Nagaan haa dursuu,

Wamichaa Tumsaa Uumatoota kan Vilisumaa fi Dimokiraasi (PEOPLES ALLIANCE FOR FREEDOM AND
DEMOCRACY, PAFD) baati bitoottessa 12 2016 ykn (12/03/2016) wamichaa waalgahii akka dabarsee turee nii yadataama.

Haa tahuu garuu akkumaa beekamuu hallii qabsoo qeroon biyyaa keessaafi idiile adunyaa akkasumas WBOn diinaa waaliin funyaan waal qabee jiruu fi arsaa lubbuu fi hidhaa akkasummas rebichaa hundaa dandahuun bilisumma sabaa Oromo fuldurattii ilalaa qabsoo haala cimaan fininsaa jiraan kana, motumaan biyyaan bulchaa jedhuu deebiin isaa sanyii dugugii tatee akka jirtuu aduunyaan ifaatti ilalaa jirtii.

kanafuu wamichaa hiriraa hatatamaa qeroon idillee adunyaa dabarsee akka adunyattii wamamee jiruu cinaa dhabachuu fi sagalee tokkon gidiraa fi ajjechaa ilmaan oromoo irran gahaa jiruu kana balaleffachuun dirqamaa lamumaatti kanafuu walgahiin tumsaa uumatoota kan bilisumaa fi dimokiraasi (PEOPLES ALLIANCE FOR FREEDMOM AND DEMOCRACY, PAFD) (Oromo, Ogaden, Benishangul fi Gambela) guyyaa 12/03/2016 magalaa Frankfurt tti galmaa qabachuufi keessumotta adda addaa aferamman jiraan yeroo tahuu kana hundaa dhisuun, wamichaa qerroof dursaa kennun  hiriraa nagaan 11/03/2016 magalaa Berlin irratti qophahee jiruu humnaa gudaa fi tokkumman banee akka sagalee sabaa keenyaaf tanuu isiini ibsuu  barbaanaa.

waalgahiin PAFD gara battii itti anuutti APRIL 09/2016 ykn 09/ 04/ 2016 tti dabarfaamee jiraa, Kanaafuu hawaasnii Oromoo jarmaani fi naannoo ishee jirtaan,dhaaboonni jalalaa qabsoo Uummataa cunqurfaamoo deegaartaan fi qabsoo sabaa cunqurfamoo keessatti qoodaa fudhachaa jirtaan hundi guyyaa jedhamee kanatti tokkumman banee sagalee sabaa keenyaa haa tanuu jechuu barbanaa.

Itti dabalataan guyyaa 09/04/2016 waalgahii  sababaa hiriraan dabree kana bakkumaa duraatti kan qophahee jiruu kana irratti bakkaa fi yeeroo jedhametti argamtaani akka qoodaa irra fudhaatani kabajaan isin affeerraa.Itti dabalataanis guyyaa jedhaame kana irratti waldaaleen adda addaa, jarmiyaaleen fi ijarsii adda addaa sagantaa birraa akka hin qabaanee kabajaan isiin hubachisuu barbanaa.

Tesson:
Jugendherberge Frankfurt-Haus der
Jugend
Deutschherrnufer 12,60594 Frankfurt
am Main

qunamtiif:

email: tboj1973@gmail.com

Bilisumaan sabaa cunqurfamoof haa
tahuu !!!!!