OLOMPIYAAN RIYOO BARANAA – OLOMPIYAA OROMOOTI

Taammanaa Bitimaa irraa

Yaa Oromoo, yaa nama lafee fi lafa Oromiyaa dubbii ani amma jedhe kun yoo dhugaa isinitti fakkaachuu baate, yookaan yoo dubbii “hoowwifame” isinitti fakkaate, mee miidiyaalee addunyaa tanaa kan gaafa 21. 08. 16 bayanii fi ammallee bayaa jiran ilaalaa! Biyyoota biyyalafaa tana irratti argaman tokkollee hin hambisinaatii, hunda isaanii towaddhaa! Hayyee, maqaa Fayyisaa Leellisaa jedhamu, biyya Oromiyaa jedhamtu, saba Oromoo jedhamu qalama fufurdaadhaan barreeffamanii agartu. Kana hundumaa kan godhee fi kan goochisiise ilma Oromtittiin haati Siiqqee deesse, gurbaa qaldhaa miila qaqqalloo sani. Mucaa milkiin dhaltee fi milkiif dhalate, kan qaalluun Oromoo gaafa hammachiisaa “Fayyisaa” jedhee maqaa baaseef sana. Eeyyee, Fayyisaa onnee Oromoo baranaa, isa akka malee madaaye san fayyise. Maarree, inni onnee teenya fayyisuu qofaa otoo hin taane, kan dabalee nuuf leellise: Fayyisaa Leellisaa-ti.

Ilmi Oromoo, leenci Oromiyaa kun fincila diddaa gabrummaa isa ijoollee fi uummanni Oromoo kunoo baatii sagal guutuu otoo wal irraa hin citin oofaa jiran kana, isa dhiigni Oromoo akka gaalaa dhangalaye kana, isa lafeen Oromoo akka qoraanii urreeffame kana addunyaatti baasee nuuf muldhise. Guyyaa tokkicha keessatti akka uummanni dachee tanaa biliyoonni tokkoo olii (miliyoona kuma-tokko +) waayee Oromoo dhagawu taasise. Guyyaa tokkicha kana keessatti Oromiyaa ramaanii (kaartaa) addunyaa irra kaaye. “Ayyaantuu.com” akka miidiyaaleen 1000 olii waayee kanaa gadi-baaseen himee ture. Ergasiiyyis hedduun kan san irra jiran baasanii jiru. Anaaf Fayyisaa Leellisaa jagna Oromooti. Jagna Oromoo jechuun isa dirree waraanaa fi dirree qabsootti diinaan galaafatame san qofaa miti. Gabroomfattoonni Habashaa erga humna meeshaa waraanaa, kan humnoota Oroppaa irraa argataniin biyya keenya dirree waraanaatti cabsanii qabatanii waayee Oromoos, waayee Oromiyaas addunyaa jalaa dhoksaa barkurnee 40 qaxxaamuruun as gayani. Garuu, Fayyisaa Leellisaa guyyaa tokko keessatti Oromoo fi Oromiyaa gola itti-dhokfaman keessaa baasuun addunyaatti muldhise. Dabalees gocha mootummaa Waayyanee qullaa dhaabuun uummata addunyaatti agarsise.

Impaayerittiin Toopphiyaa jedhamtu tun Oromoo fi Oromiyaa addunyaa jalaa dhoksitullee, wanneen ishiin addunyaa tana irratti beekamtuun waanuma Oromootini. Wanni Gondorii fi Maqalee irraa Oromoof dhufe, wanni mishaan tokkollee hin jiru. Loltuu Habahaa kan Minilikiin durfamee biyya keenya humnaan seene sana dhiisatii, Minilik mataan isaayyuu kophee miila ofii irraa hin qabu ture. Wayyaaneenis harroota ooffattee, kilaash rarraafattee barabaasoon biyya keenya lixxe. Kunoo, hardha qabeenyaa fi leecalloo Oromoo saammattee abbootii-kitilaa (abbootii-miliyoonaa) taate jirti. Ammoo, Oromoo fi Oromiyaan waanneen hedduun gitta-bittee Habashaa kanneen durii fi hardhaa badhaasani. Duris, hardhas impaayertiin wanneen gara alaatti erguun gurgurattu keessaa: buna, gogaa fi kaldhee, loon, subbuu (warqii), albuuda garagaraa fi jimaa fayi. Kana malee, kan ishiif qotus, kan ishiif lolus Oromoo dha. Kan ishii-dhaa barreessuun afaan ishii guddisus Oromoo dha. Kan qarriffaa faashistoota Xaaliyaanii keessaa ishii baases Oromoo-dhuma. Kan fiigee addunyaatti “nama” ishii taasises dhalawwan Oromoo-ti. Amma yoo kan biraa dhiifnee, waayee ispoortii callaatti deebine, ijoolleen Oromoo dubrii fi dhiirri miila isaanii qaqallayyoo saniin akka qilleensaatti bararuun addunyaa irratti Toopphiyaa isaaniif beeksisani.

Dursee kan karaa bane Waamii Birraatuu-ti. Abbabaa Biqilaa nama Afrikaa keessaa dursee fiigicha maaratoonitiin moyatee qofa otoo hin taane, nama walitti aansuun ennaa lama geeba gonfate. Karaa dubartiis namni dursee Afrikaa keessaa maaratooniin geeba fudhate Faaxumaa Roobaa-ti. Mee amma maqaalee atileetota Oromoo fakkeenyumaaf, garii haa kaafnu: Waamii Birraatuu, Abbabaa Biqilaa, Maammoo Waldee, Tolasaa Qottuu, Fiixaa Baay’isaa, Qananiisaa Baqqalaa, Taarikuu Baqqalaa, Silashii Sihinee, Warquu Biqilaa, Tulluu Wadajoo, Mahaammad Kadir, Abbabaa Mokonnin, Ibraahim Jaliyaan, Dheeressaa Mokonnin, Yusuuf Arsii, Tasfaayee Tolaa, Isheetuu Turaa, Ambassee Tolasaa, Roobaa Gaarii, Leencoo Iskibbaa, Addunyaa Dayyaas, Kabbadaa Baalchaa, Girmaa Tolaa, Kaasaa Baalchaa, Dirribaa Margaa, Muktaar Idiris, Fayyisaa Leellisaa; Daraartuu Tulluu, Faaxumaa Rooaa, Biraanee Adaree, Geexee Waamii, Xurunash Dibaabaa, Ijjigaayyoo Dibaabaa, Ganjabee Dibaabaa, Maaree Dibaabaa, Almaaz Ayyaanaa, Sambatee Tafarii, Masarat Tufaa, Galatee Burqaa, Balayinash Oljiraa, Maarimaa Damboobaa, Ashaa Jigii, Quxuree Dullachaa, Ayyalach Warquu, Maaruu Dhaabaa, Dirree Tunee, Siifan Hasan, Masarat Daffaar, Maariyaam Yusuuf! Maqaaleen isaanii-woo akka cirrachaa fi akka urjii danuudhaa, meeqa lakkoofnee meeqa dhiifnaree? Yoo yeroo fi wanneen biroo namaaf mijaawe, gara maqaalee 80 olii tarreessutu dandayama.

As irratti waan beekamuu qabu tokkotu jira. Oromoonni akkanatti karaa atileetikaatiin kan beekamuu dandayaniif jedhamee yoo gaafiin waayii ka’e, waayee aadaa Oromoo beekamaa saniitu dursee ka’a. Aadaa Oromoo keessatti akaakuuwwan ispoortii baay’eetu argama. Kanneen keessaa: gugsii (farda yaabbii), siillee (ulee fi eeboo darbannaa), waldhaansoo, utaalchoo fi fiigicha fayi. Oromoonni otoo akkanatti Toopphiyaa tana beeksisaa jaranuu miidhaa fi roorroon isaan irra gayu danuu dha. Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne, Abbabaa Biqilaa namni akkasitti addunyaa guutuutti beekamee fi isaan beeksisu dhukkubsatee, waldhaansallee dhabuun booda boqote. Maammoo Waldee mana hidhaa warra Wayyaanee keessa otoo jiruuti du’e. Dhaabbanni atileetika Toopphiyaa Oromoonni afaan ofiitinillee akka walitti hin haasofneef dhiibbaa fi miiddhaa irratti gochaa ture; ammallee ittuma jira. Barana immoo Wayyaaneen ijuma nyaachuun akka Oromoonni beekamoon garaa Biraazil dhaqanii hin hirmanne goote. Nama biraa dhiisitii Qananiisaa Baqqalaayyuu ni dhoorkite. Egaa, Fayyisaa Leellisaa middhaa akkanaa keessa kutee dabruun geeba maaratooniis fudhatee, hasxaa fincila diddaa gabrummaa olkaasee agarsiisuun Oromoo fi Oromiyaa teenya addunyaatti agarsiise. Ammaan tana qabsoon bilisummaa Oromoo karaalee addaddaatiin itti-fufaa jira. Amma alaa-manaa tokkummaa keenya kana ammaa caalaa cimsachaa, ijaaramnee wal-ijaaraa, hidhannee wal-hidhachiisaa garuma fuuldaraatti tarkaanfachuu malee filmaata biraa tokkollee hin qabnu. Yeroon uummanni Oromoo birmadummaa isaa gonfatu, yeroon sabni Oromoo bilisummaa isaa uffatu, yeroon Oromiyaan teena walabummaa ishii dhuunfattu fagoo miti! Mee Waaqni fi ayyaanni Oromoo umurii dheeraa fi jaalala Oromoo, Fayyisaaa Leellisaaa ilma leellifamaa kana nuuf haa badhaasu!

Fayyisaa

(AP Photo: Robert F Bukaty)/ Reuters

==============    //    ==============