One thought on “IRIN | Ethiopia extends emergency as old antagonisms fester

  1. OROMIYAA FI HAALA YEROO UUMMATICHAA Oromiyaa keessatti wantootni gaaffii gurguddaa namatti ta’an baraa gara baraatti dabalaa dhufuun isaa wal nu hin gaafachiisu. Barreeffama barruu kanaan hunda wal gorsuu yoo dadhabnes uummanni keenya magaalaa fi baadiyaa jiraatu AMMA MAAL HUBACHUU QABAA? ; GARA FULDURAATTIS MAAL CIMEE HOJJECHUU QABAA? gaaffilee jedhan ilaaluun dirqama taati. ✴ Xiinxaltoonni dhalootaan Oromoo ta’anii fi karaa adda addaa Oromiyaa keessa beekan dhiyeenya kana miidiyaalee adda addaa irratti ibsaa akka jiranitti, uummanni Oromoo qabxiilee armaan gadii HUBACHUU fi gara fulduraatti RAAWWACHUUN gaarii dha jedhu. ⭕✔ 1. DHIMMA BARNOOTAA Haalli baruu fi barsiisuu Oromiyaa keessa ture, baay’ee kan nama boonsu ta’ee argamee jira. Kun immoo waggaa 30 asitti Oromoon baratee beekumsa gonfateen biiroo gurguddaa seenee hojjechuun isaa, guddina Oromoo kan hin jaalanne Habashootatti qormaata ulfaataa ta’e. Akka uummanni Oromoo baratuuf ergaa ciccimaa fi imaanaa guddaa kan saba kanatti kennaa turan keessaa Jeneraal Taaddasaa Birruu, Jaal Baaroo Tumsaa, Jaal Alamuu Qixxeesaa, Jaal Elemoo Qilxuu, Jaal Hajii Adam Saaddoo, Gooticha Hagarii Tulluu fi fakkaattota isaanii turan. Akkuma Habashoonni sodaattetti dhaloonni qubee kaabaaf kibbaa baratee gaaffii mirga abbaa biyyummaa dhoose. Miidiyaarratti qubeedhaan tarreessee barreesse. Afaan oromoo Afaan hojii biyyittii ta’uu akka qabu ifatti gaafate. Gaaffiin kun garee fi dhuunfaadhaan itti fufe. Karaa namoota Oromoo biyya alaa jiraniis deeggaramee, addunyaatti ifa ta’e. Amma gara qabxiin barbaadeettan isin deebisa. Uummanni Oromoo haala barumsaa waliin wanti beekuu qabu, xiiqiin cimaa isa qabatee waan jiruuf kaabaa, kibbaa; bahaa fi lixaa ilmoo isaa barsiifachuu akka qabudha. Barsiisuu qofti gahaa miti. Dhalataa dorgomaa fi muca beekumsaan addunyaa kana raasu hamma inni ta’utti adabaa fi gorsa addaan hin citneen duukaa bu’uudha. Dhimmi kun salphaatti ilaalamuu hin qabu. Fakkenyaaf waggaa darbe barattoonni Oromoo odaa Geemshoo qabxii biyyittii ajaa’ibasise galmeessisanii turan. Dubbiin kun gurra ilmaan habashootaa seenee, mar’immaan ishee keessa gadi bahee akka saree maraatuu oliif gadi fiigsise. Maaliif akkas ta’u gaaffii jedhu deebisuun salphaadha. Innis “Egeree biyya kanaa Oromoon karaa beekumsaa dhuunfachuuf akka jiru waan baraniif. Erga dubbii kana hubattee as Habashoonni iddoo jirtuu wal tuttuqxee maallaqa guddaa dhangalaastee, mana barumsaa dhuunfaatti daa’ima ishee barsiiaaa jirti. Walumaa galatti uummanni Oromoo dammaqee dhalasaa barsiifachuu fi kan barsiifachaa jiru immoo CIMSACHUUN… dhimma gara dirqamaatti naannawaa dhuftedha.

    ⭕✔2. DHIMMA QABEENYAA Dhimmi kunis dhimma murteessaadha. Jecha Jawaar Mohaammad kaasuun gaariidha. “Oromoon qabeenya dhabe malee, Qawwee dhabe miti”. Hiikni dubbii kanaa akkasi. Qabeenyi jiraannaan har’uma qawwee bituun salohaadha, bilisummaanis dhiyoo jirti akka jechuuti. Kana kaasuunkoo qabeenyi hundee ittiin biyya lafaa irratti gubbaa fi goda jedhamanidha. Ameerikaan dureettiidha, keeniyaan hiyyeettiidha jechuuf qabeemnyi ilaalamteetu. Gara saba keenyaatti yoo dhufne qabeenya horachuuf kaka’umsi nuti qabnu gad aanaadha. Kun dhiibbaa mootummaa Gabroomfataa dabalateetu. Jarri kaabaa kaatee miillaan deemtee Finfinne dhuftee kophee qulqulleessitee maallaqa kuusti. Uummanni kibbaas akkasi. Nuun nu hafa. Ani hojjetaa baankii daldala toopiyaati. Haala qabeenya namaa hamma tokko tilmaamuun nama hin dhibu. Namni keenya yoo baankii keessaa maallaqa baafachuu dhufe irri caalaan isaa qarshii 50 hanga 300 gidduu qofa baasu. Barruulee qusannaa isaanii irras qarshiin hin jiru. Ijoolleen warra kaabaa fi anga’oonni akkasuma daldaltoonni Tigiree Cheekii gurguddaa sochoosu. Qarshiin isaan baasanii fi galchan giddu galeessaan qarshii 10000 hamma qarshii 500000tti. Kun garaagarummaa guddaadha. Uummata keenyatu dhibaa’ee hojii hojjechuu dhiise osoo hin taane tarsiimoo wal xaxaa karaa mootummaa Gabroomfataa qindaa’ee hojiitti hiikameeni. Akkuma mata duree irratti eerre madaa halagaan uummata keenyatti feetee fi fe’aa jirtuun mormaa, gara kufnee kaanee iddoo jirru hundatti qabeenya horachuu qabnaan yaada Xiinxaltoonni lafa kaa’anidha. ⭕✔3. SAGANTAA KAROORA MAATII Dubbiin kun irri keessi isaa gaarii fakkaatus, keessi isaa icciitii mootummaa Gabroomfataan dhoksaatti karoorfame ta’uu namoonni qaruuxee ta’anii fi xiinxaltoonni ni ibsu. Minilik bineensichi waa’ee uummata keenyaa fi baay’ina saba keenyaa ilaalchisee jala buutota isaatti gaafa dhaamu akkas jedhee ture. “Harreen laga abbayyaa keessa dhaabattee fimcaan ishee fincoofte. Fincaan Harrittiis osoo bishaanicha keessaa hin mul’atiin bishaanichaan mo’ame. Akkasuma uummanni Oromoo kun nu liqimsuuf waan jedhuuf meeshaa arganneen lubbuu isaanii balleessuu qabna; akkasumas akka isaan sadarkaa barnoota isaanii ol hin butannetti kiyyoo nuuf danda’ame hidhuu qabna” kan jedhu ture. Akkuma jedhe uummata keenya lakkoofsi isaanii hin beekamne fixaa, kaanis ukkaamse. Waaqayyo garuu qarriffaa isaa jalaa nu hanbisee akkuma isaan sodaatanitti Galaana nu godhe. Kaayyoon Minilik Oromoo irratti qabate ammas mootummaa sirna nama nyaataa kanaanis itti fufee garee fi dhuunfaadhaan iddoo uummanni nagaadhaan jiraatutti fixaa jira. Akka dhalataan Oromoo. Heddumminaan wal hin horrettis karoora dhoksaa armaan olii kanaan uummata keenyatti Afaan banaa jirti. Asirratti wanti hubatamuu qabu ni jira Innis sagantaa kana guutummaa guutuutti balleessuu fi guutummaa guutuutti hojiirra oolchuun mirga uummata bal’aati. Icciitii sagantivha keessa jiru garuu uummanni keenya sirriitti HUBACHUU qaba. XUMUREERA TORBEE MATA DUREE BIRAAN WALITTI DEEBINA. BILISUMMAAN KAN UUMMATA BAL’AATI.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

w

Connecting to %s