Haroo Haramaayaa: hara bishaan osoo hintaane dhukkeetu irra ciisu // BBC Afaan Oromoo

Haroo Haramaayaa: hara bishaan osoo hintaane dhukkeetu irra ciisu

BBC Afaan Oromoo irraa
Haramaayaa

Haramaayaan erga gogee as jireenyi qonnaan bultoota naannoo harichaa hadhooftuu taatee jirti, jedhu jiraattoonni.

Waggootaaf naannoo harichaa kan jiraataniifi yeroo gaarii Haramaayaa irra bidiruun deemanii qurxummii kiyyeessaa fi kuduraa omishaa jiraachuu isaanii kan yaadatan Obbo Badrii Yuusuf, “amma jiruun rakkistuu taate” jechuun dubbatu.

Kuduraawwan gosa garaagaraa fi jimaan baay’inaan omishamee mana Obbo Badrii seenuu erga dhiisees waggootni lakka’amaniiru.

Kana bira darbee gogiinsi Haramaayaa loon obbo Badrii dheebuu bishaaniin miidhamuu fi eela seenanii jalaa du’uu eegalan.

Amma hedduumminni lubbuu qabeeyyii Haramaayaan utubaa jireenyaa ta’eefii jiraachaa turan badaniiru, galiin daawwattoota Jabuutii irraallee dhufanii haricha daawwatan irraa argamus hin jiru.

Ijoollummaa hanga dargaggummaa naannoo Haramaayaatti kan jiraate dargaggoo Najaash Wardii magaalaa Haramaayaa Araddaa 01 keessatti itti aanaa bulchaa araddaa ta’uun hojjeta.

Dargaggoo Najaash “harri kun faaya magaalaa Haramaayaa ture. Jiraattota naannoo kanaafis qabeenya guddaa ture. Qonnaan bultootni omisha lubbuu isaanii bira darbu omishaa hin jiran. Kanaafuu haala yaaddessaa keessa jirra” jechuun hima.

Harka namaa fi Jijjiirama qilleensaa

Haramaayaa baroota 1980 hanga 2016ttiImage copyright HARAMAYA UNIVERSITY RESEARCH PAPER
Goodayyaa suuraa Haramaayaa baroota 1980 hanga 2016tti

Haroon Haramaayaa waggoota dheeraaf dadhabbii malee, eenyuyyuu osoo gargar hin basin wanta qabu mara kennaa ture.

Magaalli Harar uummatashee kuma dhibbaan lakka’amu bishaan sulula Haramaayaa obaasaa turte, bishaan dhugaatii magaalattii ammallee lafuma hara kana keessaa baha.

Magaalawwan Haramaayaa fi Awadaayis bishaan dhugaatii jiraatota isaaniif ta’u sulula Haramaayaa keessaa argatu.

Warshaan biiraa Harar bishaan Haramaayaan biiraa omishee gurgurata, yunivarsiitiin Haramaayaas bishaanuma kanatti fayyadama.

Paampiwwan bishaanii kuma kudhan ta’anis bishaan harichaa xuuxxuun oyruu qonnaan bultootaarra yaassaa turaniiru.

Amma garuu itti fayyadamni bishaanii daangaa hin qabne fi jijjiiramni qilleenssaa Haramaayaa dadhabsan, humnasaas laaffisan.

HaramaayaaYunivarsiitii Haramaayaatti qindeessaa teknika misooma qindaa’aa sulula hara Haramaayaa kan ta’an Obbo Tafarii Taaddasaa “seerri itti fayyadama bishaanii dhabamuunsaa bishaan hanga sululli sun kennuu danda’uu ol faayidaarra akka oolu tasasise. Haramaayaa irrattis badii guddaa geesise, bajatni bishaaniis negatiiva seene” jedhan.

Haa ta’u malee Haramaayaa akka durii bishaaniin osoo hin taanee dhukkeen irra ciisaa jiru deebisanii misoomsuuf qaamoleen akkaattaa itti fayyadamaa turaniifi jiraniin qoodasaanii hin bahanne heddu dha.

Haramaayaan akka deebi’uuf lafa hektaara 15,000 irratti hojiin misooma sululaa hojjetamuu qabus kan hojjetamaa jiru baay’ee xiqqaa dha.

Gaarreen sadi irratti hojjechaa kan jiru yunivarsiittin Haramaayaa “maallaqa dhabuun koo Haramaayaa deebisee misoomsuuf qormaata natti ta’e” jedha.

Gama biraatin boolawwan bishaanii heddu qotuun bishaan kan argatan magaalli Harar fi warshaan biiraa Harar akkasumas magaalli Awadaay bishaan qusannaa malee itti fayyadamaa jiraniif misooma harichaaf gumaachaa akka hin jirre bulchiinsa magaala Haramaayaa fi yunivarsiitti Harmaayaa irraa dhageenye.

Bishaan Haramaayaa baduu isaatiif eenyutu itti gaafatama?

Waggoota 13: Rakkoollee hedduu

Miidhaa gogiinsi Haramaayaa hawaasa naannoo irratti qaqqabsiiseef qorannoowwan yunivarsiitiin Haramaayaa taasiseen cinatti waggoota 28’f naannoo harichaatti kan jiraatan adde Faaxee Abdulaahii ragaa bahu.

“Waggoota 13 as rakkoo hedduutu nu daawwate, erga harichi gogee dinnichis ta’ee jimaan nu jalaa gubachuu eegalan. Kanaanis baay’ee miidhamne” jechuun dhiibbaa gogiinsi Haramaayaa jireenya isaanii fi maatii isaanii irratti qaqqabsiise adde Faaxeen dubbatu.

Bishaan Haramaayaa biqiloota irraa qabbana ittisaa akka ture qonnaan bultootni naannoo harichaa himu.

Amma garuu qabanni qonnaan bultoota naannoo sanaa irra deddeebin daawwatu biqilootasaanii gubaa osoo hin bilchaatin faayyidaan ala gochaa jira.

Maatiin kuduraaf jimaa baay’inaan omishee gurguruun galii argachaa ture amma of danda’uun itti ulfaachaa jira.

Kana malees qonnaan bultootni kun bishaan ollaa isaaniitii bahee kiloomeetiroota qaxaamuree magaaloota biroo qaqqabu osoo arganuu isaan hanqina bishaan dhugaatiin rakkachaa akka jiran himu.

Dhaabbileen daldalaa naannoo haroo kanaa bishaan xuuxxuun fayyadamaa jiranis rakkoo bishaan dhugaatii qonaan bultootaa kana furuuf waa in gumaachine.

Bulchaan aanaa Haramaayaa obbo Abdii Ahimad “rakkoon hanqina bishaan dhugaatii qonnaan bultootaa kun akka furamuuf warshaan biiraa Harar akkuma bishaan ofiif baasee fayyadamaa jiru qonnaan bultoota kanaafis bishaan jallisii fi dhugaatii akka baasuuf sadarkaa mariitti waliigalleera” jechuun BBC’ti himan.

Yunivarsiitii Haramaayaatti qindeessaa teknikaa misooma qindaa’aa sulula hara Haramaayaa kan ta’an Obbo Tafarii Taaddasaas “warshaan biiraa Harar haala amma jiruun bishaanicha itti fayyadamuu itti fufuu qaba jennee hin yaadnu kaffalttii tajaajila naannoos kaffaluu qaba” jedhan.

Kana malees haalli itti fayyadama bishaanii daangaa malee fi haricha misoomsuuf fuula dhorkachuun amma jiru yoo itti fufe rakkoon qonnaan bultoota naannoo Haramaayaa muddachaa jiru boru magaaloota fi dhaabbilee bishaan sulula harichaa fayyadaman akka muddatu obbo Tafarii Taaddasaan himan.

Hojiin deebisanii misoomsuu amma hojjetamaa jirus haricha deebbisuuf gahaa miti.

Haa ta’u malee qaamoleen federaalaa harka akka itti hin hiixanne kan himan bulchaan aanaa Haramaayaa Obbo Abdii Ahimad bishaan Haramaayaa guyyaa tokko akka deebi’u abdii qabu.

Qonnaan bultootni jireenyisaanii haricharatti hirkate ture immoo hirkoo biraa iyyaafachaa jiru.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s