Obbo Baqqalaa Tafarraa: Seenaa Amboo (Kutaa 3ffaa fi 4ffaa)

Ambo

Seenaa Amboo
________________

Kutaa 3ffaa
____________

Obbo Baqqalaa Tafarraa Irraa

___________________

Marsaa FaceBook obbo Tolcha Wegi irraa kan argame

(III) Weerara Abeebee Gaattiroo: Guraandhala 15, 1976
———————————————————————
Dargiin warra kanaan olitti tarreeffaman ergi mana hidhaatti galfate booda duula isaa itti fufe. Amma magaala Ambo irraa gara baadiyyaatti xiyeeffate.

Fincila Jalduu fi Gindabaratiif sababni duula qawwee hiikkachiisuu Dargiin jalqabetu ture. Dargiin sodaa uummata Oromoo irraa qabu irraa kan madde duula isaa itti fufe. Duulichi qawwee fudhachuu qofa hinturre. Namoota qawween irraa hiikamus qabanii hidhuu, dararuutu fi dhabamsiisuu ture.

Xiyyeeffannaan qee balleessii Dargiin jalqabe kun garaa namoota hedduu keessatti yaada “hidhamuurra ufirratti faccisaa du’uu wayya” jedhu uume. Yoom akka ta’u hinbeekiin malee akka dubbiin hinhafne namoonni hedduun baranii jiru. Hangi wal amanus gurra walbuusuun hin oolle.

Ambotti aanee weerarri Dargii qe’ee Obbo Zoogaa Booji’aa irratti ture. Obbo Zoogaa Booji’aa Bu’uuressitoota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessaa isaan hangafatti beekamu. Walgahiin MT Hadoolessa 24, 1965 Abeebee Qeerransaatti ta’e qee isaanirratti ture. Walgahii guddaa kana keessumsiisuu irra darbee Haati Warraa isaanii, Aadde Tasfayee Allabbaa, obbolaa isaanii waliin lafa Mana Barumsaaf ta’u Kaaree Meetra 5000 waldaa kanaaf kennuu isaanii seenaan TM ni hima.

Obbo Zoogaa Booji’aa (1919-1976

Obbo Zoogaan marroo sadii Jibaatii fi Maccaa keessaa Paarlaamaatti filatamanii tajaajila kennanii jiru.Yeroo duulli filmaata Paarlaamaa gaggeeffamu kan isaan akka karooraatti hojjechuuf waadaa galan hojii misoomaa kan kaayyoo MT waliin tokkuma. Karaa, Riqaa, Mana Barumsaa, Dhaabbata Tajaajila Fayyaa kennu ijaaruu ture. Sochii Barattoota Mana Barumsaa Ambo cinaa dhaabatanii yeroo barattoonni hidhaman obbo Argawu Dinqaa fi hiriyyoota isaanii kaan waliin falammii seeraa godhanii jiru.

Guraandhala 15, 1976 waaree booda Dargiin qee obbo Zoogaa Booji´aa humna waraanaa Aj.Dhibbaa Dhaabasaa Kumsaatiin hogganuun weerare. Jaarsa nagaa dhaan qe’ee isaanii jiraatan irratti dhukaafni baname. Yeroo Dhukaafni qee isaaniirratti banamu obbo Zoogaa waliin maatii keessaa Haadha Warraa isaanii Aadde Tasfayee Allabbaa, ijoollee isaanii, Asrat Zoogaa umriin waggaa 13, Solomoon Zoogaa umriin waggaa 18 hinguunnee, fi lammii isaanii kan ta’e obbo Maammoo Deebisaatu qe’ee keessa ture.

Yeroo Dhukaasni hammaatu lubbuu ijoollee oolchuuf akka haati Warraa isaanii ijoollee fi obbo Maammoo waliin harka kennan obbo Zoogaan yaada kennani.
Haati Qe’ee kunis ijoollee qabatanii Obbo Maammoo wallin loltootatti gadi bahani. Loltuun Dargii garaa laafina hinqabne garuu “yoo Abbaan Manaa kee harka kenne malee” jedhanii akka manatti deebi´an dirqani. Obbo Zoogaan garuu waan harka kennuu garaa isaanii keessa hinturre.Harka kennanii akka sareetti du’uu hinfeene. Kanumaan dhukaasni mana irratti roobuu egale. Naanno qe’ee issaaniittis ibidda itti qabsiisan.

Kana qofaa miti. Haala rasaasni akka cabbii roobaa jiru keessa waan seexaa fi seenaa tokkotu ta’e. Qe’ee obbo Zoogaa fi kan obbo Mul’ataa Badhaanee karaa Konkolaataa Finfinnee irraa gara Ambo dhaqutu gidduu baha.
Yoo xiqqaate fageenyi qe’ee lamaanii gara meetira 500 oli. Haala rasaasni akkas roobu keessa obbo Mul’ataa Badhaanee Obbo Zoogaatti birmatani. Attamitti loltoota gidduu kutanii akka dhaqan namni hanga har’aattuu himuu danda’u hinjiru.

Obbo Mul’ataan tumsa obbo Zoogaaf lola kanatti makamuu issaani akka baraniin loltooni aarii guddaa keessa seenan. Dhukaafni kara lachanuu baay’ ee hammaate. Yeroo kana Obbo Zoogaan haadha warraa isaaniitiin akka harka kennan yeroo lammaffaa gaafatani. Obbo Maammoon haarka kennu waan didaniif, Adde Tasfaayee Alabbaa ijoollee isaanii Asirat fi Solomon fudhatanii yeroo lammataaf lubbuu ijoollee oolchuuf gadi bahani. Loltooni garuu gara jabinaan ilma isaanii Asraat Zoogaatiin bobaa haadhaa jalatti rasaasaan rukutaanii ajjeesan. Kana booda Aadde Tasfaayee Allabbaa reeffa mucaa isaani waliin mana ollaa isaanii jiru tokko keessatti loltootaan eegamaa bulani.

Dukaasa sa’aatii dheeraaf mana isaaniirratti roobaa ture keessa Obbo Zogaa fi obbo Maammoon ni kufani.

Obbo Mul’ataan ergi obbo Zoogaan kufanii illee hanga barii lafaatti dhukaasanii akkuma obbo Zoogaa hanga kuffisan ergi kuffisanii dhukaasa sa’aatii 18 guutuu booda Gurraandhala 16, 1976 waaree dura Hiriyyaa isaanii obbo Zoogaa Booji’aa cinaatti kufani.

Sana booda aadde Tasfayee Allabbaa fi ilmi isaanii Solomon Zoogaa reenfa nama afurii waliin fe’amanii gara magaalaa Ambootti geeffamani.

Reenfa namoota sadii mana mazagaajaa fuula duratti buusanii akka namni itti hin siqne dhoowan. Aadde Tasfaayee Allabbaa ilma isaanii du’a irraa hafe Solomon Zoogaa waliin mana hidhaatti darbatamani.

Firrotnii fi lammiileen magaalaa Ambo, keesumaa iyyuu Obbo Kinfee Dastaa akka reenfi isaaniif kennamu gaafatani. Obbo Kinfeen Abbaa Warraa Aadde Faanaayee Zoogaati. Kadhaa guddaa booda reeffa akka awwaallachuu danda´an itti himame. Akka kanaan reeffi magaalaa Ambootti awwaalame.

Waggaa 17 booda akka sirni Dargii kufeen reeffi obbo Zoogaa maatii, firri fi lamiin kabajaan magaalaa Ambo keessaa baasuudhaan bataskaana Oboo Zoogaan ijaarsisan kan qe’ee issanii jiru keessatti akka kabajaan awwaalaman ta’e. Sirna kana irrattis namootni kumaatamaan lakkaawaman argamaniiru.

Waan garaa nama raasu, Asrast Finfinnee jiraachaa kan ture “Qe’een yaade” jedheetu gidduu sana gara Abeebee dhufe jedhama. Haalli adeemaa jiru akka gaarii hintaane waan hubataniif obbo Zoogaan akka ijoolleen Finfinnee dhaqan yaada dhiheessanii turuutu dubbatama. Solomon Finfinnee dhaquu ni dide. Abbaa isaa dhiisee adeemuu hinbarbaanne.Yaaddessaa Zoogaa Booji’aa garuu daa’ima waan tureef Finfinneetti ergamee ture.

Har’a yeroon sirba Yaaddessaa dhggeeffadhu, yeroon walaloota Yaaddessaa dubbisu, yeroon sagalee inni warra hidhaa jiruuf dhageessisu dhaggeeffadhu
“Yaaddessaan kanarraa ala maal ta’uu danda’a?”jedheen uf gaafadha. Bakka isaa uf kaayeen keessa kiyya dhaggeeffadha.

Kana qofaa miti. Ilmi obbo Zoogaa, obbo Ayyele Zoogaa yeroo haalli kun ta’u haala qabsoo Oromoo aanjessuuf, obbo Galaasaa Dilboo, Mulugeetaa Moosisaa, Abboomaa Mitikkuu fi warra isaan waliin turan waliin imala gara Somaaleetti godhamerra ture. Yeroo qee’eetti deebi’u gaddaa dachaa dachaatti deebi’e.

Yeroon sun fira ufii ajjeefameef illee akka aadaatti boowuun bara rakkisaa ture dha. Kan mootummaan “diina dha” jedhee ajjeeseef akka abbaatti, akka obboleessaatti mararsiifatanii fi faarsanii boowuun salphaa hinturre.

Obbo Mul´ataa Badhaanee jabana Xaaliyaanii kaabaa Itiyoophiya fuula Maacootti duulanii lolanii lolchiisuun Gootota naannoo sanatti beekaman keessaa tokko dha. Hanga Xaaliyaaniin bahuttis falammii ta’e keessatti baroottan dheeraa dabarsani.

Obbo Mul‘ataa Badhaanee

Egaa yeroo qe’en obbo Zoogaa weeraramu Obbo Mul’ataa Badhaanee balbala cufatanii lubbuu ufii oolchuu hinfeene. Jireenyi lammii waliin yoo hintaane jireenya akka hintaane hubatani. Inni qe’ee obbo Zoogaa gahe boru akka balbala isaanii dhufu hubatanii wareegama kabajaa filatani. Haalli qe’ee obbo Zoogaatti ta’aa jiru waan isaan yaaddeseef ijoolee isaanii akka qee irraa fagaatan taasisani.Qeen isaani akka gubachuu danda’us waan hubataniif, haadha warraa isaanitin balbala cufanii akka gara firaatti deeman hubachiisuun bahanii lola sanatti makamani. Akkuma isaan tilmaaman loltuun Dargii Mana obbo Mul´ataa Badhaaneetti abidda qabsiise.

Gootni waggaa 5 weerartuu Xaaliyaanii falme kanaa ala maal filata? Obbo Mul’ataan “Wal irraa hindheessinu gurbaa…..!! ” jechaa obbo Zoogaatti birmatanii; waliin kuffisanii waliin kufani. Hiika Ambo jechuun “Waloo, Tumsa, Gamtaa, … jechuu dha” jedhu jiruutti hiikanii darbani.Waaqni lubbuu hunda isaaniif qabbana haa kennu.

‘Utubaalee’ Seena-Qabeeyyii

Utubaaleen Maatii tokkoo Abbaa Qe’ee fi Haadha Qe’eeti. Kana yoo ilaallu, qeen gurguddaan Abeebee lama guyyaa tokkotti Utubaa isa lama dhabe.Kuni Qee maatii guddaa qabu keessatti maal akka fakkaatu yaadaan hubachuun nidanda´ama. Qe’ee lamaanittuu Haati Qe’ee dirqama dachaa baachuuf dirqamani.Gama tokkoon akka seera uumaatti qooda haadhummaa baachaa gama kaaniin akka barbaachisummaa isaatti bakka Abbaa ta´anii Qee kabajaa kabajaan tiksani. Rakkinni ulfaate jedhanii ijoollee isaanii qe’eetti hinhambifne. Ijoolleen Qe’ee lamaanii baratanii har’a bakka gaarii gahuun seexaa fi jabina Haadha Qe’ee lamaanii ta’uu yeroon ragaa baha. Raagaa!

Suuraalee: Obbo Zoogaa Booji’aa fi Obbo Mul’ataa Badhaanee isaan kana turani.

 

Ambo

Seenaa Amboo
________________

Kutaa 4ffaa

Obbo Baqqalaa Tafarraa A. Irraa
__________________________

Marsaa FaceBook obbo Tolcha Wegi irraa kan argame

(IV) “Goolii Diimaan Ambotti Gaggeeffamuu Qaba” jette Filamtuun Gandaa
_____________________________________________
Akka Caasaa Magaalaa bara Dargiitti, magaalli Amboo Gandoota (Qabalee) 6 fi Ol’aanaa (Higher) tokko qabdi.

Bara 1977, galgala tokko Maatii walitti dhihaannu tokko dubbisuun mana namaa dhaqe. Yeroo ani achi gahu Abbaan Manaa hinjiru. Haadha Manaa fi obbolaa isaatu mana jira. Akka Abbaan Manaa walgahii Ol’aanaa Magaala Ambo dhaqe Haati Warraa natti himte. Waan walgahiin dubbate yoo danda’ame dhagahuun hinbadu jedheen turee eege. Halkan gara sa’aatii 11tti obboleessi koo dhufe. Nagaa gaafannaan “nagaa maaltu jira? Magaalli Ambo dhiigaan laaqamuuf deemti “jedhe. Maaltu ta’e jedhee gaafannaa qabxii walgahii galgala gaafasii natti hime.

Dubbiin akkas ture. Dubartiin ganda 04 keessaa filamtee jirtu tokko “Ambotti Goolii Diimaan/Qayyi Shibbiriin/ hindeemne, tarkaanfiin fudhatamuu qaba” jette. Abbaan manaa dubartii kanaa, mana Barumsaa Gudartti Direkteera ture. Alangaan harka irraa hinbu’u. Gaafa gamuufii Barattoonni Gudar akka ta’utti uf irraa faccisani. Innis akka Alangaan nama dhukkubsu dhamdhame. Kana irraa kan ka´e Ambotti jijjiirame. Haati manaa isaa Ganda 04tti Warraaqxuu/abiyootanyaa taatee qabaleetti filamte.

Bara sana walgahii Gandoonni / Qabaleen godhan irratti tokko arraba mi’eessee abiyootii faarsaa yaada dhiheessinaan yoo dabalata ta´e malee yaada mormii dhiheessuun salphaa hinturre. Akka farra Warraaqsaatti nama galmeessisisa. Egaa haala kana keessatti dubartiin kun “Qayyi shibbir Be Ambo meffaafaam allebbet” jette. Kanumaan maqaan Barattootaa tarreeffamuu jalqabe. Isheen haadubbattu malee dubiin itti qophaawamee waan dhaqame ta’uun ni hubatama.

Maqaalee guyyaa gaafasii tarreeffamn keessaa kaniin har’a yaadadhu Magaala Amboo keessa ganda 06 Shuggux Bifeessaa, Abarraa Atoomsaa, Dhimmaa Abarraa, 04 keessaa Warqinaa Badhaanee, Jaldu irraa Tecaannee Beqqele fi Milkeessaa Waqijiraa kan boodarra University Haromaayaatti Barsiisaa ta’ee ture dabalata. Gindabarat irraa Marzuu Sobbooqaatu ture.Abbaan Marzuu lola Jalduu fi Gindabarat keessatti hirmaachuun Marzuutti dabalata dubbii ture. Yeroo walgahiin kun ta’u Warqinaa fi Dhimmaan duruu Ambo gadi dhiisanii deemuuf dirqamanii ture. Bakka isaan Ambo keessa hinjirretti tarree kaadhimama Goolii Diimaatti galfamani.Murteen lafa kaayame du’a, hidhaa waggaa 5, 7, 12 kan hojii humnaa/ hard labour/ dabalatu ture. Warri ajjeechaa iraa hafan jechuu dha.Galgala sana halkanoofnaan borumtii itti fufna jedhanii walgahiin xumurame. Walgahiin kun kan gaggeeffame bakka Kaadiroonni hangi tokko jiranitti ture.

Yeroon halkan walakkaatti waan adeemaa jiruuf nagaatti bulaa jedheen gara mana obbo Argawutti qajeele. Halkan Walakkaa booda karaarra deemuun mana hidhaa nama geessa. Warri Abiyyootii eegu /Abiyoot Xibbaqaan/ karaarra yaa’uu eegalanii jiru. Bakki ani jiraadhu Mana Barumsaa Kutaa 2ffaa fuula dura. Manni Obbo Argawu Kolleejjii Qonnaa darbanii gara Sanqalleetti aana.Yoo xiqqaate gara Kiiloomeetira 3 wal irraa fagaanna.

Qe’een Obbo Argawu daandii guddaarra waan ta’eef karaan naannawanii dhaqan hinjiru. Yeroo ani achi gahu karri fuula duraa keessaan cufamee jira. Karaa mana duubaa karri biraan akka jiru nan beeka.Innis keessaan cufamee jira. Dallaa yaabeen seene. Karaa mana duubaa balbala rurrukunnaan Ayyoo Haati Baqqalaa balbala banani. Rifaasuudhaan natti mararamanii “maali mucaako halkaniin eessaa adeemta? ” jedhani. Yeroo ani ol aseenu Obbo Argawu irraa kan hafe maatiin hunduu rafanii jiru. Yoo xiqqaate mana hirribaa isaaniitti godaananii jiru.

“Maali, maaltu dhalannaan yeroo kana deemta?” jedhani Obbo Argawu. Waanin dhagahen itti hime. “Waan kuni mirkanumaa?” jedhani. Mirkana ta’uun itti hime. Waan halkanaayeef “egaa nan gala” jedheen yaada dhiheesse.

“Eessatti galta asuma bulta. Yeroo kana deemtee yoo qabaleen si hidhee boru ammoo mana hidhaatti si barbaacha dhufnaa? ” jedhani. Takka yaadaniitu
” ganama waliin karaa deemna” jedani.

“Eessa dhaqna?” jedheen gaafadhe. “Eessa dhaqna jettaa? Egaa manuma teenyee balbala cufannee boonyaa? Du’a keenyaa fi du’a ilmaan keenyaa namni illee dhagahee, inni nuuf gaddu akka nuwaliin gadduuf dafnee firatti himachuu qabna. Ergi ijoolleen keenya duute himachuun gatii hinqabu, …” jedhani.

Ganama barii sa’aatii 5tti Leonchiinaan jalqabaa(1ffaa) Ambo irraa gara Finfinneetti sokkiti. Leonchiinaa kanaan ganama gara Sa’aatii 8titti Finfinnee naannoo Hospitaala Phawulos utuu hingahiin ” ka’i hinbuuna” jedhani. Ni buune. “Mee nama nagaa gaafadheen dhufaa asumatti na eegi jedhanii sokkani. Gara Daqiiqaa 30 turanii dhufani.

Amma ganama keessaa gara sa’aatii 9 dhihaatee jira. “Amma gara naannoo Paarlaamaatti ceena ” jedhani. Eessaa fi eenyu bira akka dhaqnu gaafannaan “Waajira Hizib Dirijjitii Kutaa Shawaa dhaqaa jedhamnee jirra ” jedhani. Gaafatamaa Waajirichaa, obbo Kabbadaa Dirribaatti, akka namni lama Ambo irraa isaan dubbisuuf dhaqaa jirru bilbilaan himamee jiraachuu natti himani.

Waare dura gara sa’aatii 10tti obbo Kabbadaa Dirribaa bira geenye. Balbala rukunnee ol seenne. Muraan inni jalqabaa kuni biiroo nama biraati. Biiroo kana keessa kutameetu biiroo obbo Kabbadaa seenama. Obbo Kabbadaa Dirribaa dhiigaan hambaa gooticha Tufaa Munaati. Kabajamoo obbo Zagayyee Asfawutti aanee jechuu kooti.

Abbaan Biiroo gara fuula duraa kun “Eenyuun barbaaddu?” jedhee nu gaafate. Obbo Argawu “Guwad Kabbadaa” akka dubbisuu barbaadannu itti himani. Harkaan nutti agarsiifnaan darbinee obbo Kabbadaa Dirribaa bira geenye.

Eenyu akka taane, eessaa akka dhufnee fi maaliif akka dhufne obbo Kabbadaa Dirribaatti himne. Irrra caalaa obbo Argawu tu dubbate. Anis haala waliigalaa irratti hanga hubii kiyyaan dabale.

Obbo Kabbadaan ergi nu dhaggeeffatanii booda” Ambotti namni Anaarkistootaan ajjeefame jiraa?” jedhani. Akka hinjirre itti himne. Itti aansanii “Waraqaan Tsara Abiyootii faca’ee jiraa?” jedhani. Hanga nuti beeknutti akka hinjirre itti himne.

Obbo Kabbadaa Dirribaa fuulli isaa ni gurraacha’e. Haalli siyaasaa yeroo sanaa duumessaawaa ture. Keessattuu MEISONiif gaarii hinturre. Akka xiinxala kiyyaatti haala fokkisaa keessa utuu jiranii Kaadiroonni Ambotti waan akkasii yaaduun waan isaan aarse natti fakkaata.

Obbo Kabbadaan bilbila fuudhanii bilbilani. “Guwad Asfawun aqirbiilliny” jechuu dhageenye. Itti aansanii “Guwad Asfaw, ager selaam new” jedhani. Itti aansanii sagalee jajjabaa dubbachaa akka obbo Asfawu Shifarraa guyyum sana Waajira isaaniitti qaamaan argamu dubbatanii bilbila lafa kaayani.

Gara keenyatti deebi’anii kan hidhaman yoo jiraatan akka hiikamanii fi hidhaan jedhame kunis akka hujiirra hin’oolle nutti himame. Galateeffannee yeroo baanu namni bira darbinee ol aseenne kun ciqilee isaa lamaan xarapheezaarra kaayee, mataa isaa harka isaa lamaan gidduutti qabatee taa’a ture. Yaadaan akka faggoo jiru ni mul’ata ture.

Miilaan Arat Kiiloo yeroo geenyu Ethiopian Bible Society cinaa mana bunaa tokkotu jira. “Mee koottu Buna dhugnaa” jedhani Obbo Argawu. Utuu buna dhugaa jirruu ” yaa mucaakoo, namni maaliif waan sammuun isaa hinfudhanne tokkotti rakkataa?” jedhanii akka gaaffiitti dhiheessani. Waan isaa akka anaaf hingalle hubataniitu. “Akkatti gurbaan kun taa’u argite mitii? Mootummaa fashistii kana jalaan waan uummata Oromoof bu’aa buusu hojjenna jedhanii yaaduu amma illee ?” jedhani.

Amma maal irraa akka dubbatan hubadheen “eenyu innii?” jedheen gaafadhe.
“Akka nama hinbeeknee maal ana gaafatta? jedhani. Akkan nama kana hinbeeknen itti hime. “Attam Yohannis Bantii hibeekne ati” jedhani. Dhugaa dubbachuuf maqaadhaan malee fuulaan hinbeekun ture.

Obbo Argawu akka bulanii galan natti himani. Nagaa walitti dhaamneetu ani guyyum sanan gara Ambotti debi´e.

Dhama’insaa fi si´oominaa obbo Argawuf balaan lubbuu namoota hedduu irratti aggaammatame fashale.Akkasuu ta’ee Milkeessaan Mana Hidhaa Ambotti baatii muraasa hidhame.Qormaata Kutaa 12f illee yeroo fi qalbii ititaa utuu hinqabaatiin qoramee University Haromaayyaa seene. Achumaa barumsa isaa fixee achumatti barsiisaa/ Lecturer ta’ee hafuu isaa nanbeeka.

(V) Qabsoo Bifa Aadaa
______________________
Obbo Argawu tumaamesssa hoolaa qalanii akka keessumsiisan Dr Ali Birraa TV Ameerikaatii Afaan Oromootiin darbu tokko iratti ragaa bahee jira.

Hawwii obbo Argawu keessaa guddaan tokko carraa argameen akka Oromoon naannoo adda addaa wal baru tattaafachuu dha. Kana keessatti qooda Aadaan qabduuf bakka guddaa kennu. Baandiin Aduu Birraa Akka Ambo dhuftu hawwani. Hawwii kana jiruutti hiikuuf jaalatamoo fi kabajamoo Luba Guddinaa Tumsaa kan caalu akka hinjirre hubatani. Obbo Kumsaa Lataatti dirqamni kenname. Obbo Kumsaan Luba Guddinaa waliin akka obbo Ali Birraa Finfinee irraa Ambo dhufu mirkaneessani. Aadde Kuulanii Guddinaa obbo Alii Birraa fiddee Ambo dhufte.

Kuni qofaan guutuu miti jedhani Jaarsoliin keenya. Guyyumma kana Dhiha Oromia irraas gartuun “Burqaa Boojjii” jedhamee beekamu agarsiisa mata dureen isaa “Kan Waaqni Qocaaf kaaye Allaattiin Hinfudhattu” jedhu qabatee Ambo dhufe. Mata-duree kanaa fi adeemsa qabsoo keenyaa yaaduun nama kolfisiisas, nama boossisas. Waanuma Qocaan kun akkas foqoxuuf Waaqa malee maaltu beekuu danda’a?
Hoggantoota Burqaa Boojjii Ambo dhufan keessaa tokko obbo Daniel Namarraa (amma Ameerikaa jiraatu) ture. Sirba Obbo Ali, Raadio irraanu hedduu dhageenyee hinbeekne, galma mana barumsaa keenya keessatti arganne. ‘Afaan Qottuu’ afaanuma keenya afaan Oromoo ta’uu isaa mirkaneeffannee imimmaaniin simannee. Kuni ija har’aatiin utuu hintaane ija gaafasiitiin hangam akka nama maraachu isa waan gaafasii beekutu hubata.

Ambo V
Burqaa Boojjii 1973: Surraan xumura kanaarra jira.
1. Obbo Tasammaa- Boojji irraa
2. Obbo Daniel Namarraa- Boojji irraa
3. Aadde Kuulanii Guddinaa -Finfinnee irraa
4. Kumsaa Qaabataa- Ambo irraa
5. Baqqalaa Tafarraa- Ambo irraa
6. Kaasaa Warquu(Biyyeen itti haa salphatu)- Ambo irraa

Seenaaf ta’a jedheen Surraa kana Obbo Danieliif erge. Guyyaa Surraa kana argate obbo Daannoon akka booyicha gammachuu booyen dhagahe.

Agarsiisaa fi Sirba booda obbo Argawu keessummoota hunda mana isaaniitti fudhatanii galani. Haati warraa isaanii, Ayyo Taatuu Gammannee fi ijoolleen isaaanii lammii keessumsiisuu dhamdhamaa guddatani.

Daandiin banamte kun akka hincufamneef Obbo Argawu fi Jaarsoliin Ambo waan lama irratti xiyyeeffatani: (1) Dhiha Oromia waliin quunnamtii fi wal hubii uumuu; (2) Qophii Aadaa ilaalu irratti qormaanni taasifamee bifa agarsiisaatiin dhihaachuu.

Kufaatii Mootummaa Nugusichaa booda Qabxii 1ffaa kanaaf yeroo sanatti Bulchiinsa Kutaa Wallagaa keessa dhimma Tajaajila Bulchiinsaatti itti gafatamaa kan ta´an obbo Tasammaa Nagarii waliin quunnamtii dhaabbataa uumani. Obbo Tasammaan miseensa Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessaa tokko dha. Obbo Tasammaan gara laafessaa, sabboonaa fi gaaddisa nama rakkatee turani. Yeroo Paarlaama keessa turanis Barattoota University fi Paarlaamaa wal quunnamsiisuu irratti shoora guddaa qabaachaa turani.

Qabxii 2ffaa kana ilaalchisee humna Aadaan qabu sirriitti hubatanii waan beekaniif baadiyyaa keessaa jaarsolii umriindhaan bulan barbaachisanii akka qormaanni godhamu irratti xiyyeeffatani. Bara 1975 keessa Sirna Buttaa Qaluu ilaalchisee barattoota keessaa baadiyaa dhaqanii waan Jaarsoliin itti himan barruudhaan akka fidan qindeessani. Dirqama kanaaf barataa Kaasaa Warquu(R I P), Bokkuu Cittuu dhaqee yoo qoratu, barataa Abarraa Baqqalaa Dandi dhaqee qorannoo barbaachisu taasise. Qorannoo barruu dhaan dhufe kana bifa agarsiisaatiin /theater/ qindeessanii bara 1976 Ambo fi Ejeretti agarsiisani. Qorannon kuni Koree Aadaa Oromoo Jibaatii fi Maccaa bara 1976 gara xumuraa jala dhaabatteef qophii bu´uuraa ture.

Koreen Aadaa Oromoo Jibaatii fi Maccaa akka gaariitti dhaabattee, utuu jiruu hinjalqabiin Kutaalee Oromoo 6 irraa Finfinneetti Agarsiifni Aadaa Oromoo Fulbaana 1976 gaggeeffame. Kutaa Wallaggaa irraa agarsiisa kanarratti warri hirmaate yeroo deebi’an Ambotti guyyaa tokko Agarsiisa Sirboota Aadaa fi sirboota warraaqsaa nu do’achiisani.

Qorannoo Aadaa keessaa kan Sirna Buttaa ilaalchisee duraan gaggeeffamee ture waan jiruuf Koreen Aadaa Jibaatiif Maccaa bara 1976 seeraan yeroo bu’uureffamtu waan gurguddoo lama qabattee kaate. (1) Abbaan Aaadaa fi maddi Aadaa Qotee Bulaa waan ta’eef Koree kana keessatti qoodni Qotee Bulaa akka sadarkaa guddaatti fudhatamuu; ( 2) Aadaan sirba qofa waan hintaaneef agarsiifni keenya qaama sirna Gadaa kan ta’e sirna Buttaa qaluu irratti akka xiyyeeffatu lafa kaayame. Kanaaf Mi’a Aadaa barbaachisoo ta’an baarbaaduu fi qindeessuun ba’aa Obbo Argawu fi Jaarsoliin hedduun baatani ture. Keettoo fi jaalala namaa waan qabaniif akka rakkootti hin ilaale. Baasiin maallaqaa Uffata Aadaaf barbaachisu Jaarsoliin, Barsiisonnii, Hojjetnoonnnii fi namoonni hedduun akka dhuunfaatti arjoomani.

Obbo Argawu D/T Koree Aadaa Oromoo Jibaatiif Maccaa ta’anii filamani. Miseensolii Koree Gaggeessituu keessatti Barsiisotaa, Hojjettoota Mootumaa hedduu fi Bakka Bu’oota Qotee Bulaatu sadarkaa adda addaatu filame. Kana cinaatti Waradaalee 9 yeroo sana jiran irraa Bakka bu’oota dhimma Aadaaf namoonni lama lama akka filaman godhame.Warri Agarsiisa kanaa bifa Agarsiisaatiin agarsiifnu, obbo Alamaayyoo Quee irraa kan hafe, hundi keenya Barattoota turre. Obbo Alamaayyoo Qubee Barsiisaa ture.Obbo Alamaayyoo Qubee barreessaa Walaloo fi Sirbootaa jabaa ture.

Surraan argitan kun imala Geedoo warra dhaqne keessaa hanga tokko/partial/ dha. Warra Surraa kana keessaa maqaa isaanii yaadachuu hindandeenye ….. kaayeen bira darbe.

Surraan Koree Aadaa Oromoo Jibaatii fi Maccaa/Partial/ 1977 xumura kanaa jira. Maqaa tarreeffaman surraa irratti argitu.

Ambo V 21. Mulugeetaa Asaffaa (Burree koo Yaa Lalii,Yeroon geesse gali )
2. Baqqalaa Ukkaa (Biyyeen isatti haa salphatu)
3. Abarraa Baqqalaa- Dandi dhaqee sirna Buttaa Qaluu qormaata godhee
4. Taarikuu Lammeessaa
5. Abdiisaa Amantee (Waaqni lubbbuu isaa nuuf haa maaru)
6. Amsaaluu Lammaa
7. Baqqalaa Taammiraat
8. Itichaa ….
9. Araggaa Milkeessaa
10. …………
11. ………….(Geedo irraa)
12. Fayyisaa Dirribsaa
13. ……………….
14. Baqqalaa Tafarraa (nama waan kana barreesse)
15. Obbo Ayyaansaa
16. Obbo Asfawu Shifarraa- Itti gaafatamaa Waajira Hizb Dirijjiitii Jibaatii fi Maccaa
17. Obbo Argawu Dinqaa-Dura Taa’ aa Koree Aadaa JM
18. Jiraataa naannoo Geedoo fi Sirbituu Maseenqootu nutti goree nu waliin ka´e
19. Hirphasaa … – jiraataa magaala Ambo ganda 06.

Hirmaannaan Shamarranii guddaa ture. Garuu Surraa isaanii argachuuf yaaliin ani baroota shanan darban guutuu godhe hinmilkoofne. Obboleettiin keenya, Washington D.C irraa, surraa yoo duune biliin nyaachuuf jirtu natti waakkatte. Surraan warra lubbuundhaan hinjireefis ta’e warra jirruuf Seenaa hima malee gurgurannee itiin hinsooromnu, nyaannees ittiin beela hinbaanu. Galatoomi obboleettii kiyya.

Namoonni Surraa Koree Aadaa Jibaatii fi Maccaa kan bara 1976/77 bifa kamii iyyuu qabdan bakka jirtanii irraa karaa fb kanaa yoo dhaamsa anaan geessan galatni kiyya daangaa hinqabu.

Koreen Aadaa kun Akkaataa Sirna Buttaa qaluu bifa Do’ii (theater) tiin ergi qindeessinee booda akka naannoo Ambo qofatti hafu fedhii keenya hinturre. Naannoo Ambo irraa fagaannee kan jalqaba dhaqne Asalla ture.Kanaaf ammoo kan qooda guddaa taphate Obbo Bushuraa Warquu, jaarsa yeroo ammaa biyya Amerikaa magaala Miniapolis jiru ture. Kutaa 5ffaa itti aanu jalatti imala naannoo adda addaa ilaalla.

Surraan Jalqabaa Burqqaa Boojjii yoo ta’u 2ffaan Koree Aadaa Oromoo Jibaatiif Maccaa keessaa hanga tokko argarsiisa.

Kutaa 5ffaan itti fufa!

______________________________________

Seenaa kana barreessanii karaa obbo Tolcha Wegi uummata kan qaqqabsiisan obbo Baqqalaa Tafarra galata guddaa qabu. Otoo eeyyama isaan lachuu hin gaafatiin marsaa kana irratti maxxansuukootiif dhiifama gaafachaa, kaayyoon seenaa kanaas ta’e maxxansuun uummata keenya baldhaa karaa dandayame qaqqabsiisuuf waan ta’eef OromiaTimes irra keenyeerra. Kabajamoon obbo Baqqalaa Tafarraa fi obbo Tolchaa Wagii umurii nuuf dheeradhaa! Galatoomaa!

OromiaTimes

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s