​Muudamaa fi Buufama OPDO Keessatti Gaggeeffame Ilaalchisee

———————————

Nagessa Oddo Dube

Dhiyeenya darbe kana hoggantoota OPDO- Muktaar Kadiir fi Asteer Maammoo angoo hoogganummaa dhaaba isaanii irraa kaasuudhaan Lammaa Magarsaa fi Dr. Worqinaa Gabayyoo bakka buusaniiru. Dubbiin kun Maaliif taasifame? jennee yo gaafanne, deebiin isaa kanneen armaan gadii kana:

1. Namoota Uummata Oromoo biratti jibbaman angoorraa kaasuudhaan saba gowwoomsina- ”waa jirjiirameera” jedhee akka sabni gammadee qabsoorraa  of-dagatu taasifna karoor jedhu ( to defuse social tension)

2. Mootummoota biyyoota alaattis angawoota rakkoo bulchiinsa gaarii qaban fi kanneen ajjeechaa lammiilee f itti gaafatamoo ta’an angoorraa kaasneerra jechuuf (influence attitudes of foreign governments)

3.  Mootummaan mootummaa badii fi dadhabbinna off argee of jirjiiru fakkeessuudhaaf; kan aantummaa uummataa qabu of fakkeessuudhaaf; (to pretend it’s accommodating the concerns of the people)

Haa ta’u garuu waan kana duuba wanti jiru kufaatii dha. Muudamaa fi Buufama OPDO Keessatti Gaggeeffame kan calaqqisu kufaatii woyyaanee ti. Mootummoonni yo kufuuf ka’an yoo wa toowachuu dadhaban namoota amanamoo isaanii gara galanii nyaatu. Namni Muktaarii fi Asteer caalaa TPLFf amanamaa ta’e hin jiru. Kana bifa armaan gadiitiin ibsina.

A. Mootummaan Komunistii Lithunia bara 1988 keessa sababa diddaa fi mormiin uummataa itti cimeef filannoo bilisaa fi haqa-qabeessa ta’e gaggeessuuf murteessee ture. Akkasumas afaan Lithunia afaan Biyyoolessaa taasisee ture. Sababni isaa gaafii uummataa waan caqasuu fi deebisu fakkeessuudhaaf (accomodation) ture. Yaaliin sun garuu fincila hin dhaamsines, hin qabbaneessines. Diddaa fi mormiin daran itti cimee mootummaa san hiddaan buqqise.

B.  Saadam Huseen gaafa angoorra ture musliimota Shi’aa (Shiite) kan cunqursaa ture ta’ullee diddaa fi mormiin itti cimnaan bara 2002  bakka amantaa (ardaa-jilaa) Bagdaadiin ala jiru kan dur dhoowwaa ture  kumaatamaan akka dhaqan eeyyameefii ture. Sababni isaa mormii ofirraa laaffisuuf ture.

C. Bara 1990 keessa Boordiin Filannoo Biyyoolessa Barmaa mootummichi kufuu geennaan, filannoo Bilisaa fi Haqa-qabeessa gaggeessa jedhee oliif gad wixxifachaa ture.  Hogganaan biyyittii Gen. Ne Win kana kan murteesseef  tarkaaffii kana yo fudhe hiriira fi mormii 1988 jalqabdee biyyittii raase san guutumaa guututti yo dhabamsiisuu baadhelle hin hirdhisa karoora jedhuun. Achhin duuba osoo hin turin barbadaa’e mootummaan sun.

D. Mootummaan Dargii kufuudhaaf woggaan 1 yo hafu Capitalism duraan arrabsaa fi balaaleffachaa ture fudhachuudhaan ”free market economy” labse. Gara Ameerikaatti firoomuu yaale. Namoonni keessa beekan kufaatii jala gayuusaa yoosuu hubatan.

Tarkaaffiin mootummaa Woyyaanee kan ammaa kun waan abdii kutannaa fi mootummichi qaari’uuf daddaaqaa jiraachuurraa dhufe ta’uun hubatamuu qaba. Bultii gabaabduu duuba Hayile-maariyamii fa ari’uuf ta’u. Achiin duuballee ministeerota gussu. Akkasuma jechaa itti fufee ofuman lafa dhawuuf deema. Hayile sillaaseenille Muummicha ministeeraa Akliluu Habtewold buusanii Indalkaachoo Mokkonniin muuduu fi ministeerota hedduu angoorraa buusanii kanneen biraa jirjiiraa turanullee tarkaanfileen akkasii kunniin sirna san angoorra hin tursine. Kunilleen  mallattoo gara kufaatiitti dhudhuluu (qajeeluusaa) waan ta’eef dhiibbaa itti cimsuu qofa.