BBC Afaan Oromoo: Baqattummaa irraa gara hojii umuutti: Seenaa milkaawinaa lammii Itoophiyaa Awustraaliyaarraa

Baqattummaa irraa gara hojii umuutti: Seenaa milkaawinaa lammii Itoophiyaa Awustraaliyaarraa

BBC Afaan Oromoo
Abaaboo daraaree gahee jiru
Image copyright DAWIT ETEFFA
Goodayyaa suuraa Qonnaan abaaboo haala qilleensa walqixaataa fi kunuunssa guddaa barbaada

Obbo Daawiit Ittafaa jedhamu. Nama kennaa ogummaa fakkii kaasuu qabanii fi Itoophiyaatti kutaalee addaa addaa deemudhaan hojjetaa turaniidha.

Bara 1992 keessa baqattummaadhaan Awustraaliyaa galan. Achittis, hojii argamee hunda hojjechaa turan.

Hojiiwwan isaa jiruu oggannachuuf hojjataa turan keessaa fakkii kaasuu, beeksiisa barreessu, dizaayiin hojjachuufi mana bitanii haaromsuun gurguruu ni argama. Akkasumas suuqii abaaboon itti gurguramu saaqatan.

Wayita ammaatti ammoo lafa bituudhaan seenaa Oromoota Austraaliyaa jiran keessatti yeroo jalqabaatiif qonnaa omisha abaaboo gaggeessaa jiru.

Maaliif biyyaa baqatanii?

Biyyaa bara 1992tti yaa baqadhu malee isaan dura, sababii garaa garaatiin kan ka’ee dararriifi dorsiisi narra gahaa ture. Haalli sunis akkan baqadhu na taasisan jechuun nutti himeera.

Sababii inni duraa: ”Kutaa biyya Ilubaabooritti, fakkii ‘Imimmaan’ jedhamu kaasee hoteela Baaroo jedhamutti fannisuu kootti.

”Haatii hoteela sanaas dubartii baay’ee na gargaaraa turan tokko waan ta’eef osoon heeyyama isaanii illeen hingaafatne ture akka kennaatti kanan fannise.”

Isaan boodas, hojii siyaasaa mootummaa qanessuu fi salphisu hojjete jedhamuun angaawoota naannichaa duraatti akka dhiyaatu taasifame. Gidiraa guddaan mana hidhaa ji’a tokkoon booda, wabii nama ajajaa dhibbaa isaan beeku tokkootiin hidhaa akka baafaman dubbatu.

Isa booda osoo hin jaalatiin biyya sanaa bahan.

Fakkii mucaa gadadoon boo'uuImage copyright DAWIT ETEFFA
Goodayyaa suuraa Fakkii mucaa gadadoon boo’uu

Sababii lammataa: Fakkii ‘Haadha Hambisaa fi jireenya ishee’ jedhamu kaasee magaalaa Biilaatti fannise.

Hiikaan fakkiichaas, gidiraa haati Oromoo tokko keessa dabartu agarsiisuuf ture.

Isheenis haadha hiyyeessaati. Hambisaan kun har’a illee jira. Ilmi Hambisaa waggaa darbe irreecha irratti du’e jechuu dhagahee baay’een gadde.

Haa ta’u malee hojichi farra warraaqsaatii jedhamuun gara kutaa biyyaatti ergamte. Istudiyoon keessatti hojjedhus cufuun anas na qabuuf yoo na barbaadanan jalaa miliqee gara Dirree Dawaatti baduun waggaa torba achi taa’uuf dirqame.

Fakki dubartii qoraan baatee fi kadhatee ijoolee guddiftuImage copyright DAWIT ETEFFA
Goodayyaa suuraa Yoom darbaa laata kuun?

Sababii saddaffaa: ”Waggaa torba booda ALA 1991 keessa jijjiramni mootummaa waan dhufeef, gara magaalaa Naqamteetti deebii’uun fakkii guddaa ‘Oromiyaan kan Oromootii’ jedhu hojjedhee fannise.

Achiinis ari’atamni narra gahe. Fakkicha erga gubanii booda kan kaasees ni gubna jechuun na sakkatta’uu jalqaban. Anis dhokadhee achii baqachuun gara Finfinnee dhaqe.

Achitti dorsiisi narra gahu natti hammaanan gara Nageelle Booranaatti achiinis gara biyyattii ollaa Keenyaatti ce’e.

‘Rakkoon Keeniyaatti narra gahan kan biyyaa wajjin yoon wal bira qabee madaalu, biyya keenyaa caalchisee akkan galateeffadhu na godha.’

Garuu biyya Keeniyaa guyyaan galee jalqabe boqonnaa samuun argadhe. Kun jechuun Keeniyaa keessatti rakkinni narra hingeenyee jechuu miti. Poolisiin bakka bakkatti dhaabuun na rakkisu ture. Keeniyaarraa oggasuma gara biyya Awustrraliyaa cehe.

Awustiraaliyaan biyya nagaa fi hojiiti. Biyyattiin biyya bilisaa fi walqixummaan itti mirkanaa’e ta’usheetiin jireenya koof boqonnaa guddaa argachuun gara fuula duraa saganteeffachuun jalqabe.

Obbo Daawiit Itefaa abaaboo muran kaasuutti baataniiImage copyright DAWIT ETEFFA
Goodayyaa suuraa Ani yeroo baay’ee qonnaa abaaboo keessa yeroon hojjedhu haati manaan koo ammoo suuqii keessatti nagaddi

Anis turtii keessa hojii boru ittiin jiraadhu irrattan xiyyeeffadhe. Hojiin ani duraan beeku fakkii kaasuu, baanarii fi beeksiisa adda addaa barreessun jalqabe. Kunis ogummaan jaaladhutti akkan deebi’uu fi miila lamaan akkan dhaabadhu na godhe.

Itti aansees mana bituun haaromsee gurguruun galii argachuun eegale. Ittiinis milkaa’eera.

Booda ammoo hojii abaaboo sirreessuufi gurguruu haadha manaakoo wajjin jalqabne. Haati manaakoo Kumeenis abaaboo sirreessuu waan jaalattuuf isaanis baay’ee milkoofne.

Abaaboon gabaarratti kan barbaadamu ta’uusaa hubachuun keenya ammoo gara qonnaatti akka gallu nu kakaase.

Achinis lafa hektaara 10 ta’u bitachuun waggaa torbaan dura hojii qonna abaaboo jalqabne. Wayita ammaa kanattis lafa qonnaa hektaara 9 irratti misooma abaaboo geggeessaan jira. Namoota muraasaafis carraa hojii waqtii irratti hundaa’e banameera. Kunis biyya kanatti xiqqaadha. Akka guddatus abdiin qaba.

Obbo Daawiti konkoolaataa ittiin abaaboo bakka qonnaatii dedeebisan waliinImage copyright DAWIT ETEFFA
Goodayyaa suuraa Waanan hojjadhutti nan gammada garaan koos na boqota

Akkan amanutti hojii kanatti milkoofneerra. ‘Anaaf milkaa’uu jechuun safarri isaa waan hojjataniitti gammaduu dha. Hojii hojjannu hundaan gammadoodha. Abjuun keenyas dhugoomeera. Anaaf kanatu milkaa’iina.

Fiixaan bahiinsa jireenya koo keessattis gaheen abbaa fi haatii koo qaban olaanaadha.

Haala mijataa hinta’in keessatti tattaaffi ciccimoo karaa qonnaa fi hanga Kumruuk Sudaanitti godhaa turan sana qalbeeffachaa guddachuu caalaa, kaka’umsa kan namaa ta’u hin jiru.

Anis karaakoo namootaaf kaka’umsa ta’eera jedhee yoon of himuun natti ulfaateyyuu, namoota keenya biyyuma kanatti waliin gurmaa’uun lafa hektaara 100-150 ta’u bituun hojii mataa isaanii jalqabanii jiraniif hanga tokko fakkeenya ta’eera jedheen amana. Isaan kana=a waliin wal arguunis yaadaa fi hamilee walii kennaa jirachusaanii Obbo Daawit ni dubbata.

Haalli osoo tolee gara biyyaa galee misooma irratti hirmaadhe natti tole ture. Garuu kun ammaatti waan ta’u hinfakkaatu. Haa ta’u malee, turus guyyaan akka dhufu nan abdadha. Achiinis bekumsaafi muxxannoo kootiin uummata koo tajaajiluun fedhii koo olaanaadha.

Kana malees, suuraalee dudhaafi aadaa uummatichaa agarsiisan kaasuun godambaa biyyattii keessa naquunis hawwiikoo fi karoora koo guddaadha. Waaqa wajjin kun ammoo yeroo gabaaba keessatti ni ta’a jedheen amana.

Gorsa dargaggoo guddina haawwaniifis ”Wanti gaariin fi milkaa’inni akka waan hamaatti halkan tokkootti hindhufu. Carraaqqii fi dadhabbii waggoota hedduu fudhachuu danda’a.

Walumaagalatti hojii hojjannutti gammaduun, jaallachuun fi itti cichuun hanga dhumaatti yaalii taasisuun ammoo milkaawina fida. Garuu yeroo tokkoo tokkoos kufaatiin milkaa’iina nu barsiisee darba. Kanallee beekuu qabna.

Jabeessannii hojjetan malee dafqi hincobu akkuma jedhamu sana, yoo nuti jabaannee tattaafanne Rabbi illeen nu gargaara, jedhaniiru.

Fakki dubartii gindii waanjoo baatee bakka qonnaa dhaqaa jirtuImage copyright DAWIT ETEFFA
Goodayyaa suuraa Aadaa hojii cimanii hojjechuu sabakoo irraan bare

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s