Obbo Baqqalaa Tafarraa: Seenaa Amboo (Kutaa 5ffaa fi 6ffaa)

Ambo

Seenaa Amboo
============

Kutaa 5ffaa
_____________
Barreessaan obbo Baqqalaa Tafarraa *

Marsaa FaceBook obbo Tolcha Wegi irraa kan argame

Imala Koree Aadaa Oromoo Jibaatiif Maccaa
———————————————————————

Imala Asallaa
_______________

Agarsiifni Aadaa kun Ambootti aanee Asallatti gaggeeffame. “Guyyaa haftuun heerumtu galaanatu guuta” jedhama. Dhuma torbeerra (week-end) Asallatti agarsiifna jennee saganteeffanne. Akka sagantaa keenyaatti Waxabajji 28,1977 Asallatti agarsiisuuf Waxabajji 27, 1977 Ambo irraa ka’uuf ture. Battalumatti guyyaa Roobii Waxabajji 25,1977 amma ka´aa jedhamne.

Sababa qaba ture. Dargiin Milishaa warra jalqabaa Kuma Dhibba Sadii (300,000)waan guyyaa Kamisaa,Waxabajjii 26,1977(Sanee19,1969) eebbisiifatuuf Roobii booda hanga Sambata Duraatti magaala Finfinnee keessa seenus ta’e keessaa bahuun hindanda´amu jedhame. Kanaaf Roobii Waaree booda Busii Kolleejjii Qonnaa Ambo irraa ergifannetti Alaabaa Itiyophiyaa gama lamaaniinuu fannifnee,” Abiyootaawwii tibibbir indi derreglachew be tihitinnaa inni xeyyiqaallen ….”xalayaa jedhu qabannee kaane. Magaala Finfinnee yeroodhaan karaa dhihaa seenne. Bakka hundaatti utuu sakatta’amnuu adeemsa qocaa foqoqaa barihuu jala yeroo gahu ( Kamisa ganama 2 am) Finfinnee keessaa baanee naannoo Duukam karaarra xiqqo rafuu yaalle.

Asalla yeroo geenyu kan nu simatan hedduun har’a lubbuun hinjirani. Kinfe Mikael Hinneessaa kan qabsoo irratti wareegamee, Isheetuu Latuu kan hidhaa waggaa 12 booda dhibeedhaan lubbuun isaa dabartee fi obbo Nadhii Gammadaa kan Wayyaaneetiin ukkaamfamee bakka buuteen isaa hinbeekamne kaniin maqaa yaadadhu dha.

Imalli keenya Asallaa jireenya keenya sanaan boodaa irratti jijjiirama murannoo ayinaa qabu biqilche. Koree Aadaa Kutaa Arsii irraa Artiistonni bebbeekamoon agarsiisa qopheessanii nu eegani. Guyyaa tokko kanuma achii qofa ilaalle. Sirboonni dhihaatan ergaa hedduu gadi fagoo kan qaban turani. Aadaan keenyas hangam gabbattuu akka taate do’achaa oolle. Booyaa oolle jechuu wayya. Sirba weellisaa qooqa toleessichaa, kan Buttaa:
“Fagoo gala, fagoo gala,
fagoo gala, fagaadhaa jalaa!
Fagoo jennaan fagoo seetani
Cunqursaa jalatti hedduu leetani
Fagoo galaa fagaadhaa jalaa…..!” jedhu tarii
Raadio Itiyoophia irratti warri dhageessan ni yaadattu.

Buttaan xumura bara 1977 irraa eegalee hanga Dargiin kufutti Kutaa Arsii keessa akka miilli isaa hinejjenne akeekkachiifame. Yoo kana cabse akka duuti isa eeggatu itti himame. Kana irraa kan madde lammii isaa dhiisee godaanuuf dirqame. Akka Barsiisaatti Kutaa Sidaamoo yeroo sanaatti baqatee jireenya Godaansaa jiraate. An exile within the empire!

Kan shamarran dhiheessan keessaa “Nu waliin dhaadhanna, Wal malee maal qabnaa….” kan jedhu Gurra keenya keessatti hafe. Halkan Sadii fi guyyaa sadii walitti booyaa bubbullee Wixata ganama, Waxabajji 30, 1977 gara Ambotti fuulleffanne.

Bakka agarsiisa kanaaf demnu hundatti Jaarsolii Koree Aadaa cinaatti Ambo irraa Kaadireen Awuraajjaa tokkoo nu waliin bobba’a. Kan yeroo hedduu nu waliin bakka adda addaa adeeme obbo Asaffaa Namarraa ture. Agarsiifni waan Aadaa ilaalu ta’u illee sirboonni aadaa hintaane hundi dura Koree tiin ilaalamanii ragga’uu qabu ture.Censorship jechuu dha.

Imala Walisoo

———————-
Asallaatii deebinee, Gincii, Gudar, Geedoo, Walisoo fi Dhiha Oromiatti argarsiifne. Bobbaan Walisoo fi Dhiha Oromia waan hindagatamne tokko tokko qabu.

Walisoo fi Ambo jechuun hidda latinsaan qofa utuu hintaane, jiruu fi jireenyaan walitti hidhataa dha. Waliso irraa Cittuu, Cittu iraan Shimala geenyaan Wancii fi magaala Ambo keessa mixii sochootu arguun ni danda´am. Fageenya dhiigaas ta’e fageenya karaa hinqabu.

Bakka dhaqamu kana hundatti Jaarsoliin haada quunnamtii cittee turte suphuu irraatti yeroo dabarsu. Obbo Argawu firoottan hedduu balbala Walisoo irraa waan qabaniif akka gammadani galan dubbataaa turani.

Agarsiisa keenya Walisoo waliin wal qabatee qabxiilee afur (4) kaasuun Seenaaf hedduu barbaachisaa dha.

Sirba Dhorkuu yaaluu: Sirba Goobanummaa komatu tokko hinsirbitani jedhamne. Dubbiin Goobanaa seenaa keessatti beekamu qofa waan ilaalu hinturre.”Goobanaa Mataa Diimaa” jedha sirbicchi. Goobanummaa Koomunizimiin haguugame balaaleffata. Sirbi kun ergi agarsiisa kana jalqabnee kaasee bakka hundatti sirbamaa ture. Kan akka sirbi kun hinsirbamne nuun jedhan kanuma waliin dhaqne keessaa obbo Asaffaa Namarraa (Kaadiree Awuraajjaa) fi obbo Firdiisaa Futtaasa (Barsiisaa fi Barreessaa Koree Aadaa) turani. Isaan lamaanuu har´a bakka dhugaa jiru. Waaqni lubbuu lamaan isaanii haa maaru.

Sirbi lammaffaan sirba Raadioo Maqa Dishoo irraa afaan Oromootiin darbaa turte:
“Bilisummaan Aannanii, Isaa beeku dhugaa
Inni Dhuguu hinbeekne bira taa’ee mugaa…..” kan jedhu ture. Sirboota lamaanuu kan sirbukan maqaa Bilisummaatiin kan waamamaa ture Nagaash Terrefe Dhinsaa ture.

Ajajni sirboota dhorkuu ergi Waliso geenyee agarsiisa boru ta’uuf jiru waan nutti himameef falammii kaase.Tokkoffaa, sirboonni kun kanaan dura bakka hedduutti sirbamaa waan turaniif ni sirbinaatti cichine. Warri agarsiisicha jiruutti hiiknu yoo sirbi kun hinsirbamne agarsiisichuma dhaabana jenne.
Ani nama saganticha gaggeessu waanin ta’eef yoo dhihaate akka ani itti gaafatamu Obbo Asaffaa fi obbo Firdiisaa irraa anatti himame. Borumtii akkuma sagantaa keenya duriitti Sirboonni lamaanuu ni sirbamani.

Hirmaannaa Namaa: Hirmaannaan nama heduu ture. Finfinnee qofaatii Mini Busi fi konkolaataawwan dhuunfaatiin kan yaa’anii dhufan hedduu turani. Akkaataan dhufaatii qindaawaa ture. Luba Guddinaa Tumsaa akka gaariitti mijeessuun ni dubbatama. Ani waanin saganticha dhiheessuuf carraa namoota galma keessa taa’anii ijaan arguu fi haala jiru hubachuuf carraa gaariin qaba ture.

Agarsiifni keenya gara xumuraa jala yeeroo gahu namichi huccuu uffatuunis ta’e haala qaama isaatiin hedduu gammadaa kan hinfakkaanne tokko galma keessaa gara kiyyatti( gara stage tti) adeemaa dhufe. Akka gara bahaa Oromia irraa dhufe beekuun rakkoo hinturre. Sagalee laafaatiin “Sirba tokkittii akkan sirbu anaaf eehamtaa?” naan jedhe. Qalbii kiyyatti namni aarii garaa isaa hanga beekuu fi danda’u ibsachuuf gaaffii dhiheessuun hammina akka hinqabne hubadheen tole jedheen. Artiistii ta’uu isaa hinbeekun ture. Mikroofoona qabatee:

“Dhufeen Si ilaala, dhufeen si ilaalaa;
Yaa Aayyoo Dubree Magaalaa ..” jedhee gadi lakkise. Sirba kanbiraa tokkos dabalee sirbe.Galmi guutuun ni socho’e.

Seena-qabeessichi sirba kana sirbe kun gooticha, Obbo Shantam Shubbisaa ture. Obbo Shantam, Jaarraa Abbaa Gadaa waliin leenjii isaa xumuratee Oromia seenuuf utuu bobba’anii kan Said Barreen hidhe keessaa tokko dha. Waggaa 5 hidhamee hiikamee kan reefu biyya seenee jiru ture.

Yeroo Sirbi kun sirbamee cookni mana keessaa ho’u ijji koo namoota Galmicha gadi dhiisan sadiirra bu’e.Tokko Goota QOf lubbuu isaa kenne obbo Magarsaa Barii ture.Lamaan hafan ammoo kan har’as lubbuu dhaan jiran, Jaarsolii Qabsoo kana keessatti umrii isaanii xumuraa jiran Obbo Leencoo fi Dr Diimaa turani. Sadanuu bakka adda addaa haa taa’an malee yeroo tokko balbala addaa addaatiin galama gadi lakkisani. Agarsiifni xumuramee yeroon ilaalu obbo Bushuraa Warquu, kan amma biyya Ameerikaa magaala MPls jiru hinjiru.Akkan booda obbo Bushuraa irraa dhagahetti Obbo Magarsaatu haalicha hubatee Finfinneetti fudhatee gale.

Ciree: Borumtii ganama Hoteela Aadde Geexee Waleetti ciree akka waliin nyaannu dhaamsi Jaarsolii Walisoo irraa galgaluma nutti himame. Ganama gara Sa’aatii 9tti bakka afeerraa geenye. Ciree keenya nyaanne.

Ciree booda Jaarsoliin Walisoo wal duraa duubaan dubbii godhani. ” Firri jira jettanii nu barbaacha dhufuu keessaniif isin galateeffanna ” jedhani. Walisoo fi Ambo foon tokko ta’uu jala murani. Agarsiisa sirna Buttaa qaluu kanaan akka waan bade barbaadnuuf seexaa nutti kennitani jedhani. Afaan kabajaa fi safuutiin aangi’ameen nu galateeffatani. Gama keenyaanis Obbo Argaawu keessummummaa nuhiif godhameef galateeffatanii akka daandiin kun deebi´ee hinduudne ergaa dabarsanii xumurani.

Dhaadannoo Warraaqsaa: Bara Dargii xumurri waan hundaa Dhaadhannoo ture. Gama keenya irraa Obbo Firdiisaa Futtaasaatu ka’e. Daadhannooleen bara sana turanis balaaleffannaa waan sadii yoo ta’an, tartiiba isaanii eeggatanii jedhamuu qabu. ” Imperialism yiwudem! Bureaucratic Capitalism yiwudem! Feudalism yiwudem! ” jedhama. Namnis irree isaa bitaa ol qabee isa namichi jedhu irra deebi’a. Irree harka mirgaa ol kaasuun faallaa fi farra warraaqsaatti. ‘ Ulee warraaqsaaf ‘ nama taasisa.

Ganama sana obbo Firdiisaa Futtaaasaa dhaadhannoo 4ffaa itti dhabalee. Ergi sadeen jedhee booda ” OLF yiwudem! ” yeroo jedhu namni tokkittiin illee jechuu didee akkuma irree olqabetti hadoodee hafe. Namni tokko illee dogoggoree jalaa hinqabne. Obbo Firdiisaan deebi´ee rifate. Mana guutuu keessatti haalaa diilallaawaatu uumame.

Rifaasuu kana waliin warra nu keessumsiisetti nagaa dhaamnee Konkolaataa/Busii keenya yaabnee gara Ambotti qajeelle. Utuu Tulluu Boolloo hingahiin bakka gandi/qubsumni/ hinjirre tokko yeroo geenyu “yoo fincaan fincaawuu barbaaddani” jedheetu shofeerri konkolaataa dhaabe. Gadi yaane.

Deebinee Busii seennee yeroo karaa jalqabuuf jennu Asaffaa Namarraa Shugguxii baafatee ” isin anarkistota dha, adda adda keessan keessa buusuu dha” jedhee dheekkame. Arrabsoo afaan ingiliziitiin utuu hinhafiin nutti roobse. Nu warri dargaggootaatti homaa nutti hinfakkaanne. Asaffaa fi obbo Firdiisaan Shofeera cinaa(Gabbiinaa) taa’u. Yeroo hundaa ammoo Qabalee irraa qawwee lama lama ergifannee adeemna. Warri Qawwee kana baatan keessaa Fayyisaa Dirribsaa walii toora duubaarra teenyee jirra. Jaarsoliin Caasaalee Qotee Bulaa irraa dhufan hedduu aarani. Kan guyyaa sana nu waliin turan lamaan Meexxii fi Asgorii irraa Obbo Tirfeessaa fi Obbo Guddataa turani. Imala Walisoo kanaan xumurre.

Imala Dhiha Oromia(Kutaa Wallagaa)
———————————————————-
Imalli keenya xumuraa Kutaa Wallaggaa ture. Naqamte, Gimbii, Najjoo, Mandii fi Gorii tti agarsiifne.

Naqamteetti guyyaa tokko agarsiifnee. Hirmaannaan namaa hangas hinturre. Agarsiisa keenya booda Obbo Tasammaa Nagarii haasawaa xumuraa nuuf godhanii sagantaan xumurame. Obbo Abiyyuu Galataa, Obbo Tasammaa Nagarii fi Jaarsoliin biroon Ethiopia Hoteelitti akka gaariiti irbaata nu keessumsiisanii.

Waayee keessumsiisaa kanan xiqqo isiniif tuqa. Ija hari’a dubbiftan kanaan hin ilaaliinaa. Bakka irraa dhalanneetti haa deebinu. Aadaan keenya hedduu sooromtuu akkuma taate iciitiin ishees akkasuma hedduu dha.

Asallatti Cireef akka aadaatti Dhangaan Marqaatu nuuf dhihaate. Waan hedduu turreef kan dhihaates bakka hedduutti. Dargaggootatu saama jedhanii sodaatan fakkaata Shammarraniif kophaatti dhihaate. Aadde Kuwee Kumsaa Shamarran waliin ta´uu filatte. Ani Jaarsolii waliinin dhihaadhe. Yeroon ilaalu bakki waa cuuphatan hinmul´atu. Waan hundaafuu akkatti jaarsoliin jalqabanin ilaala jedheen garaatti yaade.

Akka bitaa natti gale hubataniitu ” maaliif teessa, nyaadhu malee ” naan jedhani obbo Argawu. ” Maali ergi yoomiin Jaarsolii duran jalqaba ? ” jedheen deebiseef. ” Nyaata Marqaa fi adeemsa qarqaa beektaa ? ” jedhanii walitti qoosaa jalqabani. ‘Haroon’ walakkaa jiraachuun arge.

Naqamte Kumsaa Moriitti ammoo waan biraatu as nutti bahe. Qee guddannetti waan dhihaatu haaluma ilaaltee Aayyootu itti dabala malee Killoo qabatanii bakka buddeenni jiru barbaacha hindhaqani. Waan hoteelaa kun hedduu keenyatti waan lamatu didha (challenge) ta’e. Iciitii amma amma deddeebi’ anii fudhachuu hinbeekun ture. ” Buffet ” jettanii maqaa isaa? Kanaaf hanga danda’ame Sahaanittii fe’uu dirqamne. Kana irraa kan madde waa harcaasuu hafne hinfakkaatu.

Irbaata Hoteela Ethiopia quufnee gara bulmaataatti sochoone. Naqamtetti bakki bulmaata keenyaa Hostela naannoo Boordii Bunaatti argamu keessa ture.

Gimbii: Guyyaa lammaffaa kan nu simattee Magaala Gimbii turte. Gimbiitti agarsiifni keenya galgala ture. Ummanni Gimbii hanga bakki taa’umsaa hanqatutti yaa’ee amilee nuuf kenne. Boojji Birmajjii irraa utuu hinhafiin hedduutu achi ture.

Bulchaan Awuraajjaa Gimbii obbo Isaayyas turani. Bakka agarsiifnu hundatti kan sagantaa keenya dubbiidhaan nuuf xumuru(concluding speech) Bulchiinsa naannoo sanaati. Akkuma kanaa Gimbiitti akka sagantaa keenya nuuf cufan obbo Isaayyas afeeramani. Obbo Isaayyaas utuu dubbii hinjalqabiin dura ni geerarani. Geerarsa gammachuu fi aarii akka ta’e ni hubatama ture. Agarsiifni keenya isaan gammachiisuu isaa ibsaa, Aadaan Oromoo badaa jiraachuun akka isaan aarse:

“Muka daraaraa hinqabne ani Goodarreen argee,
Uummata Aadaan bade ani Oromoon argee…” jedhanii geerarani.

Nuhi ammoo yeroon gammachuu imala keenyaa ibsinu:

“Obboon koo galee, baga nuuf gale,
yoo asii dhaquu, Qalqala baataa,
Qalqalq seetaa, Qalqala Moofaa
anuu nan jibbee, na jibbisiisee.
Yoo achii galuu, Dangasha baataa,
Dangasha seetee, dangasha Dooraa
anuu nan sirbee, nan sirbisiisee ” jenne.

Dangashni (trophy) keenya hirmaannaa gaarii argachuu keenyaa fi ummatni agarsiisa keenyatti gammadee arguu keenya ture.

Mandii: Mandiin (Mana Sibuu) Magaalaalee Oromia gara Dhihaa jiran keessaa sabboonummaan itti daraartetti beekamti. Yeroo “Burqaan Boojjii ” Bojjitti beekamtu “Biqiltuun Mandii” Mana Sibuutti beekamtuu turte. Ilmi Oromoo kan akka Mitikkuu Tarfaasaa magaala kana keessaa dhalatu. Mitikkuun yeroo Awurooppaa turetti Kitaabota ” Hirmaata Dubbii ” fi ” Bara Birraan Bariite ” jedhaman akka taayippistiitti barreessuu isaa afaan isaarra dhagaheen jira. Qabiyyee kitaabichaa keessattis gumaachi isaa guddaa ture.

Bara 1976 jalqaba keessa Baandiin Aduu Birraa yeroo Dhiha Oromia naannoftee turte Mandiitti manni namoota do´achuuf dhufan gahu dhabamnaan Obbo Aliin Dirree irratti (open concert) gaggeessee akka ture nan yaadadha. Baandiin Aduu Birraa achumaan itti fuftee magaala Beegiitti nu bashannansiiste. Kanaafan Obbo Aliin, Haada Bahaa fi Dhiha Oromia walitti hodhedha jedha.

Egaa nuhis Gimbii fi Najjo geenyee yoo deebine Mandiin nutti mufatti jennee imala keenya itti fufne. Ganama Mandii geenyee waaree booda agarsiisa keenya itti fufne. Kan agarsiifne Mana Barumsaa keessatti ture. Hirmaannaan namaa xiqqoo ture. Warri dhufes irra caalaan ijoollee turani. Utuman sagantaa gaggeessuun manicha keessatti nama laman arge. Isa tokko ijumaan argaa isaan beeka. Yeroo agarsiisa kanaa Bulchaa Waradaa Mana Sibuu ta’ee kan jiru obbo Giorgis Goobanaati. Obbo Giorgis bifaan diimaa dha.

Nama 2ffaa galama keessa jiru kana waliin Finfinneetti akka gaariitti wal beekna. Inni fira dubbisuuf galeetu akka keessummaatti achi ture. Inni ija kiyya ufirraa faccifnaan dubbiin naaf galteetu anis ija kiyya irraa buqqifadhe. Ammaan tana biyya Ameerikaa keessa jiraata.

Xumura irratti, sagantaa keenya akka dubbiidhaan nuuf xumuruufan obbo Giorgis Goobanaan afeere. Obbo Giorgis yeroo gara fuula duraatti bahu fuulli isaa fi ijji isaa barbadaa abiddaa caalaa diimatee jira.Yeroo dubbii jalqabu “Goobanaa nuun jettanii ? ” jedhe jalqabe. Yeroo kana haala Walisootu fuula kiyya dura dhufe. Waan sanaan boodha jedhame qalbifachuuf yaadni kiyya ititaa ta’uu dadhabe. Akkuma ta’ettuu xumurree yeroo namni galma keessaa gadi yaa’uu jalqabu ijaan namicha isa tokko barbaaduun eegale. Innis ijaan na tuqeetu gara galmicha duubaatti adeeme. Dhaabaa manaatti rigachaan itti siqe. “Har’a halkan bakka raftanitti isin reebuuf dargaggeessa qopheessanii waan jiraniif yoo dandeessan lubbuu keessan baafadhaa ” naan jedheetu Buna keessa tuf jedhee sokke. Gaaffii biraa dhiheessee adda baafachuuf carraa hin arganne.

Waan galgalaawaa jiruuf gara obbo Argawuttan fiigee itti hime. “Maal goona jettaree ” jedhani. ” Ammuma deemna” jedheen deebiseef. ” Ni bulla jennee yoo deemnu maal nuun jedhuu? ” jedhani. ” Maal nuun jedhuuf salphina baachuu hindandeenyu.
Itti gaafatama lubbuu nama kana hundaa ana caalaa isintu qabaa “ani jennaan,” mee akkatti magaalicha gadi dhiifnu mala isaa fidi ” jedhani.

Makiinaan ittiin Wallagga dhaqne Mercedesii Fe’umsaa Kolleejjiin Qonnaa Amboo dhimma itti bahu, kan irri isaa sharaadhaan haguugame ture. Bifti isaa magarisuu dha. Konkolaataa Loltuu/Military truck/ fakkaata.

Obbo Argawu akka shufeeratti himanii qophaawu waliif galle. Mi’a agarsiisaaf guurree yaanu:Dibbee, Eeboo,Uffata Aadaa, Itillee, Ciicoo, Mooyyee(kan ‘Aadaan’ irra taa´ee luba bahe ), kkf. hunda fe’anne. Nama waliin adeemne irraa kan hafe akka namni biraan konkolaataa hinyaabne dhorkine.

Sirba obbo Alamaayyoo Qubee ” Saba Oromoo yaa kannisa Bosonaa ka’i hinloollaa !” jedhu sirbaa gara kallatti Asoosaatti qarqara Magaala Mandii geenye. Sirba Asalla irraa fudhannee dhufne ” Saba kiyaa Gita Kiyyaa, ka’i yeroon lolan geessee! ” jedhu sirbaa ol deebine. Yeroo ol deebinu obbo Giorgisii fi namoonni isa fakkaatan dhaabatanii “eessa dhaqxuree? ” jedhani. ” Waan ganama barii adeemnuuf makiinaa Beenzina guuttannee deebina” jennee bira darbine. Bakki Beenzina guuttatan ammoo gara bahumsa keenyarra ture. Kanaan booda Shofeeraan itti ejjedhu jenne. Bokkaan jandoo gadi dhiise.

Ganda Gorii jedhamtu yeroo geenyu qabaleen “Quum!! ” jedhani. Dhaabannee eessaa akka deebi’aa jirru itti himnee. Itti daballee akka D/T Gandaa nuuf waaman gaafanne. Dura Taa’aan Qabalee yeroo dhufu, nama ani beeku ture. Alamu Waaqjiraa jedhama. Baakkotti leenjii EPID xumuratee qotee bulaa barsiisaa jira. Leenjifamtoota EPID bara 1974 keessa kan akka Oromootti uf beekan Alamuu fi Eebbisee turani. Sanaan boodas darbinee darbinee waliif barreessaa turre. Maaliif akka halkaniin adeemuuf dirqamnen itti hime. Milishaa qabaleef ajaja barbaachisu kennee. Halkanuma sanaan mana Shayee bansiisanii Shayee fi Daabboo nuuf fidanii, mana Qabalee keessa nuuf afanii rafnee bulle. Sagantaa Goriitti argarsiisuu duraan qabaachuu bannu illee achi oollee agarsiisa keenya agarsiifnee nagaan galle.

Dubbiftoota ko, Oromoon ” Garaan Haadhaa burree dha ” jedha. Garaan Oromias akkasuma burree dha. Tokko obboleessa isaa jjeesuuf ariha; inni tokko gaachana ta’ee ajjeechaa qolata. Tokko baga jedha; tokko ana haanyaatu jedha.Akka Oromootti kun hunduu kanuma keenya. Kan kan keenya hintaane Sirnicha. Sirna eenyumaa gamtaa keenyaaf hindhaabanneef wal ajjeefna; dua’a waliitti gammadna;wal xiqqeessina; qee walii diigna; badii walii hawwina. Kun hunduu aadaa Gadaa waliin wal hinfakkaatu. Waan faanni (track) Gadaa nu agarsiisu waan hunda caalaa kabaja fi tika walabaan yaaduuti. Garuu yaada namaarra darbinee yeroo nama ajjeefnu faallaa falaasama Gadaa hojjenne jechuu dha. Akkas taanaan warra nu garboofate maaliif kommanna?

Akka hubii kiyyaatti kan nama ajjeesu Sirnicha malee nama miti. Sirni wal-caaltummaa irratti hin hundoofne, sirni hunda walqixaan tajaajiluuf utubame namoota nama ajjeessan uf keessatti hinbiqilchu. Haalduree namoonni akkasii irratti biqilantu hinjiraatu. Garuu yoo sirnichhi sirna loogii gam tokkoof uumame ta’e namni ilaalcha madaalawaa namaaf qabu sirnicha keessatti biqiluu hindanda’u.

Fakkenya dhihoon haa ilaallu.Guyyaa Presideentiin Ameerikaa 44ffaan filame Gurraacha Ameerikaa dhiifnaan namni quuqqaa miidhama Gurraacha Ameerikaa qabu hundi ni gammade; ni booye. Falmitoota Mirga Walqixxumaa keessaa warri lubbuun jiran himimmaan harcaasani. Garuu Filamuun President Obamaa ajjeechaa Gurraachaa hambisuu hindandeenye. Akka maddeen tokko tokkootti lakkoofsi namoota bara Presideent Obama ajjeefamani lakkoobsa yeroo Bush lamaanii fi Clinton walitti akka caalu himu.Kanaaf kan nama ajjeesu sirna akka ta´e hubachuun gaarii dha. Haala kana gara biyya keenyaatti deebisanii ilaaluun qooda keenya dha.

Kutaa 6ffaa itti aanu keessatti haala Siyaasa keenya,Obbo Argawu fi nannoo Ambotti deebina.

Ambo

Seenaa Amboo
=============

Barreessan obbo Baqqalaa Tafarraa *

Marsaa FaceBook obbo Tolcha Wegi irraa kan argame

Kutaa 6ffaa

——————

Quunnamtii Obbo Argawuu fi Abboomaa Mitikkuu
______________________________________________

Imalli Kutaa Wallaggaa quunnamtii obbo Argawu fi Abboomaaf isa jalqaba ture. Abomaa Mitikkuu akka obbo Argawuun dubbisuu barbaadu guyyaa Naqamtetti agarsiifne ana gaafate.

Ani kanin Abboomaa kallattiin bare yeroo inni nama isa ajjeesuuf konkolaataadhaan hordofe tokko uf irratti ajjeesee hidhame ture. Jaarsa Oromoo tokko waliin Finfinneetti Karchallee dhaqnee isa gaafanne.

Gaaffii Abboomaan gaafate obbo Argawutti himnaan tole jedhani. Abbooman yeroo sana akka miseensa Sadaditti Qonnaaa Mootummaa adda adda naannoo Dhidheessaa fi Hangar jiranirratti itti gaafatamaa ture. Bakka Bultii keenyaa Hostelatti Kaadiroota Icaat lama dabalatee dhufe. Lameen kun Obbo Tasfayee Qana’aa amma biyya Ingilizii jira jedhamu, fi Kaadiree Icaat dhalootaan nama Naqamtee ta’e tokko turani. Obbo Argawu waliin anaa fi obboleettii keenya har’as lubbuun jirtu Shittaayee Argawu turre. Warri waliin dhaqne kaan hundi rafanii turani.

Rakkoolee waliigalaa (general political problems) adda addaa irratti ergi dubbatamee booda sagantaa Sirna Buttaa qaluu Bokkuu Xuletti Onkoloolessa 8, 1977 kabajuuf saganteeffannee jirru irratti kutaa Wallaggaa irraa akka hirmaatan yaada dhiheessine.Yoo danda’ame Qotee Bulaan yoo irraa hirmaate gaarii akka ta’e yaada keenya ibsine. Innis namoonni hanga 11 akka irraa hirmaachuu danda’an ibse.
Bokkuu Xulee kan jedhamu kun akkuma Odaa Nabee, Odaa Bisill, Odaa Bultum ta’ee Maccaaf bakka qalma Buttaa hangafaati. Xule magaala Ambo irraa Kaaba-Dhihaatiin adeemsa miilaan sa’aatii tokkoo hincaalle dha.

Abbooman afeerraa kanatti akka gammadee fi manni obbo Argawu karaa cinaa waan ta’eef akka itti goree isaan dubbisu ibsee warra waliin dhufe lamaan achumatti dhiisee adeeme. Isaan lamaanis takka turanii adeemani.

Onkoloolessa 8,1977 kabaja sirna Buttaa qaluu Bokkuu Xulee kana irratti akka yaadame nama 11 utuu hintaane namoonni hangi tokko(4?) Wallagga irraa Ambo dhufani. Kana keessaa tokko Alamuu Danda’aa ture.Bokkuu Xulee irraa ergi deebi’anii booda Awurajjaa Gimbii keessaa Innaangootti Buttaa qalanii kabajani. Alamuun qophii fi qindoomina Buttaa Inaanogootti godhame irraa qooda guddaa qaba. Sababa kanaa fi sababa biraa siyaasaan walqabateen Alamuu Danda’aa hidhame. Namoota Nugusee Faantaa Mana Hidhaa Naqamtee keessaa baasee ajjeese keessaa Alamuu Danda´aa isa tokko dha.

Haxxee Shaambal Kaasaayee Arraagaawu
__________________________________________
Ajjaameen ijoollee dubaraa obbo Argawu keessaa tokkoo fi barattuu kutaa 10 turte. Guyyaa tokko gara jalqaba baatii Onkoloolessaa waaree booda Ajjaameen fiigaa bakka ani jiraadhu dhufte.

“Maali maal taate” jedheen gaafadhe. Gorora lafatti tufteetu” utuu gororri kun hinqooriin Xule dhaqxanii akka dhaamsa kana himtan jedhanii juru Abbaabbaan ” jette. “Gororri utuu ati as hingahiin duruu qoore mee dhaamsichi maalii ?” jedheen gaafadhe.
Qophii sirna Buttaa Qaluu Bokkuu Xuletti kabajamuuf karoorfame kana irratti Haxxeen tokko akka nuuf qophaayee jiru Obbo Argawu odeeffannoo argatani. Bulchiinsa Kutaa Shawaa keessatti Shaambal Kaasaayee Arraagaawu koree
“Yee Abiyoot Komiitee” jedhu walitti qabee kiyyoo tokko lafa nuuf kaawuu isaatu dhagahame.

Akka namni hedduun bakka adda addaa irraa kabaja sirna Buttaa qaluu kanaaf dhufu bulchiifni dhagahee jira. Jabana Dargii Milishaa Qotee Bulaa keessaa filamee fi Kaadiroota malee namni hidhannoo(qawwee)akka dhuunfaatti qabu hinjiru. Milishaan ammoo yeroo gammadu akka dhukaasu ni beekama. Barra 1977 walkkaa irraa jalqabee lolli weerara Somalee waan deemaa jiruuf haalli hamaa ture. Kanaaf yoo Bokkuu Xuleetti milishoonni gammachuu irraa kan madde dukaasan” economic and political sabotage ” jennee warra ‘Aadaa kana’ hiina jedhamee murtiin murtaawutu dhagahame. Ayyaanichi guyyaa muraasatti galee jira. Akka kiyyoo kana keessa hinseenamne dhaamsi daddaffiin akka Qotee bulaa Xulee dhaqqabu Ambo irraa namni dhaquutu irra ture. Anaa fi Ajjaameetti dirqamni ergaa kana geessuu kenname.

Biyyeen naannoo Magaala Amboo gurraacha/kooticha/ dha. Yoo xiqqo roobe kophee namarraa baafata. Gara Xulee dhaquuf ammoo hanga Laga Alaltuu ceenutti biyyoo gurraacha kana keessa kutuun dirqama. Kanaaf lamaan keenya Kophee manumatti dhiifnee miilla duwaan Xule dhaqne. Ergaa jedhames dabarsine. Gaaga’ama nutti aggaamame qalbifachuudhaan akka rasaasni tokko hin dhukaafamne ergaa akeekkachiisaa dabarsine. Yoo Kaadiroonni dhukaasn illee qotee bulaan akka hindhukaafne himnee deebine.

Hirmaannaan namaa Qotee Bulaa qofa hinturre. Finfinnee irraa hojjetoonni Bariisaa fi Hojjetonni mootummaa hedduun Bokkuu Xuleetti argamini.Sirni Buttaa Qaluu haala gammachiisaatiin xumurame.

Akkuma shakkine, Onkoloolessa 8,1977, yeroo sirni Buttaa Qaluu xumuramee namni galuu jalqabu Kaadireen tokko Uuzii qabuun rasaasa hedduu ol qabee dhukaase. Garuu Qotee Bulaan tokko illee utuu hindhukaasiin ayyaanichi xumurame. Haxxee nuuf qophaayes galata warra odeeffannoo nuuf ergee jennee jala dabarre.
Ayyaana kabaja sirna Buttaa Xulee booda heduun barattootaa Koree Aadaa keessa turre barumsa kutaa 12 waan xumurreef Ambo gadi dhiifnee. Ani barumsaaf University Finfnineen seene.

Akkuma Semesterri 2ffaan jalqabeen, Bitootessaa 24, 1978 nan hidhame. Qunnamtiin Jibaatii fi Maccaa fi obbo Argawu waliin karaa Oromia akka jaarmaa siyaasaatti jiru ni cite.Yeroo kana keessatti Abbomaan deddeebi’ee Obbo Argawu quunnamaa waan siyaasaa itti kaasa.Yaadni Bahaa Oromia irraa WBO fiduu obbo Argwuuf dhihaate. Hawwiin kun duraanuu waan tureef gammadanii fudhatani.
Yeroo sanas Jarmoleen Siyaasaa maqaa Oromootiin uf waaman hanga har´aa hinheddummatiin malee hangi tokko ni turani. Kan bosona Bahaa keessaa akka OLFtti beekamu kan Sooressa Jaarraa Abbaa Gadaatiin (Waaqni lubbuu isaaniif tasgabbii haa kennu) hogganamu adda dha.Warra biyya keessa socho’an keessaa gartuulee “Bilisummaa”, “Bakkalchaa fi Warraaqaa”n akka qaama tokkootti gaaddisa Icaat jalatti socho’u ture. Gartuun 3ffaan ammoo “Oromia” dha. Oromia jalatti Dameen Dargaggootaa “Guca Darggaggoo” jedhamuun beekama. Akka Maadhee Guca Dargaggootto

“Qaqall’attee yaatii baalli Dhangaggoo,
Diina jala hinkaannu,
Qawwee isaanii hinbaannu,
Hambaa isaanii hinnyaannu,
Nu lolannee galla jetti Dargaggoon”
jennee weeddisaa / gumgumaa turre.

Ejjennoon Oromian qabu, gama tokkoon ijaa MEISON Dargii waliin hojjetu Goobanaa jechaa gama kaaniin haguuggaa ICAAT jedhuun Dargii waliin hojjechuun ayyaan-laallattummaa(double standard) dha jedhee waan amanuuf karaa dhoksaan (clandestine) socho’aa ture. Mootummaa dhaabbata(institutions) meeqaan uf ijaaree qeensa yaasee jiru jalatti ‘si jalatti uf dammaqsinee, uf ijaarree, uf hidhachiifnee bilisummaa keenya deebifanna’ jechuun Oromiaf fudhatamuu hindandeenye. Sababa kanaan Oromian akka ‘ultra left’ itti ilaalma ture. Keessumaa ergi weerarri Somaaleetiin booda Oromian Maxxansa Addaa( special Issue) baasee dubbiin ni hammaate. Yeroo weerara Somaalee Ilmaan Nafxanyootaa Raayyaa Waraanaa biyyichaa keessa jiranii fi Kaadiroonni isaanii ” Shirrix ye lebbese hulluu Somaalee new/ kan Marxoo uffate hunduu Somaalee dha ” jedhanii akka milishaan uffatuma ilaalee qotee bulaa duguugu gochuun dhagame. Oromian kana balaaleffatee Waraqaa Addaa(Special Issue) “Aquwaamaachin/Ejjennoo Keenya” jedhu baase. Jaarmoleen Oromoo walaba dha ufiin jedhanis akka kanarratti ejjennoo fudhatan waamicha godhe. Warri MEISON booda rukutamuuf daqiiqaan shan isaan hafee jiru hedduun “ultra, adventurists, … ” jechaa nu gaarreffatani. Jechumti ” Oromia ” jedhu illee ” waan hiikni isaa hinbeekamne ” jedhamaa ture. Gariin har´a illee yoo barreessu “Oromiyaa ” jedha malee ” Oromia ” jedhee hinbarreessu. ” Yaashennifal ” fi ” Yaachennifaalii ” MEISON fi EPRP ta´e.
Obbo Argawu quunnamtiin isaanii Oromia waliin ture. Hawwiin obbo Argawu qabsoo hidhannoof qaban guddaa waan tureef karaa Oromia, Ambo irraa yeroo lama sagantaan dirree deemuu sagantaa’e. Inni duraa, waan Weerarri Said Baarree Dirreetti jeeqamsa uumeef ergaan “turaa” jedhu Dirree irraa dhufe jedhamne. Dhaamsi marroo lammaffa dhufe, “akka gahee Jibaatii fi Maccaatti nama 8 ergadhaa. Saddettan kun leenjii isaanii booda naannoo irraa dhufanitti deebi´anii uummata ijaaraa qabsoo jalqabuu ” kan jedhu waan tureef Obbo Argawu ” tokko anatu adeema, nama 7 ammoo dargaggoota keessaa Oromian haa filatuu.” jedhani.

Sagantaa leenjii kana eeggachaa Projektiin tokko Gamtaa(Co-operative) Qotee Bulaa naannoo Gudar gama, Malkaa Dhagaa, jiru tokko waliin jalqabame. Haalli Projektii kanaa akka Gamtaan Qotee Bulaa kun Maallaqa bifa liqiitiin argatu mijeessuu ture. Kana gochuuf ammoo waan Gamtaan Qotee Bulaa kun hoomishu(Nooraa-lime stone) akka seera Projektiitti nama ogummaaa kanaa qabuun ilaalamee gabaasaan dhihaachuun murteessaa ture. Dirqama kanaaf namni MSc qabu tokko Oromia irraa dirqama fudhatee Finfinne irraa ka’ee Malkaa Dhagaatti argame.Namni kun Xiinxala (feasibility study) godhee gabaasaa dhiheesse. Gabaasaa kana irratti hundaawuun Projektiin kun ehama liqii maallaqaa argate. Namoonni kana beekan Obbo Argawu, Koree Hojii Gaggeessituu warra liqeeffatuu fi hoggana Oromia irraa namoota dubbiin ilaalu qofa turani. Liqiin maallaqaa kun waan seeraan raawwatame ture.

Garuu akka waan kun dhagahameen inaaffaa jaarmoleen Oromoo walgidduutti qaban irraa kan ka’e,oduun ” Oromian Ambotti Dirree banachuuf maqaa liqiitiin maallaqa Qotee Bulaatti dabarsee jira ” jedhu akka gurra Dargii gahutti afarfamuu jalqabe. Namni liqii kana seeraan aanjesse hooggana Oromia keessaa tokko ta´uun ammoo baaltaa kanaaf ulfina kenne. Yeroo Obbo Argawu qabamanis dubbiin tokko kana ture. Gaggeessitoonni Waldaa Qotee Bulaa kanaa,fkf. obbo Guddataan, sababa kanaan Ambotti warra hidhaman keessaa tokko ture.

Akkan kanaan olitti kaase haala quunnamtiin akka jaarmayaatti jiru cite keessa Abbomaan waan qabsoo hidhannoo obbo Argawuitti kaasa. Akka quunnamtiin isaanii Oromia waliin ta’e obbo Argawu itti kaafnaan ” nu rakkoo wal gidduutii qabnu fixannee Oromia waliin tokko taanee jirra ” akka Abboomaan isaaniin jedhe Karchalleetti yeroo wal arginu obbo Argawu natti himani. Akka dubbiin soba ta´e ammoo obbo Argawu Waddeessa utuu jiranii barani. Namoota isaan waliin Waddeesa dhaqe keessaa tokko waayee Oromia bifa ceephootiin/tuffiitiin kaafnaan ” araarmne jettani maaliif ammoo akkasitti maqaa wal xureessitu? ” jedhanii obbo Argawu gaafannaan ” ishee waliin maaltu araarama, araarri hinjiru” akka namni kun isaaniin jedhe obbo Argawu natti himani.

Akka kanatti bara 1978 baatii Hagayy keessa Bahaa Oromia irraa Miseensonni WBO 4, akkasumas Finfinnee irraa namni tokko Ambotti ergamani. Isaanis: Bahaa Oromia irraa (1) I/A Aj. Dhibbaa Yiggazuu Waaqee, (2) Muktaar Muummee, (3) Abdii Mohammad, (4) Abdurahaman …. yoo ta’an, (5)ffaffaan Finfinnee irraa barataa University kan ture Gannatii Dheeressaa ture. I/A Aj.Dhibbaa Yiggazuu Waaqee Onkoloolessa 1986, Muhee Abdoo, Gezaheny Kaasaahun, Kabbada Damissee waliin mootummaan faashitii Dargii mana hidhaa Maa´ikelawwiitii baasee ajjeese. Yiggazuu fi obbo Argawu irraa kan hafe warri kaan hidhaa bara dheeraa booda hiikamani.

Abboomaan namoota kanaan olitti tarreeffaman kana Amboon gahee Meeshaa Waraanaa fiduuf gara Finfinneetti deebi’ee.Guyyaa Abbooman meeshaa Waraanaa fidu eenyufaa bakka kamitti akka isa eeganii simatan obbo Argawu waliin xumurani adda bahani. Guyyaa qofa utuu hintaane sa’aatii inni bakka beellamaa gahu utuu hinhafiin murteessani. Guyyaa beellamaa namni lama Qee obbo Argawu irraa ka’anii miilaan baadiyaa keessa bahanii, Awwaaroo ol darbanii Riqaa xiqqoo marfata Meexxiitti dhihoo jirtu biratti akka eegan kan dirqamni itti kenname Ajjaamee Argau fi Caalaa Faanaa Diroo turani. Abboomaan Sa’aatii jedhametti dhufe. Konkolaataan VW tokko yeroo achi geessu ni dhaabbatte. Warri isa eegaa turan lamaan konkolaataa seenani. Abboomaan Ambo keessa darbee Sanqallee utuu hingahiin gara harka mirgaatti agarsiisaa “gara Mana sanaa dhaqna” jedhe warra isa eegeen.Warri Abboomaa eege kuni qe’ee kana akka gaariitti beeka. Abboomaan obbo Argawu waliin bakka meeshaan itti bu´u fixee ture. Warri Abboomaa eege garuu isa eeguu malee waan hundaa quba hinqabani. Yeroo Konkolaataa seenanii taa’anis teessoo isaanii jala akka meeshaan waraanaa jiru quba hinqabani ture.Kan isaan hubatan bakka jedhame gahanii yeroo meeshaan bu´u ture. Meeshaa kana mana jedhametti buusanii.Obbo Argawus bakka jiranii dhufanii achitti eegaa turani.Utuu yeroo hinballeessiin obbo Argawu halakanuma sanaa bakka dhufanitti deebi’ani.

Akka obbo Argawu booda natti himanitti Abboomaan ” waan tokko tokko xumuree ” akka Waddeessatti isaan dhaqqabu waliif galanii adda bahani. Garuu Abboomaan achi hindeebine. Gara Bahaa Oromiatti deeme. Tarii haalatu mijataa ta’uu didee laata?
Gara xumura baatii Hagayya bara 1978 irraa jalqabee hordoffiin obbo Argawufaa irratti godhamu bal´achaa dhufe. Hordoffiin gaaduurra darbee gara duulaatti cehe.
Hordoffiin jabaan utuu ta’aa jiruu miseensa WBO Bahaa Oromia irraa dhufan keessaa tokko kan ta’e, Abdurahman ……., badee Ambotti harka kenne. Loqodni afaanii haala yeroo sanaa keessatti meeshaa ololaa ta’e. Lola Said Baaree waliin ta’e irratti dabalatee ” Somaaleen hanga Ambotti lootee galtee ” jedhamee Kaadiroota Caasaa yeroo sanaatiin labsame. Haala kanaan Waradaalee 9 Jibaatiif Macca keessa jiran irraa akka Qotee Bulaan duulu taasifame. Loltuu Mootummaa cinaatti jechuu dha.

Baatii Fulbaanaa 1978 jalqabarra obboleettii obbo Argawu magaala Gudar jiraatan hidhani. Aadde Dirribee Dinqaa “bakka obboleessi jiru beekti, galaa ergitiif ” jedhanii hidhani. Torbee lamaan Aadde Dirribeen hidhaman booda Fulbaana 12 (Meskerem 2) guyyaa Nugufni Aangoo irraa buufamantu kabajama. Bakka Ayyaani kun kabajamutti labsii ifa godhani. “Argaawu Dinqaa Somaalota hanga funyaaniitti hidhatan fidee Ambo rukutuuf gaara Waddeessaarra qubatee jira.Inni Qoncooraa qabdu qoncooraa kee qabattee akka kaatu ……… !” jedhanii labsani.

Warri Bosona jiru ammoo waan naannootti adeemaa jiru hordofaa bakka irraa bakka jijjiirracha hanga danda’an socho’ani. Haala sochii keessa warri waliin jiranuu bakka lamatti bahani. I/A Aj.Dhibbaa Yiggazuu fi obbo Aargaawu gara Cillimootti fuulleffatani.Garuu hordoffii humna guddaa kana jalaa bahuu hindandeenye.Yiggazuun miilla irra rukutamee harka loltuu bu’e. Obbo Argawus isa waliin qabamani. Gartuun isaan irraa adda bahee tures qabanii jiru. Kuni kan ta’e, akkan dhagaheetti, gara Fulbaana 15, 1978 ture.

Yeroo qabamanii magaala Ambo gahan jalqaba Galma Haile Sillaasee/Ambo Palace/ fuula dura bakka Abiyoot Addabaabay jedhamutti geessani. Namni hedduu ture.Qotee Bulaan akka sirbu taasifame. Obbo Argawu waa dubbachuu barbaadani. Warri Aangawootaa dubbii dhorkuu yaalani. Sagaleen hedduun garuu “haa dubbatu! haa dubbatu!” jechuun dhagahamnaan akka obbo Argawu dhubbatan eeyyamame. Obbo Argawu maaliif akka bosonatti galuuf dirqamanii fi somaalees akka hintaane ibsani. Xumura irrattis ” yaa Qotee Bulaa fi Uummata Oromoo har’a anatti sirbitu, garuu guyyaa dubbiin isiniif gale anaaf boochu ” jechuu isaanii warri achi ture ni yaadatu.
Fulbaana 2, 1978 guyyaa duula labsanii halkan qee’ee obbo Argawu weerarani. Halkan Walakkaa dha. Aayyoo Taatuu Gammannee, Haati Qe’ee, mucaa ilmaa ergi dhalatee waggaa hinguutne, Gidiraa Argwu, harma hoosisaa jiru. Kan isaan waliin mana keessa turan ufiifuu ijoollee dha. Tokko ammoo Kaadhimaa Baqqalaa Argawu, Hagaree, turte. Isheen ufiifuu kessummaa dha. Loltoonni balbala cabsanii itti seenani. ” Haadha Baqqalaa ka’aa ” jedhani warri hidhuu dhufe kun. “Daa’ima kana attaman godharee ? ” jedhanii gaafannaan ” isa hinbeeknu ” jedhamani.

Kanumaan gama tokkoon mucaa boowu Hagareetti kennani,ufiis boowaa harka tokkoon imimmaan, harka kaaniin harma mirgisee dhangalaa jiru qabatanii gara mana hidhaatti geeffamani. Ijoolleen obbo Argawu mana keessa jiran hedduun Haadha waliin hidhaatti oofamani.

Mucayyoon daa’ima qabattee manatti hafte kun hanga guyyaa 3ffaa Muluwarq Argawu Finfinnee irraa dhuftutti daa’ima qabattee boowuu irraa kan hafe homaa gochuu hindandeenye. Daa’imni kun haadha isaa dhabuu waliin beelatu isa boossisaa ture.Obboleettiin Finfinnee irraa yeroo dhufu Gidiraan hedduu dadhabee ture. Lubbuun guyyaa Waaqni baase malee hinbaatuu Gidiraan, hambaan du’aa har’a akka Dr.Gidiraatti biyya America jira.

Ergi Obbo Argawufaa qabamuun mirkanaa’ee booda ijoollee xixiqqoo qee dhaa hidhamanii turaniin “akka bitaa fi mirga hin ilaalle fi akka namatti hindubbanne” akeekkachiisanii hidhaatii gadi dhiisani. Ijoolleen hiikaman kun haaluma akkasii keessatti mana barumsaatti yeroo deebi’an barsiisota tokko tokko biratti akka diinummaatti ilaalamani, ni reebamani,haala hinbeekneefi qooda keessaa hinqabneetti akka gidiramtootaatti ilaalamani. Fakkeenyaaf, Barsiisaan Mana Barumsaa Addis Katamaa, Abraham jedhamu ijoollee kana jilbeefachiisee reebaa, itti roorrisaa akka ture ijoolleen ni yaadatu. Aayyoo Haati Baqqalaa garuu Karchallee Amboo keessatti ergi waggaa 3 hidhamanii booda Bitootessa 1979 hiikamani.

Yeroo obbo Argawu hidhaman xiyyeeffannaan hidhaa Miseensota Koree Aadaa Oromoo Jibaatii fi Maccaa hunda dabalate. Barsiiftonnii fi Barattoonni maqaa
“Ijoollee Aadaa” ttin beekaman hidhaatti guuramani. Barsiisonnii waggaa hedduu kan hidhaman yoo ta’u barattoonni garuu baatiilee gabaabduu keessatti hiikamani. “Ijoolleen maal beeku, dammaqinsi kennameefii gadi haa lakkifamani” jedhee kan akka hiikaman godhe ilma Oromoo tokko ture. Innis yeroo sanatti kaadiree Awuraajja ta’ee reefu dhufee kan ture,obbo Mulugeetaa Debbebee Gammachuu Qamarittii akka ture warra inni hiikisisetu natti hime.Namni haala isaaf danda’amu keessatti hanga danda’au nama gargaaruun waan guddaa dha.
__________________________________________
Kutaa 7ffaa kanatti aanu keessatti akkatti ani hidhamuu obbo Argawu mana hidhaatti dhagahee fi haala Ma’ikelawwii ilaalla.
__________________________________________

*Gaffi fi yaada yoo qabatan gama FaceBookitiin “Buttaa Xulee” quunnamaa!

_________________________________________

Seenaa kana barreessanii karaa obbo Tolcha Wegi uummata kan qaqqabsiisan obbo Baqqalaa Tafarra galata guddaa qabu. Otoo eeyyama isaan lachuu hin gaafatiin marsaa kana irratti maxxansuukootiif dhiifama gaafachaa, kaayyoon seenaa kanaas ta’e maxxansuun uummata keenya baldhaa karaa dandayame qaqqabsiisuuf waan ta’eef OromiaTimes irra keenyeerra. Kabajamoon obbo Baqqalaa Tafarraa fi obbo Tolchaa Wagii umurii nuuf dheeradhaa! Galatoomaa!

OromiaTimes

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s