​TOKKUMMAAN  HUMNA !!!! HUMNA TOKKUMMAA!!!! (Kutaa 4ffaa fi Xumuraa)

​TOKKUMMAAN  HUMNA !!!! HUMNA TOKKUMMAA !!!!

SEENAA  Y.G(2005)  kutaa  4ffaa fi xumuraa 

Barreeffamoota kiyya kutaa 3n dhiheesse keessatti, Adeemsa siyaasaa fi sochii akkasumas, Muuxannoo Biyyoota adda addaa gama hundaan gaggabaabsee kaaseen jira. Xiyyffannaan kiyya, sadarkaan qabsoo Oromoo irra jiru kan nu akeeku, waan kana booda hojjannuf qormaataa fi qophii gama hundaa akka nu barbaachisuudha. Keessa keenyatti wanni umamaa jiraate, alaa waan nu eeggataa jiru nu dagee jira. Har’a garuu osoo hin jaalannee, keessa keenya tasgabbeessinee, gara alaatti waan iaaluu qabnuu nutti dhihaachaa dhufeera. Kana ammoo, bu’aa keenya waliin madaallee irratti hojajchuuf, tattaaaffii qaama tokko osoo hin taanee, hunduu akka beekumsaa fi dandeetti isaatiin waliif birmatu qabu irra geenye jirra. Kanaafan muuxannoo Biyyota adda addaa kaasee . waan isaan mudate irraa waa baranna. Hanqinaa fi jabiina isaanii irraa barnoota arganna. Waan nu eeggatu hedduu qabnaa. Yoo kanneen adda baafnee keewwannee, mooraan qabsoo Oromoo walii galaayyuu nagaa argata. Kan gara keessaatti ILAALUU QOFAA qabsoo taasifatee jiru ija banachuun dirqama isaatii. carraan wayyaanee umuriin dheerachuuf yaaltu irra, carraa nuuti wayyaanee kuffisuuf qabnuutu bal’aadhaa. Kana dhiiga ijoollee keenyaan dhugeessinee jirra. Qalbiin keenyas, kana booda waa’ee wayyaanee qofa osoo hin taanee, Oromiyaa fi addunyaa ilaaluutti tarkaanfatu qaba. haasaa golaa fi alaa adda baafachuun gaariidha. 

Oromoon kan yeroo kamirrayyuu wal dhaggeeffachuun dirqama. Qabsoon Oromoo ammuma tarkaanfataa adeemu, hojiileen har’af, boriif, hegaree OROMOOf hojjannu hanguma sana baayyataa adeemaa jira. Har’a qabsoon Oromoo wareegamaa fi kutannoo qabsaa’ootaa irra taree, kan Ummataatti ce’eera. Har’a hundumtu akka beekumsaa fi dandeetti isaatti waan saba isaaf tolu bakka jirrutti haala hojjatamuun danda’amu irra geenyee jirra. Kanaaf qabsoo Oromoo gama hundaan wareegamni itti kafalaamaa jirutti firii gochuuf hojiilee hedduutu nu eeggata. Kanneen gadi fageenyaan osoo hin taanee, yaaduma ka’umsaan kaasuu barbaada. 

1. Sochiileen Biyya keessatti gaggeeffamaa jiran injifannoo ol aanaa galmeesisaa jiru. Naannoon Amaaraa Naannoo isaatti falmii kaasee , Ilmaan Oromoof deeggarsa qaban haa ibsan malee, saboonni Oromiyaa keessa waggaa 150 oliif jiraatan waa tokkollee dubbachaa hin jiran . kana irratti hojjachuu barbaachisa. Ummata irratti ka’uu osoo hin taanee, deeggarsa isanii ibsuu qaban. 

2. Oromiyaa keessatti mirga Oromoo kan dhiibuu warra Abbaa Biyyummaa OROMOO hin fudhannee hundaati. Wayyaaneen Afaan Oromoo Oromiyaa keessaa dhabamsiisuuf ykn laaffisuuf gama hundaan hojjacha jirti. Kanneen keessaa maqaa mootummaa Fedaraalaan waajjiraalee addaa addaa fi maqaa investimatiin waajjiraalee, kubbaaniyyoota fi arshaalee adda addaa Afaan Oromoon akka hin hojjannee fi beeksisi ykn maqaan waajjira isaanillee afaan biraan akka taasifamu, miidiyaaleen addatti dorgommiilee TV irratti dhihaatan irra jireessa OROMIYAA keessa akka socho’an taasisuun Amaarifaa fudhachiisuuf shiroota hedduu gaggeessaa jiran . kana hundaa dhalli OROMOO sochii gaggeffatu keessatti qindeessee of irraa dhaabuu qaba. Fedaraalli Afaan ykn qooqa naannooleef naannoo isaanitti dursa kennaa jedha.baankileen, koleejoonni, dhaabbileen adda addaa, Hospitaaloonni kkf , Afaan Naannoolee gonkumaa hin kabajan . kana kabachiifachuun warra wayyaaneef gabaasan rifaasisuu waan ta’uuf irratti hojjatamuu qaba.addatti maqaa Tiwuladda itoophiyaawwiin kanneen jiran, Afaan Oromoo irratti dhiibaa ol aanaa geesisaa kanneen jiran keessaa warra angafaati. 

3. Kubbaaniyyoonni fi warshaaleen oromiyaa keessatti ijaaraman hundi aadaa fi safuu Naannoo keessa jiran kabajuu qaban. Hoteeloonni fi bakkoonni bashannannaa hundi aadaa fi safuu naannoolee ykn ummata naannichaa kabajuu qaban. Hawaasa burjaajessuu fi dhaloota kashalabbee taasisuuf wayyaanee irraa ajaja suduudaa fduhatanii hojjachaa jiran. Keessattu, Naannoo manneen barnootaatti hoteelootaa fi mana ciisichaa ijaaruun miihdaan dhaloota irraan ga’aa jiran salphaa miti. kanaaf kunis qaama qabsoo keessaa keessatti akka gaafileetti dhihaachuu qaban .

4. Qabsoon Oromoo deeggarsa ogummaa, beekumsa, dandeettii fi murannoo irra ga’ee jira. Kanaaf har’a dhala Oromoo eessallee jiru irraa kan barbaachisu , waamicha eeggachuu osoo hin taanee, kaka’umsa mataa ofiin birmannaadha. Kan dabree dhiisanii beekumsaa fi dandeettii qabaniin qabsoo kana finiinsuuf ofiin gaafatanii hojiitti bobba’uutu furmaata.

5. Har’a qabsoon OROMOO qabsaa’oota irratti gatanii taa’anii kan ilaalan osoo hin taanee, waan qabsoof barbaachisuu hundaa guutuuf hunduu bakka jirutti qooda lammummaa isaa ba’achuutu irraa eegama.

6. Dhalli Oromoo kamuu dandeetti waraanaa fi kkf kanneen qaban maaltu nurraa eegama jedhanii of gaafachuu fi qooda ofii ba’achuuf sochii eegalauu qaban.

7. Dhalli Oromoo beekumsaa fi dandeetti isaan gurmaa’ee ykn ijaaramee, qooda irraa eegamu gumaachuuf hunduu of qopheessuu qaba. fkn. Abootiin seeraa Oromoo ta’aan haalaan gurmaa’uu qaban. Jabaatanii waan ijoolleen itti dhumaa jirtu addunyaa fudhachiisuuf qophii mataa isaanii gochuu qaban. Dachee Oromiyaa fi daangaa OROMIYAA boruu murtiin ga’uuf, kanneen har’a biyya keessatti dhumanii fi hanga har’aatti dhumaa jiran gumaa ba’uu fi warra yakka kana raawwatee seeratti dhiheessuuf qophii barbaachisu taasisuu qaban. Haaluma kanaan hundi namaa akka beekumsaa fi ogummaatti gurmaa’ee waan irraa eegamuuf yoo socho’ee dirree siyaasaa irratti wal gufachiisuun hafee hunduu gama isa ilaallatuun dirqama isaa ba’uu irratti xiyyeeffata.

8. Warrii aadaa seenaa jedhanii macaafa maxxansiisuu irra hin tariin , addunyaa irratti Oromoon gama jireenya hawaasummaan maal qaba ? aadaan isaa maalii fi dhalooti ammaa akkamiin ittiin jiraachuu danda’aa ? jireenyi hawaasummmaa ummata OROMOO hin boorofnee isa kami ? Biyya keenya yoo dhuunfannee aadaa dhaallee ittin walmiinu kanumaan jiraachuu itti fufna moo kan keenya qoratamee jiru ummata barsiifnee dhaloota itti guddifna ? kkf qophaa’uu qaban.dhaabbilee siyaasaatu sirna gadaa keessa seena moo, Gadaatu dhaabbilee siyaasaa keessa seena ? akkamiin sirna gadaa ittin boonna jennu kana Oromiyaa keessatti gadi dhaabna ? kun ifatti adda ba’ee taa’uu isaatiif ragaan argadhee hin qabu. Kun garuu qophaa’uu barbaachisa.

9. Sirni barnootaa hordofnu maalii ? dhaloota Oromoof gama barnootaan maaltu yaadama ? gaaffiilee kkf. Ka’anii warra isa ilaallatuun mariin gaggeeffamee wixineen isaa taa’uu qaba. Biyya ega qabatanii ykn seenanii booda waan akkasiif fiiguun hedduu rakkisaadha. Dhaloota dhabuu ta’aa.

10. Dachee keenya Naannoolee biraa fi Biyyoota ollaatti fudhataman akkam ta’uu ? kun bal’inaan keessa ofitti toftaa akkataa itti deeffatanii fi akkaataa irratti hojjatamuu irratti warrii beekumsaa if dandeettii isaa itti qaban irratti hojjachun hedduu barbaachisaadhaa.

11. Wayyaaneen koree hojii raawwachiiftuu isheen ala , beektoota fi xiinxaltoota hegaree Tigiree , gama Biyya keessaan, Biyyoota olla waliin, Afriikaa irratti, addunyaa irratti waan gaggeffamu hundaa walitti qabatanii karoora yeroo dheeraa gabaabaa baasaniin gaggeeffamuu jedhama. Gama kanaan beektoota isaanii addunyaa irra jiran irratti hirmaachisu. Gama keenyaan waan akkasii qabnaa laata ? anoo hin beeku. garuu hedduu barbaachisaadha.

12. Mootummaan ertiraa fi mormitoonni isaanii ejjannoo jabaa irratti waliin dhaabbatan qabu. Ertiraan Biyya ta’uu fi Alaabaa ishee irratti. Kun jabiin isaaniiti.kun Biyyi Ertiraa jedhamti Itoophiyaa jalatti akka hin deebineef utubaa jabaadha. Gama keenyaan garuu qaawwaa guddaa qabna. Biyya Oromiyaa ijaarrachuuf ejjannoo tokko irra hin jirru. Kun miidhaa ol aanaa nurraan ga’uu danda’a. har’a nutti mul’achuu dhiisuu danda’a. garuu yeroon ija baasee nutti dhufuu fi wal dura nu dhaabu ni dhufa.kana irratti marii fi qorannoon gadi fageenyaa gaggeeffamuu qaba. rakkoo ilaalchaa jennee bira taruun nu hin barbaachisu.

13. Waggoota 25n dabran kana keessa Oromiyaa keessatti yakki gama hundaa raawwatamee lakkoofsa hin qabu. Saamicha lafaa, saamicha qabeenyaa, hattummaa , sanada sobaa , kkf yakkota tarrifamuu nama rakkisuutu jira. Waajjiraalee oromiyaa keessatti yakkoonni raawwataman lakkofsa hin qabn. Maqaa Investimantiin humnoota alaa waliin waan wal dura nu dhaabu hedduutu jira. Kana hundaa akka qabsiisuuf hojiin barbaachisuu eegalamuun barbaachisaadhaa. Waan har’aa jiru boruu hin jiru. 

Akka walii galaatti qophii gama hundaa nu barbaachisa. dubbachuun kan nama rakkisuu hedduudha. Taa’anii mari’achuu fi yaada waliif hiruun hedduu barbaachisaadhaa. Ummata keenya gam hundaan waan dhufuu maluu hubachiisuu fi barsiisuun barbaachisadhaa. Kun miidiyaa irratti miti. waan aadaa keenyaa hedduu qabnaa . garuuu har’aa borii kan jennuu miti. akka walii galaatti yaadi muuxannoo Biyyoota hedduu kanan kaaseef qophii gama hundaa dhala oromoo hundaa irraa eegamu akeekufii . kanarra haasa’uun hin taanuu haa jabaannu. Waan qabnee jirru gonkumaa gadi hin lakkifnuu . irree keenya diinatti argisiisuu eegallee , bifaa haala isaa geeddaranii itti bahuun barbaachisaadha. wayyaanee irraa soda hin qabnuu. Haqa keenyaaf dhaabbannee. Isaantu akan booda nu sodaachuu qaba. maaliif jennaan jireenyi hegaree isaanii OROMOO harka waan jiruuf. !!!!!!!!

GALATOOMAA !!!!!!!!!

HORAA BULAA !!!!!!!!!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s