Duulawwan miidiyaalee hawaasaa maaliif?

Duulawwan miidiyaalee hawaasaa maaliif?

Mallattoowwan midiyaale hawaasaa keessaa muraasaDhimmooti adda addaa yadachitoota barbaadu. Kanaafiidha rogeeyyiin midiyaalee hawaasaa waa’ee dhimmota adda addaa kaasuun xiyyeeffannaa akka argatan yaalii kan taasisan.

Kanaafis ka’umsa kan nuuf ta’ee ammo duula midiyaa hawaasaa tibbana ‘hidhamtoota sammuu fi siyaasaa yaa yaadannu’ jedhuun gaggeefameedha.

Bifawwan leeliftoota garaa garaa

Namoota sochii ‘Yeloo muvimanti’ bara 2011’tti barsiiftootaafi barattoota Yunivarsitii Finfineetiin hundeessan keessaa tokko Hiliinaa Biraanuu tokko. Hiliinaan barsiiftuu koornaayaa fi Seeraa yoo taatuu, jalqabbii sochiichaa akkasiin yaadatti.

”Miidhaa keessummeessituu ilama daandii qilleensaa Itoophiyaa kan turte Abaraash irratti raawwatamee fi isaan booda mariiwwan midiyaalee adda addaatiin taasifaman, hundeefama sochiichaatiif sababa ta’aniiru.”

Miidhaan saal bu’ureeffatan akkasii wayita raawwatamaniitti hundumtu ‘leenca tibba tokkoo’ ta’u kan jettu Hiliinaan, isaan booda garuu hondu yoo gara jiruu mataa isaatti deebii’uu miidhaan dubartootaa no dagatama. Kanaafuu nutis maree walitti fufiinsa qabu fi hubannoo uumuuf yaaduun hojachuu eegallee jetti.

Qindeessituu komunikeeshinii ‘seetaawiiti’ kan taate Firaa’ool Balaayi sochiin isaanii dhimmoota hawaasa keessatti hinxuqmne ta’an irratti marii uumuun hojachaa jira jetti.

Mariiwwan walitti fufiinsa akka qabaataniifis tibba ayyaana waggaa qofa osoo hintaane, karoorfachuun dulawwan midiyaalee hawaasaa gaggeessinas jettee jirti.

Leelftoonni walqixxummaa saalaa kunneenis hawaasichi dhimmi kanarratti waa gochuu qabaataa jedhu. Furmaanni rakkinichaa inni duraa dhimmicha irratti ilaalcha walfakkaataa qabaachudha jechuun waan yaadaniif mariiwwan gaggeessu.

Bafiqaadu Haayilu, barreessaa ‘Zoon Zaxeenyii’ dulawwan walitti fufiinsaa midiyaalee hawaasaa irratti taasisee yaadata.

”Akka mummeetti dhimmiita afur irratti waliitti aansuun duula taasifnee jirra. Isaanis, ‘heerri motummaa haa kabajamu, bilisummaan yaada ibsachu hundaaf amma, mirgi walitti qabamuu fi ijaaramuu yaa kabajamu fi waliin abjuu Itoophiyummaa haa abjoonnu,’ kan jedhan turn.”

Dulawwan Feesbuukii hundaa yoo gaggeessinu garee ijaaruudhaan, filannoo guyyaatii kaasee hanga qophii suuraa danaa akkasumas barrefammoota duliicha gargaaran sirriitti itti yaaduun turee kan eegaluu jedha.

Kanaan addattis sochiileen jijirama hawaasummaa, siyaasaa fi naannoo fiduuf ykn kaka’umsa uumuuf hojatamanis jiru. Dulawwan akkasii keessaa kan haalaan beekamu isaa, ‘sagaleen keenya haa dhagahamuu fi kan amma hidhamtoota sammuu haa yaadannu,’ jedhuun gaggeefameedha.

Duula dhaadannoo hidhamtoota sammuu haa yaadannu jedhuun torban kana karaa fesbukiitiin eegalamees kanaaf yaada kan maddisiisan oBBo Getachoo Shifaraawu. Kaayyoon isaas Hidhamtoota siyaafaa fi sammuu dagataman guyyaa tokkoof yaadachuufi akka haqa argataniif gaafachuudha,” jedha.

Dhimmoota xiyyeeffannoo dhaban

Biyya keenya keessatti dhimmoonni baayyee barbaachisoo ta’an garuummoo kan dagataman hedduun akka jiran ni dubbatama. Fakkeenyaaf dhimmoota akka farra malaammaltummaa, qulqullina barnootaa, daldala haqa qabeessa ta’ee fi kanneen biroo irratti namoonni hojjechuu malu.

Akka Obbo Geetaachoottimmoo dhimmi hacuuccaa xiinsammuu fi hidhamtoota siyaasaa kan dagatameedha. “Hidhamtoonni sababa gaaffii eenyummaa fi mirga amantaasaanii ilaallatu kaasaniif qofa kutaa dhiphoo tokko keessatti dararaan irra ga’a,” jedhan Obbo Geetaachoon.

“Kunimmoo mormii ummataa waggoota lamaan darbanii fi naannolee Oromiyaa fi amaaraa keessa ture daranuu hammeesseera. Hidhamtoota kanneen irra dararaan adda addaa irra ga’us, hamma mana murtiitti dhiyaatanii rakkoosaanii hin himaneetti kan isaan dhagawu hin jiru,” jedhu Obbo Geetaachoon itti dabaluun.

Kunimmoo, ummanni rakkoosaanirra ga’e dhagayee, ormi isaan miidhaa jirummoo har’as yoo ta’uu baate bor seeratti akka dhiyaataniif, odeeffannoon akkanaa akka hin tatamsaane taasisas jedhaniiru Obbo Geetaachoon.

Kanaafuu duulli torbee kana keessa taasifame, hunduu odeeffannoo waa’ee hidhamtootaa waan qabu akka waliif qoodu, waa’ee warra miidhaa geessisanii fi miidhamanii odeeffannoo wal jijjiiruun kan miidhe akka gaafatamu, miidhamaaf ammoo waanti danda’amu hundi akka godhamuuf kan kaayyeeffateedha jedhan.

Miidiyaa Hawaasummaa jijjiiramaaf

Miidiyaan hawaasummaa dhimmoota koorniyaa fi hidhamtoota siyaasaa dararamaa jiraniif namoonni dubbatan irratti walgahuun yaada isaanii qaaccessani hawaasa biraan ga’uuf akka riqichaatti kan gargaaruudha.

Yaadonni nuti miidiyaa hawaasummaarratti kaasnu qabxii marii akka ta’anii fi hubannoon akka uumamuuf cimsinee hojjenna kan jettu Hilliinaan,yaadonni barreeffaman dhiibbaa sirrii akka argamsiisaniif duula qorannoon deggerame gaggeessuun ni barbaachisa jetti.

Firaa’ool gamasheetiin kaayyoo gooroon keenya hawaasa Feesbuukii gidduutti waltajjii uumuudha jetti.Yoo carroomnemmoo miidiyaa gurguddoon fudhatanii dhimmicha bal’inaan hojjechuun hawaasa biraan ga’uu danda’us jetteetti.

Miidiyaa hawaasummaarratti namoonni dhuunfaa yaadota ka’an garasaaniitti fudhachuun ni tumsu, seenaasaaniis ni qooda, keessummaammoo yeroo baayyee feesbuukii, tuwiitarii fi inistaagiraamii irratti qabxii marii bakka danaasaaniitti fayyadamuun waltajjiin marii akka uumamu haala mijeessu jetteetti.

Egaan miidiyaa hawaasummaarratti kan deggeru qofa osoo hin taane kan yaadaan wal mormus waan jiruuf lamaanirraayyuu waa barachuu qabna jedhu Hilliinaa fi Firaa’ool.

Befiqaaduun gamasaatiin duulli gaggeessine hundinuu bu’a qabeessa turan jechuu nan danda’a jedhe. Duula geggeessineen baayyonni dammaqaniiru, yaadota nuti qoodneefis hedduusaanii fudhataniiru jedha Befiqaaduun..

Keessumaammoo heera mootummaarratti hubannoon akka cimee fi hundaa ol ergaansaanii aanga’oota mootummaa bira akka ga’e amanu rogeeyyiin kunneen.

Obbo Geetaachoonis duula miidiyaa hawaasummaarrati geggeeffamaa jiru kanarraa hirmaannaa namoota hedduu ni eegna jedhan.

Hudhaawwan maal turan

Haala interneetiin rakkisa jiru kana keessatti hirmaattota deebii gaarii argachaa jiraachuu kan dubbatan obbo Geetaachoon duulli miidiyaa hawaasummaa qabbanaa’uu garuu akka hudhaatti kaasu.

Obbo Bafiqaaduun gamasaaniitiin qophaa’ummaa dhabuu, dhaadannoowwan nama hin howwanne dhiyeessuu fi yeroo mariin miidiyaa hawaasummaa gaggeeffamuuf qabame keessatti dhimma biraan qabamuu dhabuu adda baafachuu dhabuu akka hudhaalee ijootti kaasu.

Dhumarrattis duula booda yaadni milkaa’ee fi hin milkaa’in kami jedhanii adda baafachuu dhabuun rakkoo hamaa leellistootaati jedhaniiru. Namoonni yaada duula miidiyaa hawaasaaf dhiyaate akka gaariitti hin ilaalles akka hudhaa tokkootti kaa’amaniiru.

Ta’us garuu miidiyaan hawaasummaa yaadni kamiyyuu ka’ee irratti mari’atamee hubannoon akka uumamu, dhimmoonni dagatamanis xiyyeeffannoo akka argatan kan gargaare ta’uu ni amanu.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s