee guddaa dha.

2) ‘Dorzee’ Safar:

Gandi lammaffaan naannoo “Dorzee Safar” jedhamee beekamu dha.Ummanni kun humna qawweetiin dirqameetu Finfinnee qubsiifame. Kan isaan dirqamanii fidamaniifis akka warra isaan garboomfateef uffata dhahani dha. Oolmaan isaanii Boolla Arbii keessa. Ufii isaanii naannoo Saala isaaii irraa ala qullaa dha. Warra Raroo uffatee humna qawweetiin isaan gabroomfateef jirbii fo´anii, uffata dhahanii nama isaan fakkeessani. Kun waan lama nutti hima. Gama tokkoon warri qaroomina ‘silixxaannee ‘ fidne jedhee uf tuulu beekumsaa fi qaroomina qullaasaa ittiin dhokfachuuf isa geessisu illee akka hinqabne agarsiisa. Gama kaaniin ammoo yaaliin daba darbe dhoksuuf godhamaa jiru hangam keessi isaa duwwaa akka ta´e agarsiisa.

Ummanni Gimiraas ta´e Ummanni ‘ Dorzee’ fandalalaaf jedhee wal guuree fedhii isaatiin Finfinnee hindhufne. Madda seenaa akkasii irraa kaaneetu waliif dhiisuu dura daba sirni darbe hojjeteef beekumsa kennuun waajiba jenna. Itiyoophiyaaf imimmaan naachaa boowuun qofti furmaata miti. Daba seenaa darbe keessatti hojjetameef dhaloonni har´aa haa fannifamani kan jedhee gaafatu hinjiru. Garuu Dhagaan Dhagaa dha malee Daabboo miti jenna.

Qabxiin Koloneeffattoota Awurooppaa fi kan Itiyoophiyaa adda godhu daba hojjetamee ture akka dabaatti beekumsa kennuu fi hinhojjetamne jedhanii haaluu dha. Daranuu Minilik daba hojjetetu faafrfama. Gidiraan Azulee fi Anooolee irratti hojjetame daba seenaati jechuurra, Siidaa dhaabate kana “diigaa ” nuun jedhu warri dhaloota jaarraa 21ti ufiin jedhu. Gama tokkoon dhugaa haalaa, isa daba hojjettes faarsaa gama kaaniin ‘ waliif dhiisaa, araaramaa,… ‘ kan jedhu dhagahaa jirra. Ergi dabni hojjetame hinjiru jedhama ta´e araarra maaliitu barbaachise? Maaliifuu haa ta´u duulli har´a sirna gidiramaa darbe kana faarsu madaa keenya hammeessa malee araaraaf bu´uura ta´uu hindanda´u.

Oromoonis ta´e uummanni Kiibbaa waan darbeef waan inni barbaadu waan tokkittii dha. Innis daba adeemsa Impaayera Itiyoophiya uumuu keessatti hojjetamee tureef beekumsa /recognition/ kennuu dha. ” Waraabessi waan halkan godhe beekaayyu guyyaa Boolla keessa oola ” jedhama.
Yeroo isaan dhala namaa ajjeessan cubbuu miti. Sadddoon isaanii Handhuura Finfinnee walakkaa dhaabata.Warri isaan jalatti amanamummaa horate awwaalli isaaniis dhokataa, maqaan yaadannoo isaaniif kennames yoo hiikamu isa jiruuf arrabsoo dha. Daba Fitaraarii Qusee Dinagdee, kan koloneeffataan ” Abbaa Malaa ” jedhee waamu, Iyyaasuu irrattis ta´e, Abbaa Iyyaasuurratti hojjete fi kan inni Abeebee Tufaa irratti hojjete daba wal irratti hojjennuuf xurii seenaa balfamaa dha. Fit.Quseen eenuuf male?, Eenyutti male? jennee gaafachuun gaarii dha.

Garuu yaadannoo maqaa Fitaraarii kanaaf kan kenname isa jiraatee xiinxaluu danda´uuf ergaa gaarii ture. ” Habte Giorgis Dildiyyi ” tu yaadannoo isaa ta´e. Dheedhii isaatti yoo ilaallu yaadannoo gaarii fakkaata. Garuu akka ilaalcha kiyaatti ” sirra adeemneetu laga kana ceene; Walisoo fi Maaruu sirra adeemnee qabanne;…” waan jedhu natti fakkaata. Abjuun akkuma hiikanitti!

Maqaa Abbaa Haile Sillaasee, kan Ras Makonnon yoo ilaallu kan Fitaraarii Quseerraa adda miti. ” Ras Makonnon Dildiyyi ” tu moggaafameef. Raas Makonnon Dobba irraa ka´ee laga ‘Ginfillee'[Piassaa] isaan ceesise. Qee Tufaa Munaa fi Qee Abeebee Tufaatiintiin isaan gahe. Galtni yaadannoo isaa ” Dildiyyi ” ta´e.Inni itti aanu eessaa fi eenyu ta´a laata ??

Sirnaa fi Nam-Tokkee Adda Baasu
________________________________

Kan nama miidhu,cunqursu fi dhala namaa irratti daba hojjetu sirnaa Mootummaan tokko ittiin masakamtu dha. Biyya sirni tokkoo isa tokkoof loogee isa kaan cunqursuuf uumame keessatti namni nama hunda walqixa tajaajilu yoo jiraate illee lubbuu hindheeratu. Akka biraatti yoo ilaallu ammoo, sirni haqaa fi wal-qixxummaa dhala namaaf utubame tokko akka namoonni abbaa aangoo ta´anii nama cunqursan hin eeyyamu. Sirnichi qajeelaa taanaan diktaataroota biqilchuuf haalichi mijataa hinta´u jechuu dha.

Utuu beekaniis haata´u hinbeekiin namoota falammii dadhabaa dhiheessan tokko tokko argina. Jabana Minilik Ras Goobanaa, jabana Haile Sillaasee Fit. Qusee, jabana Dargii, Jeneraal ………. Oromoo turani nuun jedhu. Sababa namoonni sirnoota kanaaf ergamaa turaniif Oromoon akka saba tokkootti hincunqurfamnee nuun jechuu barbaadu.
Sirnoota darban keessa Oromoon jiraachuu waan haallu hinqabnu. Waan nuhi jennu garuu sirnichi fedhii eenyuu fi ol-aantummaa eenyuu tiksuuf utubame dhaa.

Seenaan Itiyoophiyaa irratti diriire akkuma seenaa Koloneeffatoota Awurooppaa waliin waan wal fakkaatu qaba. Ingiliziin ergi Hindii gabroomfatte loltoota Hindiitiin biyya hedduu qabatte. Xaaliyaaniin ergi Eritrea qabattee booda dhloota Eritrea hiriirsitee Libiyaa koloneeffatte. Gabaabaatti, fakkeenyuma lamaan kana yeroo ilaallu Hindoonnis ta´e ilmaan Eritrea fedhii mataa isaaniitiin ka´anii lola kana hindhaqne.

Fakkeenya tokko daballee haa ilaallu. Akka namaatti Presidentiin Ameerikaa 44ffan, PR Barak Obamaa nama dhala namaaf hawwii gaarii qabu ta´uu yeroo dheeraa dubbii isaan gaggeessan irraa dhageenyee jirra. Akkuma warra isaan duraa waayee ” The Aerican Dream ” hedduu irra deebi´anii dubbachaa turani. ” The Founding Fathers ” hedduu faarsani. Garuu dhugaan tokko utuu hinjijjiiramiin hafe.Filamuun PR Obamaa karaa irratti akka saree ajjeefamuu gurraachaa hinhambifne.

Biyya Itiyoophiyaa kana keessattis gaggeessitoota siyaasaa uummatoota hundaaf gaarii hawwan hedduu argine. Garuu sirnichi warra akkasiis ni nyaate. Sirni Itiyoophiyaa hanga ammaatti dhala namaa ajjeesee TV-tiin geeraraa ture.

” Ye fiyyel waxaxee,
Tikeshaawaa yaabbexee,
Libwaa yaabbexebbaat,
Lijoochiwaam Yaalqaallu,
Irswaam Timootallech; Ere Gedaayi! ”

Warri geerarsa akkasii geeraraa ture kun walqixxumaa fi araara jedhamu kanaaf gurra hinqabu. Kanaafuu carraaqqii amma Impaayerittii keessatti abdatamaa jiru dhaamsuuf duulli laafaa hintaane adeemaa jira.

Har´as waan Hoggantoonni hangi tokko dubbatan dhagahuun namatti tola. Akka namaatti hawwii isaan biyya kanaaf qaban gaarii ta´uu isaa irratti shakkiin hinjiru.Sirnicha jijjiiruuf tarkaanfiin jalqabaa ” maaltu bade jennaan maal jijiiruun barbaachise?” ta´uu qaba.Minilikiin faarsaa waayee jaalalaa haasawuun wal-dhiita.Isa miidhe yeroo faarsinu madaa warra miidhamee horfuu ta´uun beekamuu qaba.Yookiin lamaanuu dhiisuu; yookiin ammoo akka seenaan kaayetti lamaanuu buruqsanii tajaajiluu dha.

Barreessaan kun, uummatootni, Sabaa fi Sab-Lammiileen waliin jiraachuu akka danda´an guutummaatti amana. Haallia tokkittiin kanaaf jiru garuu dhugaa darbe waliif fudhannee isa fuula duraaf mirga walii yoo kabajne qofa dha.

Kaamphii Qabsoo Oromoo
___________________________

” Attam attam galaafnaan galaan kee dhaqa dhumee,
Attam attam eebbifnaan Mucaan kee gala turee ? ” jedha geeraraan milkaawuu dhabe.

Walgahii Waggaa Walakkaa OSA( Mid-term) 2014? irratt natti fakkaata jaarsi Oromoo, obbo Abbabaa Mekonnen, himimmaan harcaasaa ” adaraa tokko ta´aa; sababa keessaniif …….. ” jedhanii warra ‘barate’ kadhachaa turani.

Waanin kana kaaseef waayee OSAs ta´e waayee Jaarsa kabajamoo kanaa barreessuuf miti. Garbummaan nutti dheerachuuf rakkoon akka uummataatti mana keenya keessa jiraachuu tuquufani. Har´a Ras Goobanaa, Fitaraarii Qusee, MEISON, kkf. duubatti deebinee komachuus ta´e abaaruun rakkoo har´aaf furmaata miti. Inni Obbo Hailee Fidaa beekus, dabballeen umriin isaa isa dhaqqabsiisee obbo Hailee hinbeeknes yeroo ‘ xiinxala ‘ siyaasaa kennu argina. Ilmaan Nafxanyaa waliin hiriirree Waggaa 40 booda Ekeraa namaa abaaruun mataan isaa hangam akka aadaa keeny hinbeekne agarsiisa.

Tolaas hojjetu hamaa, nama du´eef kabaja qabaachuun beekumsa dha. Yoo komachuun illee nurra jiraate ilmaan nafxanyaa waliin hiriirree ekeraa isaa alanfachuun qaroomina miti.Oromoon nama du´eef kabaja qaba. Baga du´e hinjedhu. Akka Aadaa keenyaatti haala tokkittii jalatti qofa duuti namaa” baga” jedhama. Yoo Waaqni Nagaa Gaafate/ Bakakkaan itti bu´e/ qofa baga jehama. Kun amantii ” waan Waaqni murteesse sirrii dha” jechuu irraa madda.

Namna keenya baradhe ufiin jedhu keessatti garuu inni boru ajjeefamu isa har´a ajjeefameen baga jechuu argina.Kuni ammoo akka ilaalchaattuu hamaa dha. Nama ilaalcha keenya irraa ala ilaalcha biraa qabu arguu hinfeenu jechuu dha. Ilaalchi akkasii Demokrasii Gadaa itti boonaa himannu waliinis ta´e Demokrasii ammayyaa waliin hindeemu.

Dabaafis ta´e ni tola jedhanii waan hojjetan hojjetamee jira.Garuu waan tokko dhugaa dha. Yeroo Ras Gobanaas, Fit. Qusees, yeroo Obbo Haile Fidaas ummanni Oromoo akka Uummataatti guutummaatiin isaan hinbeeku. Yeroo Ras Gobanaa fi yeroo Fit. Qusee deggersas ta´e mormiin haala ciccitaatiin adeeme. Yeroo MEISON ammoo rakkoon ture akkaataa garaa-garummaa keenya ittiin qabne( how we handled our differences ) ture. Yoo dhugaa dubbachuuf qophii taane jaarmoleen Oromoo hedduun har´a waan MEISON jechaa ture irraa adda jechaa hinjirani.

Har´as isa gaafasi irraa barumsi waan argame hinfakkaatu. Qalbii fi hojii hooggantoota jaarmolee Oromoo hedduu keessaa waan arginu dhaala sirna Gadaa afaaniin himatan utuu hintaane ideology Marxisimii isaan keessaa biqilani dha. Akka filoosoofii kanaatti kan yaada addaa qabu dhabamuu qaba.

Waggoota bar 10nee lamaan darban keessa, maaltu Qabsoo keenya takaalee jennee yoo sammuu qulqullinaan ilaalle rakkoon rakkoo ufittummaati(self-centredness, ego). Dallaa gartummaa fi kursii caccabduu kana qabannee ilmaan Oromoo umrii xobbeetiin Haadhaa fi Abbaa jalaa badani bosonatti dhufan walitti chuuchifannee obbolaa dhiiga wal dhangalaasisuu argine.

Dabballeen hawaasa keenya ijaaruurra, diiguutti bobbaate. Jaarsa akka jaarsummaa isaatti kabajamuu qabutu salphifame. Beekaan walgahii fi hawaasummaa Oromoo irraa akka baqatu taasifame.Kanatu ammoo akka ijifannootti walgahiileen “milkii fi injifannootiin” xumuramuu himachiise.

Yeroo gargar baanus ta´e yeroo araaramnu safuu hinqabnu. Bara 1980/81, 2001, 2008 attamitti akka gargar baanee yaadachuun gaarii dha. Dhiigni hangam akka dhangala´e, lubbuu marartoowwan keenyaa meeqa akka dhabamsiifne qalbifachuun gaarii dha. Isa duraa irraa maal barannee? Isa lammataa hambisuuf maal yaalle? Afaan maaliin qullaa wal dhaabnee gargar baane? Attamitti warri gargar bahumsaaf mataa ture deebi´ee wal ammatee ” dogoggorri hinturre, kaayyoonis hin hindabne,hincabnee,.. ” jedhe? Ija Oromummaatiin ilaaluun gaarii ture. Araaramuus ta´e araarri gaarii dha. Garuu Dhiigni garmalee dhangala´e ” Dhiiga Saree ” ta´uu hinqabu. Ekeraan isaanii maqaaf illee ” dhiifama ” hingaafatamne.

Jabinni Jaarmayaa tokkoo, biyya bilisa baasuu jaarmichi akka imaammataatti kaaye qofaa miti.Waan odeeffamuuf hal-duree kan ta´e fedhii, qaroominaa fi beekumsa Jaarmaa tasgabbaa´aa ijaaruu fi tiksuu dha. Utuu hal-dureen kuni hinjiraatiin Hogganni kamuu utuu kanaan booda waggaa 100 jiraata ta´e achi siquun hinjiru. Qabxiin guddaan Hogganni ABO ittiin komatamu jalqaba isaa irraa eegalee Hofcii diigumsa fi jeequmsa/crisis / hororu ta´uu isaafi.

Siyaasa keessatti hiikni waarayaan walii-galtee (consensus) qofadhaan dhufa. Bu´uurri sirna Gadaas kana dha. Yaada kiyya qofatu sirriidha jechuun yoo dhiigni nama keenyaa dhangala´u akka itti fufu godhe malee furmaata rakkoo keenyaa hinta´u.

Jaarmoleen Siyaasaa yeroo hedduu ergi mootummaa ta´anii booda ufittoomu/become corrupt/.Jaarmoleen keenya tokko tokko garuu utuu achi hingahiin duruu
ufittummaatiin laaqamani.Kun hiree keenya fuula duraaf yaaddoo guddaa dha. Jaarmayaan Qondaalota isaa fi Miseensota isaa irratti tohannoo fi abboomii gochuuf fedhii fi dandeettii hinqabne jaarmayaa dha jechuun rakkisaa dha.Heerrii fi Seerri Jaarmaya yoo hundaaf wal-qixa hinhojjenne meeshaa diigumsaa fi ulee haaloo ittiin bahan ta´eetu hafa.

Gaaffii Oromo
______________
Akka haqaatti gaaffiin Ummata oromoo gaaffii sirrii fi kan haqaati. Garuu yoo uf goyyomsuu ta´e malee hoggani Jaarmolee Oromoo kamuu akka qaamaatti isa afaaniin odeessu kanatti amanee hojjechuu isaaf faanni seenaa dhaaba kanaa hinmul´isu. Akka dhuunfaa namatti Hogganoota Jaarmolee Oromoo keessa namoonni kanatti amanan jiraachuun hin haalamu. Utuu akka qaamaatii ejjennoon walfakkaataan jiraate,utuu elaa-fi-elaameen jira ta´e ‘Adda Bilisummaa Oromoo’ har´a lakkoofnu hinqabaannu ture.

Garuu yeroo waan jaarmiyaa dubbannu ejjennoo fi ilaalcha dhuunfaa namoota, imaammata jaarmayaa irraa adda baasuun barbaachisaa dha. Jaarmaya keessatti namni fedhii jaarmayaa malee fedhii dhuunfaa hinqabatu. Miseensi Jaarmayaa tokkoo akka dhuunfaattuu kan Jaarmichaati. Ilaalchi dhuunfaa Jaarmyaa keessatti dhihaachuun, irratti dubbatamuu fi fudhatamus kufus xumura argachuun barbaachisaa dha.

Bu´ii-bahiin dheeraa Hawaasni keenya akka seenaatti keessa kutee as gahe hedduu dha. Yeroon didha (challenge) mataa isaa danda´e qabatee namatti baha.Rakkoon akka uummataatti namatti dhufe kan furmaata argatu yoo akka Ummata waliigalaatti yaadan qofa. Macro problems need macro solutions!

Qaroomina / wisdom
_____________________
Eenyu ille haa hojjetu waan gaarii hojjetame tokkof aadaa “gaarii dha” jechu qabaachuun qaroomina.Gama kaaniin warri waanuma darbe irratti xiyyeeffannu utuu har´a waan ufii keenyaa hojjenne qabatamaan jiraate isa darbe odeessuuf yeroo hinqabaannu ture.

Haala adeemsa seenaa keessatti gaaga´ama akka dhunfaa, akka gartuu fi akka maatiitti kaffalame ilaaluu keessan waan hedduu keessa seene. Garuu haala ittiin adeemnu yoo ufii keenyaa ilaaluuf fedhii dhabnu gaaga´amnis itti fufuun isaa ifaa dha. Akka ilaalcha kiyyaatti waanti taabuun, kan mariif ka´uu hinqabu jedhamu dhimma Amantii qofa. Bu´uurri Amantiin Doogimaa waan ta´eef jechuu dha.Garuu Kitaabni Amantii/Kitaabni Qulqulluu/ yeroo meeqa irra deebi´amee hiikni isaa akka ergaa amantii sanaa dabarsa jedhamutti jijjiiramuu isaa fuula jalqabaa irratti “Revised Edition ” jechuu agina. Kanaaf golga ” Kaayyoo Ganamaa” jedhu jaltti uf haguuganii Uummata Oromoo leeyyoof saaxiluun cilee seenaa keenyaa ta´ee argama.Kaayyoo ganama ittiin ka´ametu dogoggora jechuu miti. Haala, beekumsii fi ragaaleen kaayyoon ganamaa kun jalqaba irratti hundaaye gahaa ta´uu dhiisuu ni danda´a. Ragaalee Seena yeroo kaayyoon kun lafa kaayame hinjirretu har´a ifa bahee akka irra deebinee ilaallu nu dirquu danda´a.

Ega Jaarmoleen Oromoo walii-galtee dhaan akkaataa fuuldure Oromoof bu´aa madaala kaasu irratti yoo waliif galan maali dhibeen? Baruma baraan Walgahiilee adda addaa irratti tartiiba/chronolgy/carraalee nu darbanii, 1974,1991,… tarreessuun beekaa nu taasisaa?. Ammas haala 2018 jiruuf ” batattisni waamicha ” tokkummaa, konfaransii, araaraa, ….” waan tokkittii qofa ragaa baha. Bara1990rraa hanga har´aatti qophii dhabuu keenya mirkaneessa. Gaaffiin 1974, 1991 irraa maal barannee furmaata maal soqnee ta´uu qaba.

Jawween waan itti marme tokko yeroo waan qabame/the victim/ sun afuura fudhatu marfata isaa itti jabeessa. Nu warra fagoo taa´ee/dhaabatee ilaaluuf salphaa fakkaata. Uummata keenya fuula hundaan ajjeefamaa fi buqqa´aa jiruuf garuu guyyaan tokko waggootii hedduu caalaa dheeraa dha. Waggoota lamaan kana Oromoon Naannoo Somaaleetii,fayyaa gubama, ni saamama, ni buqqifama; inni lubbuun bahee bakka qubatee jiru Adaamaatti manatu irratti gubata. Hooggantoonni Jaarmolee Oromoo hunduu mee halkan tokko bakka ummata kanaa uf kaayaa ilaalaa.

Akaakilee, Abaabilee, Abbootii fi Obboloota keenya kabaja Ummata isaaniif jecha gootummaatiin garbooftaaa utuu falmanii lubbuun dabarteefis ta´e warra har´a lubbuu isaanii kennaa jiraniif Ulfinaa fi Kabajan qaba. Lubbuu isaaniif Tasgabbii Waaqaa kadhanna. Waaqni warra jiruuf Araara haabuusu!
_____________________________________________

* Baqqalaa T. Ayyanaa, email aadaatiyya@gmail.com

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s