BBC Afaan Oromoo: Calanqootti raayyaan ittisa biyyaa namoota ajjeese

Calanqootti raayyaan ittisa biyyaa namoota ajjeese

BBC Afaan Oromoo
Calanqootti raayyaan ittisa biyyaa namoota ajjeese
Image copyright Google Maps
Goodayyaa suuraa Calanqootti raayyaan ittisa biyyaa namoota ajjeese

Godina Harargee Bahaa aanaa Mettaa magaalaa Calanqoo keessatti raayyaan ittisa biyyaa namoota ajjeese.

“Yoo xiqqaate namootni 15 ajjeefamaniiru,” jechuun jiraataa magaalaa calanqoo kan ta’an Obbo Sufiyaan Usmaan bilbilaan BBC’tti himanii jiru.

“Jalqaba Aanaa Meettaa araddaa Sarkamaatti liyyuu poolisiin Somaalee nama tokko ajjeefte, sana booda mormii uummataa ka’e irratti kan raayyaan ittisa biyyaa nama ajjeese,” jedhu jiraataan kun.

“Raayyaan ittisa biyyaa gariin magaaluma Calanqoo turan, gariin ammoo Harar irraa dhufan,” kan jedhan Obbo Suufiyaan, “bakka Qumbii jedhamtu dabarraan namumaa karaa irratti argan, kana sana osoo hin jedhiin dhawaa seenan,” jechuun dubbatu.

Dubbi himaan mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaa lakkoofsi namoota du’anii 6 darbee jira, namootni madaahan ammoo 14 akka ta’an himaniiru.

Namni aanaa Meettaa araddaa Sarkamaatti liyyuu poolisii Somaaleetiin rasaasaan dhahamee ajjeefame, Ahimaddiin Ahimad Asaasaa akka jedhamuu fi mormiin uummatni sababa kanaan kaase gara hokkaraatti jijjiiramee, walitti bu’iinsa raayyaa ittisa biyyaa waliin uumameen ajjechaan kun raawwate jechuun Obbo Addisuun fuula feesbuukii isaaniirratti ibsaniiru.

Namoota ajjeechaa kana raawwatan seera duratti dhiyeessuufis ni hojjenna jedhan.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s