WAYYAANEE  FI WIXIFANNAA ISHEE ….

SEENAA  Y.G(2005)

Gootummaan ummata Oromoo, guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa jira. Gootummaan Oromoo gabrummaan cabee hin hafnee. Gabrummaa jala jiraatee Ijoollee Bilisummaa manatti ol galchitu horateera. Diina waggaa 150 ol irratti duulee bayyaannatee, eenyummaa isaa Biyya abbaa isaa irratti kabachiisuuf sadarkaa xumuraa irra ga’eera. Beekumsaa fi dandeettii, ykn shiraa fi hammeenyi diinaan , eenyummaa isaa ganamaa irraa mulqee, Ummata Seenaa  fi eenyummaa hin qabnee hin taasifnee. Gabrummaa jala taa’ee , bu’ura walabummaa fi Bilisummaa isaa akka hin buqqaaneetti gadi dhaabeera. Ummata gadi fageessee yaadee, haa bultu dubbiin jedhee tarkaanfataa jiraateen, Ummata gabrummaaf dhalatee godhanii kanneen yaadan akkaan dogoggoruu isaanii har’arra dhaabbatanii ni argan. Ummata kana Sirbaa fi aadaa ykn Afaan isaa dubbannaan maal isa barbaachisa ? jedhanii kanneen herreegani fi humnaan cabsuuf yaalan, boolla gadi fagoo ofii qotaa akka jiraatan har’arra ga’anii arguu hin hafan. Bishaan ho’ee bakka isaa ga’ee malee hin danfu. Danfuu bishaanii ijaan osoo arguu kan harka isaa itti erguu, badiin kanuma isaatii. Maal si godhaa ? jedhee kan jajjabeessees akkasuma.

Wayyaaneen quufa hin beeknee, dhimma Ummata Oromoo irratti waggaa 25 dura kan yaadaa turtee har’as akkasuma kan jettu yoo taatee, badiin kan isheeti. Herreegi dogoggoraa kun garuu balaa dhuma lafaa itti fidaa jira. Isaan yaadaa fi qalbii kanuma waggaa 25 duraa jiraachuu danda’uu. Nuuti garuu bakka sana hin jirru. Har’a Biyya keessaa fi alatti seenaa hojjachaa jirra. Ummata aadaa fi safuu qabu ta’uu keenya itti argisiisaa jirra. Ummata Naamuusa qabu fi kabajaa qabu ta’uu keenya, addunyaattu mul’isaa jirra. Garuu waan hundumtuu daangaa qaba. wayyaaneen daangaa dubbii hundaa dabartee, akka gaangee samii dhiituuf ol utaalutuu ta’aa jirti. Osoo ilmaan keenya dhumaa jiranii obsumaan hegaree keessan yaadaa jechaa jirra. Gurri isaanii qabeenyaan duudee jira. Muka irra taa’aanii muka hamachuu hin dhaabiin jiru. carraa eenyullee nuuf hin laannee isaaniif laanneerra. Waan hundaan mirga of irraa ittisuu akka qabnuu addunyaan hubachaa jirti. Nuuti waan deemnuuf beekna. galii keenyas ni beekna. Waan feenu bakkaan ga’achuuf jennee Umama namaa balleessuuf hin yaallu. Nuuti lafa keenya irratti , bakka jiraannu dhabnee jirra. Nuuti garuu ammallee lafa keenya irratti jireenya isaan hin dhawwine. isaan garuu achumatti nu harkisaa jiru. beekaa fi wallaalaan isaanii adeemsa warra jaamaatti jiru. har’aa beekaa waan gochaa jirantu heddummaataa jira. Lukkuun haatee haatee albee ittiin qalan baaftee sanaan wal fakkaata. Garuu Oromoon hegaree isaaf waan itti deemu irraa hin maqu. Yeroo isaatti waan raawwatu tokko tokkon beeka. Kana hubachuun dansaadhaa jechaa , wixifannaa wayyaanee gidduu kanaa keessaa amma tokko ilaaluun barbaada.

  1. Ibsoota wayyaanee adda addaa :-

Wayyaaneen miidiyaa ishee irratti haala yeroo ilaalchisee labsaa fi ibsoonni kennaa jirtuu, keessa wayyaanee akka gaariitti ka ibsuudhaa. Ega kufanii galngalachuun ,,,,,, isa jedhan fakkaata. Mummichi ministirootaas ta’uu, qaamoonni adda addaa ibsi kennaa jiran har’allee bakkuma waggaa 25 duraa jiraachuu isaanii ibsa. Abshaalummaan isaanii ammoo , gaaffii Ummataa fudhatanii kan isaanii godhatanii dhiheessuu isaaniiti. Akki itti dubbatan hedduu nama raaja. “gaffiin Ummati kaasuu sirriidhaa, deebii itti laachuun dirqama keenyaa “” jedhu. Waggaa 25 dura haasaa akkasiin asi ba’an. Har’allee sanuma dubbatan. Ifatti wanni beekuu qaban, arraba miidhagfannaan wayyaanee gonkumaa gaaffii Ummataa dhaabuu akka hin dandeenyedha. Wayyaaneen deebii nu kenniti jennee wanni eeggannu gonkumaa hin jiru. wayyaaneen Angoo irraa bu’uu qabaadhaa gaaffiin jiru. Gonkumaa opdon gaaffii ummataaf deebii laachuu hin dandeessu. Dhumateera. Yeroon wayyaanee ga’eera. Kufaatii ishee guyyyaatu adda baasa. Sossobbii fi akka ijoollee nama sossobuu yaaluun, rakkoo keessaa ba’uu hin dandeenyeetti akka nama oofu beekuun barbaachisaadhaa. Ilmaan Oromoo adeemsa akkasiin of gawwamsaa wayyaaneef harka mirgaa ta’anii kachachalaa jiran kan yeroo kamirrayyuu caalaa murteeffachuu qabu. boruu lafti Oromoo isaan hin baattu. Lafti Oromoo dhiiga ijoollee isheen bilisoomtuu, bitamtootaa fi gurgurtootaaf bakka hin qabaattu. Ibsaa fi gawwamsaan wayyaanee gonkumaa qabsoo keenya irraa nu hin dhaabu. Ilmaan Oromoo guyyuu wareegamaa jiran, wayyaanee irraa deebii argachuutti amanu osoo ta’ee, wareegamaaf of hin kennan turan. Wayyaanee irraa waa tokko akka hin argannee beekanii , mirga isaanii dhiiga isaaniin kabachiisuuf of kennan. Wayyaaneenis fedhii Ummataa guutuuf yaada isaa osoo qabaatee, baatii saddeet keessatti ilmaan Oromoo 1000 ol hin galaafatu ture. kanaaf dubbiin wal jala qaxxaamuuree, guyyaa dhumaaf wal eeggachuu irra geessee jirtii wayyaanee fi jala deemtuu hubadhaa.

  1. IRREECHA  ilaalchisee :-

Irreechi kan Oromiiti. Kaa waayyaanee miti. Irreechii kan OPDOs miti. kan Ummata Oromooti. Opdo wayyaanee, irreecha irratti maallaqa guddaa dhangalaaftee, mirga argamsiifnee keessaa jettee lafa ciruu yaaddi. UNESKOTTI  tti galmeessisuun, wareegama Ilmaan Oromoon malee, dandeetti opdon miti. opdon kaleessa ijoollee irraa callee guuraa turtee har’a kaatee , galmeesisuuf jennaa jettee lafa ciruun ishee taajjabbiidhaa. Irreechii fi Gadaan galmaa’uun Oromoof injifannoodha. Injifannoon kun garuu warra arraba miidhagfataniin kan dhufee miti. wareegama Ilmaan Oromoo qaqqaaliin ta’uu beeku barbaachisa. Irreechas ta’uu Gadaa addunyaatti beeksiisuuf mee opdon maal godhee jira? addunyaa irraa eessa dhaqanii hubachiisuu yaalan. Beekumsaa fi dandeetti isa kamiin addunyaa amansiisu. Wayyaaneetu hayyameefii faranjii waliin dhaabaa ? kun qoosaa wayyaanootaati.

Irreechii baranaa tarree addunyaan akka nu dhaabu hin shakku. Wayyaaneen garuu , akkaataa itti fayyadamtee gurra ummataa duuchitu irratti haalaan hojjachaa jirti. Ummati keenya waan isheen shiraa jirtuun adda qoodamuu hin qabu. Inumaa Irreecha baranaa yaadannoo wareegamtoota keenyaa taasisiuu dandeenya jedheen yaada. Kun toftaa wayyaanee miidiyaan itti fayyadamuu cabsuu danda’a. Irreecha gama UNESCO tti galmeesisuun uffata aadaa uffachuun akka jirutti ta’ee, kabajaa wareegamtootaa fi isaan waliin jiraachuu keenyaaf garuu , hundumtuu DHIIRRI  ISKARVII GURRAACHA morma irratti, SHAMARRANII FI DUBARTOONNI SHAASHII GURRAACHA irratti yoo hidhannee, wayyaanee afaan qabsiisuu dandeenya.  Miidiyaa irratti akka feetee mul’ifachuu hin dandessu. Itti hin holaltu TV Itoophiyaa fi Oromiyaa irraa dhabnee maaltu dhufa ? yeroo bakka irreechaa sanatti anga’onni haasaa taasisan, Iskarvii fi shaashii ol kaasuun sagaleen alatti dhaabuun ni danda’ama. Kun yaada kiyya.shira wayyaanee ittisuun qaama qabsooti.

  1. Chaanaaloota TV wayyaanee :-

Wayyaaneen qalbii Ummatootaa hatuuf shirri hin gaggeessiin hin jiru. addatti karaa midiyaa. TV chaanaalii wayyaanee har’a tamsaasaajirtu  osoo lakkoofnee, meeqa laata? kanneen keessaa dhimma ummatootaa irratti kanneen hojjatan meeqa? yoo jennee gaafannee shira wayyaanee kanaaf deebii arganna. Chaanaalii adda addaa banuun wayyaanee Ummatummaa ibsuu miti. Yaada Ummatoota hiruudhaa, qalbii adda facasuudhaa, Ilaalchaan adda baasuudhaa, maatii diiguudhaa, Hawaasa burjaajeessuudhaa, jireenya hawaasummaa kan alaan dhaalsiisuudhaa, ol aantummaa Amaariiffaa Tiwulidda Itooophiyaawwiif tolchuudhaa kkf. Of keessaa qaba. wayyaaneen har’aa Diraamaa fi filmiilee adda addaa afaan amaariffaatti hiikamee akka dhihaatuuf haala mijeessaa jirti. kun maaliif? warri waan kana irratti bobba’an eenyufaati? JTV, QAANAA, NAAHOM, ebc1, ebc2, 3, 4,,,,,,, EBS kkf hundi maaliif barbaachisan? Deebii gabaabaa kan ta’uu, dalagaa isaanii irraa kan argamuudhaa. Gonkumaa eenyummaa fi maalummaa sabootaa irratti waa tokkollee dubbachuu dhiisuu irraa deebii quubsaa arganna. Bosona keessa jiraatan dhiisanii bosona nuuti hin beeknee nu dhiheessan. Sirba Ummatootaa irra, kanneen qullaa sirbanii dhaloota mancaasaniif kabajaa qaban. Kun shira dhaloota balleessuuti. Diraamaa fi fiilmii safuu ummataa hin qabnee maaliif dhiheessu? Abbaa manaa fi haadha manaa wal hiikan, wal hatan kkf maaliif ta’ee jedhanii dhiheessan? Kun rakkoo biyya Sanaa ta’eetii? gonkumaa rakkoo ta’ee miti. dhaloota balleessuuf shira hojjatamuudha. Warri hojjtaniis, shira kanaaf kanneen ijaaraman irra jireessi, Tiwulidda Itoophiyaawwii warra jedhamaniidha. Maqaa tarrisanii dubbachuutu dandaa’ama.

Dallaalaa dur beekinuu, kan manaa, mi’aa kkf ture. Har’a dallaalaa dhiiraa fi shamarranii akka dalgaa ummachutti ilaalamaa jira. Shamarranii fi dhirri suuraa shamarranii fi dhiiraa baatanii wal gurguraa jiran lakkoofsa hin qaban.cicha gaggeeffamaa jiru keessaa harki 80n osoo hin bubbuliin diigamaa jira. Kun shiroota wayyaanee hawaasa laamsheessuuf karaa miidiyaa hojjattu fi filmiilee gadhiisii gara Ummatootaatti guuramaa jiru irraatii.

Keessattu Dirmaalee Turkii Afaan Amaaraatti hiikamani dhihaatan irra jireessa, TV qaanaa Biyya alaatti hin mul’annenidha. Kana gochuun ammoo, hanna isaanii dhoksuufii. Diraamaa sana dhiheessuuf hayyama hin qaban. Itti hin kafallee. Garuu isaan beeksiisaa fi isponsaraan itti saamuu. Kanneen carraa isaa qabdan gama kanaan odeeffannoo dabarsuu fi waan kana ummata keenya irraa dhabsiisuu dandeesssu.

Walumaa galatti sochiin keenya gama hundaa wayyaanee raasee hundee isheetii galagalchuuf yeroo gabaabaatuu nu hafe. Eegee qeerreensaa hin qabanii , qaban gadi hin dhiisanii gama hundaan itti duulaa. Dandeetti fi beekumsa keenyaan, qabeenyaa fi humna keenyaan sabummaa keenya Biyya abbaa keenyaa irratti kabachiisuuf wal faana hiriiruun daran haa jabaatu.

Galatoomaa!!!!

Horaa Bulaa!!!!