SBO: Gootichi WBO Zoonii Kibbaa tarkaanfii humna gabroomfattuu waraana wayyaanee irratti fudhatu itti fufuun Moyyaleetti loltoota diinaa 25 ol hojiin ala godhe.

Gootichi WBO Zoonii Kibbaa tarkaanfii humna gabroomfattuu waraana wayyaanee irratti fudhatu itti fufuun Bitootessa 12, 2018 Moyyaleetti loltoota diinaa 25 ol hojiin ala godhe.

SBO Caamsaa 17, 2015. Oduu, Waamicha FDG Qeerroo Bilisummaa Oromoo  irraa ...(SBO/VOL – Bitootessa 13, 2018) — Gootichi WBO Zoonii Kibbaa waraana gabroomfattuu wayyaanee kan ummata keenyatti roorrisaa jiru irratti tarkaanfii fudhatu cimsee itti fufuun guyyaa kaleessaa Bitootessa 12, 2018 halkan magaalaa Moyyalee keessatti diina haleeluun 25 ol hojiin ala gochuun gumaa ummata isaa ba’uu Ajaji WBO Zoonii Kibbaa beeksiseera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa eda halkan magaalaa Moyyalee keessatti waraana diinaa kan paatiroolii irra turee konkolaataa guutee gara mooraatti deebi’aa ture walakkeessa magaalaa Moyyalee naannoo Mannaaraatti tarkaanfii jabduu irratti fudhateen 10 yeroo ajjeesu, 15 ol ammoo madoo taasisuu Ajaji WBO Zoonii Kibbaa ifa godhee jira. Waraanni wayyaanee tarkaanfii irratti fudhatameen baaraguun meeshaalee gugurdaa dhukaasaa akka tures ibsameera.

WBOn Zoonii Kibbaa Bitootessa 08, 2018 irraa qabee godinicha keessatti bakkoota gara garaatti waraana gabroomfatuu wayyaanee irratti tarkaanfilee adda addaa fudhatuun injifannoo galmeessaa jiraachuun beekamaa dha

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

w

Connecting to %s