“Lubbuu Waaqnni Uume Isatu Eega” jecha Oromoon jedhu amanee fudheera

Tolchaa Wagii Saattoo irraa

___________________________________________________


Eebili (April) 14 Bara 1992 akkuma guyyaa kalleessaa kana, Jimaata irra oole. Ummani magalaa Jalduu Xoomii Faasikaaf jecha, kan ja’a lamaaf Foonii fii waan Horii irraa fagatee ture fii hin turiin hundi akkuma humiina isaatti Kan qabu Hoolaa,kan hin qabinne Indaaqqoo bitatee Faarsoo naqatee qophae’era.

Ummani magalaa Jalduu yeroo ayyaani kamuu dhufu,wal waamanii waliin nyachuu fii waliin bashananuu akka adaattii fudhataniiru. Anii fii Ijoolleen Waajiira ABO Jalduu keessa jirru,bakkoota hedduutti koottaa nuu nyaadhaa fii nu dhugaadhaaf 
affeeramineera.

Yeroo dheeraa irraa egalaani, gammachudhaan waliin dabarsuuf saganteeffatee kan ture ummani magalaa Jalduu gammachuun isaani dukkanawe. Innis warani wayyaane (Tigree) bakka dhufanii kan hin beekamine dhibboota hedduun kan lakkawaman magalaa Jalduu keessa akka Saree marattee faca’anii ummata Jeequu ,Dargaggoota magalaa keessatti argatan mara hiidhanii reebuu qaban.

Waajiira Keenya ammoo cufiinee akka keessaa baanu eergaan kara adda addatiin natti ergamaa tureera.

Irriyoota koo kan amma lubbudhan hin jirre Tammaanaa fii Jarmaan Gaddisaa warri isanii dhufanii fudhataniiru. Akkaan Waajiira Cufee ba’u firooni fi namooni adda addaa na kadhatanillee tole jedhee hin fudhanne. Firoota koo dhufanii naa kadhataniif, gaafan du’e reenfa koo fudhadhaa! deebiin koo.

Ummani magalaa Jalduu, Tumalleessa hoolaa Faaskaa dha bitatee qalachuuf qophaweera. Wayyaneen ammoo Tolcha Tumalleessa hoolaa godhattee, qalattee nyaachhuf qoophofteerti. Anis kana inuman beeka. “Garuu lubbuu waaqa uumeetu eega”kan jedhu yeroo hunda keessa kootti amaneera.

waan na barbaachiisu mara, Meeshaa fii rasaasa namni tokko hiidhatee deemuu danda’u mara qoopheefadheera.

Jimaata sa’aa lama irratti mana baruumsa “Saaritii” keessatti ganda 8 walga’ii waameen Jira. Kana irraa hafuu hin danda’amu.

Warrani wayyanee kara irratti akka na eeggattu keessi koo natti hima. Waaniti dhufe haa dhufu,jedhee akkuma isanii hiidhannoo kiyya, hiidhadhee gara Saaritti qajeele. Kophadhuma kiyya.

Mana barumsa Jalduu biraa ol darbee “Ciillanqoo”mana Kol.Alamuu Qiixxeessa bira yeroon ga’u, waanitiin yaade hin oolle , waraani wayyaanee fe’ee deemu ”IFA”n tokko guutuun dubaan natti dhufe.

Shaakkii fii bibirrachaa deemaa kanaan ture hundi na irraa badeerra. “Kilaashiin” baadhu, attataaman gateetti kiyya irraa gadi fudhadhee, atoomaatika irra ka’ee karaa irraa qarqaratti goree adeemsa kiyya itti fufe. Na bira darban,meetra 200 na irraa fagatan. Darbanii deemaan jedhen yaade. Akkuma meetra 400 na irraa fagataniin hundi isanii konkolata irraa harca’an.

Carraan jiru ajjeesanii du’uu qofa. Ani osoo meeshaan na harka jiruu akkan isaan harka hin seenne nan beeka. Isaan na qabanii gara bodaa na ajjeessuu malee battalumatti na ajjeessuu hin barbanne.

Akkuma walitti dhiyanneen itti gafatamaan isaanii “Qawwee maaltu badhu deemi siin jedhe? jecha jedhu, afaan Amaraa caccabadhan natti darbate. Yoon aaru waanitiin jedhu hundi na jalaa bada. “atuu agameen biyya sanaa irraa dhufiteeti battaa ani biyya kiyya irratti bachuu hin danda’uu ?” kan jedhu deebiseef.

Ajjeeeseen du’aaf malee kan hunda loleen keessaa ba’aaf hin turre. Garuu akkuma salphaatti qabanii of harka na galchuu akka hin dandeenye hubataniiru. Isaan keessaa OPDOn isaan waliin jiru namini maqaan isaa Abbaas jedhamu ” Tolcha Qawwee battee deemuun mirga keetii ” jedhee hunda isaanii akka qabaneessuu godhe. Kana itti milka’uu dadhabinaan sagantaa biraa  qopheeffatanii, kookolataa isanittin gubbatttti ya’anii qajeelan.

Ani Koonkolataa hin qabu ,miila kiyyaan qajeele.Walgaii mana Barumsaa Saaritti Waajjiri ABO Jalduu waame akka ofii wamanitti godhanii ummata Dallaa mana baruumsichatti na qanii akka eegalan, ani osoo achi hin ga’iin fardaan gulufanii natti himaan .Si ajjeesuus akka hin dhufine kan jedhu waliin.

Karra mana barumsaa seensiisu,irra yeroo ga’u balbala irra hedduminaan dhabbatu. Tooftaan isaanii balbaala mana barumsichaa yeroon seenu na qabuuf ture.

Meeshaan qabadhe waliin waaqa waliin of qopheessera.

warri karra irra jirtu meeshaa gateetti irraa gadi hin fuudhane. Akkumaan achi ga’een afaan isaan dhaga’aan kanneen bitaa fii mirga jiraniin ” Lakkisi gadi ” ! jedheen. Gadii naaf lakkisan. Waraani Tigree Dallaa marsee Jira. Tofitaan isaan na qabuuf godhan ta’uu fii diide. wal ga’ii Xumurre. Galgala keessaa sa’aa 6:00 pm dha. isaan gara Jalduutti koonkolata isanitiin gadi deeba’an. Ani akkuman bareen luka kiyyaan qajeele. Jarsooliin “maaloo ilma koo sii ajjeesuu hin deemin” osoo nan jedhaniin deeme.

Galgaala kana karaa irratti akka na’eeggatan 100/100 wanaan beekuf of eeggannoo ciimadhanaan tarkafadha.


Dhukaasin baname

Of eeggannoo cimadhaan osumaan bitaa fii mirga,dubaa fii funduura kiyaa to’achaa osoon deemuu,mana barumsaa Jalduu bira ga’eeera. 
Amma galgala keessaa 9:00 pm ta’eera. 
Waajiira keenya karaa funduraa seenuu irra,karaa duban seena jedhee,of eeggannodhan dubaan bargamoo keessa gadi qajeele. Duukkana waan ta’eef waan hunda arguun rakkisasdha.

Bitaa kiyya yeroon ilaalu uffata “Reenjeerii “kan uffatan hedduun meeshaa na irratti qabaniiru. Karaa mirga kiyyas yeroon ilaalu akkuma sana meeshaa na irratti dhabaniiru. Funduura kiyya Meetra 20 irratti wayyanooni hedduun meeshaa na irratti qabaniiru. Eessattuu ba’uu akkan hin dandeenye hubachudhan Rabbiin harrumaaf na umittee ? kan jedhu keessa kottii dubbachudhan ,qabamu osoo hin taane ajjeese du’u filmaata godhadhe.

Sagaleen afaan Amaraa Caccabadhaan “harka keenni” ? jedhu gurra na seene. Eeessa akka na dhufe hin beeku. ‘harka keennisisuu malee,harka keennee hin beeku” jechuun kilaash akka bookka gadi itti roobse.

Warreen na funduura jiraan of funduraa oofe.Dura na ajjeessuu hin barbaanne,harkaan na qabanii natti taphatanii booda na ajjeesuuf akka ta’e nan beeka. Bitaa fii mirgaan rasaasa akka bokkaa natti gadi roobsaan. Amman rukutamutti takka kufaa,takka ka’aa waanan gochuu danda’u mara godhe. Ibbidda (raasaasa Qawwee)booba’u malee, waanitiin argu hin jiru. ummnai magalaa Jalduu rasaasa akka bokkaa gadi roobu kana ni dhaga’a. Osumaan of irratti lolu Guumiccuu (Guttoo) Bargamoon irraa muramee googogee jiru irratti Ciinachaan kufe. Ofaan wallale.  Rasaasatu na rukuteen se’e.

Daqqiiqaa 30 ol waal warane jirra. Ummani bakkuma jiruu baadiyyaa keessaa dhukasaa Jira. Amman kufutti jedhee osomaan dhukasaa jiru isaan jidudha ba’ee godaa kessatti of arge. Akki isaan yadaan ta’uu diide har’as injiffannodhan isaan harkaa ba’e.

Funduuratti siiqee Bargamoo warra Soorii Guutaa jedhamu seene takka ta’e.

Jaarrii na biraa hafaniiru. Luukitti ,mataan Ciinachii kiyya hundi na madaee’ra. Uffatan uffadhee jiru “Fild Jacket” yoon ilaalu ibbidi na irratti qabate natti fakkaata. Jaakeeta kiyya kanaan uffadhee jiru rasaasin wayyanee karaa heddun na irratti uureera. Rasaasii uffata kiyyaa akkanatti uure kun qaama kiyya attamitti dhabe kan jedhu nattin dhufe “Lubbuu waaq uume Isatu eega”kan jedhu yeoo hunda na funduura dhufa. Heduu dadhabeera.Qaamini kiyya hundi na bullaweera.


Muritii Dogogoora fudhachuu

Murtii kana fudhachun koo dogogoora akka ta’e nan amana. kan muritii kana na fudhachiise of dadhabuu koo irraa kan ka’eeni. Gara badiyyaatti akkuma ta’e,ta’ee adeemu irra Wayyanee wallakatti gara magalaattii deebi’uu kooti. Karaa Jalaa nannawee yeroo ammaa nama lubbun hin jirre mana baruumsa Jalduu funduura Seene. Yeroon seenuu namooni olla jiran hedduun isaanii dallaa isanii keessa ta’anii na argaa turan.

Halkaan sana achuma bulee,dadhabbii irraa dandamadhe. Yaaddoo ciimaa keessan seene. Mana keessa ta’ee warani wayyanee karaa irra ya’aa akka jiran nan arga. Ijoollee fii namoota Miseensa warana dargii turan hunda ,isiintu nutti dhukasaa bule jedhanii hiidhatti guraniiru. Osoo mana kana jirachuu kiyya arganii warra mana kanaa ijoollee isanii waliin fiixu kan jedhu yaaddaoo keessa na seensiise.

Alatti ba’ee kophaa koo du’uu na irra jirata malee warra manaa waliin du’uu hin qabu jedhee murteesse Guyyan isaa sanbaata duraa guyyaa gabaati.Namni wal keessa ya’aa.waraani Wayyanees karaa irra gutaniiru. Kutaa Uffadhee nama gabaa dhaqu fakkadhee Meeshaa kiyya qabadhe gadi ba’e. Mani barumsaa Jalduu funduura kiyya Jira. Mana baruumsa Jalduu seene.

Barsisooni jiran ta’anii wa’ee lola achitti na waliin godhame odeessa jiru. Yeroo lubbun na argan dhugayyuu hin seene. Isaan keessaa nama tokko magalaatti erge akka konkolataa qabee dhufu godhe. Guddataan Koonkolataa naa fiide.

Guddataan yeroo ammaa kana,lubbudhan hin jiru darbeera. Akkuma itti himameen koonkolataa duwwaa ishii kan namni keessa hin jirree fiidee mana barumsaa Jalduu fundura naaf dhaabe. Kutaa kiyya Ufadhee hiidhannoo kiyya waliin gara Gincitti Guddataan wayyanee wallakadhaa na fudhee nan seekke.

Deemine Ciilliimoo waalakkaa yeroo geenyu,Konkolataan biraa Ginciidhaa gara Jalduutti kan adeemu Guddataan dhabisiis nagaa eerga wal gafatanii booda haala karaa yeroo gafatu “Konkolataan Jalduu dhuf,Gincii seenee yeroo ga’u akka warani wayyaanee sakkata’u itti hime. Rabbi kun harkumatti na bate akka deemutan fudhadhe.

Isa kana jalaas waaqii na baase jedhe. Guddatadhaan Boonyee Ciillimoo walakkatti addan baane Boosoona Cillimoo kutee “godaa gundoo” keessaa ba’ee magalaa Meexxii seese. Meeshaa kutaa koo jalatti badhetumaan deemaa Jira.

konkolataa “Loolichinaa” Finfinnedha dhufe. Gattiin Meexxiidha amma Ambooti Birri 1.25 ture. Ani hin qabu. Konkolataa sana keessatti naman beeku argadhe. Kaffaliin jedheen naa kaffalle. Ambo waajiira ABO funduratti irraa bu’e.ijoolleen Ambo jiran yeroo na argan dhugaa hin seene. Akkan ajjeefameetti beeku.

Isanii otuma reenfa kiyya hin argiin ajjeefine jedhaniiru. Guyyaa har’a bara 1992 waraana Wayyaneetiin ajjeechaa na irratti rawwatamee ilalichisee kanaan barreesse waan ta’eef Muuxxannoo kana qoddadhaa!! Galaani koo Guddaataa fii Ummataa Jalduuf haa ga’u. 

Tolchaa Wagii