TOKKUMMAAN  HUMNA !!!! >>>> HUMNA TOKKUMMAA !!!!

SEENAA  Y.G(2005)  kutaa  3ffaa

Mammaakisii ,,, Aboottifadhaa jennaan, duru qophoofnee jette qurciin jedhu tokko natti tola. Maaliif jennaan dhugaa waan ta’eef. Inni harka qabu quba walitti maree aboottifata. Qurciin ammoo duraanu harka dooluu abootteef tolu qabdi . kanaaf nuuti duruu qophiidhaa jetti. Waan itti qophaa’aan yeroo hundaa injifannootti nama geessa. Kanaaf har’arra dhaabbannee hegaree keenyaaf waan hawwinu hundaaf qophiin barbaachisaadhaa. Siyaasi Biyya gabrummaa Itoophiyaa jedhamtu keessa jiru haalaan jijjiiramee jira. warri gabroomee kan diina irratti hojjatu caalaa , diinni mataa isaa waan ofirratti hojjatuun umurii isaa gabaabsaa jiraachuu ifatti argaa jirra. Har’a akka kaleessaa wayyaaneen waan nu yaaddeessituuf hin qabdu. Waan gochuun nurra jiru gochuun ala furmaata hin qabnu. Hegaree nuu fi diina gidduu jiruuf, nuuti har’a hin dhiphannu. Isaantu ofiif dhiphata. Adeemsa siyaasaa fixachuu qabu hundaa wareegama qaalii kafallee raawwannee jirra. Har’a qabeenyaa fi dhalli namaa nutti hin mul’atu . dachee keenya qofaa barbaanna. Waggaa 150 oliif diina akka barbaade nu miidhuu dinqa ciibsineerra. Obsinee, Yeroo ka’uu kunuunsineerra.

Mana keenyatti salphinnee jennee gumaaf hin kaane. Osoo miidhamnuu obsa filannee waa hundaa qalbii tasgabaa’een keessa dabarree jirra. Kanarra garuu taruu hin dand , dhumenyu dhumateera. Kana booda nuutis diina keenya innikkaa irratti hadheeffannee jirra. Innis nurratti akkasuma. Kana booda tokko keessaa sigigaatu qaba. Carraan sigigaachu keenya garuu wal caala . nuuti sigigaachuuf carraa xiqqootu nu eeggata. guututti sigigaachuuf kan taa’uu diina keenya. Angotti dhufee , saamee fi saamsisee adeemsa ol guddadhee ofiin jedhu fixate gadi deebi’uuf ykn sigigaachuun dirqama isaati. Nuuti sichi ol ka’aa jirra. Inni hanga utaaluu danda’uu utaalee lafa dhahuuf gadi bu’uu eegalee jira. Nuuti garuu utaaluyyuu hin eegaliin jirraa. Kanaaf seera umamaanuu wayyaaneen dhumateeraaf. Har’aa kana irratti hin haasofnuu . waan boru nu eeggatu warra kaan irraa qoranne qophaa’uutti fulleeffanna. barbaachisaadhas. har’as muuxannoo Biyyootaa ittan fufa. Sababaan muuxannoo biyyootaa kaasuuf, gufuuleen wayyaanee biraa qofaa osoo hin taanee, addunyaa iratti nu eeggatu fuula keenya dura waan jiruuf, gamanumaa qoratanii waan falmachuu fi itti cichuu ykn kan dursu qabu dursuuf nu gargaaran keessa ilaallchuuf jedheetanii na ofkalchaa. Qalbii Ilmaan Oromoo hundaa keessa kaa’uu kanan barbaadu, Bilisummaa ummata keenyaa fi walabummaa Oromiyaa diina harkaa baasuuf wareegama kaffalluu caalaa , Biyyuma dhigaan deeffannee kana addunyaa fudhachiisuuf wareegamni kaffalluu akka jirudha.kun sababaa malee miti. dhuma irratti itti dhufa. Kanaafillee waan itti qophaa’uu qabnu hedduudhaa.

BIYYA FILITSIXEEMOOTAA:-

Addunyaa kana irratti waan wal faalleessu danuutu jira. Tokko Bilisummaa isaaf wareegama ulfaataa kafalee arguutu itti ulfaataa. Isa kaaniif ammoo dadhabbii malee Bilisummaatu labsamaaf. Wareegama qaalii kan kafalee osoo jiruu, wareegama salphaa kan baasee injifatee argama. kaleessa Bilisummaan harka warra gabroomee keessa turte. Har’a garuu Bilisummaa argachuunuu sagalee warra addunyaa tu’ataniin taatee jirti. Bilisummaan sabootaa, wareegama sabootaan madaalamuun hafee, dantaa warra addunyaa tu’ateen madaalamaa jira.fakkeenya gaariin warra Filitsixeemii. Filitsixeemoonni akka isaaniif Bilisummaan isaanii har’a hin turre. Akka dantaa Ameerikaa fi Israa’eel taatee sadarkaa har’a irra jirtu irra jirti. Kun hedduu nama gaddisiisa. Sagaleen Filitsixeemootaa lafa isaanii irratti illee dhageettii dhabee, sagaleen warra israa’eel lafa isaaniin ala sagalee argatee gabrummaa irratti muree jira. Har’a Bilisummaa Filitsixeemiif qabsoo Ummata ishee ykn wareegama qaalii ummata ishee osoo hin taanee, sagalee dhaabbata mootummoota gamtoomaniii keessatti laatamuutu dhageetti argatee miidhama saboota sabaa dheeressaa jira.

Filitsixeemoonni Israa’eeloota amanuu fi dhiisuu osoo hin taanee, israa’eel Filitsixeemoota amanuu dhabuun qofti fudhatama argatee hammeenyi har’aa irratti raawwatamaa jira. Kun waa hedduu nu barsiisa. Gareen Araafaat FI hamaaz Filitsixeemiif gama hundaan qabsaa’aa jiru. israa’eel garee araafaat irra hamaaziin jibbiti. Hamaaz yoo biyya taanee Israa’eeliif beekumtii hin laannu jedha. Yaadi kun israa’eeliif mataaa dhukkubbiidha. Har’a Biyyoonni adda addaa Filitsixeemiin akka biyyaatti fudhachuuf qophiidhaa jechaa jiru. bakka adda addaatti akka biyyaatti akka sochootu hayyamu. Garuu shakkii guddaan ilaaluu. Walumaa galatti dantaan abootii irree walabummaa sabootaa irra ejjeetee jiraataa jiraachuu argaa jirra. Haala jiru irraa yennaa xiinxalluu, ummati Filitsixeem hiriiraan yoo dhumees dafee dhageetti hin argatu. Gammachuu israa’eelootaa jiraachiisuuf fiigamaa jira waan ta’eef.

BIYYAA EERTIRAA:-

Ertiraan abshaalummaa dursitoota isheen har’a geese. Faranjoonni osoo irratti hin beekiin dargii kuffisanii, hatattamaan ammoo hiree murteeffannaa gaggeeffatan. Warri dhihaa adeemsa Ertiraa caalaatti kan hin jaalannee, bilisummaan booda waggaa 10 barfateeti. ilaalcha isaan qaban Afriikaa keessatti gadi dhaabbuu jedhanii shakkan. Maxxantummaa fi ashkarummaa hin fedhan. Ertiraan dhiiga ilmaan isheetiin bilisoomte. Dursitoonni ishee garuu , Bilisummaan alaabaa dhaabbachuu qofaa mitii jedhu. Daangaa addunyaan beektu sararachuutu xumura bilisummaa dhugeessaa jedhu. Xiinxaltoonni keenya tokko tokko fi namoonni tokko tokko dursaan isaanii dikitaataraa jedhu. Maaliif jettanii ? yeroo jedhaman ammoo, waggaa ammanaa taa’ee jedhu. Garuu dhimma isaanii qorannee akkas jennaayii ? isaan kan jedhan, daangaa keenya nu sararaatii, dhaloota itti aanutti Biyya daangaa qabduu laannee mana keenyatti gallaa jedhu. Faranjoonni ammoo rakkoo biyyoota gidduutti shidaniin jiraatu waan ta’eef lakkii jedhanii qabanii jiran. Jarri waan isaan gaafatan guutuu dinnaan humnaan bakkatti deeffachuuf ijaarsa isaani eeggatanii jiran . Daangaan Ertiraa karaa galaanaa fi yemen malee , karaa sudaan, Itoophiyaa , Jibuutii hin sararamiin jira. Kana gochuuf ammoo warri addunyaan harka jirtuu hayyamuu didanii jiru. dursitoonni biyyattii, dhaloota itti aanuuf dhiiga dabarsuu hin barbaadan. Nurratti haa dhumatuu jedhu. Waan waggoota baayyee angoorra jiraataniif dikitaataraa yoo nama jechisiisee, Ameerikaa keessatti waggaa 4 fi 8n wal furanii gurraacha biyyatti jiru hanga miliyoona 3 fi 5 mana hidhaatti guurani jiraachuun dimokiraatawaa  nama jechisiisa laata ?

Ani akka nama tokkotti , Ertiraa moggaa jirtuu akkas kan qaban, Oromiyaa Biyya oromoo boruu gaafachuuf deemnuuf maal nuun jedhuu ? isiniif hin sararruu jedhuu ?daangaa amma jirun walloofaa dhabnee jirru kana nu mirkaneessuu ? lafa keenya keniyaa keessatti cite jiru asi nu deebisuu ? gaaffilee kkf kaaseen deebii isaaf yaadda’aa. Beektoonni keenyaa dirree siyaasaa irratti wal qaban ogummaa isaaniin walitti dhufanii waan kana qoratanii irratti ni hojjatuu laata ? jedheen yaada. Adeemsa ertiraa irratti hordofaniin yoo nutti dhufan akkam goona ? shira wal fakkaataa yoo nu irratti raawwatan maal goona ? filannoo biraa maal of harkaa qabna ?

Wayyaaneen maqaa investimantiin abbootii qabeenyaa siyaasa aduunyaa keessatti qooda ol aanaa qaban hundaa Oromiyaa keessa qubsiiftee jirtu shira wayyaaneen mo’amanii maal nu irratti raawwataa jiru ? chaayinaan faa’aa dantaa isaaniif maal nu irratti raawwatu ? Biyya ta’uu keenyatti ni amanuu ? addunyaa dantaa ishee dursitu keessatti maal hojjachuu akka qabnu dursinee beeknaa ? irratti qophofnaa ? jedheen yaada. Kun dhugaadhaa. Waggoota muraasa booda waan nu mudatu. Rakkoon ertiraa har’aa dursitoota jiran osoo hin taanee, Daangaa beekamaa raawwatamuufii dhabuudha. Ertiraan akkaataa teessuma lafaan hedduu barbaachiftuudha. Warri akka itoophiyaatti irratti ajaju barbaadan jiru. dursitoonni Ertiraa kana jibbu. Kun warra dhihaaf hin liqifamu. Kana liqimsiisuuf waa tokkon isaan qabuun barbaachisaadhaa. Innis daangaa sararuu dhaabuudhaa. Akka hin raawwannee taasisuudha. Falmaan cichoomiinaan adeemsifamuu dikitaatarummaa nama jechisiisaa laata ? faranjoonni warra mata jaboo kaasanii ashaangullitii akka wayyaanee keewwatanii biyya hammacuun amala isaaniti. Nuutis bor yoo kana dinnewoo ? dikitaatara jdhamaa ? waraana keenyaaf bakka laadhaa jedhamnee yoo didinee, ashabbaarii har’a jedhamnuu itti fufaa ? kanaaf qalbifachuun dansaadhaa. qalbifatanii of qopheessumis akkasuma.

BIYYA WAYYAANEE FI WAYYAANEE :-

Wayyaanee irraa maaltu argamaa katabdaa ? jechuu dandeessu. Garuu waan irraa baratanis jiraa, hammeenya ishee ilaalanii boruu hammeenya hojjachuu irraa of qusachuunis jira. Adeemsa wayyaanee jalqabaa dhiifnee, badii wayyaanee xumuraa irraa dubbachuutu dansaadha. Walii galatti wayyaaneen dacha dargii ta’uun ishee irraa waa hedduu baranna. Adeemsa isaanii dargii balaalefatan deebisani akka ta’aniif isaan dirqisiisee qoratanii boruu akkas akka hin taanee irraa barachuutu danda’ama.wayyaaneen duraanuu, Biyya koo irran jiraadhaa jettee hin dhufne. Biyya abbaa qabu irra humnaan teessee bulchuu dhuftee. Biyya namaa irra buluun rakko hin qabu. Warruma abbaa caalaa hojjatanii buluun inuma jira. Badiin biyya namaa irratti hammeenya raawwachuudha. Hegaree ofii wallaalanii boolla ofiif qotuudha.gawwummaan wayyaanootaa biyya miidhaa hojjatan keessatti qabeenyaa horannee jiraannaa jedhanii yaaduu isaaniiti.

Abshaalummaa fi hattummaa addunyaa ilaallatanii , dantaa abbootii irree addunyaa irratti sagantaa baafatanii jiraachuuf yaaduun isaanii, lafa jiran isaan wallaalchisee jira.waan yaadan hundaan kufaniiru. Addunyaan amma isaan baachuu dandeessu hin tilmaamnee. Addunyaa barbaraaf gawwamsuutti muratan. Hattummaa fi sahfxummaa dhalotatti dabarsanii jiraachuu barbaadan. Kun hundi badii har’aaf isan saaxile. Kan harka isaanii lakkaawwachuutti isaan dhiheesse.boolla namaaf qotuu malee , boola qotameef osoo hin arginee, Biyyeen itti deebi’uu arguuf taa’u.

kutaa 4ffan itti fufa

HORAA BULAA !!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!