OPDON Ambaasaaddaroota Nageenyaa Jechuun Dargaggoota 68 Badhaasuuf Jecha Baajeta Birrii Kitila 4 fi Walakkaa Ol Ramadde!

OPDO.jpg saamtuu(Ebla 06,2016)

Qeerroo News

Barattootaa fi dargaggoota Oromoo gaaffii mirgaa karaa nagaa gaafatan waraana itti bobbaasee jumlaan ajjeesaa, qaamaa hir’isaa, guuree hidhaa keessatti itti taphachaa fi biyya irraa baqachiisaa kan jiru mootummaan shororkeessaa wayyaanee, karaa ergamtuu isaa OPDOn dargaggoota naannoo Oromiyaa keessaa kan jedhaniin namoota 68 filanii ambaasaaddaroota nageenyaa jechuun badhaasa kennuufiif akka qopha’aa jiran.

Dargaggoota jedhaman kana kan badhaasu ergamticha wayyaanee Muktaar Kadir kan waraana Agaazii ummata Oromoo dhibbootaan ajjeese galateeffate ta’uunis barameera. Badhaasi jedhame kun kan kennamu walgahii dargaggoota Oromiyaa jedhamu kan gidduu kana Adaamaatti eegaluuf jiru irratti ta’uu maddeen gabaasaniiru. Walii galatti dargaggootni 238 ol ta’an dhimma adda addaa irratti badhaafamu jechuun maddeen dabaluun eeraniiru. Baasii OPDOn konfirensii kanaaf qopheessites kan armaan gadii kana dha.

-Bajata Waliigalaan konfaransichaaf barbaachisu
-Durgoo fi geejjibaaf —————————-2860586.4
-Bittaa meeshaalee adda addaaf——————–553450
ida’ama waliigalaa————————-4,904,454.4
Ida’ama = 4,908,056.40

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s