st

Qeerroo, Bitootessa 8,2016

Dhaabbileen barnoota yuuniversitii fi koollejjin torbee kana waamicha barumsa dhaabuu irratti sochii taasisaa jira. torbanoota laman darban kana Yuuniversiitiin Finfinnee humna waraanaa eegamaa baate. Inni kunis soda jiru irraan kan ka’eedhani. Har’a barattootni Yuuniversitii kiiloo 6 tahan dhibbaan kan lakkaawaman FXG finiinsaa oolaniru. Korri bittinnesssaa Wayyaanees naannichatti kan argame ijumaan fincila barattootaa kana kan ilaalee dhiise tahuunis hubatame humni waraanaa wayyaanee FXG kan jabeessu malee tasgabbii wayyaaneen jettuus furmaata kan tahe miti. Galgala kana sa’a 10 irraa kaasee mooraan Yuuniversitii Finfnnee kiiloo 6 hudhaa waraana Wayyaanee jala jirti. Haluma kanaanis magaala Amboo keessatti waraqoonni magaala fi baadiyaa keessatti bittimfamaa jiru. Kaleessa Bitootessa 7/2016 irraa kaasudhan Amboo fi Miidaqanyitti waraqaaleen ergaa kanaa gadii ofirratti qabatee jiru bittimfamee jira.

– Lafti keenya maqaa Investimentiin saamame haa deebi’u ykn murtoo keenyan deeffanna

– Mannen hidhaa hunduu haa gubatana hidhamtootnis haa gadhifaman

– Galgala uummanni bakka jirutti daandiiwwan gurguddaa akka cufamu waamicha

– Qoqqobbii geejjibaa shufeeronni akka taasistan jabeessine isin beeksisna

– Hawaasni kamuu gibira mootummaa akka hin kaffalle

– Gabaan kana booda hin gaggeeffamu

– Manneen barnoota kamittu sirni baruu fi barsiisu haa dhaabbatu tokko baratee tokko hin taahin

– Hojjetaan mootummaa kanaan dura hojii gaggeessuu irratti qoqqoobbii haga eegamu hin taasifamne kanaan booda garuu hojjetaan
mootummaa kamuu tarkaanfii kanatti seenuu qaba.

Haaluma kanaan tarkaanfii fi FXG Amboo fi Miidaqany itti fufee jira. Humni ittisa biyyaa miidaqany keessa jiru dargaggoota irratti dhukaasa banuun ajjeesuun ammallee akka hin dhaabbanne qeerroon kan gabaasaa jiruudha.