Obbo Baqqalaa Tafarraa Ayyaanaa: Amboo (Kutaa 1ffaa fi Kutaa 2ffaa)

Ambo

AMBOO

Baqqalaa Tafarraa Ayyaanaa Irraaa

Marsaa FaceBook obbo Tolcha Wegi irraa kan argame

_______

Kutaa 1ffaa
——–

Haala adda addaa keessatti maqaan Amboo ni ka´a. Ambo magaala dha. Magaalli kun teessuma lafaatiin hedduu gudda miti. Magaala Umriidhaan bubbulte natti fakkaatti. Hiika ” Ambo ” jedhu cuunfanii akkasi dha jechuun rakkisaa dha. Akka har´a dhageenyuu fi arginutti hiikni ishee teessuma Magaalittii irra hedduu guddaa dha.
Ambo jechuun ” Waloo, Gamtaa, Tumsa, Handhuura…. ” jechuudha jedhama. Horri ho´aan magaala Ambo keessaa burqu dur waggaatti yeroo murtaawaaf bakka loon Ammayyaa, Walisoo, Kuttaayee, Maaruu, Abeebee, Daadaa, …. kkf. irrratti walgahan waan ta´eef jechi kun kana irraa madde jedhama.
Kana akkuma jirutti fudhadheen tarii haala guddina technology ammayyaa keessa yoo hiikni biraan jiraate jedheen Googliin gaafadhe. Innis Wikipediatti na dabarse.
Wikipedian ammoo hiikaa Ambo fi maqaan kun addunyaarra eessa eessa akka jiru akka kanaan gadiitti kaayee; yoo feete Afaan Oromookeetti hiikkadhu naan jedhe. Kunooti:
1) Ambo: Mana Sagadaa keessatti bakka ol ka´aa fi bakka Sagaleen Waaqaa irraa dubbifamu/dubbatamu;
2) Ambo: maqaa Ummatoota/Saboota Namibia keessa jiraatan keessaa tokko;
3) Ambo(Ethiopia): maqaa magalaa Oromia keessaa;
4) Ambo (Kiribati): maqaa teessuma Parlaamaa Kiibba Tarawa biyya Kiribati;
5) Ambo (Peru): Peru keessaa maqaa Magaala Ona tokkoo;
6) Ambo: Biyya Austria keessatti maqaa gosa Lotorii keessaa tokko dha.

Ambo ani amma kaasu kun Magaalittii giddu-galeessa Oromia keessaati. Bokkuu Xulee akka bakka Seerrii fi Heerri Gadaa irratti tumamee labsamuutti yoo fudhanne, hiikni qabxii 1ffaa jalatti taa´e hiika ” Amboo ” ta´uu danda´a jedheen amana. Bokkuun Xulee bakka Macci gara Bahaa/Eastern part of Maccaa/ Buttaa qalee, Sirna Gadaatiin Seeraa fi Heera tumu, isa hangafa ta´uu seenaa bara dheeraatu mirkaneessa.
Fulbaana 1971 irraa hanga Onkoloolessa 1977tti akka barataatti jiraataa Ambon ture. Kan ani yeroo xumuraaf Ambo arge jalqaba bara 1990 Baatii Guraandhalaa ture. Waanin kanaan gaditti barreessu irra caalaan haala yeroo sanaa irratti hundaawa. Kuni ammoo warra bara sana tureef yaadannoo, dhaloota dhihoof ammoo hubii gaarii ta´a jedheen amana.

Magaalli Ambo Maal Fakkaatti ture?

Bakka Bishaan Daakaa ammayyaa ( swimming pool) tokko qabdi. Jimaataa, Sambataa fi Dilbata Ministeerotaa fi Sooreyyiitu Finfinnee irraa maatii isaanii waliin dhuunfata.Sambataa fi Dilbata gatiin guyyaatti Birrii tokko.Wixataa hanga Roobiitti irra caalaa Barattootatu daaka.Gatiin isaa Sumunii tokko dha. Barattoonni Kolleejjii Qonnaa tola seenu.Roobii galgala bishaan kun Hulluuqqaatti gadi dhiiifama. Kamisaa guyyaa qulqulleeffamee halkan guutaa bula.

Bakki itti qaama dhiqatan ammoo qofaatti jira. Bakka Bishaan daakan irraa adda dha.Hanga sana hedduu hinta´iin malee Filwohaa Finfinnee fakkaata.Chinkoo shaniin Saamunaa fi Fooxaa fudhatanii Sa´aatii tokko keessa ciisuu danda´ama ture.
Bishaan bakka Daakaas ta´e kan bakka dhiqannaa kun uumaa dhaan ho´aatu lafa keessaa burqa. Kanaaf akka dawaattis ilaalama. Fakkeenyaaf waan Richard Greenfield waayee Bishaan Ambo fi Dajazmach Yigezu barreesse irraan xiqqo isiniif qica.Waan isaa yeroo Lij. Iyaasuun Mana Hidhaa Fichee keessaa bade waan ta´e dha. ” Because of his [ Dej.Yigezu] disease he was at the time bathing in the hot springs at Ambo….. peasants took some delight in informing the dejazmach of Eyasu’s escape and suggesting that Eyasu was approaching Ambo. An alrmed Yigezu fled naked into the night “.
Qabeenyi uumaa yoo mootummaa ufii qabaatan qabeenya biyyaati. Yoo akkas hintaanaane qabeenyi diina namatti heddoomsa malee misooma hawaasaa hinta´u. Kana, kaleessas ta´e hara´a ijaan argaa jirra. Handhuura Magaala Amboo keessaa bishaan ho´aa burqu yeroo ilaallu burqaalee handhuura Finnfinnee keessaa burqan waaliin walfakkaatu. Garuu qabeenya eenyuuti? Misooma eenyuuf oolu?
Mana Barumsaa: Manni Barumsaa Amboo durii, mana boodarra Ras Hotel jedhame akka ture himama. Yeroo sana Ererii fi Karrayyuu, Caboo fi Guraagee, Jibaatii fi Macca, Taguleetii fi Bulgaa, Manzii fi Gishe irraa dhufanii Ambotti barnoota kutaalee ol aanaa ( High School ) baratu ture. Akkasumallee ta´ee lakkoobsi barataa xiqqaa ture. Nugusichi Barattoota Sadarkaa 2ffaaf baatii baatiitti Birrii 12 (pocket money) kennaa turani jedhama. Manni Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa amma jiru bara 1945tti baname.
Qoodni Manni Barumsaa kun seenaa sochii Barattoota Ethiophia keessatti qabu guddaa dha.University Finfinnee fi mana Barumsaa Tafarii Makonnen jedhamutti aanee Ambo tarree sochii Barattootaa keessaa jalqabaa irratti argama.Gaaffiileen belbeltuun Hawaasichaa gaaffiilee Qotee bulaa waliin walqabatan turani. Gaaffii lafaa ture. Gaaffiin lafaa ammoo gaaffii uummatoota humna qawweetiin qabamaniiti. Qabsichi gaafasis ta´e har´a qabiyyeetiin hedduu walirraa fagoo miti.

Gaaffii Afaanii: Manni Barumsaa Amboo gaaffii tokko irratti hangafa seenaa keenyaa ti yoon jedhe soba miti. Akka Gaaffii Oromootti jechuu kiyya.
Bara 1976/77 Barattooni Amboo gaaffii seena qabeessa tokko kaafne; gaaffii Afaanii. Bara kana lakkoobsi barattoota qormaata kutaa 12f qophaawan dachaa ture. Warra waggaa 2f duula ” Idget Behibret ” jedhamuuf Baadiyyaalee keessa turree deebnee fi warra utuu hinduuliin barumsarra turantu bara kana qormaata kutaa 12ffaa fudhatan ture.
Egaa bara kana ture kan Barattoonni mana Barumsaa Amboo “Afaan Amaaraa ” hinbarannu jennee fincila jalqabne. Fincilli kun Raadio Ethiophiaatiin darbe. Yeroon kun yeroo ilaalchi siyaasaa adda adaa, keessaa huu Barattoota gidduutti, babal´achaa jiran waan tureef gaaffii barattoota hundaa hin turre. Barattoota Oromoo gidduuttuu yaadni luucaa´aa hinturre.
Gaaffiin Afaanii kun jaarmolee yeroo sana jiran birattis akka adda addaatti fudhatame. Hanga tokko akka fakkeenyaatti tuquuf ” dhiphummaa dhaa”,
” gaaffii yeroo isaa hin eegne dha”, ” gaaffii petty bourgeois ti “, tokkummaa Dafqaan bultootaa diigaa “,…..kkf kan jeedhan ture.
Toora qabxiilee kanaa irratti nu amansiisuuf Waajirri Hizb Dirijjiitii Ambo fi Waajirri Hizb Dirijjitii Ethiophia dabaree dabareen Dabballee nutti bobbaasani. Falammii kun gototamuu keessa nu gidduuttis qaawwii tokko tokko mul´achuu jalqabe. Barattoonni hangi tokko dhaabbii jalqabaa irraa sigigaachuun yeroo jalqaban gaaffii keenya irra deebinee ilaaluun barbaachisaa ta´ee argame. Akka kanaan ” Amaariffaan akkuma barnoota kaanii fedhiin malee dirqama ta´uu hinqabu ” jennee falammii itti fufne. Akka kanaan Barattoonni hedduun kutaa 12ffaa utuu Afaan kana hinbaratiin didnee hafne. Barreessaan kun warra bara sana afaan kana fincilee keessaa tokko ture. Akkasuuu ta´ee University seenuuf Afaan Amaaraa darbuun dirqama waan tureef Qormaata Biyyoolessaa ESLCE (Ethiopian School Leaving Certificate) qorameen jira.
Obboleessi keenya, T.T. , New Zealand irraa bara lamaan kana OMN irratti haala kana kaasuu isaa nan yaadadha. Imimmaantu isa hudhaa ture. Gama kaaniin ammoo Obbolaan keenya bara sana yaadaan wal falminee fi ejjennoo aaddaa addaa qabaachaa turres har´a akka Afaan Oromoo Afaan Biyyoolessaa ta´u falammiirra jiru. Haala sirni Empaayera Ethiophiaa afaanicha balleessuuf dammaqinsaan irratti bobba`ee ture keessaatti gaafiin kun, hanqina maaluu haa qabaatu, ka´ee bakka har´a jiru gahuun hunda keenyaaf gammachuu natti fakkaata.

Tajaajila Fayyaa: Aanaalee bara sana jiran 9f Hospitaala tokkotu Ambo keessa jira. Hospitaalli kun tajaajila fayyaa cinaa leenjii Ogeeyyii fayyaa Narsii dhaa gadii /Dresser Courses/ kennaa ture. Barnoota kanaaf kutaalee biyyittii adda addaa irraa dhufanii Ambotti baratu.Kan achitti barnoota fixanii achumatti hojjetaa turan hedduu dha.
Hospitaaala kana fuula dura Mana Hidhaa/Karchalleetu jira. Waggaa lama dura(16.02.2016), bara Mana hidhaa gubuun faashina faashistootaa ta´ee ture, yeroo Manni hidhaa kuni gubatu Aara isaa meeshaalee sab-qunnamtii irratti akka argitan abdiin qaba. Kan kanaan gadii kana ture.
Waanin Mana Hidhaa kana kaaseefan qaba. Manni Hidhaa kuni Magaalittii sooraa ture. Har´a hinbeeku. Yeroo sana Raafuu gosa adda addaa, Qoosxaa, Beetroot, Kaarotii fi kkf dhiheessuutti qooda guddaa qaba. Kanatti dabalees manni hidhaa kun bakka uffata itti dhoofsifatan beekamaa dha.
Ergin waayee mana hidhaa kaasee toora lamaan tokkon itti isiniif dabala.
Haati Warraa Mooticha Iyyaasuu Mikael isheen duraa Romana jedhamti. Intala Mengesha Yohannes 4ffaffaa turte. Yeroo Haila Sillaasee fi deggertoonni isaa Lij Iyyaasuu fonqqolchan Iyyaasuun xumura irratti biyya Soddoota isaa kana biyya Tigireetti miliqe. Warri Soddaa kun Warra Shawaa waliin aangoorratti waan wal falmaniif dabarsanii akka isa hinkennine erregeetu fakkaata. Garuu Ras Gugsaa Arayaa bara 1921 Iyyaasuu dabarsee Giifti Taayitutti kenne.
Ilmi Ras Gugsaa Arayaa, Dajazmach Haile Sillaasee Gugsaa jedhama. Intala Mootichaa Haile Sillaasee (intala Tafarii Mokonno)fuudha. Yeroo Xaaliyaaniin Ethiophia qabachuuf yaalte ilmaan mootota-naannootti( local Nobels ) uf lakkaayan Xaaliyaaniiti Baandoman hedduu keessaa Daj.Haile Sillaasee Gugsaa tokko ture. Xaaliyaaniin Ras Haile Sillaaee taasifteetu shoomte. Garuu yeroo muraasa booda warri Ingilizii isa qabaniitu biyya Alaatti baasani. Ergi lolli Xaaliyaanii xumuramee Mootichi biyyatti deeb´ee booda warri Ingilizii Haile Sillaasee Gugsaatiin biyyatti deebisani. Murtee argachuuf Nugusatti( Abbiyyuu isaatti) dhihaate.Nugusichi Daj. Haile Sillaasee Gugsaatti Hidhaa Umrii Guutuu itti murteesseetu Goreetti erge. Bara 1973/74 Daj. Haile Sillaasee Gugsaa Ambotti fidame. ” Galamsoon ” Haila Sillaasee Gugsaa Ambo turte. Utuu inni Ambo jiruu Mootummaan Nugusichaa kufe.
Galma Nugusicha-Palace: Manni kun dhiibbaa Mootittii, Manan Asfawuun, kan ijaarame akka ta´e himama.Intalli Tuulamaa Biyya Abbaa isheetti Galma ijaarsisuu isheeti.Nugusichi garuu yeroo achirra darbu itti goree darba malee halkan tokkittii achi bulee hinbeeku jedhama. Galmi kun bara Wayyaanee keessa qeeraa dhala namaa itti hiraarsan ta´eetu jira. Akka fakeenyaatti clipii bara 2015 kana ilaalaa.
Gabaan guddaan guyyaa Sambataa ti. Guyyaa Sambataa kana qoraan irraa eegalee midhaan gosa gosaan Harree fi Fardaan fe´amee gabaaf dhihaata. Jiraattoni magaalichaas warra karaa dheeraa adeemee dhufe kana callisanii hin ilaalani. Farsoo fi Daadhii naqanii isaan eegu. Barataan guyyaa kana manneen kana lamaan irraa uf qusata. Waddeessatu sobee wal dhahee nama dhaha!
Magaala Ambotti manneen Farsoon itti gurguraman keessatti Burcuqqoo (glasses) hedduu hinargitani. Farsoon akka aadaatti Hulleetiin/Shikkinnaatiin dhugama. Mana Farsoo jechuurra mana ” Shikkinnaa ” yoo jedhame namni nama hubata. Shikkinaan tokkoo Burcuqqoo sadii yoo ta´u gatiin isaa “Chinkoo ” tokko dha. Chinkoon tokko saantima 10 dha.

Anaa fi Ambo
______________

Ani yeroo jalqabaaf Fulbaana1971 barumsa kutaa 9 barachuufan Ambo dhufe. Bakki ani itti dhaladhee guddadhe, Gobbu (Baakko-Tibbee), gara gammoojjiitti akeeka. Yeroon Ambo dhufe anaaf nama Kilimanjaaroo yaabe natti ta´e. Ni qorra ture. Bubbeen bara sanaa ammoo warruma achitti dhalateefuu ulfaataa ture. Qorrichi Fulbaana caalaa Onkoloolessa keessa jabaachaa dhufe. Mana barumsaa dhiiseen gala jedheen murteesse. ” Yoo galtu maaliifan barumsa dhiisee dhufe jettaa ? ” jedhani hiriyyoonni kiyya. Kanaayyuu kolfaa. ” Natti qorren jedha” jedheen deebiseef. “Abbaan kee nama qotu tokko argate ni gammada, garuu ati gaabbaa hafta” naan jedhe Namoon. Inni baddaa Abboonnotti dhalatee waan guddateef rakkoo kiyya hin hubanne. Obsuun gaarii dha. Ambo kan ani dhiisee baqadhu utuu hintaane kudhaama eenyummaa kiyyaa taatee hafte.
Barreen 1960moota keessaa jalqabee kan jijjiirame qilleensa uumamaa qofa miti. Qileensi Hawaasa Empaayera sana keessaa hedduu bubbisaa ture. Sochiin barattootaa University irraa gara mana Barnootaa Sadarkaau Lammafaa fi Tokkoffaatti gadi bu´ee jira. Sochii Barattootaa irratti dabalamee Mootummaan Haile Sillaasee rifaasuu fonqolcha Gen.Mangistuu tiin irratti yaalamee ture irraa hinbayyaannanne. Bubbeen sochii Gootota Baalee Oromia walakkaa dhaqqabee jira.
Kana cinaa sochii Maccaa fi Tuulamaa(MT) doomsuuf mootummichi uggura isaa jabeessee jira.Hogganoonni MT hedduun hidhamanii jiru. Sochii Macaa fi Tuulamaa waliin kan walqabate gootichii Oromoo fannifame, Ajn. Dhibbaa Maammoo Mazammir, dhalootan Gudar, magaala Ambo irraa km 12 gara dhihaatti. Miseensota Maccaa fi Tuulamaa Jibaatii fi Macca keessaa lakkaawuun hindanda´amuu. Qee´ee fi garaan Hawaasichaa madaa ho´aa garaatti baatee yeroo jiru keessattin ani Ambo dhufe.Yeroo Sirbi:
“Akkanatti seetee?
Akkanatti mitii!
Baale bu´aniituu!
Baala afataniitu!
Baala nyaataniitu !! ” jedhamee Awwaarootti sirbamun ani Ambo dhufe.
Awwaaroon bakka Sirbaa fi Fardi irratti gulufamu ture. Baroota darban keessa Agaaziitu dhala namaa irratti dararaa ture.Ijoollee xobbee ajjeesanii’ gootummaa isaanii ‘ agarsiifatu.Gabaabaatti Awwaaroon dirree gammachuurraa gara dirree gaddaatti jijjiiramte.

Gootaa fi Hawaasa
___________________

Hawaasni Goota biqilcha,Gootnis Hawaasicha cululuqsa. Hawaasni nama qara. Hawaasni dhala isaa keessaan uf hima malee waan himamu seenaa Hawaasichaati. Akka nama tokkootti yeroo maqaa goota tokkoo kaafnu Hawaasa goota sana biqilcheef kabaja qabaachaa ta´uun dagatamuu hinqabu. Bakka adda addaa kaafnee yeroo dubbannu bakki kun bakka seenaan itti hojjetame ta´uu ibsuufi malee warri seenaa hojjetu bakka adda addaa irraa ta´uu danda´u. Fakkeenyaaf waayee Gootota Baalee, Calanqoo kkf yeroo kaafnu warri seenaa Calanqoo hojjete warra Calanqootti dhalatan qofa jechuu miti.Kan Baalees akkasuma.
Waan tokko ifaa ta´uu qaba. Seenaan akka Ambotti dubbannu kan magaalittii qofaa akka hintaane hubachuun gaarii dha. Akka ilaalcha kiyyaatti, seenaan Amboo cuunfaa seenaa gootowan ishee Godina Jibaat fi Maccaati. Kanarras darbee qaama seenaa Agaree Tulluu, Seenaa Tufaa Munaa, seenaa Waaqoo Guutuu, Seenaa Elemoo Qilxuu fi kkf. irraa akka seenaatti adda baasuun rakkisaa dha. Inni naannoo tokkoo qaama waliigalaati waan ta´eef jechuudha.
Seenaan qawwee dhukaasuu yookiin bosonatti galuu qofa miti jedheen amana. Hawaasa keessa jiran keessatti karaa danda´ameen mirgaa fi kabaja Hawaasa tokkoof falmuu keessatti gahaatti hirmaachuu dabalata. Qabeenyaa fi beekumsaan arjoomuu gaafata. Dhimma dhuunfaarra darbanii kabaja waloof falmuu fi of kennuu gaafata.
Fakkeenyaaf yeroon seenaa Obbo Argawu Dinqaa kaasu, Aj/Dhibbaa Maammoo Mazammir,Kol.Alamuu Qixxeessaa, obbo Beellamaa Futtaasaa, obbo Daraaraa Kafanii,obbo Cimsaa Deebisaa,obbo Dandanaa Gurmuu,Obbo Zoogaa Booji´aa fi Obbo Mul´ataa Badhaanee(Abeebee Qeerransaa),Obbo H/Giorgis Karoorsaa kan Komaandoon Dargiin bara 1980 magaala Ambo keessatti ukkaamsisee ajjeesise fi kkf. qalbifachaa dha. Falammii fi sabboonummaa isaan nu barsiisan kabajaan yaadanna.
Daba sirna Ethiophia keessatti hojjetamu hubachuuf nu gargaara jedheen waayee obbo H/Giorgis xiqqo dubbiftootaaf dhiheessa.Ilmi Obbo H/Giorgis hangafni Falamaa jedhama.Finfinee jiraata. Barnootaan ogummaa technikaa waan qabuuf Warschaa tokko keessa hojjeta.Barumsa Technikaa kana biyya Jarmaniitti barate. Guyyaa Koreen Aadaa Oromoo Gincitti agarsiisa keenya dhiheessine namoota Finfinne irraa Ginci dhufan keessaa tokko ture. Yeroo nuhi Sirba Aadaa dhiheessinu obsee taa´ee ilaaluurra olbaheetu nu waliin sirbe. Yeroo sirbi xumuramu ” Maraattanii nama maraachitu; Waaqni isin haamaraachu!” jechaa bakka taa´utti deebi´e.Waggaa lama booda Dargiin Falamaa hidhe.Gantuu tokkotu maqaa isa dhahe. Manni isaa ni sakkatta´ame. Waan dubbifamu tokko argatani. Barruun kun “Oromia “, barruu lafa jala/clandestine/bahu ture.Falamaan gara mana hidhaa dallaa Galama Minilik jiruutti geeffame. Hanga danda´an dararaa bifa adda addaa irraan gahani. Waan manaa isaa keessaa argame tokko ” eessaa fiddee.. ” jedhanii isa reebu. Waan manatti argame tokko hinbeeku jechuun waan hindanda´amneef nama biyyaa bahuu isaa beeku tokko maqaa dhaheetu “Abalutu natti kenne ” jedhe. Warri reeban kun naasuu biraa keessa seenanii. ” Eessa jira” jedhanii gaafatani. ” Ani bakka inni jiraatu hinbeeku. Yeroo ani hojii dhaa gara mana kiyyaatti galaa jiru naannoo Sangaa Taraatti akkuma tasaa wal argineetu kana dubbisi jedhee natti kenne ” jedhe. Isa yeroof bakka fannifamee buusaniitu namicha barbaacha Finfinnee keessa bobba´ani. Namichi argamuu hindandeenye. Itti deebi´anii reebicha itti fufanis waan irraa argatan dhabaniitu hidhaa waggaa Shanii itti murteessanii Karchalleetti ergani.
Abbaan Falamaa ilma isaanii gaafachuuf Goro Soolee irraa gara Finfinneetti qajeelani.Ambo bulanii Finfinnee dhufuuf ture.Yeroon isaa guyyaa keessaa afoo galgalaati. Namoonni lama kan uffata civilii uffatan akkuma nama karaa deemuu naannoo mana Balambaraas Yifiruu fi Riqaa Hulluuqaa gidduutti bakka ta´e rukutaniitu Abbaa Falamaa gaggabsani. Achii jaarsa gaggabe kana baataniitu bakka namni itti qaama dhiqatutti gadi buusani. Yeroo jarri lamaan kun Jaarsa baatanii adeeman namoonni ” maalinni? maalinni ? ” jedhanii gaafannaan ” isaan dhukkuba waan ta´eef gara Xabala kanaatti gadi buufna ” jedhanii namoota ufirraa deebisani. Abbaa Falamaa guyyaa dhaan ajjeesanii adeemani.
Falamaan Hidhamee Karchallee jirutti duuti abbaa isaa itti himame. Falamaan hidhaa isaa Waggaa Shanii xumuree yeroo bahu karaa seeraa waan Polisiin qorate yoo jiraate jedhee Ambotti hordofuu jalqabe. Galmeen mana Poolisiis eenyu akka ajjeese hinbeekamu jedhamee akka cufame baruu danda´e. Akka Haarawaatti irra deeb´amee qormaanni akka jalqabamu carraaqqii godhe. Poolisiin akkuma duraa beekamuu hindandeenye jedhee deebii kennuu cinaa bakka adda addaatti namoonni hinbeekamne ” waan kana yoo dhaabde siif wayya ” jedhanii isa doorsisuu eegalani. Yeroo xiqqoo booda Ajajaan Poolisii duraanii jijjiiramee namni biraan dhufnaan Falamaan akka haarawaatti hordoffii jalqabe. Oofisarri Poolisii kunis dubbichatti fedhii godhatee yeroo dubbiin bakka madda dubbii bira gahuuf xiqqo haftu Oofisara Polisii kana Ambo irraa kaasanii bakka biraatti ergani. Garuu warri kana xaxe warra gubaadhaa hanga gadiitti wal ijaaree jiuru warra ” …..Gadayi ” jedhaman akka ta´e hubatamuun danda´ame. Namni kana Qindeessu ammoo Waajira Bulchiisaa Jibaatiif Maccaa keessa kan hojjetu ture. Ajjeechaan ifaa fi bifa ifa hintaaneen Ambo irraa dhaabatee hinbeeku.
Gara ijoo hubii keenya ” Ambo ” jedhuutti haa deebinu. Falammiin Jalduu fi Gindabaratitti bara 1976-1978 godhame qaama Jibaat fi Maccaati. Yeroo inni tokko kufu inni kaan harka maratee hin ilaalu. Karaa danda´een tumsaa fi mararfannoo isaa agrsisa.Hedduun isaanii kufanii jiru; garuu seenaan isaanii siidaa seenaa keenyaati; xombora dhaloonni isaan boodaa ittiin dukkana uf irraa faccisaa jiru ta´uu argina.
Dhaloonni har´aa gamtaa kana tikfachuun filmaata utuu hintaane dirqama dhaala seenaa akka ta´e hubatee jira. Fiixaan baafatas jedheen abdadha. Dhaloonni kun, raammoo fi qumbursaa qee keessaa darbitee darbitee mul´attu taajjabaa, ifa bilisummaa fuula isaa duraa ilaalee gamtaa isaa jabeeffachuun jireenya isaaf murteessaa dha.Yeroof humna dhabuun waan tokko dha. Tokkummaa fi gamtaa dhabuun garuu waan biraa dha. Burqaan humnaa qawwee fi taankii utuu hintaane gamtaa akka sibiilaa jabaatu dha. Sareenuu dabeessaaf kabaja hinqabdu.
Mootummaan TPLF haaloo Ambo fi naannoo Ambo irraatti kuufate qaba. Yeroo Jeneraalonni Mangisuu baqatan Ambo yeroo lama humna Wayyanee fi Shabiyaa uf irraa rukutee baase.Yeroo Shabiyaan Bankii Geedoo irraa maallaqqa fe´ate ka´e (1992), Ambo qabeenya keenya hindabarsinu jedhee karaa cufee gootummaan dura dhaabate. Shabiyaa fi jaleen isaanii ummata irratti boombii darbatani. Kan madeessan madeessanii keessa darbani. Sanaan booda ajjeechaan Ambo irraa hin caamne.
Tarkaanfiin TPLF dursee naannoo Ambotti jalqabe qawwee uummata irraa funaanuu ture. Hoogganni ABO tokko tokko yeroo karaa uummataa mormiin dhihaatu ” kanaan booda qawween maalitti godha ” jechuurra darbee waan godhe hinturre. Sababni iitti qabata ta´e ” humni Dargii qawwee hedduu naannoo kanatti harcaasee jira ” jechuu ture. Silaa qawween hinfunaanamne ta´ee ajjeeechaan hinta´u ture jechuuf miti. Akka imaammataatti hir´ina ture kaasuuf malee. Ergi qawwee hanga argatan funaannatanii booda tokko tokkoon ajjeechaan hanga har´aatti walirraa hincinne itti fufe.
Waan Aanaalee Jibaatii fi Maccaa keessatti ta´an hunda tarreessuun bakka kanatti ulfaataa dha. Akka fakkeenyaatti hanga tokko tartiibaan yoo ilaallu: Obbo Daraaraa Kafanii (1994), Maj..Baqqalaa Aargawu (1994), Geetuu Dirribaa (2000), Jaagamaa Badhaanee fi Kabbadaa Badhaasaa (2005),Gaaddisaa Hirphasaa fi Wandimmuu Daammanaa (2006), obbo Dabalii Dalasaa, jaarsa waggaa 60 (2015), obbo Kabbadaa Tarreessaa, jaarsa waggaa 65 (2015), obbo Darajjee Warqinaa, jaarsa waggaa 78 (2015), Abdataa Ol´aansaa(2016) fi kkf. hundi gootota daandii hangaftoota isaanii irratti kufan ta´uu hubachaa kabajaan isaan yaadanna. Kufaatiin isaaniis daaraa irratti utuu hintaane lafeelee seena qabessota Abbootii isaaniirratti ta´u argina.
Seenaa gamtaa kana keessatti qoodni namaa adda adda ta´uu hubachaan barruulee walitti aanaan keessatti waan ijoo ta´an keessaa waayee Abeebee Gaattiroo, waayee obbo Argawu Dinqaa fi waan Hortee obbo Argawu Dinqaarra irra gahen dhiheessuu yaala.

Kutaa 2ffaan itti fuufa….

_____________________________________

AMBOO

Baqqalaa Tafarraa irraa

Marsaa FaceBook obbo Tolcha Wegi irraa kan argame

Kutaa 1ffaa jalatti hiika ” Ambo ” jedhu fi magaalli Ambo maal akka fakkaattu hanga hubii koo isin hubachiisuu yaaleen jira.
Kutaan itti aanu ammoo akka armaan gadii kanatti seeneefama.

Kutaa 2ffaa
=========

(II) Obbo Argawu Dinqaa

Akka hawwii kiyyaatti barruun kun kanaan dura dhihaachuutu irra ture. Garuu ” Daanyaan Daanyaa Caalu Daanyaa Waaqaati ” jedha Oromoon. Kanaaf turuu danda´e.
Hub: Barruun kun akka seenaa isaanii guutuutti (as a complete biography) akka hinfudhatamnen hubachiisa. Ani umrii dhaan hiriyyaa isaanii miti.Gama biraatiin ammoo akka seera qorannootti, qorannoo godhee waani barreesse utuu hintaane adeemsa seenaa keessa akkattin isaan beeku xiqqoo barreessuufi. Hir´inaa fi dogoggora kana keessatti jiruuf anatu iiti gaafatama.
” It is for the sake of the future of Nigeria, for our children and grand children, that I feel it is important to tell Nigeria’s story, Biafra’s story, our story, my story “( Chinua Achebe: There Was A Country
Suura isaanii dhuma barreefama kanaa jalatti maxxaseera.

Image may contain: 1 person, closeupImage may contain: 1 person, smiling, closeup

  • Obbo Argawu Dinqaa(1924-1980)
    Waayee Surraa kanaa: Surraalee mimmiidhagoon utuu jiranii waanin isa jalqabaa kana filadheefan qaba. Surraan kuni ani Ambo irraa adeemee waggaa lama booda1979 obbo Argawu waliin mana hidhaatti yeroo wal arginu waan isaan fakkaatan mul´isa. Surraa kana kessaan haala yeroo sanaa hedduutu fuula kiyya dura dhabata; waan hedduun surraa kana keessaan dubbisa. Kanaafan Surraa kana filadhe.
    Obbo Argaawu Abbaa isaanii obbo Dinqaa Yaaddessaa Guduree fi Haadha isaanii Aadde Dungee Shulee irraa bara 1924 dhalatan. Haati isaanii Ammayyaa keessaa intala Dulleellee yoo ta´an karaa abbaa balbala Walisoo keessaa Welle irraa dhalatu. Gabaabaatti Obbo Argaawu cuunfaa Walisoo fi Ammayyaati jechuudha.
    Jalqaba irraa dubbiftoota barruu kanaaf waanin ifa taasisuu barbaadu “Argawu Dinqaa Yaaddessaa” ti moo “Argawu Dinqaa Gidiraa” tii ? gaaffii jedhu ta´a. Akka ilaalcha kiyyaatti lamaanuu sirrii dha. Akka abbummaa dhiigaatti (biological fatherhood) obbo Dinqaan kan Yaaddessaa ti.
    Dubbiin akkasi. Obbolaa obbo Yaaddessaa keessaa obbo Gidiraan dhala hinqabani ture. Kanaaf akka Aadaa keenyaatti Obbo Gidiraan ilma obboleessa isaanii, Dinqaa, guddifatani. Akka Aadaa keenyaatti Guddifannaan Seeraa fi Safuu qaba. Akka duudhaatti guyyaa sirni guddifannaa xumurame irraa jalqabee maqaan isa guddifatetti gala. Kanarraa kan ka´e Argawu Dinqa Gidiraa jedhamanii waamamu.
    Jaalalli obbo Argawu obbo Gidiraaf qaban guddaa dha. ” Maqaa jiruu fi jireenya ummata Oromoo calaqqisu dha ” jedhanii dubbatu. Kana irraa kan ka’e obbo Argawu ofii isaani ittii waamamuu irra darbanii ilma isaanii isa xumuraaf Gidiraa moggaasaniif.
    Jiruu fi jireenyi mana barumsaa caalaa nama barsiisa. Obbo Argawuu umrii dargaggummaa keessa utuu jiranii seenaa tokko dhagahaa guddatani. Sirni yeroo sanaa lafa dhuunfaa Akaakilee fi Abaabilee isaaniirra maatii nama 7 qabu tokko bakka biraatii fidee qubsiise.
    Lafa kanarra awwaala Akaakilee, Akaakayyuu fi kan Adaadaa obbo Argawu, kan Aadde Ajjaameetu,ture. Awwaalli safuu fi kabaja qaba. Lafti fudhatamuu waliin lafeen nama ufii biyyee keessaas kabaja dhabuun abidda hindhaamne garaa keessatti diba. Maqaan yaadannoo seenaa ti. Mararfannoo fi yaadannoo Adaadaa isaaniif jecha obbo Argawu ijoollee durbaa isaanii keessaa tokko “Ajjaamee” jedhanii moggaasani.
    Obbo Argawu, dhamdhama rakkoo hadhooftuu seenaan qee´eetti fide irraa fagaachuuf hojii barbaaddachuu eegalani. Kanumaan bara Dajjazmach Zinnaa Buzuu Masaayi Awuraajjaa Gajii Jibaatii fi Maccaa ta´ee dhufe hojii Barreessaatiin bulchiinsa yeroo sanaa keessatti hojii argatani. Hojii akkasii argachuu waliin naannoo ufii irraa fagaatanii bakka adda addaatti ramadamuun dirqii ture. Akka caasaa bulchiinsa yeroo sanaatti Mikittil Waradaa jedhamee bakka beekamutti illee kan mootummaan ergatu tokko Barreessaa, tokko ammoo kan gibira funaanu ture. Obbo Argawu hojii Barreessaatiin Jaldutti ergamani.
    Obbo Argawu hojii kana irraa waan jajjaboo lama akka bu´aatti yeroo hedduu dubbatu.
    (1) Sirna sana keessa isaa baruu,
    (2) Nama waliin walbaruu. Kuni lamaan jireenya isaanii keessatti qabeenya isaan horatan guddaa akka ta´e dubbatu. Qabxiin 1ffaan, shiraa fi xaxaa sirna tokkoo yeroo keessa seentu caalaatti waan argituuf bu´aa qaba jedhu.
    Qabxii lammaffaan, daba sirni sun geessisu iirraa kan madaa qabu hedduu waan ta´eef nama waliin wal baruuf carraa gaarii dha jedhu.
    Hojii mootummaa kana yeroo murtaawaaf ergi hojjetani booda dhuunfaatti hojii Abukaattummaa jalqabani. Hojiin kun ammoo rakkoolee sirni sun uumu seera jiru jalatti falmuu waan tureef, gama tokkoon nama hedduu waliin wal barsiisuu, gama kaaniin ammoo aangawoota sirnichaa waliin wal dhabsiisuun hinoollee.

Ijaan Argaa Jalqabaa
______________________

Bishaan Sanqallee qaruuraatti guutamee gurguramu magaala Ambo irra km 5 fagaata. Bishaan ho´aa magaala Ambo keessaa burqutti tajaajilamuuf hedduutu Finfinnee irraa dhufa. Bishaan Daakaan kun(swimming pool) Ministeerotaa fi Maatii isaaniitu Finfinnee irraa dhufaniif Jimaataa hanga Dilbata waaree boodaatti qopheeffama.Bishaan daakaa fi dhiqannaaf dhufu.Qulqullina bishaanichaatu isa Finfinneerra filatama.

Manni Fincaanii Ras Hotel bishaan kanaan dhiqama. Dhiqaan Hoteela kanaa Hulluuqaatti gadi lakkifama.Gama kaaniin ammoo ummanni Amboo bishaan Hulluuqaatiin jiraata. Uffata achitti miiccata; isumatti jireenya isaa tajaajila. Kana irraa kan ka´e Ambotti dhibeen Amoeba akka mootii dhibeetti beekama. Hulluuqaan laga guddaa magaala Ambo Kaaba-Bahaa irraa ka`ee gara Kiibba-Dhihaatti kutee keessa darbu dha. Lagni Alaltuu magaala irraa fagoo dha.
Egaa utuu ummanni haala kanaan jiraatuu Ras Masfin Silashii bishaan ho´aa fi qulqulluu handhuura magaala Ambo keessaa man isaatti galfachuuf murteesse. Boombaan bishaanii walittii hidhamee karaa cinaa ciisuun ijoo qabxii maree barattootaa ta´e.
Hawaasicha keessattis gumgummii irra darbee ifatti dubbatamuuti cehe. Bulchiinsi magaala sanaa ( Municipality) guyyaa gabaa qaraxa funaanuu malee tajaajila kennu hinqabu. Manna fincaanii hawaasa tajaajilu magaala sana keessa tokko illee hin ijaarre. Uummanni guyyaa gabaa jala taa´ee waan qabu gurguratu waan hinqabneef waan lafa gabaatti boodarra ijaarame waldaa ” Yee Itiyoophiyaa Wexxaatoch Beggoo Adraagoot ” jedhamuun ture.
Garuu guyyaa gabaa qotee bulaa karaarraa goree fincaawu yoo argan maallaqa na-gahee malee irraa funaanu; yoo ” hiqabu” jedhe ni reebu. Kana arganii kan aaran A.R fi K.D, bara 1974 keessa, dhaabaa dallaa irraa tokko buqqisanii namichaa qotee bulaa hiriirsaa jiru tokko qooseerra yoo buusan namichu achumatti hafe. Isaanis lammata utuu Ambotti hindeebi´iin mootummaan Nugusichaa jijjiirame.
Utuu ummanni bishaan qulqulluu dhugu hinqabaatiin Ras Masfin man dhuunfaa isaatti bishaan galfachuun sirrii miti jennee mormii dhageessisuuf Brattoonni Mana Barumsaa Ambo baatii Sadaasaa 1971 keessa hiriira baane. Hiriira kana magaala keessa naannofnee sagalee keeny dhageessisuu waliin Bulchiinsa Magaalaa fi Awuraajjaa dhaquun sagantaa ture. Bulchiinnsi Magaalaa waajira keessaa baqatee waan nu eegeef barcuma isaarra dhagaa gurraachi kaahamee.
Awuraajjaa Gajiin, Dajjaazmach Takila Maaram Abbaa Irree jedhama. Daj.Takila Maaram kun umriidhaan dulluma keessa ture. Gadi nutti bahee dubbii nuuf godhe keessaa “utuu biyyi keenya akka Paaris qulqulluu taate jibba hinqabnuu” jedhe. Itti aansees quufatu akkas isin godha ergaa jedhu nutti dabarse.
Yeroo inni dubbii dubbatu poolisoonni hunduu nageenya isaaf gara bakka Daj. T/M Abbaa Irree jirutti dhufani. Silaafuu caasaa bulchiinsaa irraa waan eegamu waan hinjiraanneef Daj.Takila Maaram utuu odeessaa jiruu Boombaan Bishaanii diriiree ture akkuma Agadaa dhuka dhukatti caccabe, caccabaan isaa daandii guddaarra guute. Gartuun tokko ammoo mana Ras Masfin Silashii dhaqee manicha gubuuf jennaan manni dhagaa irraa qofa ijaarame waan ta´eef waanti gubatu hinturre.

” ijoolleen kuni asii Abbaa fi Haadha hinqabani. Ani fedhii kootiin Abukaattummaan dhaabadhaaf . Yoo ana hiitanis Ijoollee koo waliin na hidhaa.” obbo Argawu Dinqaa.

Manneen Barnootaa sadarkaa lammaffaa (Secondary Schools) hundi mirga Koree Barattootaa(Student Council) filachuu qabsoo bara dheeraa booda argatanii jiru. Warra yeroo sana filamee ture keessaa Samuel Berhanu-President, Zawude Zelleqe (amma Dr.Zawude)-Barreessaa, Mararaa Guddinaa ( amma Dr.Mararaa, kan waanjoon hidhaa Dargii fi TPLF jalatti dararamni irraa hincinne) – dhimma Sub-qunnamtii (Public Relations) ta´anii nu gaggeessaa turani.
Hiriirri kun ta´ee borumtii isaa Ras Masfin Silashii Faxinoo guurratee dhufe. Magaalli Amboo Faxinoo dhaan guutamte. Guyyaa muraasa booda Samuel Berhanuu fi Zawudeen qabamani. Utuu hinturiin mana murtiitti dhihaatani. Ras Masfin daanyaa murtii kennu cinaa akkuma nama seera muruutti taa´ee jira. Barattootaa fi jiraattonni magaalichaa hedduun manaa fi ala guutanii jiru. Yeroo kana Jaarsi tokkko ol ka´aniitu: ” ijoolleen kuni asii abbaa fi haadha hinqabani. Ani fedhii kootiin Abukaattummaan dhaabadhaaf; yoo ana hiitanis isaan waliin nahidhaa” jedhani. Jaarsi kun Obbo Argawu Dinqaa turani.

Obbo Argawu waan hidhaa waan kaasaniif qabu. Ras Masfin akka gaariitti isaan beeka. Ras Masfin lafa qalaada hedduu naannoo Gudarii fi Gooro Soolee keessaa qabaachuu irraan kan ka´e obbo Argawu hojii Abukkattummaatiin qoteebulaa hedduuf mana seeraa dhaabachaa turani.
Kana qofaa miti. Dajjaazmach Zinnaa Buzuu Masaay Awuraajjaa Gajii ta´ee Jibaatiif Maccatti ergamee ture. Daj. Zinnaa Buzuun ni hookkola(naafa). Yeroo inni gonfamee Ambotti ergamuusaa dhagahan Obbo Argawu ” akka waan Oromoon nama baratee fi nama fayyaa qabu hinqabnee maal naafaa fi caccabaa nutti ergu…. ” jedhanii dubbachuun dhagahame.
Kunis Daj. Zinnaa Buzuu bira darbee gurra Nugusichaa gahe. “Argawu Dinqaa nama Nugufni gonfe (Shoome) ceepha´ee ” jedhame. Obbo Argawu murtee Nugusichaa waan mormeef “guyyaa gabaa lafa gabaatti akka fannifamu” jedhame. Murteen kun jaarsummaa meeqaan Nugusichi dhiifama godhee jedhamee hafe.
Gara mana murtiitti yoo deebinu, dubbiin durumaan waan dhumate tureef Ras Masfin gurra Daanyichaatti waa asaase. Daanynichis Samuel Berhanuu fi Zawudee Zelleqetti hidhaan Waggaa Tokkoo akka itti murtaaye hime. Samuel Berhanuu ol ka´eetu ” Inee le ciqquunuu ye Itiyoophiyaa hizb sile qoomku inde ante yallee ikakaam yi ferdibinyaal? ” jedhe.
Obbo Argawu D/T Koree Mana Barumsaa Ambo Sadarkaa 2ffaatti (Parents’ Committee Chairman) waan turaniif dhimma barattootaa keessa maaliif seente jechuuf sirnichi ni rakkate. Barattoonnis hanga warri hidhame hiikamanitti hinbarannu murtee jedhurra waan gahaniif manni barumsaa Kutaa 8 olii ni dhaabbate.
Falammmii seeraatiin warra hidhame hiiksisuun waan hindanda´amneef falammiin karaa lama wal cinaa akka gaggeeffamuu qabu hiriyyoota isaanii Ambo fi Finfinnee jiran waliin obbo Argawu marihatani. Innis:
1ffaa, hanga warri hidhame hiikamutti Barataan barumsa lagachaa falammii itti fufuu;
2ffaa, Karaa filatamtoota Paarlaamaa, Kabajamoo akka Obbo Zoogaa Booji´aa, Nugusicha fi Ministeera Barumsaatti iyyachuu ture. Dhama´insa kanaan warri hidhame baatii sadii keessatti hiikamanii barataan mana barumsatti deebine.
Fuula sochii barattootaa keessaaa utuu hinbaane, barri 1974 bara sochiin barattootaa bakka hundaatii finiinee ture. Hanguma sochiin kun jabaachaa adeemeen abbootiin Qabeeyyaas gamtummaa isaanii jabeeffachuu jalqabani. Irra caalaan Barattootaa Aanaalee/Waradaalee yeroo sanaa 9 keessaa dhufne. Ejere, Hoolotaa fi Horro Guduruu irraas kan dhufanis hedduu dha.
Barataan irra caalaan qallaba waan ta´u yoo xiqqaate kan baatii lamaa fi sadii daakuu fidannee dhufna. Jireenyi keenya gamtaadhaan mana kiraayii keessa. Yeroo sochiin barattootaa jabaachaa dhufu abbootiin qabeenyaa tokko tokko ” Lonchiinaa le teffachew ibeet attakerayu/warra Lonchiinaan tufe kanaaf mana hinkiraayessinaa” jedhanii duula wal ijaaruu jalqabani. Yeroofuu yoo taate nu rifachiisuun hinoolle.
Yeroo kana Jaarsoliin keenya waan lama lafa kaayani. Tokkoffaa, ufii isaaniif
” yeroo bineensi ijoollee keenya alatti nyaatu nu mana ciisuu waaqni hinjaalataa ? ” jedhanii hojii lafajalaatiin magaalicha keessatti duula jalqabani. Lammaffaa, waan barattoonni gochuu qabnu nu gorsani. ” Warra duula kana deemsisu adda baafachuu fi waan jarri kun gabaatti diheessan lagachuu( boycott).

Guyyaa muraasa keessatti eeynu akka mataa ta´ee gaggeessu yoo qoratamu obbo Wandimmuu ta´ee argame. Obbo Wandimmuun daandii guddicha magaala Amboo walakkaa keessa bahu, cinaa Riqicha Hulluuqaatti aanee bitaa fi mirgaan Suuqii tokko tokko qaba. Yeroo gara dhihaatti adeemnu inni mirgaa suuqii uffataa kan yeroo sanatti ayinaa gaarii qabu ture. Suuqiin gara bitaa Mana Fotoo ti. Suuqii lamaanittuu Maallimtoonni isaa harki 98 % barattoota turre.
Gabaan guddaan magaala Ambo Sambata dha. Waan labsiin ” namni Sambata dhufu mana Wandimmuu lamaanuu seenee argame kan lubbuu ufiitti murteesse dha” jedhu darbe fakkaata.Obbo Wandimmuun quba hinqabu. Sambata bookeen balbala isaatiin hinbaane. Rifaasuu kanaan Obbo Wandimmuun jaarsummaa ergachuutti ka´e. Warri kaanis rifaasuudhaan lammata waa hindubbanne. Ufii isaanii kallattiin keessatti hirmaachuu yoo dhiisan illee Jaarsoliin Amboo toora dubbiin ittiin deemuu qabdu yaadaa fi amileedhaan sochii barattootaa keessaa hindhabamne.

“Maali nu Qurcii dhaan tollaa?”
jedhani Jaarsoliin

Mootumaaaan Nugusichaa utuma raafamuu illee daba maqaa qubsumaan haguugamee hojjetamu tokko naannoo Ambotti karoorfate. Bara 1973 keessa sirni Nugusichaa Abbaa Warraa(family heads) gara 300 kan dhibee gogaa qaamaatiin qabamanii fayyan (lepers) naannoo Ambo qubsiisuuf akka karoorfate dhagahame. Bakki filame jedhame ammoo Qiibaa gara fuula Wancii tti karoorfata. Burqaaleen xixiqqaan hedduun Hulluuqaatti dabalamanii gara magaala Ambotti dhufan naannoo sanaa burqu. Daba naannoo sana irratti hojjetamaa turan irratti dabalamee warra dhibee akka sanaa qabu qubsiisuu jechuun bifa hawaasummaa, siyaasaa fi fayyaatiin ilaalamee falammiin jalqabame. Namoonni dhalootaan Jibaatii fi Macca keessaa bahanii hojii adda addaarra jiran hundi sagalee tokkoon mormii isaanii dhageessisani. Namoonni qubsiifamuuf karoorfaman kun afaan hawaasichaa illee dubbachuu waan hindandeenyeef ” hawaasa afaan isaanii dubbatu keessa qubsiisuun rakkoo hawaasummaa fi siyaasaa fuuldura uumamu hambisa” jedhanii falmani.Utuu falamiin kun rarra´ee jiruu Mootummaan Nugusichaa kufe. Kana keessatti akka filatamtoota Jibaatii fi Maccaatti warri Paarlamaa keessa turan kan akka obbo Zoogaa Bojia mata-duree falammii kanaa keessa turani. Kana keessattis qoodni obbo Argawus guddaa ture.

Nagaan bu´uun dallansuu ta´e
________________________
Bara 1974, gara dhuma baatii Muddee keessa haalli tokko Ambotti uumaame. Barattoonni yeroo sana mana barumsaa Amboo keessa turan heduun ni yaadatu jedheen abdadha.

Walakkaa waggaatti dorgommiin Spoortii gosa adda addaa dorgomtoota Aanaalee 9 irraa dhufan gidduutti gaggeeffama. Dorgommiin Spoortii kun tapha Kubbaa, Fiigichaa, Eeboo darbachuu, Bishaan daakuu,Kubbaa Harkaa(volley-ball), Utaalchoo, kkf. ammata. Dorgommiin kun gara guyyaa torbee lamaaf adeema. Kana keessaa guyyaaleen hedduun guyyaalee gammachuuti. Guyyaa xumuraa gara galgalaatii jalqabee magaalli Amboo dirree waraanaatti jijjiiramti.Waraanni kun Mootummaa fi Barattoota gidduu miti. Barattootumatu Aanaaleedhaan wal hiree wal reeba. Inni spoortiitiin mohame isa mohetti gamtaadhaan duula. Aanaaleen tokko tokko waliif tumsu. Hariiroon tumsaa dhaabbataa miti. Firri kee bara kanaa bara dhufu yoo si mohe diina kee ta´a. Gindababaratii fi Jalduun takka takka qofaa isaanii takka takka ammoo Dandii dabalatanii Calliyatti, Ambotti, duulu. Bara dhufu ammoo Gudar Calliyaaf (Geedoof) tumsa; bara kaan ammoo Amboof tumsa. Hoolotaa fi Ejereen heddumminas waan hinqabneef Dandiitti hirkatanii malaan jala darbu. Baakkoo-Tibbeen lakkoobsa keessa hinseenani. Yeroo kun ta´u Bulchiifni callisee ilaala.
Jabana Nugusaa Barataan University waggaa 3ffaa xumure, waggaa tokko National Service bahuun dirqama ture. Sababa kanaan ilmi Oromoo tokko Ambo dhufe. Kan inni Service bahuun irra ture bara 1972/73 ture. Akka ramaddiitti bara 1972/73 Karra Qoree isa gahe. Achi hindhaqu jedhee akka jijjiiramuuf iyyaannaan didame. Ittuma dhiisee dhuunfaa dhaan Mana Barumsaa Aira Gullisootti hojii argatee bara 1972/73 kana fixe. Bara 1973/74 yeroo deebi´ee Universiitiitti galmaawuuf jedhu ” dirqama kee waan hinbaaneef hingalmooftu” jedhe Universitiin. Falli maali jennaan bakkuma dide dhaquu akka qabu itti himani. Booda nama biraa waliin waljijjiiraniitu ilmi Oromoo kun Ambo dhufe. Kan inni barsiisu afaan Ingilizii ture. Barattoota kutaa 9 afaan Ingilizii barsiisa.Utuu barsiisuu jechoota tokko tokko afaan Oromootiin barattootaaf hiikuu jalqabe.Kuni waan hinbaramneef gumgummii gosa lamaa kaase.
Barattoonnii irra caalaan gammachuu gumgumani. Barsiisonni tokko tokko ammoo “xabbaab,Gosanyaa ” jechuu jalqabani. Wacni har´a arginu gaafasis ni ture.
Barsiisaan kun tarkaanfii tokko fuulduratti adeeme. Galgala galgala mana ufii jiraatu keessatti barattoota Aanaalee adda addaa irraa dhufan keessaa hanga tokko manatti beellamuu jalqabe. Beellama kana keessatti adeemsa seenaa humna qawweetiin empaayerri Itiyoophia uumamuu fi cabinsa Oromoo barsiise. Inni barataa Saayinsii Siyaasa/political Science/ ture.Cunqursaan Oromoo fi uummatoota kiibbaarra jiru kan gitaa qofa utuu hintaane dachaa dachaa ta´uu jala mure.
Oromian kan humna Qawweetiin cabde ta´uu nu barsiise.Caasaaleen cunqursaa sirna sanaa isaan kam akka ta´anii fi bifa maaliin akka isaan uummata walnyaachisan barsiise. Sirnichi bifa hedduutiin hawaasicha gargar qoodee bituu akka bu´uuraatti dhimma bahuu ifa nuuf godhe.
Utuu fagoo hindhaqne akkatti Barattooni Aanaadhaan wal qoodnee dhiiga wal dhangalaafnu haala qabatamaatiin nuuf ife. Yeroo xiqqoo booda manni wal hanqate. Inni marroo lamaa fi sadii dhufe ammoo gara tarkaaffii fudhachuutti akka cehamu yaada dhiheessuutti cehe. Kaan geerarsa aarii geerare; kaan ni booye.
Yaadni kun barataa keessa adeemee yeroo bilchina gaarii irra gahaa jiru yeroon Ispoortii Waggaa gahe.Guyyaa xumura Ispootii, Poolisii Amboo qofa utuu hintaane, “Biheeraawwii Xor ” kan jedhamu Sanqallee irraa dabalata ajajama. Biheeraawwii Xooriin Qotee Bulaa dha. Baatiitti Birrii shan argatu. Yeroo Barattoonni fincilan Qotiyyoo hiikanii, Gindii fi Qambara lafa kaayanii Ulee isaanii fudhatanii faxinoo cinaa hiriiru. Biheeraawwii Xooriin Sanqallee fi Gidaamii qofa jiru. Dargiin yeroo dhufu kaan Faxinootti kaan Poolisiitti makee.
Bara kana taphni xumuramee, warri Badhaasa argatu badhaafamee booda akka durii reebicchi hinjiru. Hunduu waliin sirbaa gammachuu fi nagaadhaan xumurri ta´e. Magaalli Amboo guyyaa sana akka baramee fi eegame magaala dhiigni obboleewwanii itti dhangala´u ta´uun hafe. Akka durii iyyaa fi dhiigaan utuu hintaane gammachuu obbolummaatiin Ispoortii xumurame.
Bulchiisnii fi sirni cunqursaa wal reebichi hafuu isaatti hedduu rifate. Maaltu adeemaa jira jedhani. Warri duraanuu “gosanyaa, xabbaab ” jechaa turan gadi bahanii “Tsaggaayee Namarraa zaranyinati yaasfaaffaal ” jechuu jalqabani. Nagaa fi tasgabbiin ‘ xabbaab, zaranyinnat ‘ ta´e. Warra kana afarsu keessaa tokko kan booda Asimbaa galee ture Walda Leul Kaasaa jedhama.
Kana irratti dubbiin tokko dabalame. Barumsi bara sanaa takka cufamaa, takka banamaa adeemaa ture. Barsiisonnis lamatti qoodamani. Hangi tokkoo, keessumaa ammo warri kaaba empaayeraa sanaarraa dhufan, akka manni barumsaa cufamu barbaadani. Gariin Barsiisotaa ammoo manni barumsaa yoo cufame ilmaaan qotee bulaa bakka bakkatti galanii hojii baadiyaatti bobba´uun dirqama waan ta´uuf manni barumsaa banaa ta´ee barataanis qabsoo akka barataatti gaggeessu itti fufuu wayyaa jedhanii falmii dhiheessani. Barataanis yaada kana deggera ture. Walgahiin Barsiisotaa yaada hiramaa kanaan gargar bahe. Ejjennoon Barsiisotaa kunis Barattoota keessa gahe. Eenyu hordofaa yaada kamii akka ta´e barame.
Guyyaa iitti aanu yeroo barsiisuun isaanirra jiru warra barsiisuu didee ala dhaabatuun ” koottaa nu barsiisaa ” jedhanii barattoonni kutaa 9 gaafannaan:
” deemaa asi, barattanis barachuu baattanis …. ” jedhe barsiisaan Seenaa,Tsehayyee jedhamu tokko. Manuma barsiisaan kuni galutti barsiisonni isa waliin galanis ni jiru. Galgaluma isaa obboleessa keenya isaan bira taa´ee baratu tokkootti gariin isaanii harkaa fii afaaniin darbani. ” Sanyii keetu ala kanaa nutti roorrisaa jedhaniin “. Gurbaan kun, Lammaa Abbebe, bulee barttoota Aanaa irraa dhufeetti (Gindabarat?/Jaldu?) boo`ee himate. Dubbiin kun barataa hedduu gurra seente. Galgala lammaffaa magaalli Amboo naannoo mana barumsaatii jalqabee, manni Karambollaa utuu hinhafne kurmaanatti galte.
‘Qurkaan’, R.I.P(??) dallaa irraan utaalee seenee karra keessaan cufame bane. Warra harkaa fi afaan darbe achumatti argatani. Gariin barattootaa ammoo gara mana karambollaa Amaaree yeroo dhaqan Walda Leul Shugguxii tokko surreetti suuqqatee baqa keessa kaa´e. Poolisiin iyya dhagahee dhufnaan namni poolisii hamma tisiisaatti lakkaawu dhibe. Warri adabame kun Hosipitaala Ambootti illee hintajaajilamnu jedhanii halkanuma sana konkolaataa kiraayeffatanii Finfinneetti galani.
Sanaan booda dubbiin sadarkaa guddaatti ol fuudhame. Gartuun warra afaan darbeef tumsan ” biyya kana jiraachuuf illee nu soodaachisee jira ” jedhanii wacani. Dubbiin dallaa mana barumsaa irraa gara jiraattota Ambotti ceete.
Obbo Argawu waan adeemaa jiru akka gaariitti beeku.Isa himatame kana, Tsaggayee Namarraa,waliinis walbaranii jiru. Inni himatu, Walda Leul, kunis magaala Ambo keessa deemee waan inni walitti supphaa jiru dhagahamee ture. W/Leul Koloneela xurataa bayee jiru tokko qabatee warra “……..Gadayi ” jedhee duraanuu beekamu walitti suphuurra ture.
Amma W/Leul Kaasaas Finfinnee irraa deebi´ee jira.Obbo Argawu akka Dura Taa´aa Koree mana Barumsaatti Jaarsolii Magaala Amboo keessaa dabalatanii guyyaa tokko galma mana barumsaa keessatti dubbicha ilaaluuf karoorfatani. Obbo Argau Miseensota Koree mana Barumsaa qofa utuu hintaane jaarsoliin bebbeekamoon Ambo keessa jiran akka irraa hirmaatan ufii isaanii naannawanii waamani. Walgahiin Jaarsolii galma(Hall) mana barumsaa isa durii (fooqiirra) keessatti karoorfame. Booda yaadni jijjiirameetu Barcumni gadi guuramee bakka amma Galmi (Hall) guddaan itti ijaarame kana ala taa´ani. Duraan walgahiin kan Koree Jaarsolii Mana Barumsaati waan jedhameef barattoonni hinturre. Booda yeroo ala taa´uun Jaarsolii argamu hammi argine dhaqnee duubaan marsinee dhaabanne.
Mee rakkoo keessan himadhaa jedhani jaarsoliin. W/Leul dursee akka boowuus ta´aa, ” biyya Minilik tokko godhe gargar diiguufi; ani kana arguurra shugguxii cabdu qabu kanaan( baallechinyi andit sabaaraa shigux) namas ajjeesee ofis ajjeesuun filadha ” jedhe. Tsaggayee Namarraa ajjeeseen uf ajjeesa ergaa jedhu dabarfate.
Itti aanee Tsaggaayeen akka dubbatu gaafatame. Innis ” Abaabayyoonnii fi Akkaakayyooni keenya hanga danda´an falmatanii kufanii jiru. Abbootiin keenya booyanii jiru. Ani garuu imiimmaan booyan hinqabu. Imimmaan sobaa ammoo hinumayyuu hinqabu. Booyichi kunis nui irratti dhaabachuu qaba jedheen amana” ergaa jedhuun xumure.
Jaarsolii keessaa miseensa Macaa fi Tuulamaa kan ta´an, Kol. Saahiluu Birrii, Oromoon Minilik jajamu kanaan cabuu isaa dubbatani. Minilik jajamu kun isa kaaniif mallattoo garbummaa akka ta´e jala murani. Jaarsoliin gara 30 ta´an callisanii wal ilaalani.
Obbo Argawu itti fufaniitu ” ilma keenya Wallaggi akka ijoollee keenya nuu barsiisuuf erge ajjeeftanii anis isin hindhiisu. Isinis amoo ana hindhiiftani. Akkasuma utuu jedhuu dubbiin Ummata Oromoo miliyoona 18 kana bira gaha. Gara inni itti deemu ilaaluun gaarii dha. Kana irratti dabalees shofeerota keessan Anfilloo fi Gimbiitii Buna fe´uuf yaa´an kanas errega keessa galchaa……” jedhanii dubbatani. Jaarsoliin kaan hundi ni callisani. Hedduu isaaniif dubbiin hubatamte. Kanumaan jaarsummaan yaalame achuma irratti dhaabate.
Gammachuun Labsii Lafaa Fixeensa Ganamaa ta´e
Jalqaba bara 1975 labsiin “Lafti kan Qotee Bulaati ” jedhu bahe. Qotee Bulaan naannoo Ambo gammachuu labsii kanaa ibsachuuf fuula hundaan sirbaa magaala Ambo dhufe. Obbo Argawu Qotee Bulaa naannoo baadiyaa Amboo irraa dhufan waliin bakka Buufata Makiinaa jedhamu, Waajira Poolisii fuuldura, sirbaa oolani.Ummanni Oromoo Qotee Bulaa waan ta´eef gabbaarummaa irraa walaba bahuun injifannoo guddaa dha jedhani. Qotee bulaa waliin sirbaa ooluun isaanii namoota Oromoo illee ta´anii kan abbaa lafaatti uf lakkaawan hanga tokko biratti mufaata uume. Hariiroon sanaan boodaa warra akkasii walii gaarii hinturre.Gammachuun bara Dargii jalqabaa kun oolee utuu hinbuliin obbo Argawu namoota hedduu waliin hidhaatti darbatamani.

Barattoota yeroo sana Kutaa 10 irraa jalqabee ol turan, Universitii fi Kolleejjota dabalatee, Dargiin duula ” Idget Be Hibret …” jedhee bakka adda addaatti nu ergee jira. Barattoonni barumsa irratti hafan warra kutaa 10 gadi jiran qofa ture.
Barattoonni Mana Barumsaa Amboo barumsa irratti hafan kun, Kitaabonni Mana kitaabaa (Library) keessa jiran hundumtuu kan imperialistootaa fi capitalistootaatti jedhanii mana kitaabaa keessaa gadi guuranii abiddaan gubani.Oduun kuni Raadiotiin darbe. Ani dhiha Oromia, Beegii, taa´een dhagahe. Kitaabonni Afaan Ingilizii, Dictionary dabalatee, kitaabonni Saayinsii kan akka Biology, Chemistry, Physics, Mathematics, hin hafne. Sooshalizimiin Itiyoophiaa akkasitti jalqabe.
Kana cinaatti, B.Jen.Taaddasaa Birruu, Kol.Haayiluu Raggaasaa fi Daj. Kabbadaa Buzunash bosonatti galuun Galma Minikik keessatti jeequmsa sodaa uumeetu jira. Sodaa kana irraa kan madde Dargiin namoota kanaan dura Hawaasicha keessatti dhageettii qabanii fi warra Waldaa MT keessatti beekaman adamsuuf xiyyeeffate.

Akka kanaan Ambo fi naannoo Ambo irraa namoonni hedduun hidhamani. Kan ani amma maqaa isaanii yaadadhu:
Obbo Argawu Dinqaa
Obbo Fufaa Gaallisoo, Barsiisaa
Obbo Asfawu Ideesaa, Daarikteera Mana Barumsaa Kutaa 2ffaa Amboo
Obbo Dagafuu Tafarii, Tajaajlaa Fayyaa Mana Barumsaa Ambo
obbo Alammaawu Diroo, Barsiisaa
obbo Ateib Ahmed Daffala, Barsiisaa Seenaa fi dhaloota Bela-Shangul
Obbo Baqqalaa Abbaa Faanaa,
Obbo Tasfayee W/Aragayi, yoo ta´an obbo Ateib irraa kan hafe hundi isaanii dhaloota Amboo fi Oromoota dha.

Juntaa reefu aangootti bahe jiruuf akka waan jarri maqaan dhahame kun dargii irratti uummata sochoosan taasifamee oduun darbeef. Dhalootaan naannoo Amboo kan ta´e Assir Alaqaa Bagashawu Gurmeessaa, bakka Bu´aa Dargii ta´ee sadafii qawweetiin isaan tumsiise. Gurri obbo Asfawu Iddeesaa kanarratti duude.

Obbo Tasfayee W/Aragayi yeroo qabaman qawwee dhukaasanii waan turaniif reebichaa garmalee fi darara adda addaatiin hedduu hubani. Qee´een obbo Tasfaayee W/Aragayi akka malee diigame. Darara isaanirra gahe irraa utu bayyaannatanii qeetti hindeebi´iin dhibamanii lubbuun isaanii Finfinneetti dabarte.

Obbo Argawun keessaa fuudhamamanii Finfinnee Kaampii Waraanaa Kutaa 4ffaa ( Araattanyaa Kifla Xoor) jedhamutti gara Baatii 10 hidhamani. Yoo inni hinajjeefamne Jibaatiif Macca nagaa hinargattu jedhanii warri du´a obbo Argawu hawwan utuu gurra dhaabanii dhaggeeffatanii obbo Argawu hiikamanii qe´ee isaaniitti deebi´ani.
Akka lubbuun isaanii hafu kan godhe obboleeessa isaanii Major Maammoo Dinqaa ture. Maj. Maammoo Dinqaa Waraana Kutaa 3ffaa keessa Bahaa Oromia yeroo turan Aj.Dhibbaa Mangistuu Haila Mariam waliin wal beeku. Yeroo obbo Argawu hidhaman Maj. Maammoon Kaaba turani. Obboleessa isaanii hidhaa jiru qaamaan argamanii mana hidhaatti dubbisuuf haalli hinkennineef. Garuu bilbilaan Aj.Dhibbaa Mangistutti iyyatanii hiksisuuf milkaayani.

Weerarri Dargii Magaala Ambo irraa gara Baadiyaatti babal´ate.

Itti fufa!

Kutaa 3ffaa keessatti weerara Abeebee Gattiroo ilaalla

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s