GUMAAN WAREEGAMA KEENYAA, WALBUMMAA OROMIYAA QOFAADHA!

GUMAAN WAREEGAMA  KEENYAA,
WALBUMMAA OROMIYAA QOFAADHA !!!!

SEENAA Y.G(2005)

Seenaa boonsaa har’a qaamaa qalbiin keessatti qooda fudhachaa ykn ijaan argaa jirru osoo arginuu, kan kaleessaa qofaan of ceepha’uun ykn boonuun yeroon isaa kan irra kutee fakkaata. Wareegamaa fi gootummaan abbootii fi haadhoolii keenyaa , gootummaa ijoollee isaanii ykn dhaloota haar’aan lubbuu godhatee jira. Har’a ykn sa’a kanatti Seenaa boonsaa dubbannee fixuu hin dandeenye, Biyya keessatti guyyuu dalagamaa jira. Seenaan har’aa akka kaleessaa warruma qaroome ykn dammaqoo ta’aniin qofaa waan gaggeeffamtu ta’aa hin jirtu. Ummata Oromoo mucaa garaa keessa jirtuu kaasee, hanga maanguddootti/Beerranitti wareegamnii qaqqaaliin guyyuu kafalamaa jira. Wareegama kana yeroon itti faarsinuu fi kabajaa kenninuuf gama hundaan kan eegalamee fakkaata. Wareegamni har’aa kabajaa argatee waan wareegamni kun kafalamaa jiruuf bakka laannee yoo waliin hin tarkaanfatiin, kasaaraa ol aanaatu mudata. Wareegama kana keessaa qooda fudhachuu dhiisuun badii tokkoffaa yennaa ta’uu, bu’aa wareegama kanaa simachuu dhiisanii kachachaluun badii ol aanaa lammaffaadha. Qabxii kana irratti yeroo biraa itti deebina.

Sochiin qeerroo fi qabsaa’oota Oromoo har’a sadarkaa eenyullee duubatti deebisuu hin dandeenye irra ga’uu ,diina haadi hanga morma seentutti hin amannee fi haada mormatti seenee jiru laaffifachuuf tattaafataa jiruun ifatti amanamee jira. Carraan Siyaasaa fi Biyya Itoophiyaa jedhamtuu guutummaatti harka Ilmaan Oromoo irratti kufee jira. Carraa kana dantaa ofiin yoo sharafuuf deemne, lammaffaa akka hin kaaneetti cabnee hafna. Yoo dantaa dhunfaa fi waan adda addaan laaffisuu dhiifne ammoo, hiree nu harka seentetti dhimma baanee yeroon bu’aa wareegama ijoollee keenyaan, of irra tarree carraa hiree murteeffannaa saboota cunqurfamoof laannu fagoo miti.kana hundaa gochuuf dhalli Oromoo Addunyaa kana irra lubbuun jiru hundi qooda beekumsaa fi dandeetti isaa qindeeffatee waliin socha’uu akka qabu waan nu akeeku waa hedduun nutti dhufaa jiraa of haa qopheessinuun dhaamsa walii galaa katabbi kiyya har’aatii. Qabxiilee hiree Ummata keenyaa fi Ummatoota cunqurfamoo wareegama ijoollee keenyaan as dhihaachaa jiru firii akka godhatuuf dursummaa siyaasaa keenya jabeeffachuuf sochiin yoo hin eegalamiin dadhabiina keenya ta’uu hubannee, amma waan hojjachuu qabnuu waliif dhaamuun murteessaa ta’aa.yaada mata duree adda addaa jalatti kaasu kana bal’ifachuun mirga abbaati.

1. Ibsa Qeerroo, dhaamsa Dhaaboota siyaasaa Oromoof  dabarsan ilaalchisee:-
Ibsa dhaloota Boonsaa irraa mormii tokko illee hin qabu. Inumaa deeggaruu qofaa osoo hin taanee, soda isaanii ifatti baasuun barbaada. Dhaloota bilchaataa akkasii Ummati kun argachuu isaatti galatan qaba. warra dhaloota kana qaree asiin ga’ees kabajaa guddaan qabaaf. Seenaan kanaa yeroon itti dubbatamu ni dhufa.
1.1 = Kaayyoon dhaloota har’aa hiree murteeffannaa Ummata isaanii mirkaneessuu ta’uu ifatti ibsatan. Qabsaa’oota waggaa dheeraa tokko tokko yennaan ilaaluu, waa hedduun xiinxalee of keessatti kolfaa jira. Fedhiin namootaa golgaan deemaa ture ifatti ba’uuf waan dhihaateef. Qabsaa’oonni qabsoo kana hundeessanii fi har’allee bakka dhugaa jiran akkuma jiran, kan har’allee ana malee jedhan jiraachuun dhugaa. Qabsaa’oonni Ummata dursuuf hojjatan, UMMATA irra dhiibbaa bulchanii waan barbaadanitti geessuu odoo hin taanee, hiree ummataa kana dhugeessanii fedhii Ummataa kabajuudha. Kun haqadha. Faallaa kanaa, har’allee wareegamuma ijoollee kanaa faarsaa deeggartoota saammatee boriif waa yaaduus jira. Kanneen bu’aa ummata isaanii warra hojjataniif kabajaa malu kennuu irra , namuma dhuunfaaf sagalee boruu irra hin deebi’amnee laatanii afarsaa jiranis ni jiru. kun hundi yaaddoo qeerrooti. Ummata carraa siyaasaa Biyya tokko murteessuuf wareegama baasaa jiru irraa kun waan hin eegamne. Kanaaf daddaffiin of sirreessuu qabna.

1.2 = dhaabbileen siyaasaa Oromoo har’a akkas wal irraa fagaatanii jiran, wareegamni ijoollee isaanii firii argatee wayyaaneen yoo kufee , sirna Biyyatti deebisanii ijaaranii hiree murteeffannaa sabootaa mirkaneessuuf qooda amma wareegama keenyaa yoo hin baasiin, bakka yaannee ga’uu akka hin dandeenye beekamaa. Maarree dhaaboonni siyaasaa Oromoo akkuma bittinnaa’nii jiranitti, carraa siyaasaa Biyya tokko qajeelchuu keessatti qooda hangamii gumaachuu dandeenya jedhanii yaadanii beekuu ? bakkaa fi yeroo murteessaa sanatti walii isaanii gidduu rakkoo jiru furatumoo , waan ijoo sadarkaa Biyyaa jiru irratti hojjatu ? wayyaaneen kufnaan humni jiru kanuma Oromoo qofaa ta’uu isaa qofa odoo hin taanee, wareegama ijoollee keenyaan ga’ee nuuf maluu argachuuf akkas facaanee ni ta’aa ? sodaan qeerroo kanadha.

1.3 = Qabsaa’oonni Oromoo wareegamni isaanii inni adda duraa, ummata isaanii dammaqiinsa har’a argaa jirru argatanii mirga isaaniif akka falman taasisuudha. Kan isaan umurii guutuu itti ifaajjaniif kunoo firiin isaa mul’ataa jira.  kanatti maaliif gammaduu dhaban ? dhaaboonni siyaasaa Oromoo hundi isaanii hiree murteeffannaa Ummata isaaniif qabsaa’aa fi qabseessaa jiraatan. Kunoo kunis milkiin goolabamuuf belbelaa jira . har’a maaliif waan kana irraa duubatti harkifatan? Hiree tokkicha irratti waliif ta’uu maa dadhaban ? amma kun waa mul’isuuf deema ? yeroon isaa gaafa ga’uu deebii itti laanna.

1.4 = Dhaabbileen siyaasaa Oromoo Biyya keessaa fi alaa baatii 2n kana keessa ibsa waliin hojjachuun ala furmaati akka hin jirre waliif dhaamuun ibsa adda addaa baasaniiru. Ibsoonni kun ibsa diinoota keenyaa yeroo bitachuuf baasan irraa adda ta’uu qabaa jedheen amana. Ibsoonni kun maaliif hojiin mul’atuu dadhaban ? dhaaboonni kun waamicha waliin ni kabajuu ? wal dhaggeeffachuun dhibee walirraa fagaatanii akka jiraatan kan teesisee atu beekamuu, amma akkamittin walitti dhufuu akka danda’an eeggachuun rakkoodha. Maaliif beektoonni walaba ta’an ykn maanguddoonni wal ijaaranii waan kanaaf furmaata hin soqan ? aadaa qabnaa jechuun qofti eessaan nama ga’a ?

1.5 = Seenaan bara 1991 har’allee haala itti dabalamuuf deemuu ni jira. Yeroo sana waan jiru fiixa baasuuf qophiin hin jiru kan jedhu. Har’awoo ? sodaan qeerroo fi qabsaa’oota dhugaa kanadha. Waamichi isaanii inni haqa qabeessii kana sirreessuufillee ta’uun hubatamuu qaba. dhimmi Ummataa gadi yoo nu hin qabiin, akka wal dhaggeeffannu yoo nu hin taasisiin , dantaa dhuunfaallee yoo hin dursiin , waan dubbannuu akkamiin milkeeffanna ? dhaaboonni Siyaasaa Oromoo Biyya sana dursanii nageenya waaraa buusuuf wixinee hatattamaa baafachuun barbaachisaa qofaa osoo hin taanee, murteessaadha.
Dadhabiina ofii gadi fageessanii dirree kana irratti baasuun bu’aa hin qabu. Kan tarrifaman kun garuu yaaddoo hunda keenyaati. Yaadi kun garuu furmaata hatattamaa barbaada. Furmaati hatattamaa hin argamu taanaan garuu, dhalootii har’aa dhiigaan mirga Ummata Oromoo dhugeessuuf qarqara ga’ee jiru, waan hundaaf dandeettii fi beekumsa akka itti qaban dhaammachaa jiran. Kan isaan ijaarees, kan wareegama waliin kafalees shakkii malee of harkaa qaban. Dhaamsa xumuraa ani qabu garuu , dhaaboonni Siyaasaa Oromoo hundinuu hatattamaan walitti dhufanii, hiree murteeffannaa Ummata Oromoo milkeessuu qofaaf ykn hiree murteeffannaa Ummatootaa maal ta’aa ? qofa irratti odoo hin taanee, sirna bifa kamiitu Biyyattii sana keessatti umamuuf taa’uuf, Itoophiyaan jiraattees dhiistees, waan kun nagaan akka xumuramuuf adeemsa siyaasaa hojjatachuu qaban. Taa’aanii Biyya sana irratti marii gaggeessuu qaban. Bifa tasgabbaa’aan waan hin gaggeeffamne hundi deemee deemee nu miidhuu mala. Dhumaatii bara baraan hin qabbanoofne kaasuu danda’a. kanaaf dursanii waan ta’uu qabu irratti ejjannoo isaanii waliif ibsuu qofaa atu hin taanee, dursummaa siyaasa itti aanuu fudhachuuf of qopheessuu qaban. Abshaalummaan habashootaa kan cabuu danda’uu, yoo dursanii argaman qofaadha waan ta’eef.

2. Abshaalummaa wayyaanootaa irratti :-
Wayyaanee waliin nuuti warra gumaati. Ibsi qaama kamiitu nuuf furmaata hin fidu. Wareegama ijoollee keenyaaf kabajaa qabaannaan, waan ijoolleen keenya itti wareegamaniif milkaa’uu qaba. qaamni kamuu wareegama ijoollee kanaan daldaluu hin danda’u. wayyaaneen kana booda dhiiga ijoollee kanaa irratti shira qabsoo Oromoo diiguu gaggeessuu dandeessi. Dhaabbilee adda qooddee waamuun araaraaf haa haasofnuu, warra kana godhee seeratti dhiheessinaa jettee tapha fokkisaa eegaluu dandeessi. Kanaaf waan nuu maluuf qophaa’uun dansaadha. Ibsoonni fi imimmaan naachaan nu gawwamsuun waggoota 140 oliif nu miidheera. Kanaaf ibsi mummichi ministirootaa wayyaanee isa dhugaa ta’uu hin danda’u. isa dhugaa kan taasisu har’llee wareegama kafaluun mirkaneessina. Karaan amma ammaatti adeemamee kufaatii sirnichaa dhugoomsaa jira. Kana jabeessuu fi toftaalee itti aanan qopheessuu fi isa qopheessan hojiin argisiisuu qofaatu murteessaadha. Wayyaaneen irree keenya atu itti hadhaawu liqimsiisuuf wareegama waa maraa itti jabeessuudha. Wareegamni kafallee hedduudha. Lubbuu namaati. Yoo duubatti deebine kana dacha baasuu dandeenyaa jabaachuu qofaatu wayyaanee cabsa. wayyaaneen gonkumaa marii fi tolaan waa gooti jechuun gawwumaadha. Mariis ta’uu waan fedhe gaggeeffamu sochiin jiru dhaabbachuu hin qabu. Dingdee Itoophiyaa irra Dingadee dhuunfaa wayyaanootaatu ibidda miila jalaa itti ta’aatii kana irratti hojjachuun murteesssaadha.

3. Waan dantaa keenyaaf ta’uu hojjachuu :
Wareegamni dantaa keenyaaf jennee baafnuu bifa hedduu qaba. dantaa keenyaatti kan nu butu hundatti dhimma ba’uun yeroo isaatii. Karaan wayyaanee nuuf laafiisuu fi kuffisu hundatti dhimma ba’uun dansaadha. Qalbiin Oromoo kamuu har’a haalaan bal’achuu qaba. keessattu dhimma keenya addunyaatti dhageesisuu fi dhageetti argachuuf dhalli Oromoo miidiyaa addunyaa kana irra jiru hundatti dhimma ba’uu qaba. ebaluun miidiyaa akkasii irratti mul’atee atu hin taanee, maal dubbateedhaan haa tilmaamnuun. Dhimma Oromoo fi qabsoo oromoof kan dubbatu yoo ta’ee rakkoo waan qabu miti. kanaaf qabsoo kana furgaasuuf qaama kamuu keessa seenanii dhimma itti ba’uuf yaaluun barbaachisaadha. bakka hundaa humna qabaachuu qabna. Wayyaaneen iccittii kamuu akka hin qabaannee taasisuu fi baayyee abshaalummaan tarkaanfachuun fardiidha. Gama biraan saboota nu marsanii jiran bifa kamiinu diina biraa akka nutti hin taaneef, akka nuuf tolutii ijaaruu fi qindeeffachuu qabna. Diinaaf humna yoo ta’an nuuf rakkoo ta’aa waan ta’eef.

GALATOOMAA !!!!!!!!!

HORAA BULAA !!!!!!!!!!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s