Obbo Baqqalaa Tafarraa: Seenaa Amboo (Kutaa 7ffaa fi 8ffaa)

Ambo

Seenaa Amboo
============

Barreessaan: Obbo Baqqalaa Tafarraa

Kutaa 7ffaa
____________

Marsaa FaceBook obbo Tolcha Wegi irraa kan argame

______________

Hidhamuu Obbo Argawu Dhagahuu kiyya
—————————————————————

Ani gara baatii lamaa(2) Hidhaa mana Dargii tureen baatii Caamsaa keessa Poolis Xaabiyaa 1ffaatti ergame. Dhuma baatii Fulbaanaa bara 1978 guyyaa tokko poolisiin Karchallee hidhamtoota Polis Xaabiyaa 1ffaa jiraniif galaa fide dhufe. Poolisiin kun Sijaaraa Nyala Paakeeta tokko kan namni Karchallee irraa anaaf erge koree mana keenyaatti kenne. Koreen manaa, akka seera manaatti qaraxa manaaf galu sijaaraa ija 3 irraa hambifattee waan ergame anaaf kennite. Paakeeta sijaaraa kana keessa akka gaariitti maramtee Birriin 10 fi barruun gabaabduun ana dhaqqabde. Barruun kun ” Mr Dinqa is in archive ” ergaa jedhu ture. Innumti ergaa anaaf erge kunuu hidhamuu isaa ani hinbeekun ture.Hoggana Oromia keessaa tokko dha. Kanumaayyuu kan ani bara dheeraaf quunnamtii waliin qabu ture. Garuu ergaan gabaabduun kun ergaa guddoo turte. Haala obbo Argawu ittiin qabaman yoon hinbeekne illee bu´uurri dubbii maal akka ta´e hubachuun rakkoo hinturre.Yoomii fi eenyu faa waliin Mai´kalawwiitti (Central Invesigation Department) akka walitti dhufuu mallu yaadaan erregaa, gaaffiilee ka´uu malu jedhee yaaduufis deebii kennaa hanga Onkoloolessa 18,1978ti ture.

Onkoloolessa 18, 1978 ani Poolis Xaabiyaa 1ffaa irraa gara mana Darg Tsifat Bet jedhamutti geeffame. Shaamballiin tokko, ” Beqqele, kenyaa Abiyoot yemiyaamelx andim nagar yellem. Iziya maadoo zemedoochih ga tihedaaleh ” jedhee loltuu tokkoo fi shofeeratti ana kenne. Ma´ikelaawwiittan ergame.

Loltuun gara Ma´ikelawwiitti ana geessu kun dargaggeessa umriidhaan gara walakkaa Digdamootaa keessa jiru dha. Akkuma Dallaa Minilikii gadi baaneen gaaffiilee hedduu ana gaafate. ” Eessaa qabamte? Maaliif qabamte? Firri kee eessa jiruu? Dhufanii si gaafatuu? Ergi qabamtee hangam ta´ee…..? ” jedhee tarreesse.

Akkan University Finfinneetii baatii 8 dura qabamee, maaliif akkan qabame akkan hinbeeknee fi warri kiyya fagoo waan ta´aniif baadiyaa irraa dhufanii akka ana gaafatanii hinbeeknen itti hime. Afuura dheeraa tokko baafate. Yeroo Piazza geenyu “sijaaraa ni xuuxxaa? “jedhe. Eeyyeen jedhe. Maallaqa qabdaa jedhee ana gaafannaan ” eeyyee ” jedheen deebise. Birrii lama kiisii isaa keessaa baaseetu ” dhaqi sijaaraa bitadhuu koottu jedhee karaa Piazza irraa gara Georgis deemu harkaan natti agarsiise. Shofeerri suuta oofaa duuba kiyyaan jira. Eeyyama ” fiigii badi ” jedhu ta´ee natti dhagahame.Garuu eessan dhaqa?? Sijaaraa bitadheen deebi´e. Maa´ikelaawwiitti ana kennanii deeb´ani.

Maa´ikalawwiitti mana isa ol aanu, lakkoobsa 10ttin ramadame. Bal´inni mana kanaa 3m x 4m caalaa hinta´u. Mana kana keessa ana waliin nama 19tu ture. Yeroo namni hanga 29 mana kana keessa ture jiraachuu isaa namoonni turan ragaa bahaa turani. Manni kun foddaa hinqabu. Cufaan balbalaa sibiila ta´ee walakkaa isaatti qaawwa qilleensa galchitu qabdi. Qaawwi qilleensaa kun dheerinnii fi bal´inni isaa hanga quba harka afurii hincaalu.Dhaabaan manaa dhagaa gurraachaan ijaarame. Dafqa qaama namaa irraa aaru irraa kan ka´e qinaaxxiin manichaa gurraacha´ee jira. Bakka bakkatti akka hurrii surraalee mataa isaa danda´e uumee jira. Halkan halkan Geergootu baqaqaa manichaa keessaa gadi jiga.Sokokkeen Geergoo kanaa sokokke Goondaa bona bona maasii Boqqolloo keessa yaa´u fakkaata. Ho´a manichaa irrraa kan ka´e madaan qaama nama foolii mataa isaa danda´e uuma.Yeroo namni heddummatu rafiitiin “Sigsagaa ” jedhama. Rafiitiin iddoo qusachuuf waljala qaxxaamureetu. Mataan nama tokkoo duubaaf fuulduraan miila namoota biraatu jira. Kan caalaa reebamee madaawu gara miilaa waan ta´eef fooliin madaa ulatamaa bula.Waan afatan hinjiru;garuu simintoon yeroo hundaa ho´aa dha. Qaama namaatu ho´isa.

Bara 1977 keessa hidhamtoonni Air Borne halkan qinaaxxii manichaa uranii, hansoolaa isaanii akka funyootti dhimma bahanii gara alaatti uf furgguggisanii badani. Jaala isaanii reebicha/torture/ irraa kan madde socho´uu hindandeenye tokko achumatti ajjeesanii sokkani. Ajjeechaan kun hawwii fi ehama isaa turee jedhama.Kanaan booda qinaaxxiin manichaa jijjiiramuutu himam. Waardiyaanis qinaaxxii manichaa akka tohatanitti qassoon/qooxiin/ ijaarameef.

Yeroo ani Ma´ikalaawwiitti ergamu obbo Argawu Ambo irraa hindhufne. Dhimma Amboo akka qoratan (Marmaariin) kan itti ramadaman Oromoota lama dha. Aj. Dhibbaa Kabbadaa Dilgaasuu fi Assir Alaqaa Gabrawald Caalaa turani.Lamaan isaaniituu Biiroo tokko keessa Xarapheezaa adda addaa qabu.Gabrawald dhalootaan naannoo Walisoo ta´uutu odeeffama. Boodarra Kutaa Sidaamootti ramadamee. Kufaatii Dargii dura ” Yee Xuqur Abbaayi Medalia ” Col. Mangistuu irraa badhaafamu Gabrawald Mattuu taa´een TV irratti arge. Aj.Dh.Kabbadaa Dilgaasuu dhalootaan naannoo Ambo ta´uutu himama.

Assir Alaqaa Gabrawald qormaataaf ana waame. Doorsisaan qabii-gad-na- dhiisi jedhe. ” Waayee shifticha Argawu Dinqaa fi wanbadoota sanaa baafta” jedhe. “Yoo didde gara gadii kanattiin si geessa” jedhee dhaadhate. Gadiin kun bakka qeeraa isaanii manicha jala jiru ta´uu hubachuun ana hin rakkifne. Mana Dargiitti baatii 8 dura marroo hedduu akka gaariitti quufeen jira.

Yeroo inni dhaadhatee afuura fudhatun ” obbo Argawu shiftaa ta´uu isaanii amman sirraa dhagahe. Yeroo ani Ambo gadi dhiise akka qee isaanii jiraniittan beeka. Reebameef ammoo waaniin hinbeekne dubbachuu hindanda´u. Takollaan iyyuu marroo sadiii fannisee sa´aatii 10 ol ana reebee jira ” jedheen deebiseef.

” Takollaan maali ?! Ani Maali ?! ” jedhee hedduu dheekkame. Dubbichi dafee naaf gale. Gabrawald qal´aa dha. Takollaan ammoo Qarbata tokoo dha. Kanaaf akka waan ani isa tuffadheetti fudhate.

Gabrawald ” itti yaadi, guyyaa yartuun siif kenna ” jedhee gara hidhaatti ana deebise. Guyyaa sadii booda ana waamee ” itti yaaddee?, Jedhi egaa himi ” jedhee qalama fudhate.

Anis ” Sitti himeen jiraa. ” Ani ergin Ambo gadi dhiise waggaa tokko caalee jira. Kana keessaa baatii 8 mana hidhaan jiraa. Kanaafuu waan ati ana gaafattu hinbeeku ” jennaan natti iyye. Yeroo kana Aj. Dhibbaa Kabbadaan, ” Gabrawald, minden naw issuu ” jedhee gaafate. ” Geetayee, yi kidenaal ikkoo ” jedhe. ” Maan new issuu ? ” jedhe Aj. Dhibbaa. “Beqqele Teferraa newu” jedhe Gabrawald.

Aj.Dh. Kabbadaan waan harkaa qabu dhiiseetu ” faayiluun amxawu ” jedhee. Anaanis na waame. Maalii rakkoon maaliif hinhimtuu jedhee.

Anis,waanin hinbeekne himuu hindanda´u; ergin Ambo dhiisee adeeme waggaan tokko darbee jira, jedheen waanin Gabirawalditti hime itti hime. Afaan Amaaraatiin:

Isa (Aj.Dh.Kabbadaa): ” Atoo Argaawu Dinqaa beektaa? ” jedhe.

Ana: Eeyyeen beeka.

Isa: Eessatti beekta?

Ana: Ambottin beeka.

Isa: Maal irratti wal beektu?

Ana: Isaan Koree Mana Barumsaatti D/T turani. Kanarratti dabalee Koree Adaa Oromoo Jibaatiif Maccaa seeraan daabattetti isaan akka D/T Koreetti ani ammoo akka nama tokkootti miseensaan ture.

Isa: Ati yoom Ambo gadi dhiifte?

Ana: Onkoloolessa 9, 1977.

Isa: Sanaan booda eessa turte?

Ana: Onkolooleessa 9,1977 irraa hanga Bitootessa 24, 1978tti barataa AAUn
ture. Achiin booda ammoo hidhaa jiraachuu kiyyan itti hime.
Isa: Ato Argawu Dinqaa amma eessa jira?

Ana: Yeroo ani Ambo gadi dhiise mana isaanii jiru. Ammas akkasumattan yaada.

Isa: ” Gabrawald, bal qaaluun taqabal. Leelaa xiqqomaa kaalmaxxaa yihee ikkoo logic naw ” jedhe.

Kanumaan anii fi obbo Argawu waan Koree Aadaa Oromoo Jibaatii fi Maccaarraa ilaalu irraa ala utuu maqaa walii hindhayiin boodarra Karchalleetti wal arginee waan fuula fuulaan keessa dabarre haasofne.

Obbo Argawu reebichaa fi dararaa sana hundaa danda´anii waan garaan isaanii fi Dacheen beektu qabatanii bakka dhugaa dhaqani.Waan baadiyaa keessa awwaalame akkuma awwaalametti hafe. Utuu nama laaftuu ta´aniiru ta´e qeen meeqa akka Jibaatii fi Macca keessaa diigamu tilmaamuun nama hindhibu.

Dhibamuu /Dhukkubsachuu/ Obbo Argawu
—————————————————————–
Mana hidhaa keessatti dhibamuun gaaga´ama guddaa dha.1ffaa xaxaa bulchiinsa mana hidhaa keessa daarbanii tajaajila fayyaaf Hospitaala Finfinnee keessaaf ehama argachuun maallaqa guddaa gaafata. 2ffaa namoonni sirnichi dhabamsiisuu barbaadu dhibamuun hayya sirnichaati. Yoo tole, ergi namni kun du´uu gahee hospitaalatti ergu. Yoo kanaa achii dhibeetu ajjeese akka jedhamuuf hanga namni du´utti callisanii ilaalu.

Obbo Argawu dhibamuu isaanii fi akka tajaajila fayyaaf hospitaalatti ergaman hakiimonni Karchallee utuu gafatanii bulchiisni mana hidhaa erguu didee turse. Ergi dhibeen hammaatee booda Hospitaala Minilikitti ergamani. Kan Hospitaalatti ergaman ergi dhibeen isaan hubee waan tureef gargaarsa godhameen lubbuu isaanii oolchuun dadhabame.

Obbo Argawu akka lubbuu isaanii hambisuun hindanda´amne waan hubataniif ijoollee isaaniif dhaamsa gabaabuu lama dhaamani:

(1)Aadaa Oromoo waan hintaaneef akka Awwaala isaaniirra Dhagaan hintuulamne. Oromoon Awwaalarra, gara Mataatiin, Mukaa/Biqiltuu dhaaba malee dhagaa irra hintuulu.

(2)Dhaamsi isaanii 2ffaan, akka Ijoolleen isaanii gadda dhiisanii Kaayyoo isaan umrii isaanii itti dabarsaniif dhaabbatan ture.

Akka kanaan dhalatanii gara waggaa 56tti Caamsaa(May) 31,1980 akka Finfinneetti galgala keessaa sa´aatii 7tti lubbuun isaanii Hospitaala Minilik keessatti darbite. Sirni Awwaalcha isaanii Waxabajji 1, 1980 magaala Ambo keessatti raawwate. Obbo Argawu Dinqaa abbaa ijoollee 11turani.

Daannoo Lolaa Isa Xumuraa
——————————————–
Bakka boqota isaanii xumuraatiin gahuuf reeffi isaanii Bataskaan Iyyasuus magaala Ambo jirutti geeffame.Qeesonni mana kana gaggeessan Maammiree Baqqalaa fi Maammiree Nigaatuun reeffi obbo Argawu akka achitti awwaalamuu hindandeenye ibsani.

“Ato Argaawu Be Beetekristanaachiin laayi zamachaa yaakkaheduu nabbar. Ye Beete kiristaanachiin amaanyi ayidelluum ” jedhani.

Obbo Argawu dhuguma hordofaa Ortoodoxii hinturre.Isaaniis ta´e Maatiin isaanii Amantii Protestantii hordofu. Sababa malee miti. Akkuma beekamu Waldaan ‘Amantii ‘ Ortodooksii kun utubaa jabaa sirna cunqursaa Ethiophia ti. Duris, har´as.Ambotti bara 1990moota keessa ” Qubee yoo balaaleffattan malee Taabonni socho’uu dideera ” kan jedhame yaadadhaa! Garuu barbaachisaan Amnatii kanaa fi warra Amantii kana gaggeessu adda baasanii ilaaluu dandahuu dha. Obbo Argawu kan morman Amanticha utuu hintaane sirna manichi hordofu dha.

Yeroo uummatootni kaan weeraraman, harmii fi harki iraa ciramu Qeesonni dibbee qabatanii waraana Minilik waliin socho´aa turani. Kun ragaa barreessitoonni hedduun barreessanii jirani dha. Naannolee humna waraanaatiin qaban keessaa lafti harka sadii keessaa harki tokko(1/3) kan Dhaabbata (institution) kanaati. Midhaan qotee bulaan galfatu keessaa 1/4(Irboon) Walda kanaaf gala.Waldaan Orthodoksii kun warra nama cunqursuuf lubbuu dheeraa kadhatti.

Kana qofaa miti. Akka Seera Soomaa Kiristaanaatti, soomni guyyaa 40 fi halkan 40 qofa; kan kitaabicharra jiru jechuu kiyya. Garuu Itiyoophiyaa keessatti soomni guyyaa 60 ture. Tarii har’as akkasuma ta’a. Kunis guyyaa 40 kan seerii Kitaabni amantii gaafatu, guyyaa 10 Nugusichaaf, guyyaa 5 Haadha Warraa Nugusaaf, akkasumas guyyaa 5 Patriarchii Itiyoophiyaaf soomama ture. Kan Obbo Argawu qeeqan kana ture.

Sirnaa fuudhaaf heerumaa yeroo ilaallu Warri Mootii ijoollee isaanii wal fuusisu/walitti heerumsiisu. Garuu ijoolleen heerumtu kun akka seenaa iraaa arginutti ufiifuu kan gaayelaaf dhaqqaban miti. Ijoollee xobee dha. Kana waliin yeroo warra Mootii soddoome kana gidduutti rakkoon siyaasaa uumamu intala isaanii ajajaan hiiksisaniitu ilma mootii biraatti heerumsiisu. Fuudhaa fi heeruma kana Qeesii Ortodoksiitu dhaabatee eebbisee wal fuusisa. Warri wal fuudhe meeshaa ta´a jechuu dha. Waldaan ‘Amantii’ mooralii akkasiitiin masakamu kun obbo Argawuf akka amantiitti hinfudhatamne.

Akkuma beekamu guyyaan Taabotaan lakkaawameetu qotee bulaan akka hinhojjenne godhama.Mikaayelii, Goorgisii, Maaramii,…. jedhamee jechuu dha. Garuu waggaa irratti midhaan qotee bulaan mana amantii kanaaf galu hin hir´atu. Kana cinaa guyyaa hojiin dhuunfaa laguudha jedhamu kana qotee blaan qee qeesotaa fi naannoo mana amantii kanatti axira akka ijaaru godhama.

Obbo Argawu sababa kanaaf ” mana kana waldaa Amantiiti jedhanii itti amanuun cubbuu dha ” jedhanii qotee bulaa barsiisu. Ambotti Waldaa Protestantii ” Yee Hiywot Ber ” jedhamu akka banamu kan godhan isaani. Kan walbarumsa obbo Argawu fi Luba Guddinaa Tumsaaf daandii saaqe tokko kana ture. Sababa kanaaf Maammiree Nigaatuu fi Maammiree Beqqelen didnaan, soddaan obbo Argawu,Taammanaan” kan Argawu Dinqaa asitti hin awwaalamne eenyuttu asitti awwaalama! ” jedhee dheekkamnaan Qeesonni dubbicha sodaatanii. Akka kanaa sirni awwaalcha Obo Argawu Waxabajji 1,1980 Ambotti raawwate.

______________________________________________
Toora fb ” Buttaa Xulee ” jedhuun gaaffii, yaadaa fi qeeqa keessan yoo anaaf ergitan gammachuun kiyya guddaa dha.

Ambo

Seenaa Amboo
=============

Barreessan obbo Baqqalaa Tafarraa

Kutaa 8ffaa
____________

Marsaa FaceBook obbo Tolcha Wegi irraa kan argame

____________

Hortee Obbo Argawu Dinqaarra Maaltu Gahe?

Akka Maatii obbo Argawu Dinqaatti maqaalee ka´an keessaa Ajjaameen tokko dha.Waayee Ajjamee kana namoonni akka adda addaatti dhiheessu.Warri barreessu garuu maqaa fi seenaan obboleettii keenyaa akka dhokate inhafneef malee hamminaaf miti. Haata´u malee waanumti dirree sab-quunnamtii adda addaa irratti barreeffamu kun akka seenaatti barreeffamuu waan maluuf wal sirreessuun seenaa keenyaaf gaarii dha jedheen amana.

(1) Ajjaamee Argawu Dinqaa
—————————————–
Bara 1977 Ajjaameen barattuu kutaa 10 turte. Dammaqinsii fi hirmaannaan Ajjaamee garuu umrii isheetiin ol ture.

Akkan kanaa olitti kaase guyyaa Abboomaan meeshaa waraanaa Ambotti fide kan Awwaarootii olitti eegan keessaa Ajjaameen tokko turte. Abboomaan ” waan tokko tokko sirreesseen deeb´a ” jedhee Obbo Argawu waliin yeroo gargar bahan Ajjaameen Abboomaa waliin Finfinnee dhaqxe. Garuu utuu gara Ambotti hindeebi´iin Aboomaan gara Bahaa Oromiaatti deeme. Ajjaameenis walumaan Bahaa dhaqxe. Guyyaa Hoogganoota ABO gara Somaaliatti adeemaa turan irratti dhukaasni baname Ajjaameen isaan waliin turte.

Yeroo Dhukaasni jalqabu ” kallattii kaanaan achi gandi jira; gara sanatti fiigi ” akka Abboomaan isheetiin jedhe bara 1981 yeroo ani hidhaatii bahu Ajjaameen natti himte. ” Abboomaan Tape Recorder harkatti baatee geeraraa dhukaasa ture” jette. Akka Abboomaan dhukaasa kana keessa miilarra rukutames natti himte. Kuni bakka Jaaja jedhamu Arawwaaca keessa akka ta´e xalayaa yeroo jalqabaa Ajjaameen jiraachuu ishee firaaf barreessitee irraa hubatama.

Ajjaameen hanga dandeessu fiigdeetu bakka tokko mukarra bulte. Guyyaa itti aanu dubartoonni baadiyaa qoraan funannatan Ajjaamee argani mukarraa buusanii. Haala ishee ergi hubatanii booda Jaarsa Oromoo Sheek Mohammad jedhamanitti geessanii kennani. Sheek Mohammad akka dhala isaaniitti Ajjaamee golgani uf bira kaayani. Ajjaameen Faaxeetti moggaafamte. Maqaan akka naannootti akka kaluuf malee hamminaaf hinturre.

Yeroo muraasa booda Sheek Mohaammad nama yeroo sanatti ajajaa Poolisii Awuraajjaa Isaa fi Gorgoraa ture tokko quunnamani. Shaambal Mulaatuu Beqqele jedhama. Nama dhalootaan naannoo Ejeree ti. Haala Faaxee kana ergi itti himanii booda akkamitti inni akka gargaaruu danda´u gaafatani.Innis akka Faaxeen hidhamtee, dammaqinsi siyaasaa barbaachisu knnameefi jiru Waraqaa ragaa akka kennuufi waadaa gale. Boodas kanuma hojiitiin argarsiise. Shaambal Mulaatuun dammaqinsa Ajjaameen qabduu fi murannoo isheetti garaan isaa booji´ame. Intala kana fuudhuuf murteesse. Kanas ehama Faaxee fi fedhii Shek Mohammadiin ala raawwachuu waan hinbarbaanneef Shek Mohammad fi Faaxeen gaafatamani.Gama lamaaniinuu deebii gaarii argate. Kanaan booda Sheek Mohaammad akka dhala isaaniitti Cidha/Haruusa qopphheessanii Faaxee Shaambal Mulaatuutti heerumsiisani. Kanaan yeroo xiqqoo booda Faaxeen Finfinneetti deebite.Yeroo isheen Finfinneetti deebitee jirtu kana obbo Argawu lubbuun hinjirani.

Shaambal Mulaatuun Ajjaameef waraaqaa kennuu fi fuudhuun yaaddoo guddaa keessa isa galche. Yoo iciitiin kuni gadi bahe yookiin namni tokko isarratti hamaa hojjechuu yoo barbaade akka lubbuu isaa galaafatu hubate.Yoo Ajjaameen namoota Oromoo dur beektu waliin quunnamtii deebiftee jalqabde akka gara siyaasaatti cehuu danda´u ija poolisiitiin ilaalee yaadda´e.

Garuu yaaddoo isaa kana ifatti baasee Ajjaameetti dubbachuurra ” akka olii fi gadi hindeemne ” isheetiin jedhe. Ajjaameen ammoo akka biraatti hubatte. Waan Abbaan manaa ishee dudduubee isheetiin qabatee ishee sodaachisaa mana keessatti ishee ‘garba’ godhachuu barbaadetti hubatte. Amma Ajjaameen ulfooftee jirti. Shaambal Mulaatuun ammoo barumsaaf biyya Soviet tti ergame. Hanga kana Ajjaameen mana Obboleettii hangafaa, Muluuwarq bira jiraatti. Muluunis yaaddoo Shambal qabu hubachuu irraa kan madde akka Ajjaameen sochii irraa uf qusattu jabeessitee itti himte. Ajjaameen akka bilisummaan ishee iggitameetti waan fudhatteef Qabalee irraa mana barbaaddattee mana Muluutii baate. Kanuma keessa mucaan garaa jiru, ilmi dhalate. Mana obboleettii isheetii bahuun shambal Mulaatuu biratti mufaata uume. Hariiroon isaanii kanumaan laafaa deeme.

Deessee gara Waggaa tokkoo booda Ajjaameen ilma ishee Akkoo isaa bira, Ambo, geessitee ufii ishee Finfinneetti deebite. Hawwii barumsa itti fufuu guddaa qabdi ture. Kutaa 10 keessaa waan barumsa dhaabdeef galgala galgala barachuu barbaadde. Galgala barachuun ammoo maallaqa barbaada. Kana ana, Baqqalaa Tafarraa fi Kumaa Didhaa mariisifte. Kumaan Ajjaameef soddaa dha.

Yaada isheen nu mariisifteef tarii furmaata ta´a jennee akka Ajjaameen Wasila ishee gaafattu gorsine. Obbo Tasfaayee Dinqaa jechuu dha. Dhaqxee gaafannaan ” Haadha Warraa kiyya gafadhu ” naan jedhani jette. Ajjaameen garuu haadha manaa obbo Tasfaayee gaafachuu hinbarbaanne. Ergi maallaqa gargaaruun rakkoo ta´e ” hojjaa na galchaa ” jettee gaafatte. ” Akkuma nama hundaa barbaaddadhuu galii ” deebii jedhu Waasiila ishii irraa a akka argatte nutti himte.

Kanaan booda obboleessi keenya barumsa xumure tokko Dirree Dawaa Textile Factory tti ramadamee Dirree Dawaa dhaqe.Obbo Kumaa Didhaa haalaa obboleettii keenyaa itti himanaan ” ergaa” jedhe. Kanumaan Ajjaameen bara 1986 gara Waxabajjii keessa Dirree Dawaa Dhaqxe.

Hagayya 22, 1986 hojii jalqabuuf foormii barbaachisu guutte galte. Hagayya 23 fi 24, 1986 hiriyyaa ishee Ambo irraa Dirree Dawaatti dhimmaa dhuunfaaf deddeebitu tokko walii dabarsani. Hagayya 25,1986 Ajjaameen dhukkubsattee mana qorichaa dhaqnaan dawaa ni fooyyessa jedhan itti kennanii deebisani. Hagayya 26 dhibeen itti hammaate. Hagayya 27/1986 Hospitaala Dil-Corraa jedhamutti akka ciiftu murteessani. Guyyuma kana gara Finfinneetti bilbilli bilbilame.

Hagayya 27 gara galgalaa Laliseen boowaa gara mana Obboleettii fi Soddaa isheetti ergaa kana himuu dhufte. Ani akkuma tasaatin achi ture. ” Ajjaameen dhibamtee Hospitaala Dil-Corraa seentee waan jirtuuf dhaqqabaa ” dhaamsi jedhu akka dhufe nutti himte. Akka aadaati ” dhaqqabaa ” jechuun dubiin hamaa ta´uu ibsa. Galgala Kumaa Didhaa(Soddaan) yeroo bakka hojiitii galu ergaa kana itti himne. Kumaan hojjetaa ILO ti. Hojii irraa hafuu hindanda´u. Ergi irratti dubbannee booda akka ani, Baqqalaa Tafarraa, dhaqu waliif galle. Ganama barii Tikeetni Baaburaa anaaf bitameetu ani Hagayya 28/1986 Dirree Dawaa dhaqeen Dil-Corraatti obboleettii kiyya du´a waliin wal´aansoo wal qabaa jirtu arge. Kumaan Hagayya 29/1986 dhufe. Guyyuma guyyaan haalli ishee hammaachaa dhufe.

Dokteeronni Dil-Corraa lubbuu ishee hambisuuf heddu dhama´ani.Dokteerota Dil-Corraa lamaan keessaa tokko Dr Geexee Alamuu intala Ginciiti. Dokteerri itti gaafatamaan manichaa dawaa barbaachisaa ta´an hanga magaala Hararitti makiinaa dhuunfaatiin oofee bitee fidhaa ture. Sa´aatii sa´aatii dhaan Dr Hailuu Kafanii waliin bilbilaan wal quunnamaa turani. Afaan ogummaa fayyaatiin haasaawu. Nu warra achi jiru caalaa Dr Hailuun haala Ajjaamee beeku ture. Dhama´insi Dokteerotaa fi imimmaan keenya Ajjaamee hambisuu hindandeenye. Hagayya 31/1986 guyyaa keessaa sa´aatii 12:10 irratti Ajjuun afuura dheeraa fi isa xumuraa baafatte. Obboleettii kiyya fayyaatti waliin teenyee adeemsa jireenya ishee waliin haasawuuf carraa hin argatiin ergi arrabni ishee hidhameen arge.

Fayyaa ergineetu reeffa ishee fudhannee Fulbaana1/1986 gara biyyaatti deebi´uuf dirqamne. Reeffa fudhannee deebi´uuf Xiyyaarri rakkoo ta´e. Warri Xiyyaaraa Reeffa Baaburaan erginee akka ufii xiyyaaraan deemnu nu gaafatani. “Reeffi Shaanxaa mitii ” jennee didne.Dhuma irratti Wasiilli ishee, Dr Hailuu Kafanii, akka reeffa waliin Xiyyaaraan dhufnu Finfinnee irraa nuuf anjessani.

Yeroo Bolee geenyu Dr Hailuu Kafanii,Obbo Tasfaayee Dinqaa, Firoottan hedduu fi hiriyyoonni Ajjaamee nu eegani. Idiriin Amboo finfinnee keessa jirus Leonchinaa kiraayessanii waan nu eeganiif halakanuma sana Ambotti gallee bulle. Fulbaana 2/1986 bakka lammii fi hiriyyoonni ishee jiranitti Ajjaamee bakka ciisa ishee isa xumuraatti geessine. “Nagaatti, jireenyi kee tasgabbii hinarganne Waaqni Lubbuu kee nuuf haa maaru” jennee deebine.

(2) Waaqumaa Sobbooqsaa
——————————————–

Kanaa olitti hidhamuu aadde Dirribee Dinqaa kaaseen ture. Aadde Dirribeen ilma tokkicha qabu. Waaqumaa Sobbooqsaa jedhama.Baankii Nagadaa(CBE) tti qaxaramee Finfinnee bara dheeraaf hojjetaa ture.

Bara 1992 keessa Waaqumaan humnoota TPLFn ukkaamsamee bakka bu´een isaa utuu hinbeekamiin hafe. Haati ilama tokkichaa, aadde Dirribee Dinqaa aarii ilma isaanii, kan obboleessaa fi kan qe´ee obboleessa isaanii irraan kan madde Kaanserii Garaachaa godhatani.Dhibee kanaa rakkachaa turanii lubbuun isaanii dabarte.
(3)Maj. Baqqalaa Argawu Dinqaa
—————————————————–

Maj./Shalaqaa/ Baqqalaa Argawu bara dheeraa Bahaa Oromia ture. Yeroo obbo Argawu fi ani Karchallee jirru hojiif Finfinnee dhufee waan tureef Karchalleetti nu lamaanuu dubbisee ture.

Yeroo Mootummaan Dargii kufu Baqqalaan gara Dhiha Oromia dhaqe. ABOtti dabalame.Yeroo Mandiitti Ayyaanni Qophaaye ture, Amajji 11,1992, anis Dambi Dolloo irraa Mandii dhaqeen ture. Maj. Baqqalaa qofaa isaa adeemu faggootti argeen itti adeeme. Nagaa wal jijjiiree. Eessa akka ani jiru na gaafate. Anis maalirra akka jiran gaafannaan ” kunoo ta´aatuma oolla akkuma arigitu kana ” jedhe. Nagaa walitti dhaamnee adda baane.

Kan Loltuu turanii achi turan hedduu dha. Ogummaa fi muxannoo adda addas qabu.Garuu akka tumsaa fi humnaatti ilaalamaa waan turan hinse´u. Ilaalchi warri dhimmi ilaalu warra loltoota Dargii tureef qaban luucca´aa hinturre. Garii akka warra rakkaannaan ABOtti baqataniitti isaan ilaala. Garii irraa olola TPLF ” ABOn Isapaaf golga ta´e ” jedhu sodaachuutu argama. Garii ammoo humna kana akka tumsaa fi hunaatti utuu hintaane akka ba´aatti ilaaluutu dhagahama ture.

Egaa ergi dirreen hunduu akka ta´u ta´een booda Maj.Baqqalaan Ambotti deebi´uuf dirqame. Bara 1994 keessa qeetti deebi´e. Haati Warraa isaa ijoollee isaa, Gammachuu fi Lulii waliin Qee obbo Argawu qubattee turte. Iddoosaan garaa haadhaa keessa ture.Qeetti deebi´uun Baqqalaa gurra TPLF bu´e.

Fulbaanaa 26,1994 Baqqalaan ijoollee isaa fi ijoollee obbolaasaa waliin mana keessa ture. Garii ijoollee kanaa gama lamaaniinuu gudeerratti baatee utuu mana keessa taa´aa jiruu Wayyaaneen manatti isa ajjeesani. Haati Baqqalaa dhukaasa dhagahanii yeoo mana aseenan loltoonni TPLF sadafii qawweetiin isaan dhahanii gaggabsani. Ajjeefamuu Baaqqalaa Amnesty International, Dameen Jarmanii, ibsa Onkoloolessa 17,1994 haala Ambo ilaalchisee baase keessatti ibsee jira.

(4) Ijoollee Maj.Baqqalaa Argawu
—————————————————–

Maj. Baqqalaan abbaa ijoollee shanii: Jaalannee, Bulchaa, Gammachuu, Lulii fi Iddoosaa ture. Iddoosaan ergi Abban isaa ajjeefamee waan dhalateef ” Iddoosaa ” jedhanii moggaasani Akkoon isaa.
(i) Bulchaa Baqqalaa:Baqqalaan

dargaggumaattiin ilma tokko godhatee ture. Bulchaa Baqqalaa jedhama.Yeroo Obbo Argawu qabaman Bulchaan qee Akaakayyuu isaa ture. Qabamuu obbo Argawuun booda reebichii fi dararaan adda addaa qeetti itti hammaannaan umurii ijoollumaatiin badee loltummaatti gale.

Baqqalaan Leenjii akka Loltuutti isa barbaachisu xumuree I/A Aj. Dhibbaa ta´ee eebbifame.Yeroo xiqqoo booda dirqama Leenjiftummaatti ramadame. Guyyaa tokko warra haaraa leenji´u keessatti dargageessa fuula isaa beeku tokko arga. Leenjifamaan kun ilma Baqqalaa, Bulchaa ture. Bulchaan ergi leenjii xumuree booda akkuma warra kaanii bakka biraatti ramadame. Yeroo Dargiin kufu innis qee isa guddise, qee Akaakayyuu isaatti gale.Warri sanyii duguuggaaf xiyyeeffate yeroo itti eeggachaa turani.

Bara 2001 gara galgalaa naannoo galchaa sa´aa namni tokko ” Bulchaan jiraa” jedhee gaafate. ” Eeyyee jira ” jedhani warri qee jiru. ” Bulcha, hinbarbaadamta; hinturtu amma deebita ” jedhamee Bulchaan gadi waamame. Gara daqiiqaa 30 booda ” Bulchaadhaan Hospitaala Ambootti barbaadaa ” ergaan jedhu manatti himame. Yeroo firri fiigee Hospitaala Amboo dhaqu Bulchaan du´ee jira. Dhiigni Afaanii fi Gurraa isaatiin akka dhangala´a ture warri dhaqe arge. Hospitaallis summii hamaatiin akka ajjeefauu hinoolle xiinxoo firaaf kennanii.

(ii) Gammachuu Baqqalaa:
—————————————-
Gammachuun bara 2015 University Ambo irraa MA isaa xumuruuf yeroo torbeen lama isa hafu qabamee Maa´ikelaawwiitti dararamaa ture. Yeroo dheeraa ergi daraa turanii booda TPLF Fiilmii tokko irratti hojjetani.

Gammachuun Dr. Mitikkuu Teessoo ajeesuuf ture jedhame. Ergi yeroo dheeraa hiraarsaa turani booda Gaazexeessitoota isaanii Kaameeraa baachisanii Gammachuu reebamaa turuu irraa kan madde laafee waliin gara Qee obbo Argawu fidani. “Gammachuun Boombii ittiin Dr.Mitikkuu Teessoo ajjeesuuf dhoksee jiru baasuuf amanee jira ” jedhanii Draamaa beekamu hojjetani.

Waayee kana ilaalchisee yaada sadiitu jira. Yaadni tokko ” Dr. Mitikuu Teessootu Biyya Alaa bahuuf jedhee akka Ambotti lubbuu isaaf isa sodaachisu himatee” kan jedhudha. Yaadni lammaffaan ammoo xiyyeeffannaa TPLF ” qee obbo Argawu balleessuuf qabu irraa madda” jedha. Yaadni sadaffaan, kan lammaffaa waliin hidhata qabaachuu malu ” warra Baqqalaa ajeesisetu ilma Baqqalaa ol adeemu kana irraa sodaa horatee dhabamsiisuu barbaade ” jedha.

Kana akka jirutti dhiifnee gara haala Dr. Mitikkuutti yoo deebinu waan Gammachuun Dr. Mitikuu ajjeesisuufiitu hinjiru. Dr Mitikkuu Teessoo obbo Argawu Dinqaa waliin fira dhiigaati. Haati Dr Mitikkuu Teessoo, Aadde Hirphee Kafanii Yaaddessaa jedhamu. Obbo Kafanii fi obbo Dinqaan kan Yaaddessaati. Dr. Mitikkuun fira isaa Abbaan, Akkaakayyuu fi obboleessi motummaa TPLFn iraa ajjeefaman akka firaatti gargaaruuf humna dinagdee gahaa qabu yoo murannoo dhabe dhiiga isaa kana dabarsee waraabessaaf kenna jedhee amanauun rakkisaa dha.

Waan tokko garuu dhugaa ta´uu danda´a. Barreessaan kun Mitikkuu waliin wal cinaa taa´ee kutaa 12 xumure. Sodaa irraa kan hafe barumsa isaatti jabaa,nama amalli isaa nama hiquuqne obboleessa gaarii ture. Egaa amala sodaa kana irraa kan ka´e “akkas jettee yoo iyyatte biyya alaa siif ehamna” yoo jedhamee jiraate hinbeeku. Yoo gaafatame garuu biyya alaa bahuuf illee yoo ta´uu baate sodaa irraa kan madde gochuu danda´a.

Bara 2014 yeroo Agaazii Barattoota Universitii Awwaaroo Dormitory keessatti hiraarsaa ture Dr Mitikkun Barattoota kanaan ” ni quuftani…” jedhe jedhamee dirreelee sabqunnamtii irratti barreeffame. Yeroo anii fi Dr Mitikkuun barataa turre Loltuun Mootummaa dallaa mana barumsaa seenuun dhorkaa ture.Yeroo mormiin jiru dallaa mana Barumsaatii alatti garuu reebichi beekamaa ture. Dallaan Mana Barumsaa akka Walabaatti ilaalamuun imaammata UN mootummaan Haile Sillaasee kabajaa ture dha.

Fakkeenya biraan isin dubbisiisa. Dr Duurii Mohammad Presidentii AAU yeroo turan waayee Qabaleewwan Finfinnee fi Humni Tikaa Dargii galgala galga Dormitory irra naannahanii barattoota funaanaa turaniin wal qabatee Walabummaa Universiti ilaalchisee falammii guddaa godhanii ture. Dargiin kanaan booda achii kaasee Ambasaddara isaan taasiise.

Fakkeeny biraan isiniif dabala.University Kiiloo 6tti Student Councellors kan turan Aadde(w/o)Boosanaa fi obbo (Ato) Fissahan gaaffii tokko Dargiitiin gaafatamani. Barattoota Universitii keessaa kan Dargiin barbaadu Dormitory isaanii calalanii Dargiif akka dhihessan gaafatamani. Dargiin lubbuu namaa utuu hintaane yeroo qusachuu barbaade. Deebiin councellors kennan garuu ” nuhi gorsitoota Barattootaati malee Nacci Labaashii mitii ” kan jedhu ture.

Egaa Dr Mitikkuun sirna akkasii jalatti barate yeroo loltoonni TPLF, utuu fagoo hindhaqne Awwaarootti ijoollee xobbee fi obboleettii obbleessa ishee rukutamee kufe kaasuuf yaaltu yeroo cagadan, yeroo loltoonni Agaazii Dormitory seenaanii Barattoota goolan argu attamitti ” ni quuftani ” jedha ?? Waan shakkii sodaa kiyya jabeessutu Dr. Mitikkuun qabamuu Gammachuu booda utuu hinturiin FAOtii hojii argatee biyya Xaaliyaaniitti bahuu isaati.

Egaa akkuma kanaan olitti argine Qeen Oromoo hedduun falammii godhamu keessatti aarsaa akka maatiitti wal irraa hincinne baase. Baasaas jira. Garuu kan akka Qee obbo Argawu hinjiru jechuuf ulfaataa yoo ta´e illee gatiin qeen kuni lubbuu dhaan kaffale sadarkaa oliitti warra tarreeffamni keessaa tokko dha jedheen amana.

Haala qee obbo Zoogaa Booji´aa fi qee obbo Mul´ataa Badhaanee keessatti jabina boonsaa fi fakkeenya ol´aan Haati Qee lamaanii taphatan kaaseen ture.

Gara Qee obbo Argawutti yoo deebinu, Haati Qee, intalli Abeebee, Aayyo Taatuu Gammannee fakkeenya guddaa dha. Imimmaan Baroota kurnee hedduuf wal iraa hincitiin dhangalaasaa jiru. Abbaa ijoollee isaanii dargaggummaa irraa eegalee dararamutti utuu marmaaranii galaa guuranii baroota hedduu dabarsani. Ilmi isaanii Maj.Baqqalaa Argawu fi ilmi isaa, Bulchaa Baqqalaa harka mootummaa TPLf kanaattiin ajjeefamani. Gammachuu Baqqalaa bara 2015 irraa kaasee bakka adda addaatti dararamaa turee dhihoo kana hiikamee. Gammachuu dhaa hiikamee jiru ‘ Labsiin Haala Atattamaa ‘ labsame. Labsii kana booda halkan tokko Agaaziin Cufaa manaa cabsanii qee Aayyo Taatuu goolani. Akka shakkamutti Gammachuu barbaacha dhaqani. Gammachuun garuu mana hinturre.

Aayyoo Taatuu Gammannee akka hambaa du´aatti warra hafan qabatanii qee isaanirra jiraatu. Jiruu fi jireenya bir´uu keessas jiraatu. Inni du´e hin argu hin dhagahu. Kan warri dhaabatee hafe gochuu danda´u qee gootota keenyaa beektanii isa qee keessatti hafeef hirkoo fi hirkata ta´uu dha. Qeerroon Amboo imaanaa seenaa kana ni hubattu jedheen abdadha.Qee kana akka qee seena qabeessaatti qalbii fi ijaan tohachuun dirqama seenaati jedheen amana.
Ulfaadhaa.

Hub: Surraalee kanaan gaditti argitan kun Kan Ajjaamee Argawu Dinqaa, Kana Maj.Baqqalaa Argawu Dinqaa fi kan Aayyo Taatuu Gammannee Gurmeessaa, Akkoowwan/ijoollee intala isaanii/ Sanyii fi Hundey Kumaa waliin( bara 2016, Ottawa,Canada).

____________________

Toora FaceBookii “Buttaa Xulee” jedhuun gaaffii, yaadaa fi qeeqa keessan yoo anaaf ergitan gammachuun kiyya guddaa dha.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s