SEENAA Y.G  (2005)

Seenaa qabsoo Oromoo keessatti yakki inni guddaan, diina bira goranii lammii ofii miidhuudha. Salphinni hunda caaluus kanuma jechaa jiraanne. Har’arra dhaabbannee salphina lammaffaa galmaa’aa jiru argaa fi dhaga’aa jirra. Warra beekumsi hammayyaa isaan maraachaa jiruun seenaa xuraa’aa argaa fi dhaga’aa jirruudha. Beekumsi hammayyaa barcuma ho’iitu irra taa’anii baratan yoo baayyatee, arraba qofaa jabeessiti. Onnee kan jabeessitu muraasa. Warri seenaa Ummata isaanii fi dhugaa ummata isaanii keessa jiru dubbisuu fi dhugeeffachuu hin barbaannee, seenaa warra adii fi dimokiraatoota warra summiin machaa’anii waan isaan dubbatanii fi dalagaa jiran hedduu nama qaaneessa. Kana irratti barruu kiyya kutaa lammaffaa keessatti itti deebi’aa. Warra seenaa qeerroo hin beekneef ykn sochiin Elemoo faa’aa jalqabaa “sochii Qeerroo” jedhamaa akka ture warra hin beeknee, ykn warri sochii qeerroo jalqabaa dhalatanii har’aa umuriin ga’eessummaa irra jirtuu yoo waa’ee ka’umsa qeerroo wallaalnii Abbaa dhabsiisuuf yaalanii , obboleessummaallee itti of himuu sodaataniif ergaa waan qabduu kanan afeeraan. Dubbii biroof ammas, kutaa 2ffaatti itti deebina.dheeratus seenaadhaa obsumaan dubbisaa.

Ummanni Oromoo eega gabrummaa jalatti kufee, takkaa  gabarummaa fudhatee hin teenye. Karaa isaa dandahame hundaan kutaalee Oromiyaa hedduu keeysatti mootummaa gabroomfataa dura dhaabbachaa  turan. Fakkeenyaaf fincila ummanni Oromoo gaggeeysaa ture keeysaa garii yoo maqaa dhooyne sochiin fincila diddaa gabrummaa bara 1940-1942 keessa Oromoota Raayyaa fi Daawweetiin(walloo), bara 1960 keessa Oromoota Baaleetiin gaggeeffamaa turuu seenaan ni ibsa. Keessaahuu fincilli diddaa gabrummaa kan Oromoonni Baalee bara 1962 hamma bara 1968 keessa gaggeeysaa turan kan seenaan yoomuu  dagatuu miti. Wareegamni isaan baasaniis seenaan ni yaadata.

Karaa Bahaatiin sochiin Afran qalloo Afaanii fi Aadaa Oromoo guddisuuf hujiin isaan hojjatan seenaan galmeesseera. Sabboontoonni sochii Afran qalloo gaggeeysaa turan mootummaa Hayla sillaasee fi mootummaa Dargiitiin hidhamuu, Ajjeefamuu  fi biyya itti dhalatan tan akkaan jaalatan dhiisanii jireenya baqatummaa mudataniis danuudha. Karaa Oromiyaa jiddu galeeysaa fi dhihaatiin sochiin Waldayni wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa gaggeeysaa turees seenaa qabsoo Oromoo keeysatti bakka ol’aana qaba. Miseensoonni waldaya kanaa gariin mootummoota Haylasillaasee fi Dargitiin hidhamuu, ajjeeffamuu fi biyyarraa arihamuu mudateenii ture.

Ilmaan Oromoo bara sana Sochii karaa addaa addaatiin biyya keeysatti gaggeeysaa turan booda, ilmaan Oromoo  yeroo san,  sabboonummaan itti dhaga’amu, gara biyyoota ollaa akka Somaaliyaatti bahan. Biyya Somaaliyaa irraa gara biyyoota baha jiddu galeeysaa keeysatti wal-gurmeessuun sochiilee tokko tokko jalqabaniiti turan. Tattaaffiin isaan taasisaniis akkaataa itti ijaaramanii maqaa dhaaba siyaasaa tokko tolfatanii Adunyaaf labsan irratti marihataa turan. Dhaaba siyaasaa tokko maqaa isaa moggaasanii labsuurratti falmiitu isaan jidduu ture. Falmiin tuniis yeroo san keeysa mootummaan Somaalee lafa Oromoo qabatuuf jecha maqaa dhaaba siyaasaa WSLF (Adda bilisummaa Somaalee dhihaa) kan jedhamu isaaniif tolchitee turte. Akka kanaan maqaa dhaaba siyaasaa tokko tolfatanii ummatatti bahuurratti, dargaggoonni ykn Qeerroon Oromoo yeroo san waliif galuu hin dandeenye ture.rakkoon isaan gidduutti dhalattee maqaa maaliin akka socha’uu qaban irratti ture.

Yaadni isaanii bakka sadii ture. Maqaa Somlaaleetiin eegaluu.Maqaa Oromoo fi Oromiyaan socha’uu fi Maqaa Itoophiyaan socha’uu kan jedhu. Kaayyoon isaanii inni dhumaa garuu Bilisummaa Ummata Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa ture. Yeroo san mootummaan somaalee illee rakkoo Ulfaataa irraan ga’aa turte waan ta’eef. Dhumarratti wanni irratti waliif galan nuti keeysa keenyatti maquma Oromootiin biyya seenuutu nu baasaa irratti wal ta’an.

Ammoo akkuma biyya seenneen maqaa Oromootiin qabsoo jalqabuu keenya labsina jechuun xumuratan.Gorsi mootummaa tokkon kennameefis, ammatti maqaa Oromootiin qabsoo eegaluu keeysan hin labsina. Eeguma biyya teeysan waan hunda guuttattanii seentanii warra biyya keeysa jiruuniis walqunnamtanii booda yoo isiniif ta’e wayya jedhaniiti gorsan. Bakki wal-gehii kana itti gaggeeyffatanii marihataa turaniis biyyuma sana keessatti ture. Barri isaa dhuma 1960 kessa ture.

Maqaa Oromootiin ijaaramuurratti eega harki irra caalu walhubatee booda mootummoota adda addaa dubbisanii gargaarsa akka Dookmeentii ittiin sochoo’an arkachuu, wajjira banachuu, leenjii waraanaatii fi meeshaa lolaa argatuurratti saganteeffatanii hojjachaa turan. Sagantaan  hujii kan  duraa akkataa dargaggoota biyyouu gala bahaa geeysanii itti leenjifatanirratti hojjachuu. Dargagoota Somlaaiyaa naannoo Moqaadishoorraa magaalaa Hargeeysaa fidanii nama xiqqo xiqqoon gara Yemanitti dabarfachaa turan. Hujii dargaggoota yk Qeerroo Oromoo dafanii carraa argametti dhimma bahuuf biyya Somaaliyaarraa gara Adanitti dabarsuurratti hojjatame cimaa ture. Hujii tana  keessatti qoodni Obbo Elemoo Qilxuu, Obbo Huseen Suraa, Obbo Mahammad Umar, Injiinar Abdullaahii Luungoo fi  Obbo Mul’is Gadaa ( Aadam Tukkaalee) warri keeysa beeku akka himanitti guddaa ture jedhan.

Osoo dargagoonni leenjiirra jiranii  warri isaan hoogganu mootummoota gidduu gala bahaa adda addaa dubbisuun, Miha lolaa argamee ture Dooniidhaan Yeman buufata Adan fiduudhaan bakka tokkotti jabeeffatanii turan. Dargaggoonni ykn Qeerroon leenjirra turaniis toora nama 40 kan gehan leenjii isaanii xumuratan. Osoo leenjii fudhachaa jirani namni 4 kan hiddi dhaloota isaanii Somaalee ta’e isaan biraa gananii turan. Jarri isaan keeysaa gane kun mootummaa Somaaleeetiif iccitii leenjiirra turu dubbatan. Tanuma keeysa warri Embaasii mootummaa Ethiophiyaatiis sochii kana dhagayanii turan. Sana booda sagantaan bobbaa biyya seenuurratti shaffisaan karoora lafa kaayyatan. Akkaataan bobbaa Dooniin daangaa Baharaa  kan biyya Jabuutii fi Somaaliyaa jidduu lafa banaa mootummoonni lamaan tooyachuu hin dandeenyeetti dhooysaan bu’anii, halkanuma hulluuqanii biyya seenuudha.

Humna dura leenjii fudhatee deemu kan hoogganu Obbo Jaarraa Abbaa Gadaa ( Abdukariim Ibraahim Haamid) ture. Gartuun dura leenjii fudhattee bobbaate yoo akka tasaa bobbaan isaanii duraa fashalte gartuun lammaffaa Obbo Elemoo Qilxuutiin akka biyya seenturratti baallammatanii turan. Akka kanaan  gartuun duraa Lakkoofsaan nama 36 kan gehan baatii sadaasaa ( November) 17,1970 keessa bobbaa isaanii Edanirraa sochii jalqaban. Miha/meeshaa Lolaa kan mootummaa alaarraa gargaarsa argatanirraa, hamma biyya seensisuu dandahan fudhataniiti amna isaanii jalqaban.

Leenjii booda Oromiyaatti deebi’uuf, Imala Murna 1ffaa:-

kkuma olitti ibsametti bakki isaan itti imaammatan daangaa Jabuutii fi Somaaliyaa jidduu qarqara baharaatti bu’uun, lafa banaa motummaaleen lachuu tooyachuu hin dandeenye keeysa halkanuma hulluuquun, daangaa dabranii biyya seenuudha. Haatahuu malee Dooniin deemaniin yk ittiin imalaa jiran, karaa irraa baddee baatii Sadaasa, (November) 19, 1970  halkan dogoggoraan bakka afaan baharaa ta Bul’haar jedhamtu tan Zeeylaa dur(Aftal) jedhamtu turte  fi Barbaraa jiddutti arkamtutti isaan buufte. Meeshaa deemmataniin fudhatanii isaanii qubsumarraa fagaachuun odoo imalaa jiranii, akka tasaa waraanni mootummaa Somaalee lafoofii qilleensarraan isaan marsee, dhukaasa itti banan. Bakka sanitti nama maqaan isaa Obbo Ramadaan Husseen Kaliil jedhamuutu rukutamee  achumatti lubbuun isaa dabarte. Dhukaasnis dhaabbate.

Kana booda , Hogganoota waraana Somaalee kanneen waraana san hooggananii fi Ajajoonni qabsaawoota bilisummaa Oromoo walitti dhihaatanii waliin haasawaniiti turan. Yeroo waliin haasawan waraanni Somaalee hayyama malee biyya teenya seentan jedhaniin. Isaaniis nuti lafa teeysanirratti dogoggoraan buune. Akeekni keenya biyya  teenya seennee mootummaa gabroomfataa Hayala sillaaseetiin loluufii malee dhimma biro tokkollee hin qabnu. Isin ammoo obboleeyyan keenya waan taataniif akkaataa biyya teenya nagayaan seennurratti nu gargaaraa jedhaniin. San booda nama  isaanirraa wareegame awwaallatan. kana booda hoogganoonni waraana somaalee qaama isaanii olii wajjiin Radiyoo telegramaan waliin dubbachaa turan. Dhumarratti biyya teenya hayyama malee waan seentaniif meesha qabdan lafa kaayaa jedhanii, ega harkaa fuudhan booda haala nama gaddisiisuun,Qabsaa’oota Oromoo  hunda mana hidhaa geeysan. Mana hidhaa isaanii guddaafii beekkamaa kan tahe Mandheeratti hidhan. Karoorri bobbaa biyya seenuu Qeerroo ykn Dargaggoo kan duraa haala kanaan osoo hin milkaawin fashale.

Imala murna 2ffoo:-

Bara 1973tti murni lammaffaa kan J/Elemoo Qilxuutiin hoogganamu Qawwee AK 47 magaalaa Adanirraa biyya  Eritrea naannoo Assab lafa qubsuma Affaar bakka Kiloomaa jedhamu geeyffatan. San booda, naannoo Kiloomaa tanarraa ka’uudhaan ummata Affaar keeysaan Harargee Baddaa Cacar nagayaan seenan. Humni Obbo Elemoo Qilxuutiin hoogganamtu baddaa Carcar keeysatti, ummata dammaqasuu fi bifa maadheetti ijaaruu jalqabaniiti turan. Abbootii lafaa kan ummata cunqurfamaa hiraarsaa turanirratti tarkaanfii fudhachuudhaan, midhaan isaan kuufataniI turan ummata beelaweef  raabsaa turan.Yeroo sanitti sirni Abbaa lafaa ummata hiraarsaa waan tureef, ummanni naannoo  sochii isaanitti hedduu gammadanii deeggarsa isaaniif qaban battalumatti itti agarsiisan.

Sochii isaan taasisan dhagayuun  mootummaan Haylasillaasee guddoo rifate. Naannoo isaan keeysa sochoo’an socha’anis  mootummaan Haylasillaasee qorachuu eegale. akkuma bakka isaan jiran odeeysa qabatamaa arkatteen booda, humna daddafee dhaqqabaa (Faxnoo daraash) jedhamu itti bobbaafte. Lola waraanaa mootummaa Hayle sillaasee waliin yeroo dheeraaf taasifamee irrattis, Ajajaan  humna sanii Obbo Elemoo Qilxuu wareegame. Isa waliin miseensoota keeysaa kanneen  akka Obbo Hundee Sheek Umar Aliyyee fi kanneen birootiis waliin wareegaman. Miseensoonni hafaniis miidhaa lolli kun irraan geheen ummata keeysa faffaca’an. Lola waraana mootummaa Haylasillaaseetii fi Waraana Bilisummaa Oromoo jiddutti ta’een, waraana mootummaa Haylasillaaseerraa namni hedduun ajjeeffamuu irraa , sirnichi humni lakkooysaan xiqqaa tahe kun akkamitti waraana keenyarra miidhaa guddaa kana geeysisa jechuun ajajoota isaa goolaa turuu seenaatu dubbata.

yeroo sanitti qawween Obbo Elemo faa’an hidhatanii lolaniin  qawwee Awtomatika AK47 waan ta’eef,  waraanni mootummaa Haylasillaasee qawwee akkasii ijaanuu arkanii hin beekan. Gartuun lammaffaa murannoo cimaan nagayaan eega biyya seenee booda  wareegama qaalii kafaleen qaanqee bilisummaa tan duraa qabsisuun seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keeysatti iddoo ol’aanaa qabate jira. Obbo Elemoo Qilxuu akka seenaan ibsutti baatii Hagayyaa bara 1974  Carcar bakka Xirroo jedhamutti wareegame. Bobbaan gartuu 2ffaa kuniis wareegamuu Obbo Qilxuutiin sochiin jalqabamee ture yeroofiis ta’u dhaabbate.Sochiin Dargaggootaa fi Qeerroo garuu hin dhaabbanne.

Oromoonni biyya keessaa fi biyyoota ollaa keessa jiran wareegama qaalii ilmaan Oromoo kafalanitti gaddi guddaan itti dhagayamullee qaanqee bilisummaa kan isaan qabsiisanitti gammachuu guddaatu itti dhaga’amee ture.Maqaan yeroof dhokifatanii Obbo Elemoo Qilxuu faa’an biyya seenanii lolaniiniis maquma Adda Bilisummaa Oromooti malee maqaa birootii miti. Ummata Oromoo kan eega biyya seenan dammaqsaa turaniis maquma Adda Bilisummaa Oromootiin ture. Akka hubatamuuf, yeroo Obbo Elemoo Qilxuu humna hamma tokko fudhatee Oromiyaa dirree bahaa seenu, Addi Bilisummaa Oromoo magaalaa Finfinnee keeysatti bara 1973 keeysa qaata lafa jala dhooksaan ykn icctiin  ijaaramee ture. Ijaaramuu ABO kana ilmaan Oromoo kanneen lakkooysaan xinnoo tahan biratti haa beekkamuu malee ifatti bahee hin beekkamne. Addi bilisummaa Oromoo beektoota siyaasaatii fi sabboontoota Oromoo biratti ifatti bahee beekkamuun isaa bara 1976 yeroo sagantaa siyaasaa isaa wayyeeyse ykn fooyyeeyse booda tahuu seenaan ni ibsa.

Marroo Lammaffaaf Dirree bahaa bifa haarayaan saaquu,

Dargaggoonni ykn humni Qeerroo dura biyya seenuuf osoo yaalanii qabaman, hidhaa waggaa 5 (1970-1975) booda, mana hidhaatii gadi lakkifaman. Waan nama Ajaa’iibuu fi Mana hidhaatii bahuu isaaniif sababaa KAN taheef, sochii Jaal Elemoo Qilxuu faa’an biyya keeysatti dhageeysisanii ta’uu isaati. Yeroo san, mootummaan Somlaaliyaa sochii biyya keeysaa dhageenyaan, maqaa Oromootiin eega sochiin eegalamte isaan kana mana hidhaa tursiisuurra, yoo nuuf hayyaman namoota kana hidhaa baafnee itti dhimma bahuu nuuf wayyina jechuun gadi dhiifte. Miseensoonni mana hidhaatii bahan irra caalaan isaanii, biyyuma Somaaliyaa keeysatti of dhooysanii jiraachaa turan. Murna waggaa shan mana hidhaa ture keeysaa Jaarraa Abbaa Gadaa magaalaa Maqdashootti Mul’is Gadaa waliin walarkanii waliin haasawaa turan. J/ Mul’is Gadaa yeroo Obbo Jaarraa Abbaa Gadaatiin walitti dhufan kana, J/ Mul’is bara 1974 yeroo Obbo Elemoo faa’an wareegaman biyya Eritiraa dhaqee, Dhaaba ELF biratti leenjii waraanummaa fudhateeti ture.

Obbo Jaarraa Abbaa Gadaa haala biyya keeysa turee fi jiru yeroo sanitti mana hidhaa turee waan baheef odeeysa guutuu hin qabu ture. Kan haala waliigalaa biyya keeysaa beeku Jaal Mul’is Gadaa waan tureef isa waliin  odeeysa bal’aa wal-jijjiirratanii turan. Eega odeeysa bal’aa waliif dabarfatan booda, murtiin irra gehan biyya seenanii qabsoo hidhannoo eegaluu dha. Karaa kamiin akka biyya seenan qorannoo barbaachisu eega xumuratanii booda Somaaliyaa karaa Hargeeysaatiin biyya seenuu murteeffatan. Akka kanaa Jaarraa fi Mul’is Maqdashoo ka’anii konkolaataan Hargeeysaa gahan. Hargeeysarraa ka’anii, magaalaa Booramaa keeysa bahanii daangaa cehan. Eega daangaa cehan booda  magaalaa xiqqoo Jaarraa jedhamtu keeysa bahanii Oromiyaa Karaa Bahaa naannoo Jaarsootiin biyya seenan.  Jaarraa Abbaa Gadaa fi Mul’is akkuma biyya seenaniin maadhee biyya keeysa jirtu qunnamanii turan. Maadhee biyya keeysa jirtu eega qunnaman booda, dhooysaan magaalaa Dirree Dhawaa seenan. Magaalaa Dirree Dhawaa keeysatti miseensoota maadhee qunnamuun hooganoota ABO Fifinnee jiran waliin  qunnamtii tolftan. Hoogganoota biyya keeysaa  magaalaa Finfinnee jiraniin ega walqunnaman booda, haala jiru irratti yaada waljijjirratanii turan. Dhumarratti wanni irra gehan dafanii dirree seenanii qabsoo hidhanoo eegaluu.

Dhawaataan waan irraa hir’atee guuttataa namaas ofitti dabalaa deemuu irratti waliigalan. Qabsaawaan ni kufa qabsoon itti fufa akkuma jedhamu waggaa 2 booda bara 1976tti dhaabichi qabsoo hidhannoo bifa haarayaan qindeeffatee  itti fufuuf jalqabee ture.Akka kanaan Jaarrra Abbaa Gadaa (Abdu Kariim Ibraahim Haamid) fi Mul’is Gadaa ( Aadam Tukkaalee) ta’anii sulula Goobeelle baatii July bara 1976 keessa seenanii nama xiqqoon qabsoo hidhnnoo eegalan. Bara 1984 kaasees Waraanni Bilisummaa Oromoo Dirree dhihaa, kibbaa fi gidduu galatti bakkoota gara garaatti mooraa isaa saaqqate. Qabsaawaan ni kufa qabsoon itti fufa jechuuniis kanuma. Qeerroon har’a diina akka ibidda saafaa guggubaa fi Ummata isaaf wabii ta’aa jiru, SEENAA ka’umsa akkasii qaba. Sochiin Dargaggootaa fi sabboontootaa bu’ura Waraana Bilisummaa Oromooti. Sochiin walii galaa Oromiyaa keessatti bifa adda addaan gaggeeffame, Dhaaba Gaachana Ummata Oromoo kan ta’ee ABOf hundeedha. Sochiin Barattootaa gama hundaa siyaasa Addunyaa kanaaf bu’ura. Keenyas akkasuma. Mirga saba tokko deebisuufis ta’ee kaasuuf hundeedha.

Dhalooti har’aas seenaa boonsaa kana itti fufsiisuuf falmaa hadhaawaa gaggeessaa jira. Sochiin Qeerroo Biyya keessaa fi addunyaa irratti gaggeeffamaa jiru bu’ura jabaa qaba. Kan abbaan fe’e lafaa ka’ee isa doorsiisuuf yaaluu miti. Dhalooti sochii qeerroo akka abidda saafaa finiinsaa jirus, kan yeroo fi haalaan mo’amee waadaa Ummata isaaf seene cabsuu miti. Imaanaa wareegamtoota isaa cabsuus miti. Qeerroon Seenaa Abbootii isaa Injifannoon akka Goolabu shakkiin hin jiru. Seenaan kun , Seenaa Qabsoo Ummata Oromoo akka Galaanaa bal’atu keessaa faldhaanaan amma qicachuuti. Seenaan yoomillee ta’u seenaadha. Dhalooti har’aa seenaa kaleessaa irraa haqa jiru hubatee of bara. Seenaan kun dhaloota har’aaf akka tolutti, Abbootii isaa caalaa socha’ee Bilisummaa isaa akka goonfatuuf kan dhihaateedha malee , guutummaa sochii bara Sanaa kan bakka bu’uu miti. Seenaa gabaabduu kana kanan irraa dhugeeffadhe , barruu seenaa qabsoo ABO irraa fi Jaal Araarsoo Biqilaa irraati. Galatoomaa !

Nama saba ofiif Seenaa hojjatu nu haa taasisu !

Nama Seenaa saba isaa himaa, katabaa fi Barsiisaa  jiraatu nu haa taasisu !

Nama Seenaa Ummata isaa salphisu nu hin taasisiin !

HORAA  BULAA !!!

SEENAA Y.G(2005)

Burqaa430@gmail.com