Dhugaabaasa Dhugumaa: Qabsoo Bilisummaa Oromoo Waan Darbe, Ammaa fi Egeree (Ta’uumalaa)

Qabsoo Bilisummaa Oromoo Waan Darbe, Ammaa fi Egeree (Ta’uumalaa)

Adooleesaa 25 bara 2016

Dhugabaasa Dhuguumaa

“Dima hin tuffatin, guddiftees sodaa dhaan lafa ofiitti hin dhiphisin” (Kaayyoo Naamusaa fi Sansakkaa Qeerroo Bilisumaa Oromoo Ebla 2012 irra deebi’e Haaromfamee fuula 9 irratti)

(Barreeffannoo kana guutuu isaa as tuqxanii banachuu dandeeyssu! >>> Qabsoo Bilisummaa Oromoo Waan Darbe, Ammaa fi Egeree (Ta’uumalaa)

Seensa

Barreeffamni kun bifa cuunfaan kan darbee irraa jechuun bara 1992 irraa eegalee waan keessa dabarre wal yadachiisuun, kan amma keessa jirru walumaan ilaaluun ta’u malaa (senario) egeree keenyaa lafa kawwachuun bu’aa Oromoof akka sabaatti qabnu keessaa arguuf mariif kan akeekame dha. Dhugabaas Dhuguummaa ergamaa rabbi miti, ammoo muuxanoo fi bu’aa ba’ii keessa darbe irraa haguma rabbi itti mul’ise waa akekuuf tattaafata.

Namooti barruu darbe irratti yaada ijaaraa sarara e-mail irraan ergitan (feed back) maraaf galata guddaa isiniif galcha. Akeekni barruu kanaa Jaarmooleen Oromoo hoggana irraa kaasee haga kora miseensotaatti, dhuma baatii Adooleessa kanaa hanga walkeessa Hagayyaatti teessuuma ykn kora ta’uuf deemu. Jaarmiyooleen martuu dhimma jaarmayaa fi deemsa Qabsoo Bilisummaa irratti mari’achuuf akka qophaawaa jiran tilmaamama. Barruun kun maarii gaggeeffamu keessatti akka ka’umsa dubbii ykn guduunfaatti waa gumaacha jedhamee abdatama, na ofkalcha!

Har’ii Kaleessa irraa adda, boruus har’a ta’u hin danda’u. Akkuma yeroon jijjiramaa deemu bilchinni ummataa fi Siyaasini adunyaa illee jijjiramaa deema. ABOn Mootummaa ce’umsaa bifa kamiin seenee, tibba mootuumaa ce’umsaa keessaa ture maal rawwatee, maaliif ba’ee, akkamiin ba’e isa jedhu gilgaalli fi barreeffamootni adda addaa qophaawanii jiru. Mootummaa ce’umsaa keessaa ba’uu booda haalli siyaasa adunyaa fi gaanfa afrikaa, mishoominaa fi dhibdee dhaabicha mudatani, kan har’a keessa jirru fi maaltuu nu muddachuuf deema laata isa jedhu gababaatti irra waa jedha.

ABO Mootummaa Ce’umsaa keessaa dhiibamee ba’uu, Waxabajii, 1992

Oromoon da’imman isaa yeroo lakkobsaa barsiisuu: tokko maaali? Tokkitiin qubeelaa, Lama maali? lameen mucha harree, tokkittiin Qubeelaa, Sadiin maali? Sadeen sossomaani, Laman mucha harree, tokkittiin qubeelaa jedhee itti fuufa. Sadaan sossomaanii mootummaa ce’umsaa EPLF, TPLF fi OLF turan. Eeleen sossomanii kana irraa mootumaa ce’umsaa yeroo ta’u budeena irratti tolfamu gargaareen ummataaf tolcha kan jedhe Mootummaa USA ture. (No democracy, No cooperation).

 

(Bitaa irra garaa mirgatti:Herman Coehn, Meles Zenawi. Leencoo Lataa fi Isayas Afeworki)

 

Haata’uu malee akeeka ABUT shira aangoo of harkaatti galfachuuf qabu irraan deemsi Motuummaa cehumsaa haala ABOn nagaa fi tasgabbiin keessatti hojjeechuu danda‘u humnaa ol waan ta’eef filmaata bulchinsa naannoo keessaa waxabajjii 17 bara 1992 ba’uu fi dirree qabsootti deebi’uuf dirqame.

Siyaasni idil Addunyas dhumachuu lola qabbanaawaa, jalqabaa bara 1990 hangaa bara 2000 gara jalqabaatti harka humna aangawaa tokkotti (Unipolar) tatee turte. Kunis kan mootummaa USAn durfamuu “liberal democracy“-ttu mul’ata bulchinsaa fi sochii gabaa/kapitaalaa walabaa ta’e.

Gaggesitooni Mootumaa USAs mul’ata adunya ittin dhuunfatan kanaaf qaban akkana jedhanii lafa ka’an: “The vision of a “new World order” is the one in which the rule of law supplants the rule of jungle, disputes are settled peacefully, aggression is firmly met by colletive resistance, and all people are justly treated“. (Statements of President George Bush, September 11,1990, January 29, 1991, and April 13,1991).

Humni aangawaan USAn durfamu kun dhimmoota biyyoota walaba ta’an keessas seenuun akka fedha isaatti tolchaa ture. Dhibdee shororkeesitoota dhalate irraan kan ka’ee, dantaa mootummaa USA tiksuun kan jedhuun abban irree heduun akka dhalataaniif dandii saaqe jira.

Karaa diinagdees dhibee sochii capitalaa furachuf jaaramun tokkummoota akka Awurooppaa (EU), Amerikaa Kaabaa (NAFTA), Afrikaa (AU) calaqqii kanaa turan. Humni aangawaan sun har’a rakkoo dinagdee guddaa keessa jira. Rakkon nagaa fi tasgabbi (Global security) haala irraa jalqabe irraa Somalia, Iraq fi Afganstan har’allee rakkooleen daran hammate keessa jira. Mootummaan USAn nageenya addunyaa keessatti qooda guddaa qabaattuus addunyaan humna hedduu (multipolar) taatee jirti.

Haala Idil Adunyaa fi Gaanfa Afrikaa tibba sanaa

Haalli idil addunyaa fi Gaanfa Afrikaa sababa ilaaluuf nu dirqu, hunda caalaa haalleen kun lamaan baroota kurnee lamaa fi walakkaa darbe keessatti ABUT fi mishooma ta’anii humnoota mirga isaanii falmaniif hudhaa itti ta’uun akka bishaan nama reebuu waan taasisaniif dha.

Haalli siyaasaa G/Afrikaa kan addunyaa irraa adda citee kophaa jiratu waan hin dandeenyeef, Sochiin bilisummaa Oromoo akkuma sochiiwwan hundaa haala addunyaa walii galaa fi kan godinaatiin ni aanjawaaf ykn ni daddaaqama. Kanaaf jecha gaafa ABOn mootummaa ce’umsaa keessaa ba’ee dirree qabsootti deebi’u haallan turanii fi dhiibbaan haallan kun QBO irratti uuman ilaaluun dirqii ta’a.

Hunda dura EPLF fi Mootummaa USA kan biyyootii dhihaa dursuutu ABO ganan. Kanas namni yeroos jaraa lamaanittu itti dhiheenyaan hojeetaa ture Obbo Leencoo Lataa, Kitaba Asafa Jalata Oromo Nationalism and the Ethiopian Discourse (1998) fuula 59 hangaa fuula 67 bal’inaan akka hubannoof ta’u dhalootaaf ibsuu fedha. Bakka tokkotti quqquqqaa hamtuu qabu jecha isaa osoo hin jijjiiriin fuula 63 irratti akkas jedha: “One can not help but wonder why all these OLFprotests fell on deaf ears. There are many who believe that both the US government and the provisional government of Eritrea (PGE) were collaborating with the TPLF/EPRDF to either keep an emasculated and ineffective OLF in the TGE or push it out of the coalition

EPLF fi USA fi biyyotii dhihaa bakka eegalaa maaliif ganaan jenne yoo of gaftnee hunduu dantaa ummata isanii waan dursaniif ta’uu wal nama hin gafachiisu. Sababoota hedduu keessaa hangaa tokko hubatnoof kan EPLF yoo xiqaatee sababaa sadi maqaa dhayu dandeenya. Isaniis:-

  • Walaabuumaa Eritrea kan dhugeeffataan yoo mootummaan Ityophiyaa sirnaa UN keesatti xumureef duwwa dha. Waraanaan biyya dhunfaachuun duwwaa biyyaa walaaba seeraa idil adunyaan beekame nama hin tolchu.
  • Wayyaaneen akkuma bara 1990 keessa OPDO boji’amtoota irraa ijaarratteen ELF irraa adda baatee “The Democratic Movement for the Liberation of Eritrea (DMLE)’’ ijartee turte. Kun gama EPLFn bifa tuffiin kan ilaalamu yeroo ta’u ABUT harka dhimma Eritrea keessa galfachuuf kan tolchate ta’uun hubataamaa dha. Kanaafu EPLF sababa dhimma Walabummaa isaanii xumurachuuf jecha wayyaanee dura dhaabbachaa hin turre.
  • EPLF ilaalcha siyaasaa isaa keessatti gaffii Oromoo Walaabummaf gaggeessu irratti

amantaa hin qabu, kanas barruu ADULIS bara 1985 irratti ibse jira. Kuniis:                “..the

demand for the secession of the Ethiopian nationalities has neither an historical nor an economic basis; nor is the extent of the prevailing national antagonism so acutely sharp as to justify it”. Kanaafuu bara 1991/1992 yeroo gaaffiin Oromoo o’ee ka’e gamachuu irra riffatnoo guddaa qabaachaa turan.

Kan Mootummaa USA fi warra dhihaa

Kan EPLF hanga kanaa yoo jedhame gama Mootummaa USA fi warra dhi’aa Bin Laden qindeessaa fi gaggeessan Al Qa‘idaa teessoo isa 1991 hangaa 1996 Sudan Kahrtum godhate. Silafuu Somalian kufaatii Sa’iad Barre bara 1991 booda mootummaadhablee (stateless) taate jirti. Inumaayyu bara 1993 maqaa nagaa fi tasgabbiin waraanni USA Somalia seene akkuma bakka biroo waraana injifatnoon xumuramee nagaaf tasgabii gadi dhabe miti. Rakkon Iraq fi Afgahanstan hiikamee hin jiru.

Baroota 1980-ta irraa eegale Ayman al-Zawahri kan dhalootaan Masrii (Egyptian) ta’e Afghanistan deemuun Muslemootaa kakaasuun warra faalla Tokkummaa Soviyetti dhabbate ta’un ni beekkama. Akkasumaas Osama Bin Laden bara 1987 irraa eegale Saudii irra garaa Peshawar, Pakistan-tti marmaarun dinagdee barbachiisuu maddisiisuun qabsoo farraa Tokkumaa Soviyeet godhamuuf akka utubaa ture ni beekkamaa. Kuufaatii Godinaa baha fi olantuummaa Godinaa dhihaatti darbee keessatti humni jihadistootaa akka humna USA jalaatti hin dhunfatamiin ifa ture. Kanaafu deemsaa fi Iajaramuun network Jaarmaa jara kanaa sadarkaa idilee adunyaatti hiddaa hagam akka godhachaa deemaa jiru Tiktii USA suufa ture. Kanafuu mootumman USA haala Somalia fi Sudan keessatti deemuu irratti yaaddoo guddoo qabaacha ture. Haala akkasii keessatti August 23 bara 1996 Bin Laden jalqabaaf akka Alqai’idaatti lola labsii kan jalqabaa USA irratti ifaatti labse.

(Bitaa irra gara mirgaatti: Omar al Bashir, Hassan al Turaabii fi Osama Bin Laden)

 

February 1998 Qindoominaan humnootiin lola jahad gaggeessan Al Qaeda, Egyptian Islamic group kan Ayman al-Zawhariin gaggeeffamu gamtaan Jew fi USA irratti waraana labsaani. Erga Hagayya (August) 7 bara 1998 balaa Shoroorkeesitootan Imbasiin Amerikaa kan Nairobi, Kenya fi Dar es Salaam, Tanzania irraan gahani namnii 258 lubuu dhabee fi gara nama 5,000 mada’een booda nama sochii qabsoo hidhatnoo keeysatti qooda qabuuf ilaalcha gaari hin qaban ture.

(Imbasii USA Narobiitti erga balaan irra gahe booda)

 

Mootumman USA bara 1998 keessa miseensoli Alqai‘idaa balaa magaala Imbasii isa kan Darersalaam fi Nairobii irratti kan raawwatan hogganoota alqaiida kan akka Fazul Abdulla Muhammed, Fahid Muhammed ally Maselem ganfa Afrikaa jiru jedhe waan shakkeef biyya isaa waliin hariroo tolfachuu ni barbaada ture. Kana ta’uun Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan Hidhatnoo of keessaa qabuu tumsuun hafee ABUT akka mirga uummataa kabajuu itti dubbachuuf afaanuumaaf malee dantaa isaa kan duraa waraana, tikaa, gargarsaa dinagdee fi diplomasii ABUT gochuu dha. No Democracy and No cooperation! Dhaddannoon jeedhuus bakka kanaatti bishaan dhugee hafe.

Daran bara 2001 boodaa haala dhalateen Ityophiyaan deebitee “Geostrategic interest” biyyaa USAf tatefii jirti. Bifa bakka isaa buutee waraana gaggeessitu (Surrogate corporation)ti ilaalamtee gargaaramaa jiriti. Lenjii waraanaa, Tikaa fi Meeshaa waraana tahu Amerika irraa argachuun adduu guuyyaa beekamamaa dha.

Muddee 12 bara 2002, irra eegalee command post isa Lemonnier Djibouti godhaachuun Waraani USA waraana goleesitootaa irratti gaggeefamuuf nannoo ganfa Afrika to’ataa jira. Kana keessatti odeeffata tikaa geesisuu, lenjisuu fi Hidhachiisuu Waraan Ityophiyaaf waan goddoo gargaaree jira.

Kan hafnaan ergaa qoqqobiin kaaba Korea irratti Amajii bara 2007 keessaa labsamee, Ityophiyaan garuu meeshaa waraana akka irra bitaattu gabaafamee jira “(Herald international Tribune April 9, 2007)”

Pentagon sochii daangaa Somalia irratti godheen humna adda kan akka Agazi jedhamee waamamuu farra ummataa kan leenjissee isa dha (February 24-25, 2007 Herald International Tribune)

Mootumman USA deemsa karaa Shororkesitootaa duraa dhabbachuu irratti fudhate keessatti TPLF/EPRDFn akka wahilaasatti ilaaluu keessatti midhaa inni geesise akka aramaan gadiitti dhiyaate dha. Isaniis:-

  • Waraana fi tikaa TPLF leenjisuu fi waliin bobba’uu. Meeshaa fi Qaromiina tikka fi waraana guddisuun
  • Mootummaa EPRDF karaa diplomasi adunyaatti akka cululuuqee mul’atuu gochu. Jarmayaa naannoo utubuu fi keessatti akka mootumman EPRDF calaqiisuu gochuun. Fakk. IGAD, NEPAD warra biroo akka G8, G10, G20, Economic Forum akka Davous

 

  • Imaammati USA karaa qondaalota isaa calaqqisu kan Wayyaanee dhaadheessuu fi tattaaffii mormitoota xiqqeessuu: fkn. Mr. David Shinn Yeroo Gadaa Ambasadarummaa isaa xumure deebi’u OLFin sababaa laman Komaate kunis 1) Yaada waraanaa kaasu 2) seera TPLF fudhaachuu diduu. Xumura bara 1999 fi Jalqaba 2000ti Susan Rice Congressional Sub-committee fi yeroo ragaa kennitu OLF akka “bad guys” jechuun kunis

 

Qabsoo hidhanno goochun isaani nagaa boreessa jeette. Mr. Tabors baatii sadiin booda Ityophiyaan Waan Karaa Demokrasi qabaatte jirtuuf waa’ila Amerka fi hedduu barbachistu dha jedhe.

  • Bifaa Projektiin mormitoonii hidhannoo eessaa akka argatani (disarmament) qormataa gochu. Qoormaata kana keessatti odeeffata dhaabichaa warri qaban akka keessatti qooda fudhatan gochuun madda hidhatnoo dhaabichaa cufuu. Seera fi walii-galtee kana hidhatnoo igituu tolchu. Fakk. Nairobi Decleration 15 March 2000, Bamako decleration fi kkf
  • Gargarsa dhaabbataan karaa USAID kennuu
  • Araarsiituu fakkachuun bifa araaran haasaan dhaabicha qabuu, akkasumas keessa dhaabichaa gara diiguutti bobba’ani. Haasaan kun jalqaba Asmaratti Sept. 14 bara 1992 bakka Mootummaan Eritrea, Ambasadaroonni UK, Germany, Sweden fi USA jiranitti, Carter center Feb. 7-8 bara 1994, Congressional Task force kan Congressman Harry Johnston-n gaggeeffamuu Feb.7 bara 1995, February 24 – 25 bara 1997 Bonn- Germany- tti yeroo tahu, kun hundi ABOf milkii fide hin qabu. Haalli kun humnaa fi hogganoota yaada hiruu keessatti qooda hin qabuu jechuun hin danda’amu. Fakkeenyaaf Kan USA-tti tahe irratti David Shinn fi Hicks koomiin dhyeessan dhibde hiikuu irratti osoo hin taane, Maaliif HD gafaasii (J/Galaasa Dilboo) walgahii sana irratti hin argamne kan jedhu ture. Xiyyeeffannaan kanaa ABO keessatti gartuu nagaa barbaduu fi jibbuu ykn Moderate fi nationalist kan jedhu gad dhaabuuf kan yaadame ture.

Mootumman USA gargaarsa guddaa ADWUI godhuulle kan inni harkaatti diide keessa tokkichii tarree “Foreign Terrorist Organizations (FTOs)” bara 1997 jalqabee gara Jarmayaa 58 tarreeffammanii jiran keessatti ABO hin ramadamiin dhiisuu isaati.

Ergaa Mootuummaa Ce’umsaa keessaa bahamee aasawaan araaraa EPRDF waliin tahan hundi kan milka’uu dadhabeef, karaa ABUT ABOn waan shan akka fudhatu akka haal dureettii waan dhiyeessaniif.

Isaniis:-

1) Gaaffiin Oromoo Impayeeraa Itophiya dimokratessu keessatti ilaalamu qaba. 2) Qabsoo hidhatnoo lagachuu, kan hidhatee jiruu hikkachisuu, 3) Heera Itophiya fudhaachuu, 4) Qaamoolee heera Itophiyaatiin utubaman kabajuu fi fudhachuu, 5) Jaarmayaa adda bilisummaa jedhu irraa gara Paartiitti of jijjiiruun akka Seera fi Heera Itophiyaatti galma’uu kan jedhu dha.

ABOn erga mootummaa cehumsaa keessaa bahee hagaa guyyaa har’attii Mootumman EPRDF kan ABUT hooganamtuu duulaa wal irra hinciitiin ABO irratti gaggeessaa jira:-

1) Humnaa qindoomee fi bifa riphee loolaan WBO fi Ummataa irratti waraana gaggeessuu 2) Hangaa humnii dhaaba laafutti haasa araraan qabuu ykn garaa hirsiisuu 3) Biyyotii angawaa fi Jarmoolee adunyaa biraatti demokratawaa of fakkeessuu 4) Tokkummaa ummataa Oromoo facaasuuf tooftaa yeroo yeroon bifa jijjirratee dhihachuu 5) Qabsicha addunyaa duratti maqaa xureessuuf fi deggarsa dhabsiisuuf bifa adda addaan dhaabbatummaan duula wal irraa hin citne gaggeessunun fakk. Barreffamoota adda addaa fi filmilee adda addaa tolchuun. 6) Qabsoo Bilisummaaf godhamu hamilee fi abdii kutachiisuun ummaticha tohatuuf bifa adda addaan shira xaxuu 7) Qabsoo Bilisummaaf godhamu hamilee fi abdii kutachiisuun ummaticha tohatuuf bifa adda addaan shira xaxuu 8) Ummatichi keessaa fi ollaa isaa waliin walitti bu’ee akka nagaa dhabu bifa wal xaxaa ta’een irratti hojjechuu 9) ABO fi Ummata addan baasuuf ololaa fi dinagdeen duula Ummataa Oromoo irratti gaggeessuu.

10) Dinagdee biyyichaa dhunfachuu, Qabeenyaa Oromoo saamuun akka inni harka mootummaa ilaalu tolchu. 11) ABOn dhaabaa Shororkeessaa tahuu na baraa jechuun xalayotii qopheessee facaasuu fi diplomatoota adda addaa hasofsisuu 12) Mootummaan ABUT namoota mormitoota isaa keessaa bituu irra taree lobbyists kan yaada isaa Washington, Brussels (EU) fi London (UK) tarkanfachisaniif maallaqa itti dhangalasuun of gargarsisuu. 13) Projektoota biyyotii adda addaa waliin kan lamii Eritrea, Ethiopia fi Somalia jalaa bu’ee sochii isaanii hordofuun akkata isaan biyyaachatti deebi’an akka mootummaa waliin hojetan tolchuu.

Haalli fi deemsi siyaasa idil adunyaa Qabsoo hidhatnoo kan hamilachiisuu ta’u hanqachuu, dhibdeen lolaa farra shororkesitootaa fi deggarsa mootummaan ABUT/AWUDI mootummootii angawaa irraa argateen waan armaan oliitti xuqaman qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti waan gurguddoo sadii uume. Isaniis:-

  • Humna silumaa jiru, haalumaa rakkisaa keesattuu warrii Qabsiichaatti ciichee hundee hojii dhaabichaa kan waraana, siyaasa fi diplomasii qindeeffachuun rawwachuuti ka’e. Isaan kun Dhabbataan Waraana of-irraa qolaachuu, Caasa dhaabaa deebsaani ijaaruu, Waraana faca’ee deebsaanii ijaaruu, Jiruu Jarmayaa fi Siyaasa akka ummatichii birmannoo qabsoo itti fuufuu hojeechuu, Biyya alaa keessatti jiruu dur cayaan hojeetamaa ture babal’isuun caasa dhaaba biyyaa ambaa keessatti driirsuu, Humnooti Siyaasa biro waliin humna qindeeffachuun “alternative force” of goochuun falmii siyaasa gaggeeessu. Deemsa kana keessatti hanga guyyaa har’aatti ijjollee Oromoo gootaa fi qaroo kanaa keessaa lubuu isanii jijjiramaa hin qabnee ummataa isaniif keennaan kabajaan bara baraan isaaniif haata’u! Haala walii galaan jaallan kun egereen keenyi ni tola jedhanii qabsootti ciichani “Tommorrow is another day”
  • Impayeeraa Ityophiyaa keessatti barootii 70f 80-oota keessa Oromuumman kan dhokfataan yeroo tahuu har’aa jarmaya maqaa Oromoon maxanfataani si qabsa’aa jeechuun madda jireenyaa ta’ee jira. Har’aa biyyaa keessatti dhabbooleen maqaa Oromoo qabataanii heera Ityophiyaa keessatti galma’anii jiran heedummessee.
  • Oromoo yeroo mammakuu nama garaa hiru waliin hin deemin jedhe. Roorroon adda addaa ummataa Oromoo irratti gara jabinaan raawatamaa jiratullee furmaatnii kan ABUT yeroo haasa araaraa lafa ka’ee sana fudhachuun qabsoo hidhannoo lagachuu fi sagantaa siyaasa jijjiruuf tattafachuun mul’achuu eegale. Haalli kun keessaa dhaaba soofaa turee bara 2008 hangaa uumaama ADO-ti ifaa deeme. Isaanis akka duriin demuun malaa gowwaa dha, Of irratti hirkachuu irra waan ambii nuun jedhu mara tolchinee wa’iitti baanaan gamnumaa dha jeedhani fudhatan. Silaafuu Oromoon gandaa fi amantiin wal ciree jira jedhan. Sabbonummaan Oromoo abdii hin qabuu warra jeedhee warra qalbiin isaanii cabxe dha (“defeatist”).

Abdii kutachuun kun jalqaba akka nam tokkeetti harka kennuu, sanaan booda gamtaan akka Lichoo Bukuraaffaa meeshaa waraanaa oromoon itti bitee gad gonbisuun fi waraana oromoo karaa irra jallissuun harkaa keennuun qaanii oromoo tahe. Qanyiin hedduun wal irratti kanaan tarreessuu hin feenee kan oromoo mataa gad qabachiisuu gad ya‘ee. Gartuun Lichooffaa faana galee ABOn kanaan booda hin jiru kan xumuraa nuyi jechuun jala saraaruun ibsani.

Ammii jarmaya ijaarratee seeraa Ityophiyaatti galma’ee filaannoo seene, ammi akka nama tokkeetti harkaa keennuu, ammi gamtaan biyyaatti galeess fi galuuf iyyataa galfatee, kan biyyaa ambaatti achi bahe of ijaraan hundi ABO-tti kan dhagaa jibbaa itti hin darbatiin hin jiru. Dhimma kana kan kaasnuuf rakkoo keessa dabarre hin irranfannuu dha malee Keessaa jiraachuudaaf miti!

Kana kan hin irranfaneef : ABUT Barm “Abiyootaawwi Dimokiraasii” jedhanii ilaalcha siyaasa isaanii ittin hogganaman kataban keessatti. “Adeemsa siyaasaa keenya keessatti gufuu guddaan, qabsoo Ummata Oromooti. Kan Ummatichaa irra ammoo, kan ABO ti. ABO ummata kana irraa adda kutuun kaayyoo keenya jalqabaati. Kana raawwachuuf ammoo waan ABOn ummata kanaaf fiduuf deemu harkaa fuune, halagaanis waan sana akka isaaf fidu danda’u itti himuu qabnaa. kanas warra kaayyoo dhaabichaa qabatanii Ummata kana biratti jaalala qaban irraa fageessu (bifa gara garaan),” Jedha, karoorri diinaa kun sadarkaa diinni itti yaade hangaa tokko itti milka’ee haa fakkaatu malee, ABOn yeroo gababduu keessatti of ijaaree WBO Zoonii Kibba gad dhaabee hojiin Qeerros lafa qabaachuu eegale.

Haala amma keessa jirru

Ummanni Oromoo erga humna gabroomfattaa jalatti kufee kaasee bifa fincilaa adda addaa irra gurmaa’ee akka jarmayatti erga qabsoo hadhaawaa taasisaa walakaa jarraa tokko ta’uf deema. Fincillii Diiddaa Gaburummaa alana Finfinnee irraa gara dhihaatti kilometeeraa 80 irratti kan argamtuu magaala Ginciitti eegalame. Abiddii qabsoo karaa nagaa Qeerroon achiitti shidame Oromiyaa guutuu yeroo gababaa keessatti waliin gahe. Fincila hanga ammaatti gaggeessamee irraa waan adda isa godhaan waa hedduu keessaa hanga tokko maqaa dhayuuf :- 1) Hawaasa Oromoo akkata jireenyaa, ummuriin fi naannoon osoo hin qoodamiin tooraa hundaa kan hirmachiissee tahu. Akkasumaas qaamolee mootumichaa kan adda addaa keessaa fakeenyaaf kanneen akka poolisoota Oromiyaa, Oromoota humna waraanaa keessa jiranii fi namoota sadarkaa itti gaafatamummaa gara garaa irra jiran hirmachisuu isa 2) Akka abidda saafa saffisaan guutummaa Oromia waliin gahu.3) Ummatni Oromoo sodaa qawweef jechaa falmannaa mirga irra duubatti kan hin deebinee ta’u 4) Adunyaatti seera hordofee mirga isaaf falmachuu ummataa danda’uu ta’u kan itti mirkanessee 5) Sababni sochiin kun itti eegalee Addis Ababa Master Plan ta’un gama tokkon falmannaa Oromoon handhuraa lafa isaaf qabu tahe akkasumas kan kana waliin waliitti hidhataan gaffii waloo addaa akka qabu mul’isu 6) Dhadannooleen ummatichaa fi Alaaba ABO ol kaasuun gochaan Abiyotawii demokrasii saba Oromoof farra ta’uu fi Uummati Oromoo kaayyoo ABOn hawwatamuu mul’isa, akeeki diinni ABO irratti ololuus fashaluu agarsiisu. 7) Oromoon gandaa, amanti fi ilaalcha siyaasan wal qoode jira kan jedhu olola diinaa ta’u mirkaneessuu fi kkf dha.

Sochiin Qeerroo kun har’aa ergaa eegalee ji’oota saddeetii ol lakkoofsisee jira. Sochii hanga ammaatti taasifameen, mootummaan ABUT hogganamtuu qaamni guutuun laamsha’ee bulchiinsaa ummataa gara bulchiinsaa Waranaatti gedaruun Oromia bulchinsa Generaloota sadeet jalaatti galche jira. Hanga ammaatti Oromootiin gara 600 ta’an lubuun isaanii rasaasa waraana Ag’aazii fi poolisoota Federaalaatiin gara jabeenyaan ajjeefamanii jiru; heedduun yeroo madawan fi qaama itti hir’atan, gariin bakka bu’anuu hin baramiin jira, kumoota dhibbaan kan lakkaa’aman manneen hidhaatti guuramaa fi achi keessatti dararaama jiru. Qeerron Fincilichaa

Fincilaa Xumuraa Gabrummaa (FXG) jechuun xiiqii sabuumman ammayyuu bifa adda addan itti fufee jira. Haata’u malee sochiin kun deemsa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti booqonnaa haara ta’uun Mootummootii angawaa irraa hanga humnootii siyaasa naannoo ganfaa afrikaatti socho’an maraaf qabxii marii ta’e jira. Mootumman ABUT-tin hogganamtuu heedduu raafamaa jirti. Qaxaamura kana irratti maaltuu raafama kanaaf gahee? Jaarmoolee Idil adunyaa attamiin simatan? ABUT haga ammatti attamiin simmatee? Gara fuulduraa maaltuu ta’uuf deema laata dhimmoota jedhan ilaaluun murteessaa dha.

Dhiittaa mirga dhala Oromoo irraan ga’u ilaalchisee waan haarayaa hin ta’iin duruu raawwatamaa ture keessaa; Bitotessaa bara 1992 ajeechaa jumlaa Oromoota hiriraa magaala Water baha Harrargetti bahani irratti kan rawwatame akkasumas Bitotessaa bara 1995 Sigmo fi Gattira, Ebla bara 1995 gandaa Babo Gambel, FDG bara 2005/2006, Gaara Sufi Guraandhalaa bara 2007, Muslimootaa Oromoo Ebla fi Hagayaa bara 2013 Asasa fi Kofeleetti ajeeffaman, Liyu Police warra jedhamaniin baha fi kibbaa baha Oromiyaatti bara 2013 eegalee hanga ammaatti raawwatamu akka fakeenyaatti maqaa dhayaman dha. Akka nama tokko tokkoniis hawaasa Oromoo tooraa hunda keessa haala sukkaneessan ajeefamee jira.

Kaan hafee yeroo haasa araaraa ABO waliin gaggeessu karaa ciinaa namootaa bebbekamoo ni dhabamsiisa ture. Fakk. Haasaan araaraa Asmaratti fulbaana 14 bara 1992 osoo ta’uuf deemu hagayya 3 bara 1992-tti Nairobi-tti humnaa adda erguun Jaal Jatani Ali, nama bakka bu’aa ABO mootummaa cehumsaa keessa ajeesani. J.Lammessaa Boruu kan Public relation ABO ture baatii Fulbaana 1992 uukamsaan. Haasaan Carter center gurandhala 7-8 bara 1994 osoo deemaa jiruu bitotessa 1994 Abba Gada Boru Guyyoo haasaa araaraa jedhuun afeeranii fedhiin isanii gutamuu hanqatnaan ajjeesan. Akkasumaa fulbaana 1994 Obbo Darara Kafanii nama bekkamaa fi jaallatamaa Ambo, dhiha Shewa-tti balbala mana isaa irratti ajeessan. Haasan Congressional Task Force (CTF) guraandhla 6-9 bara 1995 Washingto D.C-tti tahuf deemuu halkan tokko hankaksuun Surree fi Kiyyoo baha Harage ona Dadar kessatti gurandhala 5, 1995 Jumlaan gara nama 30 ajeessani heeduus madeessan fi kkf.

Waliigala dhittaa mirgaa dhalaa nama baroota 25 darban dhawataa fi dhabbataan akka Oromummaa issatti kan irra gahaa ture fi jiru dha. Kan ammaa kun Kana hanga ammatti ta’an irraa adda ta’e osoo hin taane qindoomina deemsa hiriirichaa fi murrannoo ummatichi falmii mirgaa isaaf gochaa jirutuu hundi akka ijaaf gurra kennuuf tolche. Nagaa fi tasgabii ABUT irrra boonutu gaaffi keessa seene. Simannaa hiriira Oromoo qaamoota alaa dantaa ganfa afrika irra qabna jedhan ilaalchise bakka Sadiitti ilaalamuu danda’u. Isaniis:-

  • Warra caliisuu filatee hanga tokko maqaa dhayyuuf: China, Russia, Japan, IGAD, AU fi DAG (Development Assisatance Group of Ethiopia)
  • Warra ibsa adda addaa irratti baasan. Isaniis Mana Maarii Awuroppaa ( EU parliament), USA, biyyotaa Awuroppaa keessaa akka UK, Norway, Germany, Sweden fi Qaama UN.
  • Warra dhimichii yaaddoo irra taree mootumichaa kufatii hamaa irra hanqisuun dantaa isaanii eegsiisuuf carraqan. Isaniis USA, UK, Israel, France fi Germany

Qabxii lamaffaa jalaatti ibsootaa ba’an yoo cunfinee ilaalle;- US State Department

Muddee 18 bara 2015 Gochaa Mootumaan ADWUI balaleeffatee dhibdeen jirtu akka haasan (dialogue)n hikaamtuu akkasumaas hiriiricha bifa nagaan dhunfatameen (non-violent) akka tahu.

Amajii 14 bara 2016 ammas mirgaa ummataa ukkamsuu irra akka of quusatu waamicha mootummaa Ityophiyaaf gochuun gaggesitoonii party siyaasa fi journalistooni akka mana hidhaa keessaa gadhifaman gaafate.

Dhumaa Bitoteessaa bara 2016 US Assistant Secretary of State for Democracy, Human Rights, and Labour Tom Malinowski biyyaa Ityophiyaa deemuun qoondalootaa Mootummaa Ityophiyaa waliin haala mirgaa dhala namaa irratti marii godhe.

Ebla 20, bara 2016 Senatarooni US murtee hin abbomamnee (non-binding resolution) kan Mootumma Ityophiyaa balaleeffatuu gargarsii USAID mootummaa Ityophiyaaf godhuu bifa Itti gafatamuummaa qabuun akka mootumman US to’atuu gafatani.

Ebla 29 bara 2016 mootumaan US haala deemaa jiru balaleeffatee Bekele Gerba fi namoonni biroon hidhamaan seeraa shoroorkeestootan ta’un akka sirrii hin ta’iin ibse.

Tuutni nama Afur of keessaa qabu UN Special rapporteurs Amajii 21 bara 2016, gamatan haalaa fi gochaa mootummaa Ityophiyaa balaleeffatani wanti deema jiru gartuu walaaba ta’en qoorataman murteen karaa mootummaa gamtoomani irratti fudhataamuu gafatani.

Amajjii 21 bara 2016 Manii Maarii Awuroppaa (European parliament) jechoota jaajjaboo ta’aniin murtee qabxillee 19 of keessaa qabu dabarsani, garuu bifa ittin jiruutti hikaamuu irratti hidhaa ykn gudunfaa seera jabaata hin qabu ture.

Waxabajjii 23, bara 2016, Koreen Mana-maree Murtii Seeraa US Itiyoophiyaa Keessa Mootummaan Hunda Hammate Akka Jiraatuu fi Mirgi Dhala-namaa Akka Kabajamu Ka Gaafatu Wixinee Seeraa Haaraa Baase kanas Kongresii 114ffaa irratti dhihaate wixineen seeraa kun, Itiyoophiyaa keessa, Mootummaan garee hunda ammate akka jiraachuu qabus gaafatee jira.

Qabxii sadaffaa jalatti

Bitooteessaa 31 bara 2016 Gen. David Rodriguez ajajaan Waraana African Comand (Combined Joint Task Force – Horn of Africa, Commander U.S. Africa Command) mootummaa USA bakka bu’uun akkasumaas Gen. Samora Yunis, ajaajan Waraan ittisaa biyyooleessa Ityophiyaa (Chief of Staff Ethiopian National Defence Force) walgahuun waligaltee gilgaalaa haala naannoo ganfaa afrikaa boodaa waligaltee haaraa kan karaa logistics, services, dhiyeessii fi gargaarsa (supplies and support), akkasumaas kuufamaa odeeffataa waliqooduu (Data-Sharing Network) fi sirna waraana (combat engineering) kan dabalatuu irratti akka waltumsaan walii malatteessan.

 

 

Eblala 16 bara 2016 Ambassador Bonnie Jenkins Jilaa Mootummaa USA bakka bu’un konfransiii akkataa hojii irra oolchuu murtee UN Security lakobsaa 1540 (2004) African Union (AU) mariisise. Murteen1540, kun mootummootiin akkaataa itti seeratti hidhamuun humnootii adda addaa kan mootummaa irra ala ta’an kan akka shorkeesitootaa fi humnoota biroo hidhatnoo qaban gargaaruu keessatti sadrkaa hidhannoo meeshaa nuclear, chemical, biological meeshaa xixiqaa irraa akka tohataman tolchuu dha.

Ebla 4-5 bara 2016 The Munich Security Conference walgahii adda jalqabaaf ardii afrika biyya Ethiopia keessatti godhachuun akkataa lolaa farra golisitootaa cimsaamuu fi dhibdee waraana dhalatu keessatti bifa biyyootiin Afrika adunyaan fardiin wali birmachuu danda’yuu gara namoota 60 kan ta’an namoota moyxannoo qabanii fi bakka bu’oota mootumoota biyyootaa Africa, Europe fi US magalaa Finifinneetti walga’uun marii gaggeessan. Qindeessan MSC diplomat German, Wolfgang Ischinger, dura ta‘aa Munich Security Conference dha.

 

MSC Core Group Meeting in Addis Ababa, From left to right: Ghebreyesus (Foreign Minister, Ethiopia), Ischinger (Chairman, MSC) & Obasanjo (Chairman, Tana Forum) (Photo: MSC / Kuhlmann).

Ebla 16-17 bara 2016 Tana Forum, Ethiopian akka qophesituu gargaramtee kuniis xiyyeeffanaan ture nagaaf tasgabii nannoo ilaalchise ture.

 

Adooleessaa 2 bara 2016 Ethiopia’s miseensaa UN Security Council taate akka filaamtuu haalli anja’eef Kun osoo Oromoon moormii irra jiruu fi Ethiopian waraana waxabaji 12 bara 2016 akkasumaas waraana Kibbaa sudan keessaa harkaa itti seenfachaa jirtu ta’uun yeroo nama raajuu, garuu kanaan duraas UNSC kan filamtee bara 1989-90, yeroo Dergiin kufaatii jala ta’e ni yadataama.

Waliigala haala amma deemaa jiruun Itiyoophiyaan akka jirutti deemuun humna ol itti ta’uu kan hundi irratti walii galu dha. Kanaafuu maaltuu dhalachuu mala isa jeedhuu tahumalaa adda addaa tarreeffatanii falmi keessatti dantaan sabaa akka kabajamu xiinxaluun dansaa.

Tahu Malaa mootummaa Ityophiyaa ABUT hogganamtuu

Raaffamuu mootummaa ABUTn hogganamtuu Qabsoon ummataa Oromoo fi ABOn irra guddan wareegama ilmaan Oromoo itti baasan ta’uun beekamaa dha. Humnooti fi ummatootiin sirna abbaa irree kanaan cuunqurfamaan marti kan tolee jedhee fudhate hin jiru. Sabaa fi Sablammiwwan Ityophiya keessa jiran haga dandeettii isaaniitti falmii gaggeessaa jiru. Jiiguu mootummaa Wayyaanee duuba balaa fi misha qabatee dhufu, humna waliin hiriiruu ykn wal dura dhaabbachu danda’an tilmaamuun sana irra tarkaanfatanii fedhii ummata Oromoo, sabootii biroo fi idil adunyaaf giddu galeessa kan ta’e furmaata nagaa fi tasgabbii waaraa fiiduu irratti yaadun yeroon isaa amma!

Kaayyoon qabsoo ummata keenyaa galma isaa ga’uuf ammalle waan isa hafu hedduu dha. Injifannoolee har’a wareegamaan argamanitti quufanii ta’uun akka injifannoon argame of duuba debifamu tolcha. Kanaafuu Injifannoolee argaman tikfachaa dandeetti fi ayinaa humna oromoo jiru mataa waliitti hidhuun gara jaallan wareegamaan hawwaa turanitti tarkaanfachuuf ni gargaara. Injifannoo jaallan itti wareegamani karaa nuuf baasan kana kan bakkaan ga’u uummata guddeessa kan siyaasan bilchatee, hidhannoo fi muratnoo qabaate garaa inni itti sosso’uu qabu karaa itti agarsiisuu, hogganuu fi hogganamee dantaa isaa tikfachuu qaba. Oromoon ammallee harka wal qabatee tokkummaan xurree qabsoo hunda itti dhimma ba’uun sosso’uu qaba.

Humnaa alaaf halaaga irraa abdii guddaa godhachuu irra hundee amantaa keenyaa Qabsoo ofi irratti hirkannoo godhachuun jijjiramaa qabatamaa biyyaa keessatti rawwachu dha.

Biyyotii alaa ilaalchisse qaxamuraa kanaa irratti kan Christopher Clapham kan jedhee sirritti hubachuun barbachiisa dha. Kuniis: “The stereotype that sees African states as a mere tools of external powers has been reversed in the case of Ethiopia, which-not only under the present regime, but also under both Haile Selassie and Mengistu- has been far more skilful at using the outside World than the other way round (Chirstopher Clapham, 2006: Ethiopia pp33)”

Humna alaaf halagaa irraa abdii guddaa godhachuu irra Qabsoo ofi irratti hirkannoo godhachuun, Ta’umalaa jijjirraa ykn kufaati mootummaa Ityophiyaa haa ilaallu.

Tahu malaa akkumaa dur (The status quo scenario)

ABUTn Jiruu siyaasa fi Tikaa (National security) kan inni ittin masakamu barru lama irratti hunda’uun ta’a. Isaniis barru “Abiyootaawwi Dimokiraasii” fi tarsimoo hariiroo alaa fi nageenya biyyaa(Foreign relation and National security strategy, 2002) dha.

Abiyootaawwi Dimokiraasii jedhan keessatti Partiin isaanii kan milka’u : “Only by winning the elections successively and holding power without let-up can we securely establish the hegemony of Revolutionary Democracy.” Kanaafuu filmaata bara 2015 gaggessee irratti 100% mohuu akka milkoominaatti ilaalaa jecha dha. Barruu dhuma kana keessatti “Adeemsa siyaasaa keenya keessatti gufuu guddaan, qabsoo Ummata Oromooti. Kan Ummatichaa irra ammoo, kan ABO ti. ABO ummata kana irraa adda kutuun kaayyoo keenya jalqabaati. Kana raawwachuuf ammoo waan ABOn ummata kanaaf fiduuf deemu harkaa fuune, halagaanis waan sana akka isaaffidu danda’u itti argisiisuu qabna ”jedha kanaaf rakko karaa Oromoo isa mudataa jiru akkuma hojii guyyuutti fudhatani jiru.

Karaa barruu tarsiimoo hariiroo alaa fi nageenya nageenya biyyaa barruu “ Foreign relation and National security strategy” hordofaa. Galmee kana keessatti tikiti nageenya biyyaachaa marsaa sadiitti (three concentric rings) hira. Kunis balaa ala irraa kan akka biyyota Masriin itti dhufu fi kan Jajjabeessitoota Islama (militant Islamist state in the Arabian Peninsula). Marsaan kan lamaffaa biyyoota ollaan itti dhufuu. Kunis kallattiin ykn riphee loolaa adda addaa gargaaruun kan irratti ka’uu. Marsaan sadaffa handhura biyyaa taa’e kan isa lamaffa waliin wal-qabachuu maluu dha jedha.

Dhibde amma isa muddachaa jiru kana kan tilmaammatee lafa kawwatee jiru waan ta’eef humnaan nan irra aana jedhee itti fufuu mala. Kana keesatti qabxiin sadii na gargaru jedhee yaaduu mala.

Tokkoffaa Karaa Military Strategy Mootumman Amerika ilaalchaa fi fedhii to’annoo Galaana Diima fi Indean Ocean irra qabuu wan jijjirame hin jiru. Kanaafuu hanga dhumaatti mootummaan US nu gargaara abdii jedhu qabu. Mootumman China dantaa naannoo sana irraa qabduuf jecha hanga dhumaatti na waliin dhabbatii jedhaniis yaadu.

Lamaffaa Waraaqsoonii ummataa kan kaaba Afrikaa fi halluun moggafaman (Colour revolution) hundii :Bulldozer revolution of Serbia in 2000, Rose revolution of Georgia in 2003, Orange revolution of Ukrain in 2004, Tulip revolution Kyrgyzstan in 2005, Blue revolution of Kuwait in 2005, Green Revolution of Iran (2009-2010) fi kkf hundi kan milka‘ani Warraqsoota kanaaf haalleen barbaachisaa kan turan kan akka humna Waraana fi polisiin hidhatee jiru ummataaf garaa laafina qabaachuu fi Ummatichiis wali-galtee inni Hoggana mootummaa che’umsaaf qabuu fi Fincila itti fuufiinsaan toora adda addan gaggesuuf qindoomina qabu gaggeessu isaatiini. Haala Itophiyaa keessa jiruun humni Waraanaa to’annoo ABUT keessa jiru dha. Karaa sochii uummataas, umatootii hunda kan Ityophiyaa keessaa jiran qindominaan socho’uuf yeroof akka rakko qaban hubatamaa dha.

Sadaffaa Meeshaa ammayyaa kan Social media hordofuuf gargaruu “FinFisher Remote Hacking Kit” waan dhimma itti baatuuf to’achuun ni danda’aama yaada jedhu qabu.

Har’aa EPRDF USA duwwatti of hidhuu irraa ba’ee China harkaatti galfachaa jira. Chinaan Projeektii Afrika keessatti qabduuf nageenya isaaf waraana itti kaleeffataa jirti. Dhiibbaan USA ityophiyaa irratti qabdu of dura akkam ta’a gaffiin jedhu ni jira.

 

Sadaasa bara 2015 irra eegaltee China waraana ishee jalqabaaf Obock, Djibouti irratti qubsumaa tolcha jirti. Qubsumni kuniis waraana 10,000 kan dandeetti adda addaa qabu kan qubchiisuu dha.

Xumurii tahu maluu kanaa zero-sum game taha. Abba humnaa qabuutu kufiissaa jechaa dha.

  • Mootumaa ce’umsaa ykn jijjiirama kan akka bara 2005 fakkaatu

Mootummaan USA yeroo hedduu „double-track strategy“ hordofa. Gama tokkoon mootummaa angoo irra jiruun osoo waliin hojjeetuu gama biroon dantaa isa osoo hin falleessiin mootumicha sarara gara ofi barbaaduutti oofuuf yaala. Kan Ityophiyaa gama tokkon osoo ABUT waliin itti kala’ee hojeetu ABUT akka qarruu Saboota adda addaa irra kan ijarameeti aangoo dabarsuun akkan inni hundee Tigrayii sana irra of qulqulleessuun seera dinagdee Neoliberal hordofuu hawwiin jira. Kanas karaa jaarmoolee mootummaa hin taane (NGOs) isaan waliin kan hojii eegalan bara 1992 keessa ture. Haala kana karaa “Agency for International Development (ArD)’s, National Endowment for Democracy (NED), National Democratic Institute (NDI) dhabboolee civic Ityophiyaa adda addaa gargaaraa ture, ammas hagaa tokko gargaaraa jira. Filmaata 2005 ergaa fashalee illee Inter African Group(IAG) gargaaruun „Conference on Constitutionalism and Human Security in the Horn of Africa“ kan jedhuu Onkololeessaa 1 bara 2007 Magaala Finfinnee-tti Konfransii Hotel Sharaton keessatti akka ta’u gargaaraani turan. Akeekni ture qarruun sabootaa adda addaa irraa fi gorsitootaa mootummaa abboo kana irratti qabaniin furmaata Impayeerichaa gargaaruu soquuf kan yaadamee ture. Waraqaan gorsitoota kanan dhihataan kan Dr. Kassahun Berhanu, Dr. John Markakis, Obbo. Leenco Lata, Professor Alem Habtu fi Prof. Andreas Eshete turan. Waraaqan Obbo Leencoo Lataa karaa Prof. Andreas

Eshete dhihate Mata Dureen isa:- “Constitutionalism, Self Determination and the African Union” jedha.

Akkasuma Mr. Douglas M. Griffiths bakki bu’an USA walga’ii United Nations Human Rights Council, irratti yeroo „universal periodic Review-n Ityophiyaa gaggeeffamu December 2009 tti akkana jedhe:- “Independent observers have noted…that most senior government positions are overwhelmingly represented by one ethnicity ”, and recommended Ethiopia to examine and adjust the ethnic balance in government positions as the Ethiopian governments policy of Ethnic Federalism promotes. ”

Hawwiin USA filmaata bara 2010 irratti ABUT balbala dorgomii siyaasaf ta’u banee akka Mootummaan EPRDF of jijjiruuf ture. Haata’u malee filmaata 2010-tti EPRDF daraanuu diiddaa agarsiisuun 99.6% waan filmaata xumuref jecha yaaliin osoo hin milkaa’iin hafe.

Haata’u malee NED, NDI fi AID maartinuu akka baasii isaan jaarmayaa marabbaaf (civic organization) godhan agarsiisuutti ammayyuu Ityophiyaa keessatti maalaqa guddaa basaa jiru.

ABUT tarii osoo aangoo isaa hin sharafiin dhibbaa irra jiru of irra caabsuuf jechaa Jaarmoota mormitootaa kan heera biyyaatii kabajanii fi qabsoo hidhatnoo lagatan akka isaan mana marii keessa ta’anii fuula mootumichaa bareechaniif jeecha balbalaa saaquu ni malaa. Garuu kun hundee irran rakkon inni furu hin jiru. Sababni isaas Seeroota mirgaa adda adda uggurani jiran, Electroral board fi Humnii waraana, Tikaa fi Polisiin hangaa hin jijjiramnetti waan fayyadu tokkolllee hin qabu.

  • Thau malaa Cehumsaa kan akka bara 1991/1992

Mootumaan cehumsa bara 1991 hundeen isa humnaa qabaachuu irratti kan utubameedha. EPLF, TPLF fi OLF turan. Hanga danda’ameetti warra qabsoo hidhatnoo godhan kan ammatee ture. Yoo har’aas dhibdeen muddachaa jiru sababaa warra qabsoo hidhatnoo gaggeesan jeedhamee yaadamee Jaarmoolee PAFD keessaa jiran, Jaarmoolee Patriotic G-7 keessaa jiraniif, ARDUF fi mootumichii handhuraa tahanii warri seeran galma’aani jiran kan dabalaatuu taha jecha dha. Kuni xaphnii humnaa waan keessaa jiruuf akka haaraatti heera fi qamoolee heeraa fi seera heera sanaa irra madden kan ijaramanii irratti waligaltee haara ni barbadaa. Dhidhaa cehumsii kun qabu jaarmoolee keessaa hafaan murteessuu kan rakko biraa ka’ee darbuu, Waraana fi Tikaa EPRDF, Rakko Eritrea fi Ethiopian hin hiikatiin jiran.

  • Mootummaa Cehumsaa hunda hammatee kan akka Senator Kirooker jedhan

Mootummaa cehumsaa hundaa ammatee ijaruun karaan isa salphaa tahu baatees fedhii hundaa waan taheef milkoominaa gaarii fiduu ni malaa. Kanaarra gahuuf garuu Mootumman ABUT hogganamuu humnaa biyyaa keessatti of ijareen dhibban guddaa irra ga’ee dhabama irraa of hambisuuf yoo ta’e qofaa dha.

  • Humnaan buqa‘uu

Humnaan buqa’uutti kan nama geessuu amalaa Jaarmaa ABUT kan uumamaa isa irraa kaassee jiru of keessatiis tahe mormitoota isa irratti dhibdee hiikachuuf toftaa fi tarsiimoo inni fayyadamuu humna ta’uu dha.

“If you take power by violence, you will rule by violence, and you can only be removed by violence.” (Pik Botha, foreign minister of South Africa, Time, June 30, 1986)

Kan kanaaf isa geesuu qabxii tokkoffaa irratti kan xuqamee Status Que senario-tti yoo ture humnaan buqa’uun waan hin oolee yeroo tahu balaan dhufuu maaluus akka salphaa hin tahiin tilmaamuun nama hin dhibuu.

Dhidhaleen tahu malaa kanaa keessatti murteessoo tahan 1) Waraana, Tikaa fi Polisii ABUT 2) Heeraa mootumichaa kan dirqiin murta’ee fakeenyaaf Magaala, Finfinne, Dirree Dhawaa fi Walloo akkasumaa kan sabootaa biroo bakka garaagariitti mul’atan 3) Waraana moormitootiin qaban 4) Hiree murteeffanaa dhugoomsuu irrati tartibaa deemsaa 5) Imaamataa Dinagde fi qabeenya lafaa (land ownership) 6) Dhibdee Eritrea waliin jiru keessa hanga tokko dha.

Danqaa Waligalaa (National Impasse)

Hundeen rakkoo biyyaa Sanaa ilaalchi siyaasaa mirga umatoota kan gafa Sochi baratoota Ityophiyaa (Ethiopian Student Movement) waraaqsaa bara 1974 falmiin waltajjii yuniversitichaa keessaa ture gargarummaan jiruun dhaaboota ykn jarmoolee dhaleessee ammayyuu Qarruu sabootii (intellectuals from diffenet nations and nationalities) gidduu jiruu waliitti dhihachuu hanqachuu keessaa kan hangafaa dha. Kuniis Sabootii cunqurfamoof Hireen ofi ofiin murteeffachuun gaaffi duree yeroo tahu, Qarruu Amaharaaf gaaffiin kun gaaffi dhiphummaa fi kan gosaa tahe mullachuu dha. Gaaffii kanaatti kan hidhaata Caasa mootumaa (Government structure) diriirsuu keessatti Federaalii akkam kan jeedhuu waan kaasuuf, Fedhii sbootaa adda adda tahu, gaaffii mirgaa nam tokko fi waloo addan baasanii ilaaluu, Ilaalcha qabeenya lafaa (land ownership) fi aadaa angoo siyaasaa humnaan fudhachuu kan gafa Impayeerichii uumamee irraa eegalee dha.

Mootuummaan Wayyaanee mootumrnoota Itophiyaa bulchaa turaan irra ani dimokraatawaa dha ofiin haa jedhu malee mirgi saboota eegamaa hin jiru, ammaillee biyyichi paartii tokko jalatti bulaa jira, ummatoota siyaasaa biyyichaa keessaa hirmaanna hin qaban. Mootummaan Wayyaanee kan jiruuf sababa humna waraanaa, polisii fi tika itti ajajuu danda’u qabuuf malee deggersa ummata tasa hin qabu.

Kan Jaarmoolee amaaraa biyyaa keessaa fi alaa heeduun isanii inumayyuu sagantaan siyaasaa isaani biyya sanaa waggaa 24n kan of duuba deebisu dha. Akkaataa isaan sagantaa isaanii lafa kaawwatan irraa deggersa ummatoota hedduu isaan dhabsiisee Wayyaaneef mararfannoo horuu danda’e.

Haariiroo Humnootaa tilmamamuu

Humnootiin siyaasaa Impayeeraa Ityophiyaa keessaa biyyaas taha alaatti socho‘an haalii karaa nagaa siyaasa isani tarkanfachiisan dhalateef jennan hundeen ilaalcha isaan addaan itti bahan: 1) Hiree ofi murteeffanaa Umatootaa ilaalchissee 2) Caasa Mootumaa (akakuu federalisam), 3) Mirgaa nam tokkee fi waaloo fi 4) Abba Qabeenyaa lafaa (Land ownership) irratti hunda’uun bakka gurgudoo sadiitti qoodamuu. Isaniis.-

  • ABUT/ AWUI Jaarman kuni ummata Oromoo fi ummatoota kibbaa mirga hiree murteeffannaa ija dura qabdee mirga dimokraasii kan nam tokkes tahe kan waloo iggituun kan aangoo irra of tursiisuu yaaluu.
  • Patriotic Ginbot-7 Movement for Unity and Democracy, UDJP, Blue Party, AEUP, EPRP, EPRP-D, ENTC, SHENGO (The Ethiopian People’s Congress for United Struggle), ENYM (Ethiopian National Youth Movement) fi kkf isan kuni fedhii ammaaraa kan calaqisaan yeroo tahu liberal dimokraasii kan haalli addunyaa tin’isu kanatti dhimma bahee mirga hiree murteeffanna gonkumaa ukkaamsuu warra kajeelan. Sirna federalaa kan sabaa fi sablamii irratti hunda’ee warra hinfudhanne dha.

Dhabboleen bara 2005 booda caccabinaa CUD isa irra ummaman yeroo filmaata 2005 aangoo 39 fi Fedralism warra jijjirra jedhanii of dhiyyeessan jibba mootummaa Wayyaane irran kan ka’ee namni isan filuun kan fudhatama guddaa argatan itti fakkate. Dogoggora dhaabni kun itti seene keessaa tokko filmaata irratti sagalee guddaa argachuu isaa kan ummatni wayyabni yada koo fudhatee na deggera jedhee of amansiisuu isaa ti.

  • Dhabbolee siyaasaa sabaa cunqurfamoo (Oromoo, Ogaden, Sidamaa, Gambellaa, Benishangul, Afar fi kkf) Jaarmoolee PAFD jalaatti ijarmani jiraanii fi biroo. Isan kun mirga waloo (collective right) fi mirga nam tokkee (individual right) addan hinbahani jedhu. Ummatni mirgii hiree ofi murteeffatanna isa kabajamee bilisummaa, walqixxummaa fi walabummaa fedhii uummataa irratti hundaa’een akka uummatooti waliin tolfatan barbaadu.

Xumuraa fi yaada gara itti Oromoon lucca’uu qabu

Sochiin Qeerroo waliigala sochiin Sadaasa 12 bara 2015 hanga ammaatti deemaa jira. Sochiin kun dhabatumman baatii sadeet ol gaggeeffamuun addunyaa irratti waan haara yeroo ta’uu qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti boqoonaa haara dha. Mootumichii fi warrii mootumichaaf loogan marti mootummichi kufuuf jiraachuu hundi ragaa bahe. Ummatootiin adda addaa mootummaa abba irree kana falmaniiru, garuu kan akka Ummata Oromoo wareegama qaali itti baase hin jiru.

ABOn haala fi toora hundaan fallaa isaa itti ta’e (against all odds) keessatti diddaa fi cichomina inni qabsoo kana keessatti mul’ise waan facaafate akka hammatu isa dandeessisee jira. ABOn kuni kan eenyuuti? ABOn kun kan Mammo Mazamir moo Luubaa Gudina tumsaa kan halaagan fannisee ajeessee? Kan General Tadassaa moo kan Hailemariam Gammadaati, kan murtee halagaan ajeeffaman? Kan Saartuu Yusuf kan humna WBO ishee guddiseef of kenite moo, kan Juukii Baarantoo kan hoggana ishe golguuf of keenite? Taarii kan goototaa Shinniggaa ti dhumani? Moo warra Girayiitti halagaan sumiin fixee? Ka Buriysoo moo Gutamaa? Nadhii moo Gamachiis? Abayyee moo Nagasaa? Kan Irressaa Caalaa moo kan Lagassee Wagii? ABOn kan akka Milkeessaa Gadaa ardii Oromiyaa irratti illee falmii hin sodannee, moo kan Daraje Waltaji irratti waregame moo kan Mulis Abba Gadaa moo Kan Jatanii Alii? Moo kan Tesfahun Camadaa? Kan Oromoota Bosassootti jumlaan dhumanii dha? ABOn kan namaa keessaa diinnii addaan isa baassee itti xiyyeefatee ukkamsuu kan Saddiq Umar moo kan mootumman habashaa walduraa duubaan irratti wal jijjiran kan Lammessaa Boru moo ka Yosef Ayele Bati dha? ABOn kan barattootaa Oromoo fi qeerroo bara 1992 irraa eegalee hanga har’atti akka nam tokkee fi jumlaan dhumaa jiranii dha? ABOn Kan Asli Oromo dubartii jalqabaaf duuti itti murta’ee moo kan Urjii Dhaaba, Hussein Ahmed fi kumatamoota hiraarsaan irra gahe. Kan Artistoota Ebsa Adunyaa, Jireenyaa Ayanaa, Usmayyoo Muusaa, Yosef Gammachuu fi heeduu galaafatamn moo warra har’aa guyyuu jireenyi isanii mana hidhaa keessatti hirarfamaa jiranii dha. Moo ABOn kan obellewwan Baqqalaa Garbaa fi warra isa faana amaan kana mana hidhaatti waliin rakkataa jiraniiti. Seenaan falmii fi wareegamaa fakknyaaf malee dhuma hin qabu.

Knaafuu ABOn kan hogganaa har’aa gaggeessuu fi Miseensaa isaa duwaa osoo hin ta’in ABO qabeenyaa ummata Oromooti. Kan lubuun hin jirreef siida, kan qamaa itti hir’ateef godaanniisa kan jireenyii irratti diigameef mana isaati. Kanaaf mana Oromootti deebi’anii golaa ABO-ti wal sassaabuun hogganaa fi miseensa har’aa keessa jirutti qofaa akka hin fudhatamne sammun qajeeltoon yaaduu nama gaafata. Chinua Achebe akkana jeedhee:-

“The Igbo people of Southern Nigeria are more than ten million strong and must be accounted one of the major peoples of Africa. Conventional practice would call them a tribe, but I no longer follow that convention. I call them a nation'”.

Oromoon saba guddaa dha. Akka sabaatti jiraachuuf maqaa saba kanaan namni wareeggamu jiraachuu qaba. Wareegamaa fi dararama jiruu bakka itti gochuuf akkuma beektootni jaarmaa fi siyaasaa jeedhanitti: –

“Nation will only exist physically if it manages to merge with a state or a state-like political organization”.

Kanaaf har’aa deemsaa siyaasa ganfa Afrika keessatti humna taane mul’achuu qabna. Kan humna ta’e qofaa halagaan firoomfachuuf hawwa. Humna ta’uuf waan qabnu iratti of ijaaruu qabna. Kuniis ABO dha. Ijoollen Oromoo qaroon Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jedhanii moggaasan malee Waraanaa Adda Bilisummaa Oromoo hin jenne. Waligala Ummata keenyaatuu ABO malee jecha jira.

“The monarchic rule tagged our freedom fighters as Bandits (Shiftas) and executed us; the Derg called us Outlaws (Waanbadee); and today, the Woyane harass us and convict our non-violent young protesters as Terrorists (Ashabbaarii). We have common destiny: to make peace within us and survive as a nation or to go on fighting one another a hidden psywar and perish! Yet, if we make the right choice, that is, to tolerate our differences and unite, we too shall survive” (Asafa Tafara Dibaba from his poetry corner)

Barri akka nama tokkotti jabaa ta’uun caasaa halagaa ykn mootummaa keessatti hojjedheen bu’aa ummataaf fiida jeedhamuus darbe, akkasumaas humna mirga nurra soqatu maraatti osoo ofii humna hin qabaatiin itti siiquun waa hojeedheen saba Oromoof bu’aa buusa jedhaniis darbee jira. Har’aa Qarruu Oromoo fi Qabso’otaa Oromoo jaarmayaa gaggeessan irraa eegamuu fedhii ummata Oromoo kan waloo fi matayyaaf furmaata ta’uu harkaatti qabachuun xapha siyaasa humnooti siyaasa Ityophiyaa (transnational ellite) waliin osoo hundee mirga ummataa hin fallesiin kan isa xaphchiisuu tolfachuu danda’uu dha.

Adunyaa waliin kan wal nama dubbachiisuu, Promoting economic development (global capitalism) fi Nagaa fi tasgabbi gaanfa Afrika keessatti gahe qabatamaa mul’isuu dha. Kaayyoon keenya daddaqamaa ta’e kan wal nu falmsiisuu ta’uu hin qabu. Gaaffiin keenya “The right to self-determination, including and up to the right to secession” dha. Hiree ofiin murteeffanaa hanga walabuummatti jechuu dha. Akka oggeeyyiin toora kanaa jedhanitti „The right of self­determination is the right to make decisions and to control their implementation. “self determination is a ‘dynamic right” Kan kana faana ilaalamuu “Sovereign power resides on the will of the people”. Kanaafuu Jarmaan bilisummaa Oromoof socho’an ummata Oromoo mirga isaa gutuummaatti akka inni fayyadamuuf geesisuu malee walabummaa, federaala ykn biyya birootti dabalamee bulchinsa siyaasa isa akka inni tolfatu dhibbaa gochuun mirga hiree ofi ofin murteeffanaa uummataa sarbuu dha. Halaagaa ijaa tokkon nu ilaalee nu caabsuuf ka’ee irratti ilaalcha gara garaa qabaachuun hin barbaachiisu. Jaarmooleen Oromoo walhubannon isaani kaayyoo dhumaa armaa olii ta’u qaba.

Akka ilaalcha kiyyaatti tahu malaa jijjirama kufaati ykn dhabama irra of hambsuuf TPLF godhuu keessatti Oromoon wal bubusuun irra hin jiru.

Wayyanee kufisuuf Qabsoon hidhannoo fi Tarkaanfii biyya keessaa akka jabaatu gumaachii qabsichaaf ta’uu toora hundaan akka jaabaatu irratti hojjechuu kan dhala Oromoo maraati. ABO walteeffachuun ykn handhura godhachuun isa irratti hundaa’uun qabsichaaf kan utubaa ta’uun Solidarity-Network adda addaa tolfachuu qaba.

Kufaatii Wayyaanee booda haala dhalatu gara aanjaa QBOtti geeddaruuf hojjachuu barbaachisa. Kanaaf kan jalqabaa kan PAFD waliin eegalmee jiru daran jabeessuun feesisa. Humnooti siyaasaa dantaa warra kaabaaf dhaabbanne jedhan waliin sirna ce’umsaafis ta’e, egree mirga Oromoo akka hin danqinneen tolfachaa deemuu feesisa. Walaabumman Oromiyyaa illee sirna keessa darbu danda‘uu hubatnoo keessaa galchuun barbachisaa dha.

Waliigalaa biyyotiin adda addaa fedhii isaan gaanfa Afrikaa keessaawu Ityophiyaa irratti qaban maali? Isanoo akkamiitti wal gaadaa jiru inni jedhuu xiyyeeffanaa barruu kanaa miti. Dhimma kana irratti waan lamaa qulquleesinee irraa hasa’uu dandeenya. 1ffaan Haala nagaa fi Tasgabii. Biyyotiin heedduun ganfaa Afrikaa akka qaama tokkotti ilaalu. Dhibdee fi furmaatni jiran akka waliitti hidhata qaabaniitti ilaalu. Dhibdeen hudhaa ta’e isaan rakkaa jiru dhibdee Ityophiyaa fi Eritrea gidduu jiru, kan al shabab fi Pirates somalia keessaa, kan Kibbaa sudaan, fi keessa sudaan dha. Kana keessatti kaabaa hang kibbatti jeechuun Kenia, Ethiopia fi Eritrea kan amma jiruu irra bora’uun irra hin jiru jedhu. Yoo bora’ee rakkon Yemen- Eritrea-Sudan-cetneral Afrika, kan Somalia-Ogaden-Oromia-south sudan guutummaatti nannoo sana jeeqama keessaa galcha jedhu.

2ffan global capital. Sochii dinagdee nannoo sanatti gaggefamuu dha.

Gama Oromoon dhukuuba keenya maraaf qorichi tokichi gahaa dha jedhan osoo hin taane akkataa itti didhaa nutti dhufuu malu xiinxalanii furmaata itti soqoon barbaachisaa dha.

Yeroo cehumsaa keessaatti bakki irraa jalqabuun nurra jiru bakkumaa Oromoon irratti walgahee kan Finfinnee kana yoo fudhannee murtee gafa mootumma cehumsaa jallatee waan taheef Walloo, Finfinnee fi Dire Dhawaan bulchinsaa Oromiyaatti akka deebi’u tolchuu. Integrated Master Plan kan yaadamee toora hundaan kilomeetra 100 akka deemuuti yeroo ta’u kunis kan har’aa 527sq.km irra garaa 30,000sq.km oliitti gudisu dha. Falammiin wayyaanee fakkeenya China peking toora hundaan kilometrii 200 deema jedhu kaasu. Haalli qubsuma China Peking fi

Oromiyaa fi finfinnee wal hin fakkaatu, kunis seenaan, aynaa nama naannoo sana irratti babal’atuuf deemu, eenyummaa dhabamsiisuu fi dantaa uummati dura irra jiru irraa argatu takkaa wal hin gitu. Ummatnii china osoo lafa isaa irraa hin buqa’iin achumaatti akkataan jireenyi isaaf fooyya’utu haalli aanja’eef Kan Oromiyaa garuu kan China iraa adda.

Yeroo Cehumsaa Fedral system Sabaa fi Sablammii irratti hunda’ee duwwaa osoo hin taane kan manni marii bulchinsa sanaa veto irratti qabu gochu. Humnii waraana kan ABUT akka ba’uu falmuu fi ofi Humna waraanaa fi polisiif ta’uu ijaarrachuun fardii dha.

Furmaatnii daran qabsoo finiinsuu ta’u hubachuun murannon itti cichuu dha. “Xiqiin damma irra miyooftii jedhee” Weellisaa fi Sabbonaan keenyaa. Xiqii sabummaaf ka’uun yeroon amma.

Xumuraatti deemsaa sochii qeerroo kana keessatti kan na raajee murannoo, dhamsaa fi qaroo ta’uu artistootaa Oromoo waan ta’eef hundaa isaniif jaalaallii fi kabajaan isaniif haa tahuu jechaa warra dandeetti og barru qabaniif wallee isanii gara barreeffamaatti akka jijjiraan abdiin qaba.

Oromian ni bilisoomtii!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s