Taaju Usmaan: “Ni turra malee ni urraa” jete gundaan alaa Manatti galuuf.

“Ni turra malee ni urraa” jete gundaan alaa Manatti galuuf.

Taaju Usmaan

Image result for ethiopia state of emergency

Labsiin arriifachisaan erga telefishiini (tv) mootummaatin ibsame irraa caalaqabe gaffiilee gara garaa darabamaa jiru. Yeroo ammaa kanatti biyyattiin rakkoo siyaasaa guddaa keessa osoo jirtu. Akkasumas haalli nageenyii biyyattii yeroo irraa gara yerootti cimaa deemen, walitti bu’iinsa naannoolee fi gaffiilee gara garaa yeroo itti baayyata  dhufaniti. Mirgoota namoomaa adda addaa dhorku kana akka furmaatati.  Labsii Arriifachisa kan akka filannoti fudhachuun isaa, Rakkoowwan ciccimmo kanaaf akka furmaatati fudhachuun karaalee ittiin hiikuu kan biroo hin jiruu jedhamee gaffiilee gara garaa darabamaa jiru.

Haaluma kanaan walqabatee inbaasiiwaan aduunya gara Poolaandi garaa mormaani jiru. Ameerikaa inbaasiin haala kanaan dura dhagahame hin beekkamneen jechoota cimaan ibsameef jira, Labsiicha waajjinis “gonkumaa akka hin qebalee” fi rakkoowwan biyyattii keessaa jiruu kan ciimsuu malee furmaata ta’u akka hin dandeenye fi haala gorsaa taheenis ibsiitee fi jirti mootummaa biyyattii dhaaf.

Labsiin arriifachisaan kun kan baheef, Ummattaa Oromoo akkuma Labsiicha kanaan dura bahee dabarse sana. ilmaan Oromoo kumaatamatti lakkaawwaman ajjeesuun fi kumaatama hedduu hidhaaman, akkasumas jeequmsa fi rakkoowwan hedduu kan sababa tahee. Bu’a tokko malee kan darbe. Ammas tanani Labsiin kun rakko Ummattaa Oromootiif kan furmaata tahuu hin dandeenye fi rakkoo siyaasaa biyyattii keessaa jiruu kan dhabasiisu hin dandeenye dha. Inmaayyuu. Rakkoowwan adda addaa fi jeequmsi akka ka’uuf cimsee baballisuu danda’a.

Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kanatti Ummattaa Oromoo irratti rakko gudda fiduuf deemaa jira.akkuma beekkamu ummanni keenya yeroo dheeraaf Mirgaa isaa egsiisuuf, gaffiilee  mirgaa , ofiin of bulchuu, Ajjeechaan,hidhaan, lafa ofii irraa buqqisuuu fi akkasumas hiriira mormii gadhama jiru, tokkummaa uummata keenya addaan baasuu fi qooda dhaan qabsoo bilisummaa uummata Oromoo cimaa dhufee kan lamasheesuu fi dhaabamasisuf kan labsaame dha. Kanaaf labsii arriifachisaa kan karaa dandeenyu marani falmachuun diriqama lammumma keenyati , sababa qabsoo cimaa taasisuun hiriira mormii fi Addimmaa mana keessa tahuufi lagaan diingadee guyyaa sadi’i (3)f  Ummattaa Oromootiin   godhameen  hidhaamtootin siyaasaa, abbootii ammantaa, gazeexesitota hiikamani jiru.sochii Qeerroo ti. Toftaa nu barbaachisa.

Beekumsii dhugaa:- nama guddisa, dhugaa dubbachuun nama gargaara. Daandii haqa:- ilaalcha keenyaa kan dhugaa ilaala madalla. Bilisummaan, kara itti guddaanu fi karaa itti fayyadamanu dha. Bilisummaan kara hundanu madalamu qaba,kaanan booda namaaf yaaduu uummataafi fayyaduu ykn bu’aa guddaa argamsiisu dha. Bilisummaan bu’aa bahii hedduu keessa darbee argama.

Yeroo hunda mootummaan Wayyaanee seericha kan hin eganee fi kana hin kabaajane dha. Akka fkn, kewwata 37. Mirgaa haqaa aragachu. (Right of access to justice). Kewwata 10, Mirgoota namoomaa fi dimokiraatawaa yeroo kammiiyu mirgii fi haqqani ummataa Oromootiif ilaalmeesa kabajameesa hin beeku. Kewwata 29 mirgaa ilaalcha Yaada Bilisummaa qabachuu fi ibsuu. (Right of thought opinion and expression). Jedhuun yaada falmii ykn immoo ilaalcha addaa mootummaa irraa yommuu qabate. Ykn kewwata 9, Ol-aantumaa Heerichaa (supremely of the Constitution). Ibsuu dhaan yommuu dubbate, waan yaada kee Bilisummaan ibsiitee gaaffii mirgaa gafachuu keetin fi Ol-aantumaa Heerichaa dubbachuu keetif qofa akka shororkeessummaa ilaalmata. mootummaa Wayyaanee agaazii erguu sii ajjeesisun, hidhaamu. Kanaaf filannoo qabanu mootummaa nama nyaata kan ballessuunu moo’achuun tokkummaan irratti hojjatamuu qaba.

Yommuu rakkinni uummame sodachuun bada mooti, sababni isaas akka atii itti yaaduu fi toftaa mala ittiin barbaaduu sii beeksisa. Garuu mootummaan Wayyaanee uummata keenyaaf sodaa fi jibbinisaa waan nuuf qabuufi, sodaa fi jibbinisaa yommuu walitti dhufee baayyee bada dha.waan sana ajjeesunii ballessu malee toftaa biroo hin qabuu. Kanaaf Tplf ummata keenyaa rraatti badii geessa jiruu kana dhaabamasisuf ofii irraa buqqisuuf haala fi istaarateejii waayyaanee keessa akka hin seenne tti. Haala qaroomiina qabuuni, Toftaa fi mala adda addaa tahee fi tokkummaa dhaan itti fayyadamuu qaban.

Gonkumaayu Labsii arriifachisaa kana hin qablu. Labsiichii gababuumati, qabsoo bilisummaa uummata Oromoo lamasheesuu fi siyaasaa (polotikaaleen) garan garasa bitaansuun akka hin jirree fi akka partiileen siyaasaa humna hin qabne gochuuni. Biyyatti akka barbaadeti bituu barbaada.  Kuni hin ta’u.qabsoon itti Fufaa Bilisummaa keenya hamma argiinuti.

Bilisummaan uummataa keenyaaf!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s