https://i.ytimg.com/vi/AVuVGK8djeQ/maxresdefault.jpg

(Hub: Xiinxala gabaabdu sirba Jaamboo Jotee haaraa bahe

(Raada Gaarree) irratti barreesse kana keessatti jecha Afaan Ingliizii “metaphor” jedhu hiikka ‘Oromo dictionaries’ irraa argadhe “Jechama” kan jedhu kanin fayyadame yoo ta’u, hiikkoon isaatis: “dubbii tokko waan biraa fakkeessanii dubbachuu” kan jedhu dha.)
Seensa
Muuziqaaf hogbarruu keessatti jechama (metaphor) fayyadamuun waan hedduu baratame dha. Warri artii keessa jiran jechama fayyadamanii dhaamsa isaanii dabarfachuuf sababa adda addaa qabu – bareedinaaf (beauty), abshaalummaaf? (sophistication), harka jalaan (hidden) dhaamsa dabarsuuf kkf eeruun ni danda’ama.
Muuziqaaleen faranjii jechamootaan guutaman hedduu dha. Keessattuu sirbootni gosa muuziqaa “pop music” jedhamu keessatti argaman jechamootaan kan qanani’an akka ta’an warri waan kanarratti qorannoo adeemsisan ni himu. Sirbootni faranjii akka “Hotel California” (The Eagles, 1976), “I am the Walrus” (The Beatles, 1967), “A Horse With No Name” (America, 1973) fii kanneen kana fakkaatan sirboota jechamootaan qanani’an ta’anii kanneen muummee Billboard irratti bahanii hedduu turuu danda’an akka ta’an galmeeleen seenaa ni ibsu.
Sirboonni Afaan Oromoo, kan qabsootis ta’anii kanneen biroo, jechamoota adda addaatiin kan badha’an ta’uu isaanii hubachuun ni danda’ama. Kanneen as dhihoo keessaa akka fakkeenyaatitti sirboota kanniin fudhachuu ni danda’ama: “Eshurrururu Ya Birtukanewo” (Ali Birra, 1969), “Askoottuu asin jiraa” (Abitttaw Kabbadaa, 1981?), Goobaa Kormaa (Jaamboo Jotee, 2009), “Sijajuun koo” (Hacaaluu Hudeessaa, 2013) akkasumas sirba haaraa Jaamboo Jotee amma ba’e kana (Raada Gaarree, 2017)… Dhaamsi isaanii adda addummaa fagoo qabu — ammoo jechama [metaphore] fayyadaman.
Dhamni (substance) Raada Gaarree maali?
Sirba kana keessatti artist Jaamboon waan hedduu dhaammata–dhamni dhamaa waan hedduu dha:
1) Mirga hordoftoota amantii Waaqeffannaa Oromootiif falma: Akkuma beekamu shira mootummaaleen Abyssinia darbaniis ta’ee kan amma jiru hordoftoota Waaqeffannaa balleessuuf waan ittiin fayyadaman keessa bakka awwaalchaa, bakka hordoftoonni Waaqeffannaa yoo du’an itti awaalaman, akka hin arganne gochuudhaani. Karaa kanaan manni amantaa ortodoksii mootummaalee kanniin waliin ta’uudhaan hordoftoonni Waaqeffannaa kunniin lafa awwaalchaa akka hin argannee shoora ol’aanaa taphachaa turte; ammas itti jirti. Jaamboo Jotee sirba kana keessatti haala kanaan daba (injustice) kana falma:
Biyyoo biyya abbaa ofii:
Yoo jiran qotu, Du’an uffatu
Uumaan bulta Waaqatti,
Maaf bakka awwaalaa dhabde ati?
****
2) Saamicha lafaaf (land grab) daba (injustice) Oromooirratti adeemaa jiru falmata artist Jaamboon: aariif xiiqiin (resentment) dubbata. Haalaaf yeroo (contemporary) keessa jirurratti hadheeffata. Callifnee taa’uu hin qabnu, taanaan baduuf deemna jedha:
Geggeeraruu laata, (2)
Jiruu deegaa tana, Jirtuu yaa jarana, (2)
Maal walii goonaree?
Kaan tumee kaan dabre Rabbi har’aan nu gaye,
Yaa korommiin Jiillee,
Akki garaa hin taane,
Akki baraa hin oolle.
Bulanii hin laalanii,
Rabbiin hin lolani.
Jetteeree yaa Taaboree,
Erga lafti abbaa ilmatti hindabarree,
Akkamittan callisa tee tun nu ga’uuf deemti egere.
***
3) Ammoo, akka waan abdii tokkotis ni horata deebi’a fakkaata – “Abuun” tun, kan abdi itti horatu tuni, kan walirratti du’uuf dhaadatuuf tuni eenyu garuu?
Maaloo yaa abuu koo (…Awwawwashi)
Beekta kan garaa koo Sitti abdachuu koo
Walirratti duuna
Gallis walumaani
Jaalalti qixxeedha
Maali adaraani?
Jaarsi loon hin eegu In mamarrachiisa
Ani barana mooji sitti na kakachiisa
*******
4) Jechama Jaamboo (Jambo metaphor): Raadaa Gaarree (OPDO)!
Raadni tun gaarree dha – gurraacha adii xiqqoo tokko qabdu dha. Artist Jaamboon bifa raada tanaatiin yoo waa dhaamuu barbaade ta’e ani hin beeku. Ammo natti hin fakkatu. Sun akkuma fedhe ta’ee, dhaamsi guddaan maseenummaa, badduuf faayidaa maleeyyummaa raada tanaa akka ta’e hubachuun nama hin dhibu. Jaamboo Joteen asumarratti raadni maseenni badduun sanyii hin fuune tun qalamuu, dhabamsiifamuu qabdi jedha (I can’t agree more ) .
Yaa Walalaa walaliituu
Tibban si yaade hin bariitu. (2)
Yaa RAADA GAARREE maseentuu,
Gaana hin dhabdu rimaa hin fuutu,
Yookaan dhaltee sanyii hin taatu,
Yookaan qottee gumbii hin guuttu.
Yaa raadatti RAADA GAARREE,
Yoo qallee foon nyaanne maarree?!
Raadni maseentuun barana hin baatu — ni qalamti:
Haadha Wasanee yaa Mulaatu,
Daassisi sanyii kiyya silaa barana hin baatu.
Eenyutu sanyii qallaba godhate?
Raaduma maseentu tana qofa moo kan dhibiitillee jirti yaakh? Suuteen tun hoo tami? Kamtu kamiin gala? Waaqayyootu beeka 🙂 .
Yaa Caalii yaa Caalii,
Dubbii tana itti ilaali.
Yaa suutee yaa suutee,
Sanyii qallaba goote.
Egaa beenu ingalla (3)
Naan hin galtu siinan gala.
Mucayyoo galmi shaggari,
Yaadii galmi shaggari! ***
5) Finfinnee/Oromiyaarratti haa falmannu jedha Jaamboon:
Yoon asumaa gadi ilaalu,
Gaangeen MADFII kumaan yaati.
Yoon sii jedhee du’e maali?
Bookeenillee nama ajjeefti.
Yoomuu silaa duuti hin oolu,
Seennee lolla diinni hin jiilu.
Dhumarratti artist Jaamboon balaa (crisis) sirni biyyattii bulchu ammaantana keessa jirus ifatti eeree jira. Namni artii ija risaa (eagle’s eye) qaba jedhu beektotni — kun dhugaa dha.
Yaa Baatee yaa Baatee,
Jarreen walitti kaate. (2)
Yaa Baatee yaa Baatee,
Dubbiiti itti jabaate.
Artist Jaamboo Jotee, umrii dheeradhu! Horii buli!