(Kijibni, wallaalaa afaanfaajjeysa malee, Dhugaa
ta’ee hin beeku!)

Dhugaabaas Dhugumaa, Caamsa, bara 2016

Barattootni Oromoo Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti shorri isaan xaphatan guddaa dha. Barattootni Oromoo erga Mootummaan Wayyaaneen(ABUT) hogganamtu aangoo siyaasaa Impayeera Ityophiya of harkatti galfate irraa eegalee miidhaa ummata Oromoo irraan gahu dura dhaabbachaa bar kurnan lamaan darban falammii hadhawaa gochaa turan, har’as itti jiru. Falammii kana keessa Muyxanno argame irraa Qeerroon Oromoo sadarkaa biyyoleessatti guddatee yeroo dheeraaf erga irratti hojjete booda hundee godhatee as bahe.

Sochiin Qerroo Sadaasa 13, bara 2015 aana Ginciitti eegalee hangaa har’attu osoo wal irraa hin citiin yeroo dheeraaf gaggeeffame, wareegama guddaa baasuun milkii guddaa fide. Sochiin kunis gaaffii Oromoo sadarkaa ol-aanaatti tarkaanfachiise. Keessa’uu gama siyaasaa fi diplomasiitiin bu’aan inni buuse jabaa dha.

Sochiin qeerroo uummata Oromoo guddeessa sochoose kuni namoota, Jaarmolee siyaasaa, Biyyootaa fi Ummattoota adda addaa biratti bifa adda addaan hubatame. Fakkeenyaaf:

1) Mootummaa TPLFn gaggeeffamu biratti humna aangoo isaa raasu ibidda dibaa keessaa gad itti baheetti

2) Ummata Oromoo bal’aa biratti wal irratti amanti, xiiqii, sabummaan fi tokkummaa akka horeetti

3) Jarmoolee siyaasaa Oromoo biraatti hiree ajaa’ibaa, yoo danda’amee ofii dhuunfachuu, hanqannaan ammoo carraa barbadani itti seenuu akka qaban irratti mari’atan

4) Humnootiin siyaasaa Impayeera Ityophiya, keessa’uu warrii tokkummaa Xophiyaa faarsan, biratti yoo Jaarmoolee Oromoo “moderate” jeedhaman harkatti galfachuu hin dandeenye akka yeroon itti dhiitetti

5) Humnootiin Siyaasaa Impayeeraa Ityophiyaa kan hiree ofiin murteeffanaatti amanaan biratti ammoo akka hireen bilisummaa dhiyaattefitti fi qabsichaa tin’isuun, kan ofii isaaniis jabeeffachuuf tattaaffachuu

6) Biyyootiin sa’ibaa Mootumaa TPLF biratti rifaatuun rakkoo gaanfa Afrikaa mudatuu fi bifaa ittiin Mootummaa TPLF caccabuuf deemu itti suphaniitti akka fiigan dirqe

Sochiin qeerroo Oromoo adeemsa keessa waan sadii ifa godhe. Isaanis; Alaaba ABO ol kaasuu, deeggarsa ABOf qabu ifaan ibsuu fi gaaffii hiree ofii ofiin murteeffannaa (of bulchuu fi qabeenya ofii irrati abbaa ta’uu) ifa godhe.

Haalli kunis waligalaa Humnoota siyaasaa sochiin qeerroo biyya keessaa isaan yaaddessu eegale. Isaanis:

  • TPLF; mootummaan 100% uummataan filame ofiin jettu, uummati Oromoo harka guddeessi bulchiinsa ishee fudhachuu didee itti fincilee barcuma aangoo jalaa raasuun, buulchiinsa mataa isaa tolfachuu eegaluun,
  • Humnoota Habashaa; kan aangoo siyaasaa Xophiyaa qabanna jedhanii hawwan, akka hawwii isaaniitti Xophiyaa bakka dur jirtu irraa dhabuun, dhalooti dammaqaan Oromoo mirga isaa, mirga abbaa biyyummaa isaa akka dabarsee hin keennineef hubachuun, akka hawwii isaaniitti hireen aangootti deebi’uun isaanii dhabamuun,
  • Warra dhi’aa; TPLF barottan digdamoottan darban lola shororkeessummaa naannoo gaanfa Afrikaatti nuuf lola jedhanii fi ergataan, deeggarsa uummataa dhabuun fi yakka uummata irratti dalaguun yoo TPLF naannoo sanatti aangoo dhabe, sabatiinsa naannoo sanaa isaan yaaddessuu fi humna TPLF bakka bu’ee ergama isaanii fudhatuuf dhabuun,
  • Oromoo; jajallatoota maqaa Oromootiin aangoo Siyaasaa Xophiyaa qabachuuf hawwan, warra yaaddoon habashootaan wal fakkaattu qaban, warra Wayyaanee (TPLF) waliin waa’ila ta’uu hawwan, mormitootaa fi warra mormituu ta’uu abdatan, karaan isaan filatan sababa sochii kanaan akka abdii hin qabne uummati arguu fi ijibbatuun, qeerroo Oromoo akka fedha siyaasaa isaaniitti hogganuuf tattaafatanii, qeerroon Oromoo harkatti diduun fi of dandayee sosso’uun kan isaan mufachiise,

Warri armaan olii kan yaaddoo sochii qeerroo irraa qaban hundi sochii qeerroo irratti duula eegalan.

Kan warra halagaa sababni isaa ifaa fi mul’ataa waan ta’eef, kan jajjallattootaa bifa hin mul’atneen waan gaggeeffamuuf Oromoof ibsuun fardii dha.

Waayyaaneen sochii qeerroo kana bifoota araaraa, sossobbaa fi ajjeechaan ukaamsuu dadhabde, amma olola kanaan sochiin Oromoo qabbaneessuuf akekkatte. Ololli deemaa jiru kan nama tokkoo irratti qiyyaafatee kan namoota inni waliin hojjetaa turan jedhamee shakkamu, kan artistoota Oromoo, namoota media, hoggnoota siyaasaa, namoota waa ijaaruu fi uummata kakaasuu danda’an jedhamanii fi walumaa gala sochii qeerroo Oromoo irratti aggaammate dha.

Wayyaaneen Oromoo di’asporaa itti dhimma baatee, media Oromoon ofii isaatiin ijaarrate hulluqxee seenuun, Oromoo haamlee cabsuun sochii isaa irraa dhaabuu akka toftaatti dhimma bahuutti milkoofti laataa? Inni jedhu sirnaan xiinxalamuu qaba. Ammoo itti hin milkooftu! Lola qabbanaawaa wayyaaneen ilmaan Oromoo gidduutti akka ta’u qiindessite wal irraa fuudhanii afarsuun Oromoo moo wayyaanee fayyada? Wayyaanee irratti duuluun hafee, nama ammatti murteessaa hin taane tokko irratti yeroo haga kana itti kennanii haasawuun, hoggana ABO irratti duuluu fi dhaaba maqaa xureessuun wayyaaneef carraa guddaa dha, Oromoof ammoo wareegama haga ammaa baase jalaa haguugu fi dhugaa isaa jalaa uukkaamsuu dha.

Oromoota tokko tokko kan duraan sochii kana akka sochii nama dhuunfaa fi garee tokkootti dhiyeessuun ofii fi sochiicha farsuu irratti bobba’aniitti gaaffii uume. Keessaa Oromootti namootni akkas kaachaa turan yeroo ammaa ammoo akka sochiin kun kan ABOn gaggeeffamaa turee fi jirutti dhiyeessan heedduu nama hin raaju. Seenaa wal fakkaataa barottan darban keessa raawwatan irra deebi’ani raawwataan waan ta’eef, waan addaa miti.

Dargaggeessi shakkamee kun, yakki irratti dhiyaatu kan mul’isu kan bara 2015 keessa raawwatame dha, sochiin Oromoo qeerroon hogganamu kan guddoo finiine bara 2016 keessa, kan qeerroo hogganu isa dha jedhama, namni kun yakka Oromoo irratti dalagaa bifa kamiin sochii Qeerroo kana hogganee milkeesse? Gaaffiin jettu deebi’uu qabdi. Gurbaan kun biyya keessa ta’ee hidhamaa bahaa jiraachuun ibsama. Namooti garii sochii qeerroo kan hogganu OFC fi Dr. Mararaa faa akka ta’es nuuf ibsu, Wayyaaneen ob. Baqalaa Garbaa hidhaa, Dr. Mararaa Guddinaa sababaa guyyaa tokkofilee hidhuu itti dhiiste sababaan isaa maali? Innis ifaan OMN waliin ni haasa’a. Shirri tika wayyaanee wal xaxaa dha yaa firaa!

Ololli maqaa xureessii amma deemaa jiruuf inni duraa fi abbaan dhimmaa nama Ashanafi Addunya (Milkii Addunya) jedhamu dha. Namni kun nama FDG keessatti qooda fudhachaa ture booda irratti hidhame ture dha. Mana hidhaa Wayyaanee keessatti tika Wayyaaneen kaadhimmame hojjachaa akka tures duubbeen seenaa isaa ibsa. Mana hidhaa irraa erga bahee booda, yeroo gara USAtti bobba’u kan gaggeesse tika waliin hojjetu akka ta’es beekama. Innis dirqama itti keennamee Kettotaa biyyaa ambaa keessatti uumuun hanga ammaa hojjachiisa jira. Namni Nageessoo Duubee OFCn biyyaa ambaa keessatti dhadheessuu obboleetti Ashanafii Addunyaa fuudha, warra soddaa ti. Har’aa waluumaan gamtaan ABO irratti duulaa jiru. Namoota  OFC keessaa TPLFf kaadhimamanii OFC-TPLF tolfachuuf Sabboontota Oromoo kan akka Baqalaa Garbaa, Baqalaa Nagaa, Dajanee Xaafaa faa TPLF dabarsanii kennuun, ajandaa kana duuba jiran, halagaaf ergamuuf ariifatuun dhuma isaanii akka hammeessuu shakkiin hin jiru.

Ammatti sababa kanaafis sochii qeerroo fi ABO walitti guduunfanii, nama dogoggora raawwate jedhame maqaa dha’anii ABO irratti olola cimaa bananii jiru. Kan nama gaddisiisu, namoota qabsoo irraa baqatan, kan qabsicha qaamaan keessatti hirmaatanii hin beeknetu waa’ee qabsoo Oromoo qabsaawota barsiisuuf dhama’a. Eenyummaa warra qabsoo irraa baqatee fi qamaan qabsoo irraa qooda hin fudhatiin gadi fageenyaan ibsuun ni danda’ama. Qabsoon isa akka arraba dheeratanii miti, namoota qaamaan qabsoo keessatti argamanii qabsoo gaggeessan irratti ololuuf haamlee itti hin qaban! Oromoon waan kana nurraa dhugeeffata jedhanii hawwuunis gowwummaa dha. Ololli yeroo dhaaf nama afaanfajeysa malee yeroo dheeraaf dhugaa haguuguuf humna itti hin qabu.

Warri beekaa fi osoo hin beekiin ajandaa tika wayyaanee tarkaafachiisaa, haamlee Oromoo cabsuu fi Oromoo wal dura dhaabuuf tattaafatan gochaa isaanii kana kan hubatu Oromoo qara ta’ee qofaa dha.

Erga ololli kun eegalee namooti maqaan isaanii sabqunnamtii hawaasummaa irratti xuxxuqamee Wayyaaneen adamfamaa jiraachuu fi studion qeerroo saamamuun dhaga’ame. Media Sagalee Qeerroo irratti ololli jabaan deemaa ture, dhumni isaa akkas ta’e. Median walabaa jedhamu OMN waan kana gabaasuu hanqachuun sabaaban isaa maali? Sadarkaa dorgommii media irra ga’ame jechu dha? OMN fi Qaanqee show olola ABO irratti gaggeeffamu babal’isuuf tattaafachuu arguun ammoo daran nama qaanfachiisa.

Tibba Dhaabotin Siyaasaa Oromoo afur Walii-galtee Wal-hubannoo tolfatan keessa Oloolli kun banamuun waan hedduu wal nama gafachiisu dha. Wal hubatnoon kun olola Oromoon wal irratti gaggeeysu hambissee, humna qabsa’ota cimsee kan qabsootti sossosu dha jedhamee abdatamaa ture. Ce’umsa kana irratti gaaffiin belbeltuun Humnaa Oromoo walitti qindeessee kan qabsootti sochoosu kan jibbu eenyu? kan jettu taati.  Deebbiin isaas salphaa dha. Kan jalqabaa Wayyaanee tahu falmmiin hin jiru. Kan lammeessoo sa’iboota Wayyanee kan tasgabiin ganfa afrika gaaffi jala nu jalaa seensisa jeedhanii yaadda’an ni tahu. Sadaffaa Humnootii siyaasaa habashaa aangoo Wayyaanee irra fudhachuuf tattafatan yeroo tahan kan arfaffaa ammoo Siyaasaa Oromoo keessatti namooti akka dhuunfaatti Wayyaanee waliin hojjechuuf fedhan kan ABO akka diina tokkoffaatti ialaalan, kan gariin ifaan Wayyaanee kadhachaa turan, ammas sababa diddaa wayyaaneetiin osoo itti hin mikaa’iin hafan dha. Ammallee Wayyaanee guyyaa tokko nuuf haayyamti jedhanii Wayyaanee abdii dhaan haayyama irraa eeggatan ni jiran. Olola kana gaggeessuun kan Wayyaanee garaa laaffisuufis itti fakkaatullee ni jiru.  Kanaafu Waliigaltee tolfame fi gara fuula duraa itti jabaachuu jiru keessatti ABOn liqimsaamee humnaa dadhabaa kan warra “moderate” ofiin jeedhaniin dhunfatamee akka mul’atuu kan hawwan tahu gaffii hinqabu. Adeemsi shiraa haguuggatee deemu kun walii galtee tahe kan gabbifamu qabu irra gaadiddu kahu ni mala. Kanaafuu qabsa’oon milkaa’ina walii galtee tolfame irratti ciichu qabu.

Tibba qabsoon jabaattee milkiin cululuqxe, abbaa qabsichaa ABO maqaa isaa dhoksuun, akka ABO gummaacha qabsoof ooluu malu haawaasa isaa irraa hin sassaabbannee shira irratti dalagu. Tibba gaafatamummaan dhuftu ammoo, gaafatamummaa hunda akka ABO fudhatuu, gaafatama fudhachuu qofaa osoo hin taane, ABO ittiin yakku. Kunis ABO ittiin hadheessuun, uummata isaa irraa adda kutanii, dadhabsiisuuf kan akeekkate dha. Humnooti marti toftaa fi tarsiimoo ABO laaffisuu fi dhabamsiisuu irratti walii galu. Wayyaaneenis ABO yakkiti, habashootis ABO yakkiti, jajallatootis ABO yakkuu hojii isaanii godhatanii jiru. Kuniis ABOf haaraa miti, kan haara isa godhu namoota bobbaa akkanaa irratti bobba’antu jijjiirame ykn maqaa jijjiirrate.

Adeemsa qabsoo bakka fagoo irraa gaggeessani hafnaan, bakkuma qabsichi jiru keessa ta’anii dogoggora malee waa dalagun ni danda’ama jechuun rakkisaa dha. Rakkoon jirtu, kan wayyaaneen keessa gugachuuf itti milkooftellee, karaa namoota dogoggora jiru haga waaqaa guddisanii dhadhessanii, fi hojiilee dalagaman ammoo haga ija xaafiitti gadi xiqqeessanii dhiyeessuuf tattaafataniiti. ABO, kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo, kan ololaaf mititi bu’aa ba’ii qabsoo kamuu injifachaa qabsoo saba isaa gaggeessaa jiru akka ta’e firris diinnis ni beeka. Qabsoon bilisummaa Oromoo kan haaqa wareegama ilmaan Oromoon bakkan ni geetti. Lukkeeleen diinaa fi warri angoof bololan summii isaanii waliin ummataa Oromoo biratti ni tufamu.

Jaaromleen Oromoo hawwii ummata isaanii mirkaneessuuf siyaasaa tasgaba’e fi qabsoo of irratti hirkannoon gaggeessan agobara tokko jalaatti walsassaabuun akka ummata Oromoo humna siyaasa jabaa fi guddaa ta’e addunya fudhachiisuuf dalagan mamiin hin jirtu. Akkuma handhurri Oromiyaa Finfinnee taatee handhurri qabsoo bilisummaa Oromoo ABO fi WBO ta’uun dagatamuu hin qabu. WBO fi ABO qaama dantaa waloo ummata Oromoo (Oromo national interest) tiksan, eenyummaa keenya kan adunyaatti ibsanii fi qara ta’anii diina waraanan ta’uun dagatamu hin qabu.

Namooti sadarkaa guddaatti ilaalaman kan ajandaa kanatti hirmaatan keessaa gariin warra qabsichaaf wareega baasuu baqatanii biyya ambaa keessa daaddisan waan ta’niif gochaa fokkata kana keessatti isaanii hirmaatu arguun, hagaam akka naamusa namummaa «ethics» dhaban mul’isa. Qabsoo irraa fagaachuun qor-qalbii inni adeemsa keessa sammuu namaa keessa bulchu namatti mul’isa.

ABOs hoggana, qondala fi miseensota isaa qabsoo kanaatti cichanii jiran jabeeffatee, qoraatti isa keessaa ta’anii isa waraanan of keessaa buqqisuun qabsoo isaa of dura tarkaanfachiisuun dirqama isaati.

Namoota OMN-in of hagugganii jibba akeeka ABO irratti oofan, media sabni Oromoo akka odeessa argatuuf ijaarratetti akka-malee itti dhima ba’un (misuse goochuun) Oromoo keessa afaanfajjii uuman, gochaan isaanii kun bu’aa inni Oromoof qabu gilgaalanii irraa of qusachuu qaban.  Oromoon kan OMN ijaarrate akka qabsoo isaa irratti duulli maqa xureessii gageeyfamuuf osoo hin taane, OMN akka Wayyaanee saaxilu, ololaan diina haleelu, odeessa Qabsoo Bilisummaa Oromoo gurra uummataan gahuun Oromoof haamlee ta’u ture. Gidduu kana OMN duula nama dhuunfaa fi qabsoo Qeerroon gaggeessitu irratti bobba’uun haamlee Oromoo of-duuba deebisuuf tattaafate kan Oromoo hedduu ajaa’ibsiisee dha.

 

ABO diina innikkaa tokkoffaa Wayyaaneeti, kanaaf diinummaan irratti duula. Habashootis Oromoon abbaa biyyaa yoo ta’e aangoon lammata itti deebi’an hin jirtu. Kanaaf Oromoo gidduutti garaagarummaa dhalchanii keessatti dantaa isaanii guuttachuuf dhama’u. Haala kanaan ABO fi uummata Oromoo adda fageessuuf harka Wayyaanee fi Habashootaa shirri xaxamu dha.

Kan Oromoon irratti duuluu male Wayyaanee dha, Oromoon kan irraa haasa’uu male dhimma lammii isaa 500 ol ajjeefamanii, kan kumoota dhibbaan mana hidhaa keessa jiranii, kan madaawanii gargaarsa dhabanii ture, har’a namni hundi sana dagatee nama tokko irraa haasawaa oolee buluun qabsichaaf miidhaa guddaa dha. Oromoo! Ijaa fi gurra haa banannu!

Xumura irratti ajandaa kana irraa kan fayyadamu Oromoo osoo hin taane TPLF fi warra salgii Oromoo irra taa’uu hawwan qofaa ta’uu hubachuun, Oromoon golee hunda keessaa jiru wal irratti duuluu dhaabee, TPLF, diina innikkaa irratti duuluun aantummaa saba isaaf qabu akka agarsiisu abdii Oromoo maraati.

 

Dhugaabaas Dhugumaa

Caamsaa 9, 2016

Injifannoo Ummata Oromoof!