Abinet Guddisa: Dadhabbii OPDO fi Gidiraa Ummata Oromoo

Dadhabbii OPDO fi Gidiraa Ummata Oromoo

Abinet Guddisa

Seensa

Uummatni Oromo erga jaarraa 19ffaa irraa eegalee baroota dheeraaf gidiraa mootummoota Impaayera Itiyoophiyaa jala akka ture ni beekama. Haa ta’u malee baroota duriidhaa kaasee hanga ammaatti qabsoo cimaa jala tureera. Keesumatti waggoota 25 darban keessa ummatni Oromoo gidiraa cimaa jala bu’ee jira. Kan hunda caalaa xiyyeeffannaa argachaa jiru garuu Diddaa Xumura Gabrummaa kan bara 2014 eegalame yeroo ta’u waggoota lamaan darban kana keessatti ummatni Oromoo beektota, barattoota, hawwan, daa’imman, maanguddootaa fi abbootii qabeenyaa hedduu dhabee jira. Kunis tarkkaanfii mootummaan wayyaanee fudhatteen ta’uu isaati. Waggoota 25 darban keessatti ummatni Oromo lafa isaa irraa buqaa’eera, qabeenya isaa saamameera, beektota isaa dhabeera, hiyyummaa fi gidiraaf darbamee kennameera. Baqattummadhaan dhaloota Oromoo hedduun lubbuu isaanii dhabaniiru; galaana keessatti irbaata qurxummii ta’aniiru.

Barreeffama kana keessatti dhaabni Dh.D.U.O (OPDO) ummata Oromoo bakka bu’e jedhee mootummaa wayyaaneedhaaf ergamaa jiru akkamitti qabeenya Oromoo saamsisaa, Oromoo lafa isaa irraa buqqisaa akka jiru ibsuun yaala.

2. Saamicha Lafaa magaalaa Adaamaa

Akkuma magaalota biro naannoo Oromiyaa keessa jiranii magaalaan Adaamaa yeroodhaa gara yerootti baballachaa jira. Kuni yeroo mara kana ta’aa jiru qotee-bultoota Oromoo lafa isaanii irraa buqqisuudhaan akka ta’e ani ofuma koodhaan guyyaa dhaa guyyaatti argaan ture. Waan nama ajaa’ibu seera biyyattii keessa maqaaf waraqaa irra jirullee hojiitti utuu hinhiikiin mootummaan naannoo Oromiyaa qotee-bultootaaf beenyaa baayyee gadi-aanaa kaffalaaf. Sababni qotee-bultoonni Oromoo lafa isaanii irraa buqqifaman ijaarsa mana Kondominiyeemi fi hojjetoota mootummaatiif lafa mana jireenyaa kennuuf yommuu ta’u namnootni lafa kana fudhatan garri caalan saba Oromoo miti. Namootni saba Oromoo ala ta’an waldaadhaan gurmaa’anii (seera ijaaramsa waldaa utuma hin guutiin) lafa akkuma salphaatti karaa malammaltummaa argatu. Fakkeenyaaf waldaan Nib jedhamu caalbaasii lafaa salphaamatti mo’ata. Kunis hidhannaa mootummaa wajjiin qaban irraa kan ka’edha. Waldootni Oromoo garuu caal-baasii mo’achuu waan hindandeenyeef waldaa Nib kana jalatti qacaramanii hojjetu. Waldaan Nib kuni ijaarsa manaa (construction company) ta’ee amma ijaarsa magaalaa Adaamaa hunda harka jala galfatee jira. Qoteen-bultoota Oromoo kan buqqisaa jirus irra caalaan isaa waldaa kanadha.

Sababa lafa isaanii irraa buqqifamaniif Oromoonni hedduun waardiyyaa ta’anii hojjechuuf dirqamu. Dubartoonni mana bunaatti hojjechuudhaan dhukkubaaf saaxilamaa jiru. Kana waliin wal qabatee seenaa namoota lamaa kaasuun barbaada. Isheen tokko haadha maatii shaniiti. Abbaan manaa ishee dhukkuba HIV dhaan irraa du’e. Dubartiin kun hojii humnaa hojjatti. Maatiin kuni lafa isaanii irraa waan fudhatamee garuu beenyaan waan hin kaffalamiiniifi ijoollee isaanii barsiifachuu hin dandeenye. Akkas jetti:

“Manafi bakkaa qotadhee ittiin jiradhu qabna turre. Garuu mootummaan kuni lafti keessan misoomaaf waan barbaadamuuf ni kaatu nuun jedhe. Malaqa xiqqaa na kenaniru. Carraan kiyya mana kiraa kessa jirachuu fi hojii humnaa hojadhee ijoollee koo barsiifachuu qofa. Garuu jireenyi waan natti ulfaateef ijoolleen barachuu hin dandeenye. Barumsa dhiisanii hojii humnaa hojjetu isaanis”.

Namni lammaffaan seenaa qabatamaa isaa ani beeku nama amma waardiyyaa mana bunaa BM jedhamu tokko keessatti hojjatu dha. Jaarsi kuni maanguddoo umuriin isaa wagaa 60 oli ta’udha. Jaarsi kunis lafa isaa mootummaa wayyaaneedhaan erga irraa fudahtamee lubbuu isaa jiraachifachuuf waardiyyaa ta’uudhaaf dirqame. Akkas jedha:

Yaa ilma koo utuu akka durii ta’ee namni akka koo mana isaa maatii waliin taa’ee gammadaa jiraata malee akkas balbala namaa taa’aa? Maal goona egaa. Lafa keenya nurraa fudhatanii nuunis kunoo bittinnofnee eegduu balbala namaa taane. Lafas qabna turre. Qotannee jiraanna ture. Maal godhu bara abaaramaa kana yoom akka darbu hinbeeknu malee akkasumaan jiraanna egaa. Ijoolleen koos hojii humnaa hojjatu. Hundi karaa karaa ba’eera.

3. Dadhabina Dh.D.U.O. (OPDO) fi Girdiraa Ummata Oromoo

Akkuma seensa irratti kaase dhaabni Dh.D.U.O ofiin jedhee paartii biyya bulchutti maxxanee jiraachaa jiru ummata Oromoo bakka waan bu’e fakkaata malee ergama wayyaanee galmaan gahuu irra kan darbe waan tokkollee gochuu hin danda’u. Sabni Oromoo yeroo gaaffii mirgaa gaafatu (fkn. Dhalattotni Oormoo lafa jireenyaaf yeroo gaafatani hin argatani. Dhalattootni Tigrayi ykn Amaaraa garuu salphaamatti magaalota Oromiyaa keessaa argatu). Kuni kan argisiisu OPDOn ummata Oromoo akka silmii qabeenya Oromiyaa xuuxuu malee waan tokkollee akka gargaaraa hin jirre dha.

4. Furmaata?

Waggoota 25 darban kana keessatti Uummatni Oromoo yeroo kami caalaa mirgi isaa sarbamaa jira. Kanaaf:

1) Tokkummaadhaan qabsaa’uudhaan mootummaa abbaa hirree kana buusanii mirga ummata Oromoo mirkaneessuu

2) Dhaabbileen Oromoo hundi waliin hojjechuudhaan sirni Dimokiraasii biyya Itiyoophiyaa keessatti akka mirkanaa’u carraaquu

3) Ummatni Oromoo biyya keessa jirus lafa isaa irratti falmachuu

4) Ummatni Addunyaa saba Oromoo bira dhaabbachuu akka qabu sabni Oromoo biyya alaa jiru karaa danda’e akkuma kanaan duraa carraaquu

 

Horaa bulaa!!

Injifannoon kan Ummata Oromooti!!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s