Yakka Waraanni TPLF Ayyaana Irreechaa Bishooftuu Hora Arsadeetti Rawwaatame Ilaalchisuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ibsa Gaddaa fi Itti Fufinsa Sochii Warraaqsaa FXG Gabaabaa Uummata Oromoo Hundaaf Dabarse!!

Wayyaaneen TPLF yakka waraanaa duulaa duuguuginsa sanyii ummata Oromoo ayyaana Irreechaa Guyyaa har’aa Onkololeessa 2/2016 Magaalaa Bishooftuu Hora Arsadeetti kabajachuuf bahee irratti Waraana lafoo fi humna qiilleensa xiyyaaraa Waraanaa fayyaadamuun uummata civilii irratti baneen lubbuun ilmaan Oromoo 280 olii Wareegamanii fi hedduminaan madeeffamaniif gabroomfataan Itoopiyaa Wayyaaneen itti gaafatamaadha!!

Uummatni Oromoo mootummaa mataa isaa kan bilisummaa fi walabummaa isaa kabachiisuuf dhabuu irraa dhiittaan mirga dhala namaa kan waggoota 120 ol irratti deeme as dhihootti ammo ji’oota 11 olii kan irratti raawwatamaa turee fi guyyaa har’aa immoo addatti uummata Ayyaana İrreechaa Hora Arsadee kabajachuuf bahee irratti yakki waraanaa,  humna waraana lafoo fi humna qilleensaa  fayyadamuun bakka uummatni Oromoo miliyoonaa olitti tilmaamaman argamanitti ajjeechaa jumlaa  irratti raawwatamee eenyumaa Wayyaanee kan argisiisuufi kufaatii sirna TPLF dha.

Gochi waraana TPLF kun gochaa suukkaneessaa hedduu gaddisiisaa ta’eefi boqonnaa ilma namaaf hin kennine ta’uu isaa Qeerroon Bilisummaa Oromoo ibsa. Haala kana ilaalchisuunis Qeerroon ibsa qabxii 6 of keessaa qabu Qeerroo fi ummata Oromoo maraaf dabarsa:-
    Yakki suukkaneessaa waraanni Wayyaanee ummata Oromoo Ayyaanaa Irreechaa Bishooftuu hora Arsadeetti kabajachuuf bahee irratti raawwatee yakka ulfaataa sadarkaa Idi-Addunyaatti ilaalamudha, mootummaan Wayyaanee yakka duguuginsa sanyii uummata Oromoo irratti rawwachaa jiru aangoo uummataaf gadi lakkisuun Seeraatti dhiyaachuu akka qabu ummanni Oromoo fi wayillan qabsoo Oromoo jabinaan irratti akka hojjetan gaafatna.

    Yakki Waraanaa ummata Oromoo nagaan  Ayyaanaa İrreechaa Hora Arsadee Bishooftuutti kabajachuuf bahee irratti rawwatameef dirmannaa Warraaqsaa FXG  gaddaa guddaan Godinaalee Oromiyaa cufaa keessatti itti fufinsaan akka gaggeessinuuf Waamicha ariifachiisaa uummata Oromoo hundaaf dabarsina!!

    Sirni Wayyaanee murnootni(TPLF/EPRDF/OPDO) hatattamaan aangoo uummataaf gadi lakkisuu qaba, Mooraan waraana Agaazii, mooraan poolisaa fi tikaa Wayyaanee fi teessoon Paarlaamaa Wayyaanee hatattamaan diigamuu qaba!!

    Ilmaan Oromoo waraana Wayyaanee keessatti sadarkaa garaagaraa ırratti argamtaan hidhannoo keessaan guutuu waliin Uummata irraa dhatan diinnii halkanii guyyaa fixaa jiruu cına akka dhaabbattan waamichaa isaa dhumaa isiniif dabarsina!!

    Yakka Waraana  Uummata Oromoo nagaa Uummata civilii irratti ji’oota 11 guutuuf adeemsifamaa jiruufi addatti immoo guyyaa har’aa Ayyaanaa İrreechaa hora Arsadee irratti yakka ulfaataa Uummata Ayyaana Irreechaa kabajachuuf bahee irratti rawwateef dhaabatni mootummoota gamtoomanii fi jaarmiyaaleen Mirga dhala namaaf falman uummata keenyaaf akka dirmannaa godhan gadi jabeessuun gaafatna!!

    Uummaatni Oromoo guutummaa addunyaa irratti argamtaan, Jaarmiyaaleen qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Beektootni Oromoo hundii Yakka Waraanaa duguuggaa Sanyii Uummata keenyaa Ayyaanaa Irreechaa kabajachuuf bahee irratti rawwatame kan boqonnaa tokko illee namaaf hin kenninee waan ta’eef bakka jirtaan hundaatti Harka Walqabachuun Uummata Keenyaa fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo cina dhaabbachuun Sagalee uummata keenya akka taatan dhaamsa atattamaa isiniif dabarsina!!

Injıfannoon Uummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

2/10/2016