One thought on “Shimelis Abbabu: “Hallayyaa Calanqoo”

  1. JECHOOTA GAMNAA KUTAA 6FFAA

    Mucaa Gamnaa fi Ilma Nugusaa

    Ilmi nugusaa mucaa hiyyeessa gamna wayii qore. Innis mucaa hiyyeessa garuu gamna akka tahe hin beeku ture. Garuu mucichi gamnummaa fi cimina isaa mirkaneesse! Mucichis badii nugusichi uummata irraan gayu dalgaan ibsuu qofa osoo hin taane dhumarratti itti hime. Mucaan nugusaas akkas jedheen:- Beekumsa moo duniyatu caala? Jedheen!

    Ilma nugusaa:- Beekumsa moo duniyatu caala?

    Mucaa gamna:- Adda isiniif baasaa hin dheekkaminaa jedheen.

    Ilma nugusaa:- Akkamitti? Duniyaatu waa hundaa dhiyeessaa; duniyaatu irra jabduu; duniyaatu caala jedheen!

    Mucaa gamna:- Mallaqa beekumsatu eega. Beekumsi maallaqa qofa osoo hin taane mataa keennas kan eegu isa; kallattii nuttI kan agarsiisu isaa. Maallaqni namootaaf ajajamaadha. Beekumsi ammo hogganaa; barsiisaa; ajajaadhas! Maallaqni dhaabbatumatti qisaasamee dhumata. Kanaaf beekumsa duniyaa caala!

    Dabalees

    -Beekumsi waan waa sirreessaa/qulqulleessaatii duniyaan miti -Beekumsi eennufuu hiramaa duniyaan hin hiramtu -Beekumsi waa sirreessoo nagaa buusoo duniyaan miti Jedhi yoo jette inumaa; yakkamaan yakkamaa olii duniyaadha!!

    “Duniyaa yakkamtuu Abbaa feete soortuu Garii dureessa gootee Garii hiyyummaan gooltee Yakkamaan akka kee inuma jirree Beekumsaan karaa sirrii osoo sararree!”

    Kanumatti dabalee gamnoonni waa’ee duniyaa yakkamtuu ta’uu isii yoo raga bayan:- – Duniyaan sagalimaa kudhan guuttee hin beektuu – Gaafa maallaqni haasayuu jalqabu dhugaan ni callifti – Bunni kama jalqabaati; 2ffaa fi 3ffaan haafaa duniyaati – Duniyaan fixeensa ganamaati; yoo tahe muldhattee deebitee ka baddu – Duniyaa booddeen isii waa qaba!

    Kanaaf duniyaan shakkamtuu; yakkamtuudha! Jedhee rakkoo duniyaa nugusichaan wal qabsiisee nugusicha qoccoluu kajeele; dhugaas dubbachuu yaale.

    Ani garuu beekumsaan – Gamna na taasisaa gamna ittiin ta’a – Onnetti qalbii guutaa ittiin milkaaya – Milkii ittiin hoffola – Qabeenna hin hatamnee abbaa isaa ta’a – Ulee kaazaraatii ittiin of irkisa – Ibsituu dukkanaatii nan ibsadha – Qajeelchituu daba uumameetii ittiin wa qajeelcha – Humnaa ittiin goonfadha – Hiixata ittiin waa bira gaya – Furtuu balbala heddu bantuu ittiin banadhee seena – Bokkuu seera ittiin muranii seera ittiin mura

    Itti dablees mucaan gamin akkas jedhee ilma nugusaatti raage!!!

    “Duniyaatu didee jallata Hiyyeessatu lafa guuta Baratu farrisaa Falli dhugaa akkaan barbaachisaa Ta’uu baannaan hallayyaa si buusaa!” Ilmi nugusaas aaree” Maal jetta!” jedheen

    Mucaan amnis sodaa tokko malee akkas jedheen” Kan jedhe hin jenne jedhu; ka jedhin jedhe jedhu; fidaa hin jenne jedhaanii kan jette naan jedhu!”

    Ilmi nugusaas mucaa gamnicha hidhatti darbate.

    (Haasawa ilma nugusaa booda waa baayyee osoo hin turree waggama muraasatti hiyyeessonni ka’anii falmatanii nugusicha aangoo irraa darbatan. “Hiyyeessi waan nyaatu yoo dhabe nugusa nyaata” jedhanii geerraran.

    Kana boodas mucichi akkas jedhe

    “Duniyaatu didee jallata Hiyyeessatu lafa guuta Baratu farrisaa Falli dhugaa akkaan barbaachisaa Ta’uu baannaan hallayyaa waa buusaa!”

    “Beekaan duraa himee Sirrii kan nuuf dhaame Rakoo sabaa furaa Isinis akkanumatti kufurraa!”

    Mucaan gamnis akkas jedhee ilma nugusaa fi nugusaan

    “Hin boone moo hin oodee Hin mooge moo hin hoodee Dubbadha jedhu sirrii osoo dubbatee Aangoo irraa bu’us osoo ima fudhatee Kana didee; ofumaa ajjeesee hallayyaa of gatee!!”

    Uummannis akkas jedhe

    “Qabeenya koo saamaa Bara hamaan deemaa Ammaa achi argatuu; kan an qabu 430 Kanas kan jedhe sabni bar hundumaa!!” Ilmi amnaas akkas jedhee mammaake!

    “Gaafa badii deemtu narra gorii; gaafa badii galtu narra gorin” “Ijji gamnaa dura boossi” “Yoo haasayanii fi deeman; dhugaaf tulluun hin dhokatti malee baddu” “AAK JEDHAN WAA TUFAN MAMMAAKAN WAA HIMAN” jedhee haasawa ofii xumure.

    ***

    Gubaatii waa lamaa abbatu eeggata/abbatu malaan itti fayyadama:-

    1ffaa gubaatii ibiddaa 2ffaa gubaatii haasawa gowwaa

    ***

    Waa sadi waan arfii addeennaati:-

    1ffaa warqee 2ffaa arfii waraanaa 3ffaa daaraa ibiddaa

    ***

    Waa sadi wal miliqxe

    1ffaa Harreen damma nyaaphaa baattii ofii hin nyaattuu jala miliqe

    2ffaa leenci ala gala; asheeta yeroo biratti beelayaa; jala miliqe

    3ffaa wallaalaan beekaa jiruu wallaalee; jala miliqe

    ***

    Ilma jechuun:-

    Maqaa abbaa kan yaamsise;

    Kan lammii abdachiise;

    Kan abbaa ajajame;

    Kan lammii abboomame;

    Kan gaachana qabate;

    Kan lammii dhaabbate!!!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s