Marii Jalqabame Milkeessuuf Labsii Dhukaasa dhaabuu ABO

Marii Jalqabame Milkeessuuf Labsii Dhukaasa dhaabuu ABO

Addi Bilisummaa Oromoo rakkina siyaasaa mootummaa Itophiyaa waliinii furuuf irra deddeebi’uun furmaatni karaa nagaa akka itti godhamu waggaa dheeraaf waamicha dhiheessaa akka ture ni beekama. As dhihoos akkasuma irra deddeebi’ee godhaa ture. Haa tahu malee baroota dheeraaf waamichi nagaa ABOn dhihaataa ture deebii hin argatin ture.

As dhihoo kana garuu haasaa jilli ABO HDn hogganamu Muummicha Ministarotaa Itophiyaa Dr. Abiyy Ahamed waliin adeemsifameen rakkoo jiru karaa nagaa furuuf yaaliin godhamaa ture tarkaanfii tokko fuula dura deemuu kan danda’e tahuutti ABOn fudhata. Haasawa nagaa jalqabame kanas mootummootni, ummatootnii fi nagaa jaallattootni kan barbaadan tahuu ABOn ni amana.

Addi Bilisummaa Oromoo kana hubatuun haasaa nagaa jalqabame bakka gahe irraa fuula dura tarkaanfachiisuu fi milkeessuuf gargaara amantaa jedhuun, humna mootummaa nutti bobba’u of irraa ittisuu irraa kan hafe yeroof dhukaasa dhaabuu ABO labsa. Yeroof labsiin dhukaasa dhaabuu kunis haasaan jalqabame firii eegamu argatee gara lola walii galaa dhaabuu gamtaan ABOn fi Mootummaan Itophiyaa akka labsan ABO abdata.

Waan taheef WBOn labsii yeroof dhukaasa dhaabuu dabarfame kana hubatuun bakka jiru hundatti hojiirra akka oolchu SHG-ABO qajeelcha.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti!
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adoolessa 12, 2018

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

w

Connecting to %s