Uumaa, amala fi akeeka isaa irraa, Mootummaan Ixoophiyaa fi dhaabi ergamtuu isaa OPDO’n, ummata Oromoof bulchiinsa gaarii argamsiisuu tasuma hin danda’an: Killeen bofaa lukkuu ni dhalaa?

one way
April 5, 2016
By Qeerroo in Oduu/News

one wayAkka Mootummoota Tokkoomaniitti (UN), ulaagaalee bulchiinsa gaarii keessaa kan hangafaa, mootummaan biyya tokkoo, waliigaltee (consensus based) ykn fedha ummata biyya saniitiin ijaaramuu isaa ti. Bulchiinsi gaariin, motummaa gaarii irraa kan maddu oggaa ta’u, mootummaa gaarii kan jedhamu ammoo, mootummaa:  fedha ummataa, fedha ummataan,  fedha ummataaf ijaaramee dha. Mootummaa :ummataa, ummataani fi ummataaf ijaarame qofatu, ummata isa ijaare bakka bu’ee fedhii ummata kanaatiin, fedha ummata kanaa guutuuf : caasaa  bulchiinsaaa gaarii diriirsuu, murtii  gaarii dabarsuu, seera  gaarii tumuu, imaammata gaarii baasuu, fi qajeelfama gaarii dabrsuuf  fedhaa fi akeeka qabaata.

Ija ulaagaa kanaatiin oggaa ilaallu, mootummaan Impaayera Ixoophiyaa Oromiyaa irratti ijaarame, fedha ummata Oromootiin osoo hin taane, Oromiyaa gabrummaa isa jalatti to’atuun qabeenyaa isii saamuuf akeekkatee afaan qawween gochaa sanyi duguuginsaa ummata Oromoo irratti raawwachuuni. Dhuma jaarraa 19ffaa irraa eegalee haga har’aatti, akeeki mootummooti Impaayera Ixoophiyaa  Oromiyaa irratti  ittiin ijaaraman, sirna bulchiinsaa cunqursaa fi saamichaa ummata Ormoo irratti diriirsuun Oromoo fi  Oromiyaa irratti olaantummaa siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa Habashootaa tiksuu fi  dhaloota Habashaa itti aanutti dabarsuu dha. Akeeki ummata Oromoo fi Oromiyaa ammo, gabrummaa Impaayera Ixoophiyaa kan jaarraa tokko olii jalaa bilisa bahuun mootummaa walaba ijaarratuun  qabeenyaa isaa irratti abbaa ta’ee: bilisummaa, nagaa, ulfina, kabajaa, badhaadhinaa fi gammaachuun biyya isaa irra jiraachuu dha. Sababa kanaatiif, akeeki mootummoota Impaayera Ixoophiyaa fi kan ummata Oromoo: uumaa, amala fi akeekaan waliif faallaa qofa osoo hin taane kanneen tasumaa walitti araaramuu hin dandeenyee dha. Hawwii  fi akeeki mootummoota  Impaayera Ixoophiyaa kan jiraachuu danda’u,  bilisummaa Oromiyaa mirkanessuun diinagdee Oromiyaa irratti ajajuuf hawwii fi  akeeki ummatni Oromoo qabu yoo dhabame qofa; akkasumas, hawwii  fi akeeki ummata Oromoo kun : mirkanaahuu, jiraachuu fi tikfamuu kan danda’u, hawwii fi akeeki mootummaa Impaayera Ixoophiyaa Oromiyaa irraa guutummaatti yoo dhabame qofa. Akeeki Impaayera Ixoophiyaa, Oromoo fi Oromiyaa irratti bakka gahuu fi tikfamuu kan danda’u awwala akeeka ummata Oromoo fi Oromiyaa qofa irratti. Waan kana ta’eef, akeeki mootummaa Ixoophiyaa fi kan ummata Oromoo kan wal nyaatu malee kan wal guddisu ta’uu hin danda’u.