DHAAMSAFI AKEEKKACHIISA CIMAA WAYYAANEEF (TPLF):
(Share godhuun wayyaanen gahaa, opdoniis akka hiiktuuf dhaqqaban)

(Saphaloo Kadiir irraa)

Nuti Oromoon, abbaan Oromiyaa warri naman tuuqne kan tuqan immoo of irraa hin hafne dhaamsa akeekkachiisa makate guddaa isiniif qabna. Qoruumsi seennaa Univarsitii (University Entrance Exam) qabsoo ilmaan Oromootiin jaalattannii osoo hin taane dirqamtanii yeroo isaa akka dheereessitan isin goonee jirra. Sababni kana gooneefiis guddaan ilmaan Oromoo waraanni wayyaanee ajjeessu, miidhuufi hidhuun akkasumaas manneen barnootaa mara mooraa waraanaa gootanii, Oromiyaa guutuu afaan qawweetiin bulchuuf waan labsaniiif manni barnootaa ji’a 4-6 cufamee waan tureefi. Naannooleen biraa mana barnootaa seenanii yoo sirnaan baratan barattoonni Oromoo mana hidhaa seenaani uleefi ‘torture’ aagibaawaa turan. Kanaaf barattoonni Oromoo barattoota naannoolee biraa waliin qoramuu hin qaban jedhee barataan, maatiin, hojjataan, jaarsooliifi hawaasni oromoo yoo kabajaan gaafatan ministeerri barnootaa (wayyaanee) gurratti qicachuu dhabe. Inumaatuu gaaffii mirgaatiif deebii sirrii nuuf laachuu irra akka adabaatti qoruumsi kun akka kennamuu labse.

Nuti immoo yoo obboleewwan, ilmaaniifi ummanni Oromoo saboota biraa irra shira wayyaaneetiin miidhamu garaan nu danda’ee hin teenyu. Kanaaf “Miidhamnuus fayyadamnuus saboota biyyattii waliini malee kophaa miidhamuufi kophaa fayyadamuu hin qabnu” kaayyoo jedhuun kaanee tarkaanfii keessa deebi’ii hin qabne fudhanne. Fudhannees shakkiif mamii takka malee galma xiyyeeffannees tuqnee bu’aa injifannoo cululuuqxuun faayamte galmeessine. Qabsoon teenya kan injifannoo galmeessite kana qofaa miti (Haqamuun maaster pilaanii afaaniin jedhamees injifannoo baraanaati) Ammaas taanaan ilmaan Oromoo qoruumsa ji’oota muraasa achi siiqsuun qofti gaaffii keenyaaf deebii quubsaadha jennee hin rafbu. Deebiin gaaffiilee keenyaa gurguddoon ammallee baayyeetu hafe. Tartiibni gaaffii keenyaa hiriira mixii akka taate eenyulleen hubachuu qaba, keessattuu Wayyaaneen.

Gama biraatiin tarkaanfii qoruumsa haqsiisuu akka fudhannu kan nu taasise bu’urri ka’uumsaafi sababni guddaan mormii master pilaanii Finfinnee tahuun ifa. San booda immoo hidhaafi ajjeechaan barattoota Oromootti cimuu, dhiittaan mirga namummaafi tuffiin wayyaaneen Oromoof qabdu dabaluun birkii shira mootummaan kun nurraan gahaa jiru tahee jiraachuu isaati. Ammaas taanaan qooruumsa itti aanu kana balaa jalaa akka hin ewwaluuf, salphinaafi kufaatii hamtuu amma kufte tana jalaa of baasuuf gaaffiilee saba guddaa sirnaan deebisuufi waan Oromoon jedhu kabajaan dhageeffatee mirga keenyaafi eenyummaa Oromiyaa irratti qabnu amanee fudhachuun dirqama taha.

Kanaafuu; nuti sabni Oromoo dhimmoota kanatti aanu saffisaan akka hojiirra oolchuu ammaas yeroo xumuraatiif dhaamsa akeekkachiisa makate kana dhaamnaaf. Tahuu baannaan immoo qoruumsi itti aanuus fashalaa’uu qofa osoo hin taane tarkaanfiin biraas akka fudhatamu gad jabeessinee beeksifna.

1) Barattoota, barsiisoota, hayyootaafi ummata Oromoo waan mirga isaanii gaafatan qofaaf shira itti akeekee manneen hidhaatti akka dinnichaa badeetti ol guutee, uleefi hadhoochaa hamaan miidhaa irraan gahaa jiru mara haal duree tokko malee gad dhiisuu qaba. Barataan, hayyoonni, hoggantoonni paartii siyaasaa Oromoo keessattuu mormii master pilaanii bara 2014 taasifame irraa jalqabee jimlaan hidhamuun kan itti hammaate tahuun beekkamaadha. Kanneen hidhaman kun marti ajjeefamuu, hidhamuufi reebamuu barattootaa kana waan balaalleeffatan qofaaf mana hidhaatti darbaman. Kanaaf ilmaan Oromoo badii malee mana hidhaatti miidhamaa jiran kana gad lakkisuu qaba. Keessattuu gaaffiin jijjiiruu yeroo qoruumsaa barattoota hidhamaniis gad dhiifamuu akka qaban gaafachuutiis ni dabalata waan taheef barattoonni kuma baayyeen hidhamanii jiran bilisa baafamanii qoruumsa itti aanu kanaaf ammarraa qophaa’uu akka qaban taasisuu qaba.

2) Ammaan booda yeroo duraa caalaa naannoon Oromiyaa akka waraana wayyaaneen goolamtu mamii hin qabu. Nuti kan akeekkachiifnu immoo waraanaan gooluuf hidhii ciniinnachuu osoo hin tahin labsii duraan Oromiyaan humna waraanaatiin akka to’atamtu baasee ture san mootummaan wayyaanee hatattamaan kaasee, waraanni federaalaas tokko osoo Oromiyaa keessatti hin hafne baasuu qaba. Biyya eeguuf kan jedhu immoo Oromoof gatii akka hin qabne hubachuu qaba. Biyya kan eeggatu hawaasa biyyatii malee waraana wayyaanee kan gubbaa hanga jalaatti aanga’oota wayyaaneen hogganuu miti. Kanaaf Oromiyaa kan eegu hawaasa Oromoo qofa. Sanirraa kan hafe waardiyummaa wayyaaneetiif poolisiin naannoofi milishaan gahaa dha.

3) Hojjattoota maqaa mormii fi fincila ilmaan Oromoo mirga isaaniif taasisan sababeeffachuun hojiirraa ari’amaniifi adabamaa jiran yeroo torbee tokko hin caalle keessatti hojii irratti deebisuun dhiifama gaafatee nagayaan hojii isaanii akka hojjatan taasisuu qaba. Kana malees mootummaan kun hojjattoota Oromoo hojiirraa ari’uun lakkoofsa hoji dhabdootaa dabaluu osoo hin tahin ilmaan Oromoo sadarkaa ol aanaan baratanii hojii malee ammaas akkuma gaafa maatiin barsiisuu gateetii warraa irratti ba’aa tahan hojii isaaniin maltuufi sadarkaa baruumsa isaaniin wal gittu irratti ramaduun lakkoofsa hoji dhabdootaa hir’isuu qaba. Labsiin dhiheenya kana hoji dhabdoota xiqqeessuufi dargaggoota miliyoona hojitti galchuuf karoorfame san dhugaa taanaan (waan dhugaa hin fakkaanneef) saffisaan hojiirra ooluu qaba.
HUB: Ogeessa ogummaa injiinariingii digriin eebbifame kan barnoota kutaa 8’tti dhaabee waliin IMX’ti ijaaranii ‘cobil stone’ hojjachiisuu immoo gonkuma hin fudhannu.

4) Qoruumsi haqamuun badii mootummaa wayyaaneetiin tahuu hubatee oromoo dabalatee barattoota, maatiifi hawaasa Itoophiyaa guutuu dhiifama gaafachuun dirqama mootummaa kanaati. Akka argaa jirrutti immoo mootummaan wayyaanee haqamuu qoruumsichaaf akka balleessaa ummata oromoo taheetti quba nutti laachuun sabni biraa ija aariifi jibbaatiin akka nu ilaalan taasisuu barbaada. Kun immoo ammallee mirga ofii gaafachuun wayyaanee biratti akka yakkaatti ilaalama jira waan taheef nyaara nutti guuruun nu sodaachisuu fedhuu isaa mul’isa. Kana waan taheef haqamuu qoruumsichaa badii mootummaa wayyaaneetiin akka tahe, sababa dhiibbaa mirga ilmaan Oromootiif akka tahe afaan guutee dubbachuun hawaasa biyyatti guutuu araarsuuf amansiisuu qaba.

5) Barsiisoonni yeroon kan boqonnaa isaaniiti waan taheef barsiisoota hanga barattoonni Oromiyaa irra deebi’anii barnoota isaanii xumuraniitti barsiisaniif mindaa dabalatee faaydaalee biraa kan akka durgoo oolmaafi geejjibaa ramaduu qaba. Haala mijjaawaafi tasgabbiin barnoonni akka laatamuufi barattoonni Oromiyaa keessa jiran barnoota karatti jalaa hafe hanga xumuran baajata gahaa ramaduu qaba. Baajanni kuniis barsiisoota yeroodabalataaf hojiin laatameef kana hamileefi si’aa’inaan akka baruumsa xumuraniif taasisa. Hojjataan mootummaa hojii dabalataa itti laatamee yeroo bobbahu dirgoofi kafaltiin geejjibaa akka laatamuuf seera hojjattaa irratti mootummaa kanaan tumamee kan jiru waan taheef kafaluun dirqama. Hojjataan tokko faaydaa seeraan kaayameefi hayyamameef hanga argatuu mirga hojii san hojjachuu diduu qaba. Kanaaf mirga isaanii guuteefii dirqama akka bahan taasisuun dirqama.

6) Magaalaa Finfinnee dabalatee magaalaalee Oromiyaa baayyee keessatti gaaffii bu’ura fincila Oromootiif sababa tahe kan lafa saamuufi manneen hiyyeeyyii diiguu, maatii harka qalleeyyii dasaa(goojjoo) ijaarachuu hin dandeenye dirretti facaasuu, tooftaa investimentii jalatti dahachuun lafa Oromoo saba biraaf hiruu akkuma itti fufetti jira. Biyya guddisuun dura wal qixxummaa mirga namoomaa irraa jalqaba waan taheef, biyya hiyyeeyyiin keessatti tuffatamtu, dhiitamtuufi lallabduus hin dhagayamne; tan qabaataan maallaqa isaatiin itti kabajamu, biyya mirga namaa dura mirga maallaqaa eegdu ijaaruu hin barbaannu waan taheef, akkasumaas qabaatee dhabuus ilmaan Oromoo mirga lafa abbaa isaanii irra jiraachuu guutuu qaban waan taheef hatattamaan lafa saame abbaa irraa saameef deebisee, manneen hiyyeeyyii diddiigees ijaareefi dhiifama gaafachuun itti galchuu qaba.

7) Ilmaan Oromoo yeroon barnoonni jala dabre naannoo garii ji’a 4 bakka gariitti immoo ji’a 7 ni gaha. Kanaaf qoruumsa kana yoo achi dheeressu yeroo barnoonni ilmaan Oromoo jala dabre kana ilaalcha keessa galchuun yeroo gahaafi barattoonni keenya itti quufan laachuuf qaba. Kana tahu baannaan ammaas barattoonni keenya tasgabbiin barnoota xumuruu hin danda’an waan taheef ija keessa wal nu laalchisa. Asirratti immoo waan tokkoon gad jabeessee tuquu barbaada. Inniis maali yoo jettan, akka oduu gara keessa beektootaatiin lootee baate takka irraa hubannetti qoruumsi lammaffaas ni hatama jedhanii shakkuun yoo loohee bahe immoo barattoonni guutuu biyyattii miidhamuu hin qaban yaada jedhuun qoruumsa Oromiyaaf baasan kan naannoolee biraa irraa addaa godhuuf akeekuu wayyaanee dhageeyaa jirra. Kun immoo dhugaan yaadamee hojittiis hiikame taanaan balaa guddoon wayyaanetti akka buutu cimsinee akeekkachiifna. Kanaaf yaadaafi akeekni tortoraan kun hafuu qaba. Oromoonnis dhiheenyaan hordofuu qaba.

8) Mootummaan wayyaanee dogoggora isaa irraa gad fageessee barachuu qaba. Ani aangoo, baajata, ibidda qawweefi waraanaan harkaa qaba jedhee, ilmaan Oromoo miidhuu irraa of qusachuu qaba. Waan malee kana hin jenne. Fknf; Akkuma beekkamu barattoonni Oromoo ji’a 7 osoo hin baratin qoruumsaan miidhuuf yoo akka qoraman mootummaan kun labsu baayyee gaddanii akka dabruuf gaafachaa turan. Guyyaa arra Caamsaa 30, 2016 qoruumsi shiraaf aggaamame kun akka haqamu mootummaan yoo labsu gaaffii isaaniitiif deebii argachuu isaaniitti waan gammadanii dhiichisan qofaaf waraanni wayyaanee walitti guuree, kaan tumaa, kaan hidhaa jira. Namni gammachuus tahee gadda itti dhagayame hanga nama biraa hin miinetti akka barbaadetti ibsachuu mirga uumamaan kennaameef qaba. Kanaaf mootummaan wayyaanee shiraa hija bahiinsaafi aaraa bahuu qofaaf ilmaan Oromoo miidhuufi mirga dimokraasii bira dabree mirga uumamaa hanqisuufi dhoorkuuf wixineeffatee wixxifatu kana hatattamaan dhaabuu qaba.

9) Wantoota lakkoofsa 1-8 tuqameefi kkf kan hin tuqamiin baayyee hatattamaan hojiirra oolchuu baannaan, hojiirra oolma isaatiis ifaafi ifatti ummata Oromootti mul’isuu baannaan, tooftaafi siyaasaa qammantuu tanaan karaa mul’atuuniis tahee karaa dhooysaatiin miidhaalee ummanni Oromoo jibbuufi balaalleefatu hojjachuu irraa of hin qusatu taanaan, balleessaa isaatiif saba Oromoo komachuu fi xurii sobaatiin faaluu irraa adabachuu baannaan qoruumsa itti aanu qofa osoo hin tahin wayyaaneen akka baddu gad jabeessinee akeekkachiifna.

Sabboontoonni, onnattoonnifi quuqamtoonni ilmaan Oromoo marti immoo qabsoo injifannoo boonsaafi warqiin faayamte tan biraas dacha dachaan galmeessuuf duraan irra mudhii jabeeffatanii tarkaanfachuu akka qaban akkasumaas hojiirra oolma yaadoota kanaaf murannoon sossoo’uun injifannoo seenaa taatu galmeessuu itti fufaa jechuun dhaams koo goolaba. Injifannoon seenaa keessatti kanaan dura hin dhagayamin qabsoo ilmaan Oromootiin ni galmooyti. Gadaan quufa….. Horaa Bulaa!!

#Saphaloo_Kadiir | Abdulbasit
Caamsaa, 2016