SEENAA Y.G(2005): Shira Wayyaanee fi 2020

Shira Wayyaanee  fi  2020

SEENAA  Y.G(2005)

https://stayinginsane.files.wordpress.com/2012/09/lost.jpg?w=863Qabsoo Ummatootaa, addatti, Ummati Oromoo gama hundaan gaggeessaa jiru, wayyaanee mogolee jalaa laaffisee jira. Baatiilee 5n dabran murni Angoo Biyyattii of harkaa qabuu, akka waloottis ta’uu akka dhuunfaatti wal ga’iilee fi gamaagama gaggeessan yennaa lakkoofnuu, hangam akka raafamaa jiran nu mirkaneessa. Kana jechuun, Qabsoon Ummatootaa addatti Oromoon gaggeessaa jiru haqa qabeessa ta’ullee mirkaneessa. Wayyaaneen Ija ishee Ashaboon dhiqattee, keessa keenya ilaaluu fi of haaromsuuf jennee, wal ga’iilee gadi fageenyaan gaggeessaa jirra haa jedhan malee, wayyaaneen haala hamaa keessa jiraachuu argaa jirra. Wayyaaneen Ummataaf cinqamtee torban sadiif wal ga’ii teessii osoo ta’ee, ummatoonni maaliif mormii hanga kana jabaatu irratti gaggeessu ? wayyaaneen wal ga’iilee fi gamaagama hanga kana baayyisuun dhuguma jabiina isaanii argisiisa moo , mogoleen jalaa laafachuu mirkaneessa ? jaallatamuus jibbamuus, Qabsooni Ummatoonni guyyuu gaggeessaa jiran, wayyaanee qullaa dhaabaa jira. Wayyaaneen garuu Mormii fi gaaffii Ummatootaa kana dantaa siyaasaa ofii isheef ittiin guuttachuuf ykn itti dhimma baatee, akka bofaa biyyee arraabdee lubbuu horachuuf akka tattaafachaa jirtuu beekuun murteessaadhaa. Akkamitti ? waliin ilaalla.

Wayyaanoonni kaleessa waan Biyya keessaa irratti gaggeeffamuu gama hundaan Ukkaamsitee, Biyyoota alaa sobaa fi Umurii dheereffachuu turtee. Har’a garuu toftaan kun akka ishee hin baafnee addunyaatu itti dubbachaa jira. Wayyaanee Ihaadeeg, Biyya alaa fi Biyya keessaatti, gonkumaa fudhatama akka hin qabnee ifatti waan hubatan barbaadu. Haa ta’uutii, wayyaaneen toftaan amma itti jirtuu, gaaffii humnoonni alaa fi Ummatoonni Biyya keessaa ishee gaafachaa jiran, karaa barbaadduun hiikuuf qophiitti jiraachuu ifatti argaa jirra. Kanammoo irratti hojjannee fashalsuu qabnaa. Humnoonni alaas ta’an Ummatoonni Biyyaa, addatti, Ummati Oromoo gaafachaa jiran, akka isaaniif ta’utti deebii itti kennuu barbaadu. Ammallee shira biraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti raawwachuu barbaadu. qabxiileen isheen Ummatootaa fi humnoota alaa dura qabdee Filannoo 2020 hanga ga’uutti itti dhimma ba’uu barbaadduu,,

  1. Maqaa Hidhamtoota hiikuun
  2. Maqaa Dirree Dimokiraasii bal’isuu jedhuun
  3. Maqaa Midiyaalee Bilisa fakkeessuun
  4. Maqaa Ummatoota walitti buusanii of mi’eessuutiin
  5. Maqaa Angoo saboota wal qixxummaan qooduun
  6. Hidhamtoota Hiikuu Ilaalchisee:-

Hidhamtoonni siyaasaa amma gadhiifamaa jiran, garaa laafachuu wayyaaneen osoo hin taanee, Qabsoo ilmaan cunqurfamootuu hudhee ishee qabnaanii. Addunyaatuu dhugaa jiru itti himuu eegallaanii ? wayyaaneen Hidhamtoota hiikuu hanga 2020 tti itti fufuun hin hafuu. Keessattu Miseensootaa dhaabbilee mormitootaa Biyya keessaa qofaa gadhiisuun haalaan itti fufa. Ega gadhiifamanii kan irratti hojjatamuu, wayyaanee akka galateeffatan taasiisuudhaa. Akkuma Filannoo kanaan duraa gaggeeffamanii , Wayyaaneen dhaabbilee mormitootaa hirmaachisee akka jedhamuuf itti fayyadamuuf saganteeffattee jirtii. Biyyoonni alaas, yoo Angoorraa buusuuf murteeffatanillee, lakkii wayyaaneen hidhamtoota hiikuu eegaluunsaa Biyattitti furmaata waaraa argamsiisuufii jedhanii dhiibbaa irraan ga’an akka dhaabaniif itti gargaaramtii. Kanaaf warri hidhaatii ba’an hanga danda’ameetti kan duraa irra caalaatti jabaachuu fi waa tokko keessaa fi adeemsa isaa osoo hin hubatiin itti seenurraa of qusachuu qabu. Filannoo wayyaanee 2020 milkeessuuf meeshaa akka hin taanee haalaan itti yaaduu qaban. Akka kanaan duraa , Ummata haalaan gurmeessuu dhabuurraa, yeroo hidhaman callisamanii ilaalamuu akka hin qabnee hubachuun, waan Ummatii barbaaduu guutanii argamuurratti hojjachuu qaban.

Ummatii haalaan hubachuu ka isa barbaachisuu, wayyaaneen yeroo hundaa qabsoon gaafa itti jabaatuu, waan Ummatii barbaaduu hanga tokko gadhiisuun Ummati akka qabbanaa’uu shira shiruu isheeti. Hidhamtoonni hiikamuun dansaadhaa. Garuu akka galii keenya dhumaatti hin fudhannu. Qabsoon baroota dheeraaf gaggeeffamaa jiru, hidhamtoota Ilmaan Oromoo mana hidhaatii baasuu qofa osoo hin taanee, adda durumaan, Oromiyaa hidhaa keessaa baasuudhaa. Kanaaf, shirri wayyaanee yeroo yeroon dubbii keenya laaffisuuf tolfamuu adda baafannee beekuu nu barbaachisa. Hidhamaan yeroo hikamuu simachuu fi gammachuu ofii ibsuun dansaadhaa. Garuu meeqaaf sirbinee dandeenya ? waa hundaa garaatti qabatanii, galii isa dhumaaf hojjachuutu murteessaadhaa.

  1. Maqaa Dirree Dimokiraasii bal’isuu jedhuun:-

Wayyaaneen Dirree Dimokiraasii bal’isuu barbaannaa yeroo jettu waan isaan deemaniif akka gaaritti hubachuu barbaachisa. Dirree Dimokiraasii bal’isuu jechuun, warra kaleessaa of irraa dhiibnee waliin Mootummaa ijaarradhaa.qabxiin kun humnoota adda addaa bakka lamatti qooduu mala. Warra muratoo fi muratoo hin taanee. Wayyaaneen bara 2015 Filannoo anatu mo’ee qofaa osoo hin taanee, Barcuma Paarlaamaa, harka 99% anatu mo’atee ykn Ummatatu na filatee jedhee addunyaatti labsateera. Addunyaanis soba ta’uu isaa osoo beekanii akka Ummatootatti taphatuu hayyaman. Baatii ja’aa booda garuu labsa wayyaanee kan saaxiluu mormiin Guutuu Oromiyaa sochoosee Umamee, Ummati sagalee guutuu si kennee akkamiin baatii 6tti mormii jabaa akkasii sirratti gaggeessaa ? jedhanii wayyaanee gaafatan. Deebiin isaanii akkuma jireenya isaanii ta’ee. Warri na morman, yeroof malee ykn murnoota muraasa ykn mormii warra Ashabbaariitii malee, Ummatoota mitii . jettee waakkatte. Garuu deebiin of tuulummaa kun dhugoomuun hafee, Qabsoon Ummata Oromoo waggaa 3ffaaf osoo waliirraa hin dhaabbannee itti fufee jira.

Amma wayyaaneen Dirree Dimokiraasii bal’isuuf maqaa jedhuun, Dhaabbilee Mormitootaa hamaamoota taasifachuuf shira adda addaa xaxaa jirtii. Dirree Dimokiraasiin bal’ifna jedhan, Dhaabbiileen Mormitootaa Paarlaamaa keessaa barcuma akka argatan taasiisuudhaa. Inniyyuu sagaleen akka hin mo’amneetti herreegameeti. Kun murteedhaa. Kanaaf Dhaabbilee mormitootaa waggoota lameen dhufaniif haala mijeessanii, Miidiyaa fi Ummatatti akka of dhiheessan taasisuun, miidiyaa irratti akka barbaadan dubbachiisuun hojiilee arguuf teenyuudhaa. Dhaabbileen siyaasaa Oromoo kana haalaan beekuu qaban.Dhaabbileen Mormitootaa marii adda addaa OPDO waliin akka gaggeessaniif sagantaan lafa keewwatameera.kanaafidhaa haasaadhaanillee Namoota arrabaa fi haasaa ABO beekan jedhan OPDO keessaan gadi baasaa ka jiraniif.

Wayyaanee Ihaadeeg kana gochuun Dhaabbilee siyaasaa Qabsoo hidhannootti jiran ofirraa dhaabuuf hojjachaa jirtii. kanaaf Ummati keenya kanarratti ejjannoo hin daddaaqamnee qabaachuu qaba. Filannoo Dhaabbilee Siyaasaa Biyya keessaa fi alaa hin hirmaachifnee hin barbaannuu jedhee wayyaanee dura dhaabbachuu qaba. Maqaa Araaraa fi mariinillee Ummata hawwachuuf yoo yaalamee, dura dhaabbatanii fashalsuu qaban. Wayyaaneen rakkoo ofii uumtee rakkoo sanatti dhimma ba’uu barbaaddii of haa eeggannu. Maqaa Dirree Dimokiraasii bal’isuu jedhuun, dhaabbilee mormitootaa hanga deebi’anii ofuu shakkanitti akka dubbatan taasiisuun, mootummaa akka arbsan taasisuun itti fufa.guyyaan sun gaafa geessu garuu ……isa dabreerraa barachuun gaariidhaa.

  1. Maqaa Midiyaalee Bilisa fakkeessuun:-

Midiyaalee Biyya keessaa wayyaaneen tu’ataman keessaa, OBN hanga tokko waan jiru ifatti dubbachuun kun itti fufa jennee yaaduun gawwummaadhaa. Tarii Filannoof hanga 6 yennaa hafuu waan har’aa arginuu hunduu hin jiru ta’aa. Kanaaf mirga keenya walii galaa fi miidiyaan wayyaanee kanarra Bilisummaa ka qabuu fakkaachuun hin hafuu . garuu dhumarratti dantaa isaaniif itti fayyadamnii filannoo tu’atuu. Kanaaf ejjannoo fi sochiin keenya gama kanaan jabaatee irratti hojjatamuu qaba.

  1. Maqaa Ummatoota walitti buusanii of mi’eessuutiin:-\

Ummatoota walitti buusanii humnoota alaa hawwachuun toftaa wayyaanee ture. Hanga har’aatti hin milkoofneef. Ani jiraachuu baannaan Ummatoonni wal fixuun dhaadannoo humnoota alaa biratti guyyuu dhihaatuudhaa. Garuu wayyaaneen shirri karaa Ogaadeen hojjattee milkaa’uu dinnaan sababaa adda addaa dhiheessaa jirtii.kanaaf Ummanni keenyaa gama kanaan sochii hin barbaachifnee raawwachuu irraa of qusachuu qaba.miidhamuu dandeenya. Wareegama Ulfaataa baasuu dandeenya. Garuu dhumarratti murteen keenya waan barbaannuu ka nu dhorkuu ta’uu hin qabu.

  1. Maqaa Angoo saboota wal qixxummaan qooduun:-

Wayyaaneen qaanii hin beeknee, gidduu dabree janaraaloota muudeetti. Kun ol aantummaan Tigirootaa jiraa isa jedhuu Ukkaamsuufii. Garuu kun gaaffii Ummatootaaf deebii hin ta’uu. Shira .shira kana gonkumaa hin fudhannuu jechuu barbaachisaa. Kanarra taranii Angoo Mummicha ministirummaa Oromoof laannaa jedhuu. Namni irra jireessa Lammaa maqaa dhahaa. Ani garuu caraan sun jiraannaan, Warqinah Gabayyoof kennu. Maaliif ? jennaan deebii quubsaa yeroo biraa dhiheessn qaba. Waan maraafuu, Qabsoon Oromoo mirga abbaa Biyyuummaaf ta’uu mirkaneessuudhaa. Shirri kunis, Filannoo 2020 irratti wayyaaneef sagalee laachisiisuuf irratti hojjatamaa jira.

Walumaa galatti waan hojjannuu haa beeknuu. Shirri wayyaanee kana caalaa uruurfamuu hin qabu. OPDO kana caalaa uruursuu hin qabuu. Wayyaanee OPDO tti amantee waan barbaaddee hojjattii. Kanaaf Ummati Oromoo OPDO irratti tarkaanfii barbaachisuu fudhachuu qaba. Dubbiin haalaan gabaabaan kana. Isa booda wayyaaneen addaa fi addatti walitti baanaa.

HORAA BULAA !!!

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

w

Connecting to %s