‘‘Eenyutu Waddeessaa eenyutu Jaldeessaa?’’ Weellisaa Hacaaluu Hundeessaa

‘‘Eenyutu Waddeessaa eenyutu Jaldeessaa?’’ Weellisaa Hacaaluu Hundeessaa

BBC Afaan Oromoo
Weellisaa Hacaaluu HundeessaaGoodayyaa suuraa Sirbi qeenxee ‘Jirra’ jedhu Hacaaluun haaraa gadhiise jaalatamee jira

Sirbi qeenxee mata duree ‘Jirra’ jedhuun weellisaa Haacaaluu Hundeessaan tibbana gadi dhiise gamanumaan jaalatamumma guddaa horateera.

Haacaaluun walleewwan Afaan Oromoo ciigoon masakaman, qor-qalbii fi yaada ummataa calaqqisiisan aartiin miidhagsee gurra uummataan gahuun beekkamtii guddaa horate.

Weellisaa Daawitee Makonnin fakkeenya isaa kan godhate Hacaaluun muuziqaan hiree ganamaa isaa akka ta’e amana. ”Ijoollummaakooti kaase afaan gabii nan qabu, inuman sirba,” jedha.

Bakka dhaloota isaa magaalaa Ambootti jabbileefi loon tiksee guddachuun isaa kennaa isaa akka cimsatu isa gargaareera. Naannoo manneen barnootaafi gumiiwwan keessatti sirbuu itti fufe.

Abbaan isaa obbo Hundeessaa Boonsaa kana hin jaalanne. Addee Guddattuu Horaan garuu gammadoo turan. ”Abbaan koo doktarummaa fi pirofeesarummaa kana jaalata. Sirbituun mana hin godhattu alalee taati,” jechuu isaanii har’as yaadata.

Hidhaan Qoraasuma Dhiiraati

Weellisaa Hacaaluun barataa sadarkaa lammaffaa ta’e wanti isa mudate jireenya isaa jijjiireera. Umurii waggaa 17’n, A.L.I bara 1995 hanga 2000’tti karchallee Amboo keessa ture. Shakkame akka hidhame dubbata.

”Akka barataa Oromoo tokkotti waanuma barataa Oromoorra gahuutu narra dhaqqabe. Kan biraa wanti haaraa hin jiru” jedha.

Karchallee Amboon alatti Finfinnee dhufees torban tokko Ma’ikalaawwii ture. Yeroo kana mara garuu abbaan isaa gaafa dubbisuu dhufan, ”Jabaadhu gurbaa, hidhaan qoraasuma dhiiraati!” jedhuun ture.

Sirbuu isaa jibbanis ijoollummaan hidhaatti hamileen isaa caba jedhanii sodaatani.

Manni hidhaa garuu waan abbaan isaa isarratti jibban bakka guddifatu isa gargaare. Hacaaluun mana hidhaatti ogeessa muuziqaa ta’e.

”Isa dura ani sagaleedhaan weellisuu malee walaloo fi yeedaloo barreessu hin beeku ture. Kanan bare mana hidhaa sana keessatti.

Albama jalqabaa keessaa sirboota sagal achittin fixee bahe. Walaloos yeedaloos barreessee.” jedha.

Manni hidhaa Amboo Haacaaluuf mana barumsaa ture. Namoota gurguddaarraa akka galaa galaafate yaada qaba. Akka abbaan jedhanis qoraafameera.

”Hamma tokko bilchaadhe akkan bahu na godhe. Waan hunda of-eggannoodhaan akkan raawwadhu na taasise.”

Abbaan isaa har’as karaa ilma isaanii filateetti hin amanne. Daandiin isaa barumsa akka ta’u yaalaniis hin taane. Isaaniis innis yaada hin kaasne.

Gammachuu hin qabani jechuummoo miti. Sirba weellisaa hangafaa Wasanuu Diidoo, Jabbilootakoo, gaafa sirbe guddaa gammadani. Ilma abbaa caaletti fudhatani.

”Guddattuu, Ilmikee reefu sirbite!” jechuu isaanii harmee isaarraa dhagaheera. Amma garuu obboo Hundeessaan ilma dhalchan dhaalsisaniiru. Amma Hacaaluun kan ummata Oromooti.

Weellisaa Hacaaluu HundeessaaGoodayyaa suuraa Hacaaluun sirboota qalbii ummataa hawwatan weellisuun gurra horate

Wallee fi Siyaasa

Artistoota oromoo hedduuf walleen waan weellisani biraa galan miti, aarsaa qaba. Yeroo dheeraa eegalee kan ture. Egaa Hacaaluun kanatti dabalame.

Sagaleen isaa qarree keessa hin turre. Dafeeti gurra uummataa seene. Kanaafimmoo ergaa fi hiikni walleen dabarsu haa jaalatamuuf guddaa gumaatuu mala.

Maqaa isaatiin albamii lama qaba; Sanyii Mootii fi Waa’ee Keenyaa. Ergasii booda garuu sirba qeenxeerratti xiyyeeffate. Guddaas milkaa’eera.

Sirbi qeenxee isaa Maalan jiraa, waggaa lama ol dura gad-lakkifame har’as jaalatamaadha.

Sirbi qeenxee ‘Jirra’ jedhu haaraa gadi dhiifames gamanumaan jaalatamummaa argachaa jira.

Muuziqaan garuu isaaf maali? Hacaaluun yoona fuula guure.

”Muuziqaan anaaf jireenyakooti. Firan itti horadhes, diinan itti horadhes. Muuziqaan ana keessa kooti. Akkaataa jiruufi jireenya saba kiyyaa kanan itti ibsu, quuqama garaa kiyyaa kanan itti baasu. Muuziqaan waan hunduma kiyyaa anaaf.”

Aartiin daawwitii ummataati. Gaafa aartiin waan uummata quuqe as baase, ummannis hagasuma deebisa. Maalan Jiraa yeroo Hacaaluun gadhiisu hagana jaalatama jedhee hin tilmaamne ture.

”Maalan jiraa waanuma keessa kiyyaan barreesse. Ummanni battalatti galeeraaf. Kaanis gaafate galeeraaf. Kanammoo ummanni baruun anaaf gammachuudha.”

Namoonni hedduun kanneen Afaan Oromoo hin dhageenye dabalatee Hacaaluu weellisaa siyaasaatti fudhatu. Innis kana quba qaba. Ta’us, itti hin dhimmu.

”Ani nama siyaasaa miti. Artistii Oromooti. Jiruufi jireenya hawaasaa walleetiin xiinxaluun nama siyaasaa hin taasisu. Yoo jedhanis immoo hin jibbu. Ishoo jedheen jalaa qaba.”

Biyya Tokkoon qaba

Weellisaa Hacaaluuf fakkeenya ta’e dabalate weellistoonni Oromoo danuu biyya abbaa isaaniirraa fagaatani biyya ormaa jiraatu.

Hedduun isaanii yoo boqotan malee, jiraa biyyatti deebi’aa hin jiran. Kanaafi fakkaata hedduun namaa Hacaaluun biyya keessa jiraachuu isaatti kan raajeffaman. Isaaf garuu akkanatti yaadutu raajiidha.

Yeroo konsartiif Ameerikaa dhaqe achitti hafa jedhani kan eegan turan. Garuu hin taane.

”Ani biyya abbaakoottin deebi’e, ajjeesee biyyaa hin baane. Akka artistii tokkotti waan natti dhagahamen sirbe. Gara fuuladurattis nan sirba. Biyyaa baqachuun dhaloota kanarratti dhaabachuu qaba.”

”Kanarrammoo eenyutu Waddeessaa eenyutu Jaldeessaa? Eenyu waddeessa ta’e ari’a, eenyu Jaldeessa ta’e baqata jedhu ijoolleen Waddeessaa ennaa xiiqeeffatan,” jedha.

Wellisaa Hacaaluu Hundeessaa

Warri sirna darbeef dibbee dhahaniyyuu biyya keessa jiraatu keenya addatti maali? Kana ummanni keenya baruu qaba.”

Hacaaluun akka weellistoota durii wallee isaanii raadiyoorratti dhagahani gammadanii miti. Miidiyaaleen hedduun walleewwan isaa lagatu.

Hin taphachiisan. Uummata sirbuuf biraan hin gahan. Ta’us isaaf rakkoo miti.

Goodayyaa suuraa Walleewwan Hacaaluu miidiyaalee biyya keessa jiranin erga lagatame waggaa shan ta’uuf jedha

”Waggaa afur darbeera shanaffaaf deema. Maaliif akka hin taphachiisne isaantu beeka. An dhimmakoo miti. Na yaaddessees hin beeku nan yaaddessuus. Maaliif jennaan teeknoolojiidhaaf.”

Affeeruu dhabuu isaanitti isaantu miidhama jedha.

Sababa kanaaf miidiyaaleen hawaasaa kanneen akka weellisaa Hacaaluufi kaaniif kennaa guddaa dha. Walleewwan isaanii haala salphaadhaan akka ummanni dhagahu godhaniiru.

Weellisaa Hacaaluun sirba qofaa miti jaalalayyuu ijoollummaati eegale. Amma bultii horateera. Haati warraa isaa Faantuu Damissoo Diroo ogeettii fayyaati.

Intala tokko Wabii jedhamtu waggaa lama dura godhataniiru. Ammatti ishiin mucaa guddisuuf hojii dhaabde. Sirbi isaa ”Olmaan kee natti ulfaate” jedhuus jaalallee isaaf sirbame.

”Erga bultiin walitti dhufne waggaa torba. Erga jaalalaan walitti dhufne garuu waggaa 15 ol. Ayyaana isheetin naa milkaa’a. Baay’een ishii jaaladha,” jedha.

Hacaaluun yeroo dhihoo keessatti konsartii guddaa qopheessuuf yaada qaba.

One thought on “‘‘Eenyutu Waddeessaa eenyutu Jaldeessaa?’’ Weellisaa Hacaaluu Hundeessaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s